Ibidda Fedhii irratti Obsuuf

Offline dubbisuf

Ji’oota darban keessa waa’ee Rabbii ilaalle turre. Rabbiin beeku fi Isatti amanuun jireenyi teenya akka fooyyoftuu fi daandii sirrii qabattu taasisa. Yeroo dargaggumma fi shamarrummaa ibidda fedhii cimaa keessa namaatti qabatu Rabbiin beeku, itti amanuu, sodaachuu fi Isa jaallachuun akka qabbanaa’u muxannoo fi qorannoon ni agarsiisa. Warroonni Rabbiin beekanii fi itti bulan ibidda kanarraa nagaha akka bahan shakkii wayitu hin qabu. Warroonni Rabbiin irraa fagaatan immoo ibidda fedhii kanaan gubataa akka jiran hundii keenyaa ni beekna. Mee karaalee ibidda fedhii irratti ittiin obsan muraasa haa ilaallu. Karaan kuni warraa obsa qabaniif obsi akka cimuuf, warra obsa hin qabneef immoo obsa akka horatanii fi ibidda fedhii hir’isaniif agarsiistu isaaniif ta’a.
Akkuma beekkamu obsii bakka sadii gurguddaatti qoodama. Isaanis: Hojii gaggaarii hojjachuu irratti obsuu, hojii badaa irraa obsuu fi balaa namatti bu’e irratti obsuudha. Obsa wantoota lamaan jabeessun ni danda’ama. Isaaniis: beekumsaa fi hojiin.
Beekumsa
Beekumsa jechuun wanta itti ajajaman keessa keeyri, gammachuu fi faaydaa jiruu beeku, wanta irraa dhoowwaman keessa immoo sharrii fi miidhaa jiruu sirritti hubachuudha. Namtichi beekumsa kanniin lamaan sirritti yoo beeke, ijjannoon cimaan, himmaan (yaanni) ol’aanaa fi namummaan isaaf dabalama. Wanta beeke kanaa namtichi yoo hojirra oolche obsii isarratti ni salphata, hadhaan gara mi’aatti jijjiramaaf.
Hojii
Obsi wal’aanso kakka’uumsa sammuuf amantii fi kakka’uumsa fedhii lubbuu jidduutti adeemsifamuudha. Kana jechuun Kakka’uumsi sammuu fi amantii kakka’uumsa fedhii waliin wal’aanso bahu. Fakkeenyaf, lubbuun waan badaa ni feeti. Sammuun ykn amantiin, “kuni badaadhaa si miidhaa dhiisi” jedha. Lubbuu immoo “lakkii amma garmalee barbaadaa hin dhiisu.” jetti. Ergasii wal’aanson ni jalqabama. Yoo kakka’uumsi sammuu fi amantii moo’ate namtichi obsa qabaa jechuudha. Badii irraa of ni qaba. Yoo kakka’uumsi lubbuu moo’ate immoo namtichi obsa hin qabu jechuudha. Baditti ni kufa.
Fakkeenyaf, namtichi zinaa raawwachuuf fedhii cimaa qabu, fedhii kanatti qabsaa’uf ni ka’a. Tarii namni kuni garmalee fedhii cimaa qabaachun zinaa (sagaagalummaa) irraa of qabuu dadhaba. Yookiin immoo badii kana hin raawwatu garuu dubartoota ilaalu irraa of hin qabu. Yookiin dubartoota ilaalu ni dhiisa garuu waa’ee wal-qunnamtii saalaa ilaalchisee gonkumaa yaadu hin dhiisu. Inuma hangi yaanni isaa guutuun dhimma kanaaf ta’u gahuu danda’a. Wanta biraa addunyaa fi Aakhiratti isa fayyaduuf bakka hin kennu. Yoo inni dhugumatti dhibee kanaaf qoricha sirritti barbaade, tarkaanfilee armaan gadii haa hordofu:
1—Dhangaalee nyaataa fedhii wal-qunnamtii saalaa dabalan qorachuun, gosoota nyaataa kanniin nyaachu hir’isuu ykn dhiisu. Fakkeenyaf, nyaata mi’aawa fi gosoota gargaraa baay’isanii nyaachun ibidda fedhii qabsiisa. Kan akka foonii, nyaata sukkaara qabuu fi kkf. Kanaafu, nyaata kanniin hir’isuun ykn haala madaallamaan nyaachun fedhii saalaa hir’isa. Yoo kuni hin ta’in, soomu danda’a. Soomun fedhii wal-qunnamtii saalaa waan hir’isuuf.

2–Wanta fedhii kakaasu irraa of qusachuu. Innis ilaaludha. Ija isaa gadi qabachuuf tattaafachuun isarra jira. Ilaalchi ibidda fedhii qalbii keessatti bobeessa. Musnad keessatti akkuma Ergamaa Rabbii (SAW) irraa odeefametti, “[Dubartii alagaa] Ilaalun xiyya sheyxaanaa keessaa tokko.” Yoo namtichi ija gadi hin qabatin sheyxaanni xiyya isaa ni alaamefata (ni darbata). Namtichi dubartii alagaa ilaalu yoo itti fufe, qalbii isaa xiyyoota kanaaf saaxilaa jira. Isaan keessaa tokko waraannan jireenya isaa balleessu danda’u. Ammas akkana jedhame jira: Ilaalchi akka qaanqee citaa gogaatti darbamteeti. Qaanqen yoo hunda hin gubin cinaa isaa ni gubdi. Namni ija ofiitin wantuma arge ilaalus qalbiin isaa ni gubatti.

Ilaalchi ijaa akka sanyii midhaanii lafatti darbamteeti. Yoo kunuunsa hin argatin achumaan gogdee hafti. Garuu yoo bishaan obaafamte ni biqilti. Ilaalchis haaluma kanaani. Yoo ija itti deddeebistee fi qalbii itti rarraaste, akkuma sanyii midhaanii biqilti. Yoo ija irraa garagalchitee fi qalbii tee itti rarraasu dhiiste, achumaan sanyiin fedhii baddee hafti ykn ni hir’atti.

3-Yoo danda’e fuudhun hariiroo halaalatti gammaduu– Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta lubbuun teenya feetu hunda karaa halaalaa fi gaarii ta’een akka fayyadamnu karaa nuuf godhee jira. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) itti qajeelchan fuudhun furmaata hundarra caaludha. Garuu yoo fuudhu dadhabe haa soomu.

Tuqaalee darban kanniin mee fakkeenyan haa ilaallu.
Fakkeenyi jalqabaa akka beeylada badduu ukaaya (marga) jalaa muruuti. Ukaaya yoo hin murin humni beellada tanaa dabaluun miidha guddaa fiduu dandeessi.
Fakkeenyi lammataa akka saree badduu jalaa foon dhoksuuti. Yeroo foon argitu fedhiin ishii akka hin kakaaneef. (Haaluma kanaan namni saalli faallaa yoo irraa dhokate fedhiin isaa hangas mara hin kaka’u.)
Fakkeenyi sadaffaan uumamaan wanta sareen barbaaddu hanga haajaa ishii itti kennuun wal fakkaata. Akka humna horattuu fi abbaa ishii tole jechuu akka itti fuftuuf.
Kanaafu, namni fakkeenya kana ilaale, dawaa fedhii itti too’atu argachuu danda’a.

4-Addunyaa tana keessatti miidhaa fi dararaa fedhii kana karaa dhoowwameen guuttachuu irraa dhalatu itti haa yaadu. “Fitnaan (qormaanni) jaalalaa matooti meeqa funyaan isaanitiin ibiddatti gonbise; kutaa adabbii (azaaba) laalessaatti dabarsee kenne. Nama meeqa beekumsa fi amantii irraa baase akkuma rifeensi lixii keessaa bahu. Qananii meeqa irraa kaasee hiyyumatti isa gate. Nama meeqa sadarkaa kabajaa irraa buusee gara warroota salphatan keessaa tokko isa godhe. Nama meeqa haguuggi irraa baasee qullatti hanbise, adabbii laalessaa isa dhandhamsiise, gaabbi keessatti isa gate. Ibidda gaddaa onneen keessatti gubattu itti qabsiise. Kabaja inni Rabbiin biratti fi namoota biratti qabaa ture nama meeqa irraa mulqe.”
Kanaa fi miidhaa biroo yommuu itti yaadan fedhii ofii karaa haraamaatin akka hin guuttanne nama taasisa. Garuu ijji fedhii jaamtu waan taatef Kana hin agartu.

5-Suuraa fokkuu nafseen isaa isa itti waamtu ykn harkistuu itti haa yaadu. Keessumattu, dubartiin tuni hiriyyaa dhiiraa biraa qabaachun tan beekkamtu yoo taate fokkinni guddaadha. Iddoo bishaanii saree fi jeedalli itti deddeebi’an irraa dhuguu irraa xayyafuun ykn boonun isatti haa dhagahamu. Akkuma jedhame:
Kabajaa fi jabeenyaf jedhee hariiroo keessan nan dhiisa
Hirmaattonni sadarkaan gadi bu’an keessa waan jiraniif.
Kan biraas akkana jedhe:
Yoo tisiisni nyaata irratti baay’atee
Nafseen tiyya osoo barbaaddu harka kiyya irraa kaasee
Gara bishaanii bu’ee dhuguu nan dhiisa
Yommuu saroonni keessatti goraran arge.
Hancufni isaa hancufa nama kabiisa (badaa) ta’e hundaan walitti makamuu isaa haa yaadatu.
Wanti guddaan asirraa barannu dubartii zinaa raawwattu waliin ykn dhiira zinaa raawwatu waliin zinaa raawwachuun hangam fokkuu akka ta’e agarsiisa. Haallu fi bareedinna gubbaa duuba fokkinna dhokataa jiru haa ilaalu. Dhugaa kana hubachuu yoo barbaadde, fokkinna yeroo dullummaa isaan uwwisuu mee ilaali. Rabbiin subhaanahu fuula bareedaa isaanii kana gara fokkinnaatti jijjira hanga fokkinni kuni irraa mul’atutti. Akkuma jedhame:
Osoo namni jaalalaan qabame dhuma itti yaadee
Bareedinni irraa yaa’u silaa irraa hin yaa’u.
Kana jechuun osoo namni jaalalaan qabame dhuma jaalala daangaa darbee itti yaadee fi miidhaa isaa beekee lubbuu ofii waan badaa irraa qabee, silaa bareedinni yeroo dullummaa isarraa hin deemu. Fuulli isaa gara fokkinnaatti hin jijjiramu. Sababa yeroo dargaggummaa waan badaa hojjateef fuulli isaa gara fokkinnaatti jijjirama.

Guduunfaa
✓Karaaleen obsa itti jabeessan lama. isaanis: beekumsaa fi hojiin
✓ Beekumsi waa lama of keessatti qabata. Isaanis: (1)wanta Rabbiin itti nama ajaje keessa tola, faaydaa, gammachuu fi milkaa’anna jiru hubachuu. (2) Wanta Rabbiin irraa nama dhoowwe keessa sharrii, miidhaa, adabbii fi kufaati jiru beekudha. Namni beekumsa gosa lamaan kanniin argatee hojii irra oolche dhugumatti kan milkaa’u fi gammadu isuma.
✓ Beekumsa barbaadu fi wanta beekan hojii irra oolchun obsa ni cimsa, sadarkaa fi kabaja namaa olkaasa.
✓Ibidda fedhii too’achuuf beekumsa barbaadu fi wanta beekan hojii irra oolchun furmaata hundarra caaludha.
✓Beekumsi hundarra caalu kan ibidda fedhii itti too’atan Rabbii fi shari’aa Islaamaa beekudha.
♥Namni akkuma Rabbiin beeku, sodaatuu fi jaallatuun ibiddi fedhii qabbanaa’a fi qorraa adeema. Sababni isaas, Rabbiin tasgabbii qalbii isaa irratti buusa, wanta isa rakkisuu fi jeequ immoo isarraa oofa ykn kaasa.
✓ Gubaa fedhii too’achuuf tarkaanfilee fudhatamu qaban keessaa:
1. Dhangaalee nyaataa fedhii dabalan hir’isu. Yookiin immoo soomu
2. Wantoota fedhii kakaasan kan akka ilaalu, saala faallan walitti makamu fi kkf irraa of qusachuu
3. Yoo danda’ame fuudhu
4. Miidhaa fi adabbii fedhii karaa haraamatiin guuttachu irraa dhalatu itti yaadu.
5. Fokkinna nama sanii itti yaadun nafsee ofii kabajuu.

Kitaabban Wabii
1. Uddatu saabiriin wa zaakiru shaakiriin-fuula 96-100, Imaam ibn Al-Qayyim
2. Ibidda jaalalaa fi dawaa isaa

Sab-qunnamtiin Dhiiraa fi Dubartiin Waliin Haasawu
Isa Gorsitee ishii galateefachuuf dhufee Zinatti kufan
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.