Sab-qunnamtiin Dhiiraa fi Dubartiin Waliin Haasawu

Sab-qunnamtii irratti saalli lamaan waliin haasawuun khalwaa dhowwamee keessaa ta’uu danda’aa?
Yeroo ammaa karaan dhiiraa fi dubartiin itti wal qunnaman salphataa dhufee jira. Teknolojin gadaa kanaa kana salphisuun gahee ol’aanaa taphataa jira. Sab-qunnamti (social media) yommuu jennu karaa namoonni salphatti odeefannoo wal jijjiraniidha. Fakkeenyaf, Kan akka fesbuuki, WhatsApp, viber, telegram, Yahoo, email fi kkf. 

Gaafii: Gama sab-qunnamtii (social media) tiin dhiirri dubartii waliin haasawuun gosoota khalwaa keessaa tokko akka ta’etti lakkaawamu ni danda’aa?
(Khalwaa jechuun dhiirri tokko fi dubartiin takka kophaa waliin ta’uudha.)
Deebii:
Alhamdulillah
Jalqaba
Ibn Abbaas (RA) irraa akka gabaafametti, inni Ergamaan Rabbii (SAW) akkana kan jedhan dhagahee jira:
Dhiirri tokko dubartii takka waliin kophaa hin ta’in mahramni waliin yoo jiraate malee.” al-Bukhaari (5233) and Muslim (1341) gabaasan
Mahram jechuun nama dubartii san fuudhu hin dandeenye, kan akka abbaa, obbolleessa fi kkf.
Khalwaan hadiisa kana keessatti barbaadame khalwaa (kophummaa) qaamati. (Kana jechuun dhiirri fi dubartiin qaaman bakka addaatti waliin taa’udha.)

Sababni kuni itti dhoowwameef khalwaan kuni haraama (wanta dhoowwametti) kufutti nama geessa jedhamee waan yaaddamuufi. Sababa kanaan nama keessatti waan badaa akka hasaasu sheyxaanaaf haala mijeessu waan ta’eef. Ergamaan Rabbii (SAW) gara dubbii kanaa akeekanii jiru yommuu akkana jedhan: “Dhagayaa! Dhugumatti dhiirri tokko dubartii takka waliin adda (kophaa) hin ta’u sadaffaan sheyxaana yoo ta’e malee.” at-Tirmiziin (2165) gabaase

Al-Manaawi (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:
Hanga wal-qunnamtii saalan wal qunnamsiisutti yookiin wanta sanii gadii gara zinaatti nama geessan akka raawwatan itti hasaasuun, fedhii kakaasun, saalfannaa haaqun, akka badii hojjatan jajjabeessun, “sadaffaan sheyxaana yoo ta’e malee” hin hafu. Hadiisni kuni khalwaan haraama akka ta’ee mirkaneessa.” Fayd al-Qadiir (3/78) irraa

Dubartii ajnabiyyaa (fuudhu danda’an) waliin kophaa ta’uun kan dhoowwameef karaa gara faahishaa (wanta fokkuutti) nama geessu cufuufi. Kuni hundee seera amantii keenya irraayyi.
Sheykul Islaam ibn Taymiyyah (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:
Hundemaayyu wanti fitnaaf (qormaata cimaaf) sababa ta’u hundi hin hayyamamu. Sababni isaas, yoo fooyya’iinsa irra caalun walitti hin bu’in, wanti gara baditti nama geessu ittifamu qaba.” Majmuu‘ al-Fataawa (15/419)

Dhiirri tokko dubartii fuudhu danda’u waliin haasawa addaa sab qunnamtiin waliin haasawu -khalwaa hayyoonni kaasan keessaa kan hin taane haa ta’uyyuu malee- sab-qunnantiin waliin haasawun kuni gara fitnaa fi badii guddatti nama geessudha. Sababa kanaaf, isarraa ni dhoowwama.

Osoo khalwaan jiraachu baateyyuu karaa dubartiin ittiin qoraman cufuuf jecha ilaalun, harka fuudhu fi kkf, akkuma dhoowwamaa ta’an, kophatti haasawunis akkasuma dhoowwamaa ta’a. Keessumattu, dargaggoota fi fitnaaf ni saaxilaman jedhamanii kanneen yaaddaman jidduutti daran kan dhoowwamu ta’a.

Dubartii nyaaphaa (ajnabiyyah) waliin haasawuudhaan gammachuu barbaaduu, sagalee ishiitti bashannanuu fi ishii ilaalu dhoowwan keeyyanni shari’aa baay’een dhufanii jiru. Kuni gosa zinaa irraa akka ta’etti lakkaawama.

Abu Hureeyran akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti, Rabbiin ilma Aadam irratti zinaa irraa qooda isaa barreessee (murteessee) jira. Kuni shakkii hin qabu ni dhaqqaba. Zinaan ijaa ilaaludha, zinaan arrabaa dubbachuudha. Nafseen immoo ni hawwiti, ni feeti. Qaamni saalaa kana hundaa ni mirkaneessa yookiin ni dida.” Al-Bukhaari (6243), Muslim (2657) gabaasan. Akkasumas, Ahmad (27430), “zinaan gurraa dhagahuudha.” jechuun itti dabale.

Namoota garii sheyxaanni isaan qoruun hanga tokkoon isaanii kan biraatiif uffata ofirraa baasu gahuutti dhimmichi deemu kan danda’uudha. (Suuraa qullaa wal jijjiruu fi wanta fokkuu biroo raawwatu)

Shakkii hin qabu, sheyxaanni waxmadii baay’ee namoonni badii, fedhii duwwaa fi qormaata cimaa keessatti ittiin kufan qaba. Dhugumatti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhanii jiru: “Na booda dubartii caalaa fitnaa dhiira irratti miidhaa fidu namoota keessatti hin dhiisne.” al-Bukhaari (5096) fi Muslim (2741) gabaasan
(Wanti asitti dagatamu hin qabne, dubartiin badduu akka taate ibsuuf osoo hin ta’in fitnaan (qormaanni) gara dubartitiin dhiira irra gahuu guddaa fi cimaa akka ta’e ibsuufi. Eeti, Ergamaan Rabbii (SAW) dhuguma jedhan. Namoota meeqatu sababa dubartiitiin wal ajjeese ykn of ajjeesse. Yookiin ishii ajjeese yookiin immoo ishiin isa ajjeeste. Dhiira meeqatu sababa ishiitin dhiphinna hangana hin jedhamne keessa jiraataa? Dargaggeessi yommuu dubartoota qullaa yaa’an argu hangam akka qoramuu fi keessi isaa gubatu Rabbuma beeka. Kanaafu, dubbiin Ergamaan Rabbii (SAW) dhugaa irraa kan fagaatee ree?)

Rabbiin qulqullaa’an olta’ee Qur’aana keessatti ni jedha:

7:27
Yaa ilmaan Aadam! Akka abbaa fi haadha keessan qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf uffata isaanii isaan irraa mulquun Jannata keessaa isaan baasetti sheyxaanni akka isin hin qorre (hin mokkorre). Dhugumatti inni fi gosti isaa iddoo isin isaan hin argine irraa isin argu. Nuti, isaan hin amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.” Suuratu Al-A’araaf 7:27

Sheykul Islaam ibn Taymiyyah (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:
Rabbiin ilmaan Aadam, akkuma abbaa fi haati isaanii qoramanitti qormaata sheyxaanatiin akka hin qoramne ni dhoowwe. Kuni kan ta’e, wanta Rabbiin itti ajajee fi irraa dhoowwe faallessuun Rabbiin diduu fi sheyxaanaf tolee jechuudha.
Inni akkuma haadha fi abbaa isaanii irraa uffata isaanii irraa baase, qaama saalaa isaanii itti agarsiisuuf sanyii isaanii irraayyis uffata taqwaa fi uffata qaamaa baasu danda’a.” al-Istiqaamah (2/170)

Gabaabumatti, dhiirri tokko dubartii ajnabiyyaa karaa sab-qunnamtitiin daawwattoota fi hirmaatota biraa irraa fagaachun gola haasawaa sab-qunnantii (chat room)tti waliin haasawuun khalwaa dhowwamee irraayyi miti. Garuu qormaanni cimaa fi badiin guddaan keessa jiraachu waan danda’uuf ajnabiyyaa waliin karaa sab-qunnamtitiin waliin haasawuun ni dhoowwama.

Kanaafu, fooyya’insa amantii kan akka Aalimman gaafi gaafachuu yookiin fooyya’insa addunyaa seera qabeessa ta’eef yoo wal qunnaman malee, dhiirri Musliimaa fi dubartiin Musliimaa qunnamtii akkanaa irraa fagaachun isaan irra jira. Yoo faayda amantii ykn addunyaa argachuuf wal-qunnaman, waliin haasawuun osoo hin bal’isinii fi mata dureen ala hin bahin hanga haajatiin qofa ta’uu qaba.

Qaphxiilee Ijoo
¶ Dhiirri tokko dubartii fuudhu danda’u (ajnabiyyah) takka waliin kophaa ta’uun khalwaa jedhama. Gochii kuni badii fi wanta fokkutti waan nama geessuf dhoowwamaa (haraama).
¶ Dhiirri tokko dubartii ajnabiyyah takka waliin kophaa hin ta’u sadaffaan sheyxaana baditti isaan kakaasu yoo jiraate malee.
¶ Dubartii waliin kophaa ta’anii ergasii zinatti kufuun badii fi salphinni nama haguugu hangam ta’uu danda’aa? Kanaafu, dubartii ajnabiyyah waliin kophaa ta’uu irraa dheessun nageenya fi tasgabbii namaaf kennaa mitiree?
¶ Karaa sab-qunnamtiin dubartii ajnabiyyah waliin haasawun, faaydan Aakhiraa ykn addunyaa yoo keessa hin jiraatin, gara badii guddaa hin yaaddamnetti nama geessa.
¶ Akka qawaa’idul fiqhiyyah (bu’uura fiqhiitti) wanti gara haraamatti nama geessu haraama. Fakkeenyaf, zinaan haraama. Haaluma kanaan wanti gara zinatti nama geessu kan akka dubartii waliin kophaa ta’uu, ilaalu fi kkf haraama.
¶ Dhiirri fi dubartiin Muslimaa kan nyaapha walii ta’an karaa sab-qunnamtiin wal qunnamu irraa fagaachu qabu. Faaydan Aakhiraa kan akka aalimman gaafi gaafachu, gorsa fi kkf nif ykn faaydaa addunyaa garmalee barbaachisa ta’eef yoo ta’e malee akkuma argan sab-qunnantiin waliin haasawu irraa of haa quusatan.
¶ Dargaggeessa fi shamarree meeqatu karaa sab-qunnamtiin waliin haasawa turanii ergasii dhumti isaanii addaan diigamu, dhiiga walii dhangalaasu, zinatti kufuu fi badii adda addaatif saaxilamuu ta’e.
✓Kanaafu, namni qaruuxen wanta gara baditti nama geessu hubachuun yeroon irraa fagaata. Yoo dogongaraan itti lixes dafee keessaa baha.

Madda:
Arabic:https://islamqa.info/ar/277583
English: https://islamqa.info/en/277583
Supervisor: Shekh Muhammad Salih Munajjid

Print Friendly, PDF & Email
Zinaa Irraa Akkamitti Of eegan?-Kutaa 1
Ibidda Fedhii irratti Obsuuf

Leave a Reply