Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 1

Yaa nama Rabbii kee beekuuf carraaqu hoo! obsi gara fuunduraatti gammachuu hangana hin jedhamne dhandhamtaati. Yaa nama Rabbiin beekee Isaaf tole jedhu hoo! gammachuu xaa’a (Rabbiif ajajamuu) irraa argattuun gammadi! Gara fuunduraatti gammachuu kana caalutu siif jiraa, Rabbii keetiif tolee jechuu fi jaallachuu itti fufi. Gara ati hin beeknee irraa si soora, milkaa’inna ati gonkumaa hin yaanne si milkeessa. Ibhaarim ibn Ad’haam akkana jedha: “Wanta (gammachuu) nuti keessa jirru osoo mootonni beekanii silaa seyfiin nutti qabsaa’u turan.

Dhugumatti gammachuun Rabbiin beekuu fi Isaaf ajajamuun argamu hangana hin jedhamu. Kanaafu, har’as itti fufuun maqaalee fi sifaata Rabbii muraasa beekuuf mee haa carraaqnu.

1.Allaah

Maqaan Allaah jedhu maqaa Gooftaa addunyaa hundaa samiwwanii fi dachii uumeeti. Allaah maqaa dhuunfaa Rabbiin qofti ittiin waamamuudha. Wanti biraa maqaa kanaan gonkumaa waamamu hin danda’u.

Maqaan Allaah jedhu Tokkichummaa fi haqaan gabbaramuu kan qabuu Rabbiin akka ta’ee agarsiisa.

Allaahn gabbaramaa haqaati. Uumamtoota hundaaf gabbaramaan haqaa Allaah malee hin jiru. Isaan ala wanti gabbaramu hundi kijiba (baaxila). Akkuma Gooftaa fi Mootiin isaanii Allaah qofa ta’ee fi Gooftummaa fi Mootummaa Isaa keessatti eenyullee hin hirmaachisne, haaluma kanaan gabbaramaan isaanii Allaah qofaadha. Yommuu Isa gabbaran, Isa waliin shariika gochuun gonkumaa hin ta’u. Kan isaan uumuu, nyaachisuu, obaasu, dhimma isaanii too’atu akkuma Allaah qofa ta’e, yeroo Isa gabbaran wanta biraa Isa waliin gabbaruu (waaqefachuu) hin qaban; Isa qofa gabbaru qabu. Wantoonni Isaan ala jiran hundi mataa ofiitiin faayda namaaf fiduu fi miidhaa namarraa deebisuu waan hin dandeenyef. Kanaafu, Allaah (Rabbiin) dhiisanii wanta nama hin fayyannee fi miidhaa namarraa hin deebisne kadhachuu fi gabbaruun bu’aa maalii buusaa? Allaah ni jedha:

6:102

Kan akkana hojjate kuni Allaah Gooftaa keessani. Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Uumaa waan hundaati, kanaafu Isa gabbaraa. Inni waan hundaa Tiiksadha.” Suuratu Al-An’aam 6:102

Wanta uumu hundaa kan uumee, wanta murteessu kan murteesse “Allaah Gooftaa keessani” Kanaafu, kabaja guddaan kabajamuu, haqaan gabbaramuu kan qabuu fi of gadi xiqqeessunii fi jaalalli guutuun ta’uufi kan qabu Gooftaa uumamtoota hundaa qananii Isaatiin qananiisee fi miidhaa hunda isaan irraa deebiseedha. “Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Uumaa waan hundaati, kanaafu Isa qofa gabbaraa.” kana jechuun Inni Allaah, haqaan gabbaramaan Isa malee akka hin jirre yoo mirkanaa’e, ibaadaa hunda Isaaf godhaa, Isaaf qulqulleessaa. Yommuu ibaadaa hojjattan Rabbi qofaaf hojjachuuf niyyaadha. Kuni kaayyoo uumamtoonni itti uumamaniidha.[1] (Fakkeenyaf, salaata yommuu salaattan, sadaqaa yommuu kennitan, sooma yommuu soomtan, beekumsa (ilmii) yommuu barattan, du’aayi yommuu gootan, waan gaaritti yommuu ajajjanii fi waan badaa irraa yommuu dhoowwitan fi ibaadaa biroo Rabbii qofaaf jedhaa hojjadhaa. Isaan ala wanta biraatiif jettanii hin hojjatinaa.)

  1. Al-Hayyul-Qayyuum

Maqaalee gaggaarii fi gurguddaa Rabbii keessaa tokko Al-Hayyul Qayyuum. Al-Hayy jechuun yeroo hundaa jiraataa. Al-Qayyuum jechuun Ofiin kan dhaabbatu, of danda’aa homattu hin hajamne, wantoota hunda irraa dureessa kan ta’e. Hiikni biraa “Al-Qayyuum” uumamtootaa hundaa kan dhaabu, kan too’atu, jiraachisu. Fakkeenyaf, samii fi dachii kan dhaabe Rabbiidha. Akka hin sochoone fi hin diigamne kan eegu Rabbiidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

3:2

“Rabbiin malee kan dhugaan gabbaramu hin jiru. [Inni] Al-Hayyul-Qayyuum” Suuratu Ali-imraan 3:2

Al-Hayy-Rabbii jireenya guddoo fi guutuu sifaataa birootiif garmalee barbaachistuu taate Kan qabuudha. Sifaanni (amaloonni) guutuun Rabbii hundii Jireenya Isaa irra naanna’u. Kan akka dhagahuu, arguu, dandeetti, humna, guddinna, yeroo hundaa turuu amala jiraachuutin kan wal qabataniidha. Rabbiin yeroo hundaa Jiraataa hin duuneedha. Jireenyi Isaa guutuu fi hir’inna wayitu kan hin qabneedha.

Al-Qayyuum- kan ofiin dhaabbatee fi uumamtoota hundarraa dureessa kan ta’eedha. Gama kaminiyyuu wanta Isa dhaabutti gonkumaa hin hajamu (hin barbaadu). Kuni Isaan ala wantoota jiran hundarraa of-danda’iinsaa fi durummaan Isaa guutuu ta’uu agarsiisa. Rabbiin uumamtoota hunda kan dhaabee fi uumamtoonni hundi gargaarsa fi qananiif Isatti garmalee kan hajamaniidha. Yoo Rabbiin isaan hin dhaabinii fi hin jiraachisin, dhaabbachuu fi jiraachuun isaaniif hin jiru. Kuni Dandeetti fi Injifannoo Rabbii guutuu irraa kan dhufeedha. Dandeetti Isaatiin samii utubaa malee qax godhee dhaabe. Kuni dandeettiin Rabbii gara hundaan guutuu akka ta’e agarsiisa.

Maqaaleen lamaan kunniin amaloota Rabbii guutuu, dandeettii fi durummaa Isaa guutuu kan of keessatti qabataniidha.

Mee warroota Iyyasuusin ykn wanta biraatin gooftaa jedhanii waaqefatan haa gaafannu. Amala Rabbii keessaa tokko yeroo hundaa jiraachuu fi wantoota hunda irraa of danda’uu fi dureessa ta’uudha. Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) yeroo hundaa jiraataa ta’uu danda’aa? Isinuu guyyaa sadiif du’ee kaafame jettani ni amantu. Rabbiin immoo kan hin deenudha. Kanaafu, Iyyasuus akkamitti gooftaa ta’aa? Ammas, wantoota hunda irraa dureessa fi of-danda’aa ta’uu danda’aa? Iyyasuus Gooftaa Isaa kadhachaa akka ture kitaabni keessan ni dubbata. Rabbiin immoo gonkumaa waa hin kadhatu, uumamtoonni Isa kadhatu malee. Ammas, wantoota hundaa dhaabuu fi jiraachisuu danda’aa? Samii utubaa malee dhaabu danda’aa? Rooba samii irraa roobsun uumamtoota obaasu danda’aa?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo hundaa jiraataa hin duunedha. Ni jedha:

25:58

Yeroo hundaa Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi. Badii gabroota Isaa keessa beekuu keessatti Isumatu gahaadha.” suuratu Al-Furqaan 25:58

Rabbiin yeroo hundaa Jiraataa of danda’eedha. Jireenyi fi of danda’uun Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’e muguunis ta’ee hirribni Isa hin fudhatu.Uumamtoonni ni rafu, ni mugu. Yommuu mugan ykn rafan wanti harkaa qaban hundi harkaa jiga ykn mataan isaanitiniyyuu ni kufu.Kanaafu akkamitti gooftaa ta’uu danda’anii? Iyyasuus ni muga, ni rafa, kanaafu akkamitti gooftaa waaqefatamu ta’uu danda’aa?  Rabbiin osoo mugee ykn rafee silaa addunyaan guutuun ni baddi turte. Samii fi dachii kan qabuu fi too’atu Rabbiin malee ni jiraa? Kanaafu, Rabbiin yeroo hundaa jiraataa, of danda’aa mugaati fi hirribni Isa hin fudhanneedha. Rabbiin keenya olta’aan qulqullaa’e!

  1. Al-Aliim, Al-Khabiir

Maqaaleen lamaan kunniin maqaalee beekumsa Rabbii agarsiisaniidha. Al-Aliim jechuun wantoota hundaa kan beeku fi beekumsi Isaa guutuu kan ta’e jechuudha. Al-Khabiir jechuun immoo keessa wantootaa fi wanta dhokate hunda kan beeku jechuudha. Beekumsi amala wanta tokko dhugaan beeku fi ifa baasuuti. Beekumsi Rabbii wantoota hundaa kan haguugedha. Wanti tokko argamuun dura Rabbiin ni beeka. Wanti Isarraa dhokatu fi jalaa miliqu tokkollee hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

6:59

Furtuuwwan [wanta] fagoo fi hin mul’anne (ghaybii) Isa bira jiru. Isa malee homtuu isaan hin beeku. Inni waan dachii keessa jiruu fi galaana keessa jiru ni beeka. Baalli homaatu hin kufu Inni kan beeku yoo ta’e malee. Firiin dukkana dachii keessaa, jiidhaa fi gogaanis kitaaba ifa ta’e keessa jiraatu malee hin hafu.”Suuratu Al-An’aam 6:59

Ergamaan Rabbii (SAW) furtuuwwan ghaybi Rabbiin malee eenyullee kan hin beekne shan jedhan. Isaaniis: wanta boru dhufu (dhalatu) Rabbiin malee eenyullee hin beeku, (2) wanta gadaamessa keessa jiru Rabbiin malee eenyullee hin beeku (3) Roobni yoom akka dhufu Rabbiin malee eenyullee hin beeku, (4) lubbuun tamiyyuu eessatti akka duutu hin beektu (5) Guyyaan Qiyaamaa yoom akka dhaabbattu Rabbiin malee eenyullee hin beeku. Sahiih Al-Bukhaari 7379, 4697

“Wanta gadaamessa keessa jiru Rabbiin malee eenyullee hin beeku” kan jedhu wanta saayinsiin ammayyaa irra gaheen wal hin faallessu. Saayinsiin ammayyaa jalqaba irraa kaase hanga sadarkaa dhumaatti wanta gadaamessa keessa jiru beekuu danda’aa? “Daa’imni kuni nama gammachuu ta’a moo nama rakkataa fi dararama ta’a” jedhe saayinsin nutti himuu danda’aa? Himu hin danda’u. Kanaafu, wanta gadaamessa keessa jiru hunda Rabbiin malee kan beeku hin jiru. Roobas taanan tilmaama malee dhibbaan dhibbatti ilmi namaa yoom akka roobu beeku hin danda’u.

Gara ibsa aayatti yommuu deebinu Rabbiin subhaanahu wantoota dachii fi galaana keessa jiran hunda ni beeka. Namoota, beeladoota, bineensota, mukkeen, cirracha, biyyee fi kanneen biroo dachii keessa jiran hunda ni beeka. Qurxummii, bineensoota, reptaaylota fi kanneen biroo galaana keessa jiraatan hunda takka takkaan beeka.

Mukkeeni fi biqiltoota dachii fi galaana keessa jiran irraa “Baalli homaatu hin kufu Inni kan beeku yoo ta’e malee.” Baala mukkeen hundarraa harca’an hunda Rabbiin takka takkaan beeka. Firiwwan dukkana dachii keessa jiran hunda Inni ni beeka. Firiwwanii fi sanyiwwan dachii keessatti facaafamanii biyyee keessatti dhokatan hunda Inni ni beeka. Kuni beekumsi Rabbii wantoota hundaa akka marsee agarsiisa. Wanti Rabbiin irraa dhokatu tokkollee hin jiru.[2]

Hubannoo: Beekumsi Rabbii akka beekumsa keenyati miti. Beekumsi keenya xiqqaa fi daangeefamaadha. Wallaalumman booda kan argamuudha. Garuu Beekumsi Rabbii beekumsa wanta hundaa haguuge (hammatee)dha; wantoota jiranii fi hin jirre hunda kan marsee fi daangaa kan hin qabneedha. Beekumsi Rabbii adeemsa keessa kan argamu miti, wallaalummaan isa hin dursine. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo hundaa wantoota hundaa kan beekudha. Wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti dhufu hunda ni beeka.

Al-Khabiir– keessa wantootaa kan beekudha. Rabbiin subhaanahu wantoota dhokatanii fi ilmi namaa beeku hin dandeenye hunda beeka. Fakkeenyaf namni tokko yaada sammuu nama biraa keessa jiru beeku hin danda’u, namtichi ifa yoo hin godhin. Garuu Rabbiin wanta sammuun yaaddu fi qalbii keessa jiru hunda beeka. Ni jedha:

67:13

“Haasawa keessan dhoksaa yookiin ifa baasaa, Inni (Rabbiin) beekaa wanta qoma keessa jiruuti.

67:14

Inni kan uume hin beeku sila? Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir.” Suuratu Al-Mulk 67:13-14

Sagalee keessan gadi qabdanii ykn olkaastanii dubbattanii wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Wanti dhoksaa fi ifa bahe Isa biratti wal-qixa waan ta’eef. Rabbiin wanta qoma (laphee) keessa jiru ni beeka. Kana jechuun niyyaa, fedhii fi yaada nama hunda ni beeka. Ergasii ragaa sammuun itti yaadu danda’an ni dhiyeesse. Inni kan uume hin beeku sila?” kana jechuun sila Khaaliqni uumamtoota Isaa hin beekuu? Dabalataniis Rabbiin keessa wantoota Kan beeku ta’e osoo jiru akkamitti wanta isaan yaadanii fi dhoksatti dubbatan hin beekne? Hiika Al-Laxiif keessaa tokko gabroottan Isaatiif kan mararfatu, waan gaarii kan isaaniif fidu fi waan badaa isaan irraa deebisu.[3]

Guduunfaa
✎Maqaan Allaah maqaalee gurguddaa Rabbii keessaa tokko. Maqaan kuni Rabbiin tokkichummaa fi haqaan kan gabbaramu ta’uu Isaa agarsiisa.
✎Rabbii gaditti wanta biraa gabbaruun wallaalummaa fi of miidhudha.
✎Rabbiin yeroo hundaa jiraataa ta’ee fi of danda’eedha. Garuu wantoonni hundi Isarratti hirkatu.
✎Mugaatis ta’e hirribni gonkumaa Isa hin fudhatu.
✎Rabbiin wantoota hundaa takka takkaan kan beeku fi Isa jalaa wanti miliqu tokkollee hin jiru.
✎Wanta namni yaadu fi qalbi keessatti dhoksu hunda ni beeka. Kanaafu, namni tokko eenyullee na hin argu ykn hin beeku jechuun waan badaa hojjachuu fi yaadu irraa of qusachuu qaba. Rabbiin keessa namaa beeku waan isa arguu fi beekuuf.

Kitaabban wabii
[1] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii fuula 299
[2] Madda olii fuula 288
[3] Madda olii fuula 1034
Sharih ibn Al-Qayyiim li asmaa’il husnaa
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 149
In The Company of God Salman Al-A’wda

Print Friendly, PDF & Email
Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 2ffaa
Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 5ffaa

Leave a Reply