Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 5ffaa

Offline dubbisuf

Dhalli namaa erga addunya tana irra dhufee booda karaalee gammachuu fi tasgabbii ittiin argatuun halkanii guyyaa barbaada. Daa’ima xiqqaa irraa kaase hanga jaarsa dulloomaa gahuutti ilmi namaa hundii tasgabbii adamsa. Garuu tasgabbii kana eessaa argachuu danda’aa? Akkuma bishaanii lafaa waraabu danda’aa? Eeti, osoo bishaan kuni samii irraa bu’uu baate silaa wanta bishaan jedhamu hin argatu ture. Bishaan samii irraa buusun lafa keessa kan tursiisu Rabbii olta’aa akka ta’e hundii keenyaa ni amanna. Tasgabbii fi gammachuun namni hunduu dheebotu qalbii irratti buusun qalbii keessa kan tursiisu Rabbiin malee ni jiraa? Osoo tasgabbii fi gammachuun akka fedhii keenyatti bakka tokkoo kan waraabbamu ta’ee silaa hundi keenyaa ni waraabbannaa turre. Garuu tasgabbii fi gammachuu qalbii namaa irratti kan buusu Rabbii Tokkicha. Eeti, wanta qaali garmalee barbaadamu kana Rabbiin akkanumatti cal’isee nama hundaa irratti hin buusu. Ulaagaalee itti buusu kaa’ee jira. Ulaagaaleen kunniinis iimaanaa fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Iimaana keessaa Rabbitti shakkii tokko malee amanuun bu’uura amantiitii fi jireenyati.

Rabbitti amanuun wantoota afur akka of keessaa qabu yeroo darbee ilaalle jira. Isaanis: Jiraachu Rabbii, Gooftummaa Isaa, Tokkichummaan gabbaramuu Isaa fi asmaa’a wa sifaata Isaa jala muranii dhugoomsu, guutumaan guututti mirkaneessu fi itti amanuudha. Itti amanuun qofti gahaa miti, itti buluun, harka kennuu fi Isaaf gadi of qabuun jiraachu qaba. Rabbii Guddaatti amanuu fi ajajamoota Isaatti buluun Isaaf of gadi qabuun dhugumatti bilisummaa fi tasgabbii qalbii argachuudha. Ilmi namaa kana gochuuf Rabbii isaa beekuf ni carraaqa. Karaan Rabbiin itti beekan maqaalee fi amaloota (Sifaata) Isaa madda sirrii irraa baruudha. Kana yommuu jennu Rabbiin beekuuf jecha sammuudhaan qorannoo fi qo’annoo hin dandeenye keessa borcamuu osoo hin ta’in waa’ee Rabbii ilaalchise wanta Qur’aanaa fi sunnaah Nabiyyii (SAW) keessatti dhufe qo’achuu fi itti amanuudha. Kana irra darbee, Qur’aanaa fi sunnaa dhiisee madda biraa irraa Rabbiin baruuf namni carraaqe dhumti isaa dhama’iinsa fi kasaaradha. Seenaan kana ragaa ni baha. Falaasfota meeqatu dhama’ee dhumarratti bade. Kanaafu, Qur’aana fi sunnaah irratti of daangeessun sifaata Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) muraasa isaanii ilaaluf ni carraaqna.

Olta’iinsa Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa
Nama tokko waa’ee Rabbii ilaalchise erga itti beeksifne booda, “Rabbiin eessa jiraa?” jechuun gaafachu danda’a. Gaafi kana deebisuuf madda sirrii osoo hin qabaatin fedhii keenyan akkana jechuu hin dandeenyu. Beekumsa malee waa’ee Rabbii dubbachuun cubbuu (dillii) gurguddaa keessaa tokko waan ta’eef. Maddi keenya Qur’aana Rabbiin irraa bu’eedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol akka ta’ee Qur’aana keessatti si’a torba ni dubbata. Arshiin uumama (makhluuqa) guddaa samiiwwan nu olii torbanii ol jiruudha. Nu ol samiwwan torbatu jiru. Samiwwan torbanii ol immoo Arshii guddinnaa fi bal’innaan samii caalutu jira. Arshii ol immoo Rabbii Guddaa olta’etu jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
20:5
Ar-Rahmaan (Rabbiin) Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf malu] ol ta’eera.” Suuratu Xaahaa 20:5

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa olta’iinsa guddinna Isaatiin malu Arshii ol olta’ee jira. “Akkanatti akkanatti olta’e” jennee gonkumaa dubbachuu hin dandeenyu. Karaan nagahaa dhama’iinsa fi kasaaraa irraa nama baraaru olta’iinsa Rabbii fi sifaata Isaa biroo ilaalchise osoo hin micciriin, wayitti hin fakkeessinii fi akkana akkana osoo hin jedhin akkuma jiruutti itti amanuudha. Kuni karaa salafaa (ummatta gaggaarii darbaniiti).

Gaafa tokko namtichi tokko gara Imaamu Maalik dhufuun waa’ee aaya armaan olii ilaalchise gaafate. “Keyfa istawaa (olta’iinsi akkamii)?” jedhen. Ergasii Imaamu Maalik ni jedhe: Istawaan kan wallaalame miti; akkam akka ta’e sammuudhaan hin beekkamu, isatti (Olta’iinsa Rabbitti) amanuun waajiba (dirqama); waa’ee isaa gaafachuun immoo bid’aadha…”[1]

Istawaan kan wallaalame miti- jechuun jechi istawaa jedhu olta’iinsa akka ta’e ni beekkama. Garuu Olta’iinsi Rabbii akkam akka ta’e sammuun ilma namaa hubachuu fi beeku hin danda’u. Rabbiin Arshii ol olta’iinsa Isaaf malu olta’uutti amanuun dirqama. Akkamitti akka olta’e gaafachuun immoo bid’aa (wanta haarawa argameedha). Sababni isaas, sahaabonni Nabiyyii hin gaafanne.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii fi wanta arshii gadi jiran irraa dureessa, itti hin hajamu. Rabbiin ni jedha: “Dhugumatti, Rabbiin aalama irraa Duroomadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:97
Aalama jechuun wantoota Rabbiin uume hundaadha. Arshiin aalama keessaa tokkoodha.
Rabbiin Isumatu Dureessa, Faarfamaadha.” (Suuratu Faaxir 35:15)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii uumuu fi ishii ol olta’uun, arshitti haajameeti miti (itti fayyadamuufi miti). Arshii irraa hin fayyadamu. Kana irra hikmaa (ogummaa) Arshii uumuu barbaachisetu Isaaf jira.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa guddinna Isaaf malu guddate, olta’iinsa Isaaf malu olta’e. Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Rabbiin ni jedha:


Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni dhagahaa, argaadha.” Suuratu Ash-Shuura 42:11

Olta’iinsi amala baay’ee barbaachisaa Isaati. Dandeetti Isaatiin Arshii, samii fi wantoota achi gadi jiran hunda qaba. Wantoonni gara gadi jiran hundi Isatti hajamu. Inni immoo Arshii fi wanta Arshii gadi jiran hundarraa of-danda’aa fi dureessa, isaanitti hin hajamu. Wantoota hundaa beekumsaan Kan marseedha. Dandeetti Isaatiin arshii qabuu waliin, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii oli.[2]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’uu ragaaleen baay’een ni agarsiisu.[3] Isaan keessaa:
1.Kitaabaa (Qur’aana)- Qur’aana keessatti Rabbiin olta’u aayatoonni (keeyyattoonni) dubbatan lakkoofsi isaanii baay’eedha.
2.Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW)– Ammas, hadiisota sahiih keessatti Rabbiin olta’uu agarsiisan hadiisota baay’eetu jira.
3.Al-Ijmaa’a (waliigaltee Muslimootaa)– warri bid’aa dhufuun dura Muslimoonni Rabbiin Arshii ol akka olta’e irratti wali galanii jiru.

4.Aqlii (sammuu)– Hundii keenyaa akkuma beeknu olta’iinsi amala guutuu ta’eedha. Kanaafu, olta’iinsi amala guutuu yoo ta’e Rabbiif amalli kuni sirritti ta’uu qabaa jechuudha. Sababni isaas, Rabbiin amaloota gugguutuun kan ibsamu (wassafamuudha). Kanaaf, takkaa Rabbiin ol ta’a, takkaa immoo gadi ta’a takkaa immoo jidduu lamaanii ta’a. Gadii fi jidduun lamaanii Rabbiif waan hin malleedha. Sababni isaas, gara gadii ta’uun amala hir’uu (hanquu) ta’eedha. Akkasumas, jidduu oliiti fi gadii ta’uun hir’inna. Sababni isaas, umamtootaan wal fakkeessu waan ta’uuf. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala immoo Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Kanaafu, Rabbiin umamtoota hundaa ol olta’uu qabaa jechuudha.

5.Fixriyy (uumamaan)– ilmaan namaa kamiyyuu qalbii fi uumama qulqulluu isaanitiin yommuu Rabbiin kadhatan harka isaanii olkaasu. Yommu Rabbitti warwaatan (garmalee kadhatan) qalbii isaanitiin gara olii yaadu. Yeroo tokko sheyk Abu Ja’afar Hamazaaniyy bakka taa’umsa Abu Ma’aali Jaweyniyyitti argame. Abu Ma’aali Jaweyniyy Rabbiin olta’u hin mirkaneessu ture. Sheyk Abu Ja’afar akkana jedheen, “Yaa ustaaz! Wanta dirqamaan qalbii teenya keessatti argannu kana ilaalchisee mee nutti himi? Namni Rabbiin beeku, “Yaa Allaah, Yaa Rabbii” gonkumaa jedhee hin beeku, qalbii isaa keessatti gara olii kan barbaadu ta’ee yoo argate malee. Gara mirgaa fi bitaa hin mil’atu, [gara olii malee]. Kanaafu, wanta dirqama ta’e kana akkamitti nafsee teenya keessaa baasu dandeenyaa?” Ergasii Abu Ma’aali Jaweyniyy mataa ofii harkaan osoo kabalaasu (dhadhayuu) bahee deeme… [4]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’iisa Isaaf malu olta’ee wanta hundaa ni too’ata. Wanti Isa jalaa miliqu tokkollee hin jiru. Wanta hundaa takka takkaan beeka, ni arga, ni dhagaha. Haati manaa Ergamaa Rabbii (SAW) Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) akkana jetti:

Rabbii dhageettin Isaa sagalee hunda marseef (dhagahuuf) galanni haa galu. Dhugumatti, [dubartiin maqaan ishii] Khawlah [jedhamtu] gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhuftee waa’ee abbaa manaa ishii ilaalchise komii itti dhiyeessite. Dubbiin ishii narraa dhokataa ture (ani mana keessa haa jiraadhuyyuu malee wanta ishiin dubbattu hunda hin dhagahu ture). Ergasii Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) aaya tana ni buuse:
58:1
Dhugumatti, Rabbiin jecha ishee waa’ee abbaa manaa ishii ilaalchisee siin waliin falmituu fi gara Rabbiitti himannaa dhiyeefattu dhaga’eera. Rabbiinis falmii keessan lamaan ni dhaga’a. Dhugumatti Rabbiin Dhaga’aa, Argaadha.” Suuratu Al-Mujaadalaa 58:1″ Sunan an-Nasa’i 3460Sunan Ibn Maajah

Guduunfaa

✒Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa maqaalee gaggaarii fi amaloota (sifaata) guutuu qaba. Maqaalee fi amaloota kanniin Qur’aanaa fi sunnaah irraa qo’achuun Gooftaa nama uume akka beekan nama taasisa.
✒Sifaanni (amaloonni) Rabbii amaloota uumamtootatin gonkumaa wal hin fakkaatan. Sifaanni Rabbii hundii sifaata guutuu ta’anii fi hanqinna wayitu hin qabneedha.
✒ Osoo wayitti hin fakkeessin Rabbiin uumamtoota hundaa ol olta’uutti amanuun dirqama. Akkamitti olta’e jedhanii gaafachuun bid’aadha.
✒Nu ol samiwwan torbatu jiru. Samiwwan torbanii ol immoo Arshii guddinnaa fi bal’innaan uumamtoota hundaa caalutu jira. Rabbiin olta’iinsa Isaaf malu Arshii ol olta’ee jira.
✒Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshitti hin hajamu. Inni Dureessa fi Of Danda’aadha. Garuu Arshii fi samiwwan waan ofiin dhaabbachuu hin dandeenyef, Rabbitu isaan qaba.
✒Rabbiin Arshii kan uumeef itti hajamee (itti fayyadamuuf) osoo hin ta’in hikmaa (ogummaa) itti uumeef qaba. Garuu ilmi namaa ogummaa kana hin beeku. Kanaafu, “Rabbiin maaliif kana uume?” osoo hin jedhin namni tokko Rabbiif harka kennuu qaba. Ta’uu baannan ni bada.
Imaamu Shaafi’iin akkana jedha:
“Rabbii fi wanta Rabbiin irraa dhufe akkaataa Rabbiin barbaadutti itti amane. Ergamaa Rabbii fi wanta Ergamaa Rabbii irraa dhufe akkaataa Ergamaan Rabbii barbaadutti itti amane.”[1]
Imaamu Muhammad ibn Muslim az-Zuhriyy ni jedha:

“Risaalan (ergaan) Rabbiin irraayyi, [ergaa kana ummatatti] geessun immoo Ergamaa Rabbii irra jira, nu irratti immoo harka kennutu jira.”[1]

Kitaabban Wabii
[1] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a– Fuula 249-255 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii-
[2] Sharih Aqiidatil xahaawiyyah fuula 372, Ibn Abi Al-Izzaa
[3] Shariih Aqiidatil Waasixxiyyah-jiildi 1, fuula 178-179, ibn Useymiin
[4] Sharih Aqiidatil xahaawiyyah fuula 390

Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 1
Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 4ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.