Hundee Iimaanaa 2ffaa-Malaaykotatti Amanuu

Offline dubbisuf

Al-Imaanu bil Malaa’ikati (Malaaykotatti Amanuu)
Maqaa Rabbii akkaan mararfataa, akkaan rahmata godhaa ta’een jalqaba. Waa’ee iimaanaa fi hundeewwan isaa ilaalchise kutaalee darban keessatti ilaaluuf carraaqne jirra. Yaadachiisaaf iimaana jechuun qalbiin dhugaan amanuu, ergasii arrabaan dubbachuu fi qaaman hojii hojjachuun wanta qalbii keessa jiru dhugoomsudha. Iimaanni hundeewwan (harkaana) jaha akka qabu ilaalle jirra. Isaan keessaa tokkoffaa ilaalle turre. Innis, al-iimaanu billah (Rabbitti amanuu). Itti fufuun har’a immoo kan ilaallu rukni (hundee) iimaanaa lammaffaati. Innis, Al-Imaanu bil Malaa’ikati (Malaaykotatti Amanuu).

Malaaykonni uumamtoota geeybii irraa ta’anii fi Rabbiin yeroo hundaa gabbaraniidha. Malaykoonni ija keenya irraa dhokatoo kan ta’anii fi samii keessa kan jiraataniidha. Isaan amala gooftummaa fi gabbarummaa hin qaban. Kana jechuun, Gooftaa waa hundaa uumuu fi Ilaah (gabbaramaa) ta’uu hin danda’an. Rabbiin nuura (ifa) irraa isaan uume. Dandeetti ajaja Isaatiif masakamuu fi hojii irra oolchu kenneef. Wanta Rabbiin itti ajaje hunda ni hojjatu, hojii irra ni oolchu. Isa gonkumaa hin faallessan. Rabbiin ni jedha:
21:19
Samii fi dachii keessa kan jiru hundi kan Isaati. Kanneen Isa bira jiran (Malaykoonni) Isa gabbaruu irraa hin boonan, hin hifataniis.

21:20
Halkanii guyyaas [Rabbiin] qulqulleessu, hin boqataniis.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:19-20

Malaykootatti amanuun hundee imaana keessaa tokkoodha. Malaaykotatti amanuu jechuun isaan jiraachu, hojii isaan hojjatanii fi amaloota isaanii dhugoomsu fi shakkii tokko malee itti amanuudha. ‘Namni malaaykonni hin jiran’ jechuun morme, kaafira ta’a. Rabbiin akkana jedhee waan jiruuf:

Namni Rabbitti, Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo jallatee jira.” Suuratu An-Nisaa 4:136

Waa’ee Malaykoota beeksisuu fi Isaanitti amanuu keessa ogummaa (hikmaa) jiru
Rabbiin hikmaa (ogummaa) Isaatiin ilmaan namaatif Ergamtoota (Rusuloota) sanyii isaanii irraa ta’an addunyaa fi Aakhiraan isaanii akka toltuuf erge. Ergamtoota ilma namaa irraa ta’anii fi Rabbiin jidduu Malaykoota ergaa geessan godhe. Malaykoonni kunniin Ergaa, seeraa fi danbii itti bulmaata hunda Rabbiin irraa fuudhun gara Ergamtootaatti geessu. Ergamtoonnis ergaa kana ilma namaatti geessu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:
16:2
“’Ana malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree akeekachiisaa, kanaafu anuma sodaadhaa.'[jechuun] Malaykoota wahyiidhaan ajaja Isaatiin gabroottan Isaa keessaa nama fedhe irratti buusa.” Suuratu An-Nahl 16:2

Kana jechuun ergaa fi beeksisa gara Ergamtootaatti akka geessan Rabbiin malaaykota ni erga. Hundee fi handhuurri ergaa “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan kan gabbaramu hin jiru)” kan jedhuudha.

Kanaafu, namni tokko Malaykootatti yoo hin amaniin, “ergaa Rabbiin irraa fuudhun gara Ergamtootaa kan geessu hin jiru” jechuun mormaa jiraa jechuudha. Kuni immoo Rabbitti kafaruudha. Sababni isaas, ergaa kan geessu yoo hin jiraatin ergaan hin jiru jechuudha. Kuni karaa biraatiin Rabbiin ergaa homaatu ilma namaatti hin buusne jechuun mormuu fi kijibsiisudha.

Malaaykootatti amanuun wantoota afur of keessaa qaba. Isaanis:
1ffaa: Malaaykonni jiraachutti amanuu
2ffaa: Maqaa isaanii kan beeknu kan akka Jibriili fi maqaa isaanii kan hin beekne guutumatti itti amanuu. Malaykootatti amanuu jechuun akka Gooftaa gabbaramuutti isaan ilaalu fi gabbaruu osoo hin ta’in, jiraachu, malaaykootaa fi gabroottan Rabbii ta’uu isaanitti amanuudha. Akka kiristaanotaa ykn namoota biroo “Yaa Qiddus Gabra’eel (Jibriil) na gargaari, Qiddus Gabra’el yifawwusih (si haa fayyisu)…” jechuun gonkuma malaykoota hin gabbarruu (hin waaqefannu). Gabra’eel, yoo Rabbiin isa hin ajajiin, eessaa dhufee isaan gargaaraa ykn fayyisaa? Rabbii tokkicha kadhatuu dhiisanii maaliif malaaykaa waa’ee isaanii quba hin qabne kadhatuu?

3ffaa: Sifaata (amaloota) isaanii irraa waan beeknutti amanuu. Amala akka Jibriil. Ergamaan Rabbii (SAW) amala ykn uumama Jibriil irratti uumame akka argan nutti beeksisu. Koola dhibba jaha bahaa fi dhiha dhokse qaba.

Malaaykaan ajaja Rabbiitiin gara boca dhiiraatti jijjiramuu danda’a. Akkuma Jibriil yeroo Rabbiin gara Mariyam ergu gara dhiira wal-qixxaa’a fi guutu ta’etti jijjirame. Akkasumas, yeroo gara Ergamaan Rabbii (SAW) sahaabota isaanii waliin osoo ta’anuu itti dhufe, namtichi uffata adii qulqulluu uffate, rifeensi isaa garmalee gurraacha ta’ee isaan fuunduratti mul’ate. Mallattoon imalaa isarraa hin mul’atu, sahaaboota keessaa eenyullee isa hin beeku. Dhumarratti, Ergamaa Rabbii (SAW) waliin jilbifate taa’e. Ganaa isaa sarbaa irra gochuun waa’ee Islaama, iimaanaa, ihsaanaa fi Guyyaa Qiyaamaa gaafate. Xumura irratti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedha: “Inni Jibriili. Amantii keessan isin barsiisuuf kan dhufeedha.” Sahih Muslim 8 a
Haaluma kanaan, malaaykoonni Rabbiin gara Nabii Ibraahiimi fi Luux erge suuraa dhiirotaatiin itti dhufan.

4ffaa: Hojiwwan isaanii keessaa hojiiwwan nuti beeknu kan ajaja Rabbiitin malaykoonni hojjatanitti amanuu. Kan akka halkanii guyyaa Rabbiin faarsu, hifannaa fi boqonnaa malee Isa gabbaruu fi kan biroo. Isaan keessaa malaykoonni gariin hojii addaa qabaachu danda’u. Fakkeenyaf,

Jibriil wahyii irratti kan amiina ta’e (wahyii akka geessu amaanan kan itti kenname)- ergaa Rabbiin irraa fuudhun gara Ergamtoota Isaatti osoo homaa itti hin dabaliinii ykn hin hir’isin akkuma jirutti geessa.
Miikaa’iil- ajaja Rabbitiin rooba roobsu fi biqiltoota biqilchuu irratti kan bakka buufame (wakkalame).
Israafil– yeroo Qiyaaman dhaabattuu fi namoonni awwaalcha keessa ka’an, xuruumba akka afuufu kan bakka buufame.
Malakal Mawt– yeroo du’aa ruuhi baasu ykn qabuu irratti kan bakka buufame
Maalik– waardiya ibidda Jahannam kan ta’eedha.
Malaykoota hojii ilmaan Aadam eegu fi barreessu irratti bakka buufaman. Nama hundaaf malaykoota lamatu jira. Tokko gara mirgaatin, kan biraa immoo gara bitaatin.

Malaykoota nama du’e yommuu qabrii keessaa kaa’amu gaafi isa gaafachuu irratti bakka buufaman. Malaykoonni lama dhufanii waa’ee Rabbii isaa, amantii fi Nabiyyii isaa gaafatu.

Haqiiqaa fi Sifaata (Amaloota) Malaaykotaa
Ergamaa Rabbii (SAW) irraa wanta nutti dhufee malee haqiiqaa (akkaataa dhugaa) malaaykotaa beeku hin dandeenyu. Sababni isaas, malaaykonni addunyaa geeybi (ijaan hin mul’anne) keessaa waan ta’aniif miirota keenyan isaan dhaqqabu hin dandeenyu. Kanaafu, amantii keenyaf wanta Qur’aanaa fi hadiisa sahiih ta’an keessatti dhufe irratti of daangeessuun nu gaha. Sifaata (amaloota) malaaykota Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufan keessaa muraasni isaanii kanneen armaan gaditi:

1-Malaykoonni nuur (ifa) irraa kanneen uumamaniidha. Aa’ishaan akka gabaastetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Malaaykonni ifa irraa uumaman, Jinnooni laboobaa ibiddaa aara hin qabne irraa uumaman, Aadam immoo [Qur’aana keessatti] wanta isiniif ibsame irraa uumame.Sahih Muslim 2996

2-Malaykoonni nu waliin ta’uu danda’u garuu isaan hin agarru. Yeroo tokko tokko Malaaykaan Jibriil ergaa Rabbiin irraa fuudhe gara Ergamaa Rabbitti yommuu fidu namoonni Ergamaa Rabbii (SAW) waliin taa’an hin argan. Aa’ishaa irraa akka gabaafametti, ishiin (Aa’ishaan) akkana jette, “Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, “Kuni Jibriili, salaama sirratti qara’a (nageenya si gaafata), Anis ni jedhe, “Isarrattis nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu.” Aa’ishaan itti dabaluun akkana jette, “Wanta nuti hin argine Ergamaan Rabbii (SAW) ni argu.” Sahih al-Bukhari 6201

3-Malaaykonni wanta tokko fakkaachu fi boca namaatti jijjiramuu irratti Rabbiin dandeetti kenneefi jira. Akkuma irrannatti jenne, Malaykaan Jibriil dhiira bareedaa fi guutuu fakkaachun gara Mariyam dhufe. Akkasumas, uffata adii uffachuu fi rifeensi isaa gurraacha mallattoon imalaa kan irratti hin mul’anne ta’ee gara Ergamaa Rabbii (SAW) fi sahaaboota isaa dhufe.

4-Sifaata (amaloota) isaanii keessaa kan biroo dandeetti guddaa fi raajii ta’e qabu- Qur’aanaa fi hadiisa keessatti Rabbiin malaaykotaaf dandeetti ajaa’ibaa akka kenneef mirkanaa’e jira.

Isaan keessaa lakkoofsan xiqqaa haa ta’anii malee Arshii guddaa samii nu olii caalu baadhatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
69:16
Samiinis ni baqaqxi, kanaafu, ishiin Guyyaa san laaftudha.
69:17
Malaykoonnis daangawwan ishii irratti ta’u. Arshii Gooftaa keetii Guyyaa san [malaaykota] saddeetu gubbaa isaaniitti baadhata.” Suuratu Al-Haaqqah 69:16-17

Ammas, isaan keessaa malaayka xuruumba afuufun wantoonni dachii fi samii keessa jiran itti dhumantu jira. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:
39:68
Xurumbaan ni afuufama. Warrii samii keessaatii fi warri dachii keessa jiran hunduu ni dhumu, nama Rabbiin fedhe malee. Ergasii yeroo biraas ni afuufama. Yeroma san isaan dhaabbatanii kan ilaalan ta’u.” (suuratu az-Zumar 39:68)

5-Sifaata (amaloota) malaykoota keessaa kan biraa malaaykonni kan wal hin fuunee fi wal hin horreedha. Garuu gabroottan Rabbiiti. Kana jechuun wal-hormaataf qunnamtii tokko osoo hin godhin warra Rabbiin uumedha. Dhugumatti, Rabbiin kaafiroota malaaykoota dubartii godhan balaleefatee jira. Dubbii kijibaa kanaaf Guyyaa Qiyaamaa akka gaafataman waadaa galeefi jira. Rabbiin subhaanahu akkana jedha:
43:19
“Malaykoota gabroota Ar-Rahmaan ta’an dubara taasisan. Sila yeroo isaan uumaman bira jiran moo? Ragaan isaanii ni galmaa’a, isaan ni gaafatamus.” Suuratu Az-Zukruuf 43:19

Qabxiilee ijoo Barruu tanaa:
♦Malaykoonni uumamtoota ija keenyatti hin mul’annee fi kan Rabbiin nuura (ifa) irraa isaan uumedha.
♣Malaaykonni gabroottan Rabbii kabajamoo fi badii irraa qulqulluu kannneen ta’aniidha. Yeroo hundaa Rabbiin gabbaruu fi Isa faarsu. Hojii kana irraa gonkumaa hin dadhaban, hin hifatan. Uumamni isaanii Rabbiin gabbaruu fi Isaaf ajajamuu qofa waan ta’eef. Isaan amala Rabbiin faallessuu fi badii hojjachuu hin qaban.
Malaaykotatti amanuu jechuun jiraachuu isaanitti, hojii isaanitiitti fi amaloota isaanitti amanuudha.
♦Malaaykotatti amanuun hundeewwan (harkaana) iimaanaa keessaa tokko yommuu ta’u namni malaaykotatti kafaree, Islaama keessaa baha.
♠Malaaykoonni kanneen wal fuudhanii fi wal horan osoo hin ta’in uumamtoota Rabbiin uumedha.
♦Malaaykonni amala gooftummaas ta’i amala gabbarummaa hin qaban. Kana jechuun isaan gooftaa waa hundaa uumee fi kanneen gabbaraman ta’uu hin danda’an. Hundema wanti uumame Gooftaa gabbaramuu ta’uu danda’aa?
♦Kanarraa ka’uun, warroonni malaaykoota akka Jibriil (Gabra’eel) fi Mikaa’elin gargaarsaf kadhatan, dogongora guddaa keessa akka jiran hubachuun ni danda’ama. Sababni isaas, gargaarsa kan kadhatan, kadhaa san kan dhagayuu fi wanta kadhatame hojjachuu irratti dandeetti kan qabu ta’uu qaba. Gabraa’elii fi Mikaa’el immoo kadhaa namoota kanaa quba hin qaban.
♦Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa akkana jechuun malaaykota gaafata:
Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee, ergasii malaaykotaan, “Sila isaan kun isin gabbaraa (waaqefataa) turanii?” jedhu, [dubbadhu].
Malaaykonnis ni jedhu: “Ati Qulqulloofte! Gargaaraan keenya isaan osoo hin ta’in Sima qofa. Lakki, isaan Jinnii gabbaraa (waaqefataa) turan. Irra hedduun isaanii isaanitti amanu.” Suuratu Saba 34:40-41

Kitaabban wabii:
Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 257 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
Arabic: Sharih Usuuli salaasa Fuula 90-92 Ibn Useymiin
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 235-239

Firii Malaaykotatti Amanuu
Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.