Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 2ffaa

Offline dubbisuf

Ilmaan namaa jireenya isaanii keessatti wantoota lama garmalee barbaadu. Isaaniis: gaddi jireenya keessaa akka hir’atu fi sodaan akka isaan irraa deemudha. Gaddaa fi sodaa jireenya keessaa hir’isanii nageenyaa fi gammachuu argachuuf jecha bakki isaan hin seenne hin jiru. Haa ta’uu malee, bakki baay’een isaan seenan bakka gaddaa fi sodaa isaanitti dabaluudha. Fakkeenyaf, namoonni maallaqa argachuuf garmalee hojjatu. Maallaqa baay’ee erga argatanii booda yommuu maallaqa irraa waa hir’atu ni gaddu. Yommuu maallaqni dabalu immoo akka isaan jalaa hin hatamnee fi hin banne garmalee sodaatu. Haala kanaan jireenya gaddaa fi sodaa jiraatu. Kanaafu, furmaanni kanaa maali ree? Furmaanni kanaa Rabbii olta’atti amanuu fi Isaaf buluudha. Nama Rabbitti amanee fi Isatti bule, Rabbiin gaddaa fi sodaa akka irraa kaasu waadaa galee jira. Akkana jedha:

2:112

“Lakki! Namni hojii gaarii osoo dalaguu fuula isaa Rabbiif kenne, mindaan isaa Gooftaa isaa bira isaaf jira. Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddaniis.” suuratu Al-Baqara 2:112

Kiristaanonni fi yaahudoonni nama kiristaana ykn yahuudaa ta’e malee Jannata kan seenu hin jiru jechuun odeessan. Rabbiin oduun isaanii kuni sobaa fi raga kan hin qabne akka ta’e ni mirkaneesse. Lakki, dubbiin akka isin jettanii miti. Kana irra namni Jannata seenu nama hojii gaggaarii osoo hojjatu fuula Isaa Rabbiif kenneedha. Kana jechuun hojii isaa qulqulleessun qalbii isaatiin nama gara Rabbii garagalee fi qajeeledha.[1] Namoonni Rabbitti dhugaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, mindaan isaanii Rabbiin bira isaaniif jira. Wanta darbeef hin gaddan, wanta dhufuufis hin sodaatan. Haala kanaan jireenya nageenya fi gammachuu jiraatu. Kanaafu, Rabbitti amanuu fi hojii gaarii hojjachuun bu’uura gammachuu fi milkaa’innaati. Karaalee Rabbitti shakkii tokko malee amanuu (yaqiina) itti jabeessinuu keessa tokko maqaalee fi sifaata Isaa qo’achuu fi itti xinxalluudha. Mee ammas, kutaa darbee irra itti fufuun maqaalee Rabbii olta’e muraasa isaanii haa ilaallu.

  1. Al-Khaaliq (Uumaa)

Wantoota hundaa kan uumee Rabbii tokkicha. Wantoonni naannoo keenyatti arginu hundi gara Khaaliqaa (Uumaa) akeeku. “Ani mataa kootin of uumuu hin danda’u. Uumaa na uumetu jira.” jechuun gara Gooftaa isaanii akeeku. Dachii fi samiin akkanumatti of argamsiisu ykn uumu hin danda’an. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

31:10
31:11

“[Rabbiin] samiiwwan utubaa argitaniin malee uume. Akka [dachiin] isiniin hin socheenef gaarreen gadi dhaabbatoo dachii keessa kaa’e (gadi dhaabe). Lubbuu qabeenyi hunda irraa ishii (dachii) keessa facaase. Bishaanis samii irraa buufnee biqiltoota gosoota gaggaarii hunda ishii keessatti magarsine.Kuni uumama Rabbiiti. Kanneen Isaa gadi jiran wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa. Dhugumatti, miidha hojjattoonni jallinna ifa galaa keessa jiru.” Suuratu Luqmaan 31:10-11

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samiwwan torba garmalee gurguddatan, furdatanii fi bal’atan utubaa malee uume. Utubaa mul’atu hin qaban. Osoo qabaatanii silaa utubaan kuni ni mul’ata. Samiwwan kunniin dandeetti Rabbii qofaan iddoo isaanitti qabaman.[2] Samii hangana guddattu Rabbiin malee eenyutu uumuu fi qabuu danda’aa? Kuni Rabbiin jiraachu fi Tokkicha fakkaataa hin qabne ta’uu ragaa agarsiisudha.

Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu, kan uraa (qaawwa) homaatuu hin qabne akkamitti akka ijaarree fi miidhagsine hin ilaallee?” Suuratu Al-Qaaf 50:6

Hubannoo: Akkaatan Rabbiin subhaanahu wa ta’aala waa uumuu fi namni wanta tokko itti uumuu gonkumaa wal hin fakkaatan. Rabbiin wanta tokko uumuu yoo barbaade, “ta’i” jedhaan. Ergasii yoosu ta’ee argama. Garuu ilmaan namaa wanta tokko hojjachuu yoo barbaadan dafqa itti xuruuratu, meeshaa adda addaa fayyadamu, itti dadhabu. Rabbiin immoo kana hundarraa qulqulluudha. Meeshaa wanta jedhamu hin fayyadamu, wanti dadhabbi jedhamuus Isa hin tuqu. Kanaafu, Rabbiin olta’aan wantoota hundaa haala adda ta’een uuma. Kanaafi, irra deddeebinee aaya tana yaadachu qabna.

Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni dhagahaa, argaadha.” Suuratu Shuura 42:11

Hojii Rabbii hojii namootatiin wal fakkeessu hin qabnu.

Uumamni keessanii fi kaafamni keessan akka nafsee (lubbuu) takkatti malee homaayyu miti. Dhugumatti Rabbiin dhagahaa, argaadha.” Suuratu Luqmaan 31:28

Namoota dhaloota jalqabaa irraa kaase hanga dhaloota dhumaatti uumuu fi kaasun Rabbiin biratti akka lubbuu takkatti uumu fi kaasuti. Sababni isaas, Rabbiin wantoota hunda irratti danda’aadha, wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru. Dabalataan hojiin Isaa hojii ilma namaatin wal hin fakkaatu. 

  1. Al-Qadiir (Danda’aa)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta hunda irratti danda’aadha. Wanta tokko hojjachuu yoo fedhe, fedhii Isaa wanti jalaa kuffisu hin jiru. Dandeettin Isaa dandeetti uumamtootatiin wal hin fakkaatu. Gariin uumamtootaa wanta tokko hojjachuu irratti dandeetti qabu, garuu wanta biraa irratti dandeetti dhabuu danda’u. Garuu Rabbiin olta’aan wantoota hundaa irratti danda’aadha. Dandeettin isaanii gufuwwan baay’een kan marfameedha. Garuu dandeetti Rabbii fuundura gufuun dhaabbatu tokkollee hin jiru. Mee Qur’aana irraa aayaataa (keeyyatoota) muraasa gara dandeetti Rabbii akeekan haa ilaallu:

3:29
Jedhi, “Yoo wanta qoma keessan keessa jiru dhoksitan yookiin ifa baastan, Rabbiin wanta san ni beeka. Wanta samiwwan keessa jiru fi wanta dachii keessa jirus ni beeka. Rabbiin wanta hundaa irratti danda’aadha.”  Suuratu Aali-Imraan 3:29

Aaya tanaa ilaalchise ibn Kasiir ni jedha: “Rabbiin olta’aan iccitiwwaan hundaa, sammuu keessatti wanta dhokatee hundaa fi wanta ifa bahaa hunda akka beeku gabroottan Isaatti beeksisa. Wanta dhokataan gonkumaa Isarraa hin dhokatu. Beekumsi Isaa haala, battala fi yeroo hunda keessatti isaan kan marseedha. Akkasumas, beekumsi Isaa wantoota samii fi dachii keessa jiran kan marseedha. Wanti hanga firii xaafi gahuu ykn isaa gadi jiru dachii fi galaana keessatti Rabbiin irraa hin dhokatu. Inni “wanta hundaa irratti Danda’aadha”. Kana jechuun dandeettin Isa wantoota kana hunda keessa ni lixa. (Rabbiin wantoota hundaa beeku irratti danda’aadha.)

Kuni gabroottan Isaa akka Isa sodaataniif labsii Isarra ta’eedha. Wanta Inni dhoowwe fi isaanirraa [arguu] jibbu akka itti hin tarree isaaniif beeksisa. Sababni isaas, Inni dhimmoota isaanii hunda kan beekudha. Adabbii isaanii ariifachiisu irratti danda’aadha. Nama tursiisu yoo tursiise, yeroo kennaaf. Ergasii qabaa cimaa jalaa miliquu hin dandeenye qaba. Kanaafi, itti aanse akkana jedhe,

يَوۡمَ تَجِدُ كُلُّ نَفۡسٖ مَّا عَمِلَتۡ مِنۡ خَيۡرٖ مُّحۡضَرٗا وَمَا عَمِلَتۡ مِن سُوٓءٖ تَوَدُّ لَوۡ أَنَّ بَيۡنَهَا وَبَيۡنَهُۥٓ أَمَدَۢا بَعِيدٗاۗ

Guyyaa lubbuun hundi toltuu irraa waan hojjatte fi hamtuu irraa waan hojjatte [ishii fuunduratti] dhiyaatee argitu [yaadadhu]; jidduu isheeti fi jidduu isaa (hamtuu) fageenyi dheeraan osoo jiraate jaallatti.” Suuratu Aali-Imraan 3:30

Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa nama hunda fuunduratti wanti gaarii fi badaa hojjate hundi ni dhiyeefama. Namni waan gaarii hojjatee dabarse ni gammada. Kan waan badaa hojjatee dabarsee immoo dallansuu fi gaabbin isaaf ta’a. Osoo isaa fi wanta badaa hojjate jidduu fageenyi dheeran jiraate hawwa.[3]

46:33
Rabbiin Kan samii fi dachii uume, isaan uumuu keessatti kan hin dadhabin du’aa kaasu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee sila? Eeyyen! Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” suuratu Al-Ahqaaf 46:33

Kuni du’aan booda deebifamuu (kaafamu) ragaa Rabbiin dhiyeessudha. Rabbiin irratti du’aan booda namoota kaasun wanta ulfaatu miti. Samii fi dachii guddinni fi bal’inni isaanii garmalee guddatu Kan uumee akkamitti du’aa kaasu dadhabaa? Wanta guddaa hojjatu kan danda’u, wanta xiqqaa hojjachuun akkamitti Isa dhibaa? Namni sirritti hin xinxalline “Lakki, wanta guddaa tokko hojjatee, wanta xiqqaa biraa dadhabu danda’a” jedhee akka hin yaannef, “Inni waan hundaa irratti Danda’aadha” jechuun keeyyata (aaya) armaan olii xumure. Kanaafu, Rabbiin wanta hundaa hojjachuu fi uumuu irratti danda’aa ta’e, namoota du’an guyyaa Qiyaamaa kaasun Isa hin dhibuu jechuudha.

Hubannoo: Rabbiin waan hundaa irratti danda’aa akka ta’ee barree fi amanne jirra. Dandeettin Isaa dandeetti uumamtootaatin gonkumaa wal hin fakkaatu. Dandeettin Isaa guutuu fi wantoota jiran hundaan kan wal qabatuudha. Gargaarsa wayitu hin barbaadu. Garuu dandeettiin ilma namaa daangefamaa, hir’inna kan qabuu fi gargaarsa alaa kan barbaadudha.

Rabbiin wantoota hunda irratti danda’aa akka ta’e yoo beekne, Isarratti akka hirkannuu fi Isaan ala wanta biraa akka hin sodaanne nu taasisa. Sababni isaas, sammuu namaa kan harkaa qabuu fi akka fedhetti dhimmoota jijjiruu Kan danda’u Isa malee hin jiru. Nu nyaachisuu fi obaasu, wanta gaarii nuuf fiduu fi wanta badaa nurraa deebisu Kan danda’u Rabbiin malee hin jiru. Kana beeku fi hojii irra oolchun goota nama taasisa. Akkasumas, Rabbiin akka sodaannu nu taasisa. Yommuu badii hojjachuuf yaannu, Rabbiin badii saniif yoosu nu qabuu fi adabuu akka danda’u yoo beekne, badii hojjachuu irraa duubatti deebina.

Guduunfaa
✓Gaddii fi sodaan kan deemu dhugaan Rabbitti amanuu fi hojii gaggaarii dalaguuni.
¶Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wantoota hundaa kan uumee fi too’atuudha.
✓Wantoonni addunyaa keessatti arginu hundi, “Ani akkanumatti of argamsiisu yookiin of uumuu hin danda’u. Uumaa na uumetu jira.” jechuun gara Uumaa isaanii akeeku.
✓Akkaatan Rabbiin subhaanahu wa ta’aala waa itti uumu akkaataa uumamtoonni waa itti uuman irraa addaa fi kan wal hin fakkaannedha.
¶Rabbiin wantoota hundaa irratti Danda’aadha.
✓Dandeettin Isaa guutuu ta’u kan agarsiisu keessaa tokko samii fi dachii uumuu, samii utubaa malee dhaabudha. ✓Samii garmalee guddattu tana uumuu fi utubaa malee dhaabun Rabbiin wantoota hundaa irratti Danda’aa akka ta’e agarsiisa.
✓Kanaafu, Rabbiin namoota du’an du’aa kaasu irratti Danda’aadha jechuudha.

Kitaabban Wabii
[1],[2]- Taysiral Kariimil Rahmaani fii tafsiiri kalaamil Mannaani- Abdurrahman Sa’diyy-fuula 56 fi 760
[3] Tafsiir ibn Kasiir- jiildi 2 fuula 31
In The Company of God- Shekh Salman Al-Awdaa

Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 3
Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.