Xahaaraa fi salaata nama rakkoo fincaanii fi dhiigaa qabuu

Offline dubbisuf

Gaafii: Coccobni fincaanii akka narraa bahuu natti dhagahama. Waa’ee salaataa ilaalchisee nan gaafadhe. “Waqtii salaata hundaaf wudu’adhuu hanga feete salaati. Waqtiin salaataa biraa yoo seene wudu’aa haarawa wudu’adhu” jedhame. Gaafin kiyya kana: Waqtiin salaataa seenun dura wudu’achuun naaf hayyamama? Fakkeenyaf Masjiida keessatti salaata jama’aa dhaqqabachuuf. Yeroo manaa bahe iddoo jireenyaa irraa fagoo ta’u, wudu’a salaata waqtiin isaa gaheen salaatu nan danda’aa? Yoo suni hin hayyamamiin, uffata jalaa qulqulleessuu fi wudu’a godhee salaatuf maal gochuu qabaa? Wudu’a tokkoon salaata dheeraa kan akka Ishaa’i ergasii taraawii salaatu nan danda’a? Jazakumullahu kheyran…

Jechoota Ijoo (Key Words): Istihaada– dhiiga heeydi (laguu) kan hin taane fi sababa dhibeetin ykn wanta biraatin dubartii keessaa kan dhangala’uudha. Jam’i- salaata lamaan waqtii tokko keessatti walitti fidanii salaatu.

Deebiwwan:
Alhamdulillah

1 – Nama wanti najisa ta’e qaama isaa keessaa yeroo hundaa bahuu fi itti fufaa ta’e, kan akka nama fincaan irraa coccobuu fi qilleensi gara taa’atiin (dhuufun) yeroo hundaa irraa bahu ta’e, waqtii salaataa hundaaf ni wudu’ata. Wudu’a isaa kanaan hanga waqtiin salaataa biraa seenu hanga fedhee salaata fardii fi sunnaa ni salaata.

Sababni isaas, Sahiih al-Bukhaari fi Muslim keessatti Aa’ishaan Ergamaa Rabbii (SAW) irraa akkana jechuun waan gabaaftefi: Faaximah bint Abi Hubeysh gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufuun akkana jette, “Ani dubartii istihaadan (dhiiga laguu hin taanen) rakkachaa jiruudha. Gonkumaa kanarraa qulqullaa’u hin dandeenye. Salaata haa dhiisu sila?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Lakki, hin dhiisin. Suni dhiiga hidda keessaa yaa’udha, dhiiga heeydi miti. Yommuu heeydin kee dhufu salaata dhiisi. Yommuu yeroon heeydi dhumu immoo dhiiga ofirraa dhiqii salaata salaati. Ergasii hanga yeroon sun (yeroon heeydi) dhufutti salaata hundaaf wudu’adhu salaati. “  Sahih al-Bukhari 228

Aalimman biratti murtiin nama fincaan isaa too’achuu hin dandeenye akka murtii dubartii dhiiga heydii hin taanen (istihaadan) rakkattuun wal fakkaata.

Garuu fincaan waqtiin salaataa osoo hin tariin isarraa kan citu yoo ta’ee fi waqtiin suni of qulqulleessu fi salaatuf isa kan gahu yoo ta’e, salaata hanga sanii tursiisu qaba. (Fakkeenyaf, salaata Asrii keessa fincaan isarraa kan cocobuu yoo ta’e, hanga fincaan isarraa dhaabbatu salaata tursiisu danda’a. Garuu hanga aduun seentu qofa tursiisu danda’a.)

Sheykh Ibn Useeymiin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:

Namni fincaan isarra coccobuu haala lama qaba. Isaaniis:
1ffaa– Yeroo hundaa coccobuu kan itti fufuu fi hin dhaabbanne, xiqqoma qaraxiixi fincaanii keessatti yommuu walitti qabamu kan bahu yoo ta’e, namni kuni yeroo waqtiin salaataa seene ni wudu’ata, wayiin qaama saalaa isaa ni haguuga. Ergasii ni salaata, wanti bahu homaa isa hin miidhu. (Kana jechuun fincaan yommuu bahu gara uffata ykn gara qaama biraatti akka hin facaane qaama saalaa isaa wayiin haguuga ykn jabeessa. Ergasii wudu’ate salaata. yommuu salaatu wanti qaama keessaa bahee haguuggi san irra bu’u homaa isa hin godhu.)

2ffaa-  Erga fincaa’e booda daqiiqa kudhaniif ykn daqiiqa kudha shaniif  fincaan coccobuu kan dhaabbatu yoo ta’e, namni kuni hanga coccobni fincaani dhaabbatu ni eega. Ergasii wudu’ate salaata, osoo salaanni jama’aa isa darbeeyyu.” (As’ilatul baabil maftuuh gaafi 17, lakk.67)

Hayyoonni (Aalimonni) xaaharaa dubartii istihaadan rakkattuu fi namoota akka ishii ilaalchise wal dhabbii yaadaa (kilaaafa) qabu- yeroo waqtiin salaataa xumuramu ykn waqtiin salaata itti aanu jalqabu xahaaraan ykn wudu’unni ni badaa? Fakkeenyaf, dubartiin salaata fajriif wudu’a godhatte, wudu’a kanaan salaata Duhaa ykn salaataa iidaa salaatu dandeessi moo hin dandeessu?

Waqtiin fajrii bahuun (xumuramuun), wudu’uni ishii ni bada warri jedhan, sanarraa ishii ni dhoowwu. Sababni isaas, aduun waan baatef xahaaran ishii dhumatee jira jedhu.

Waqtiin itti aanu seenun (jalqabamuun) wudu’unni ishii ni bada warri jedhan, wudu’a fajriitiin salaata Duhaa fi iidaa akka salaattu ni hayyamuuf. Sababni isaas, hanga waqtiin salaata zuhrii gahuu wudu’unni ishii kan turuudha jedhu. “ Ilaalchi armaan olii mazhaba Imaamu Ahmadi fi kan birooti (al-Insaaf, 1/378; al-Mawsuu’ah al-Fiqhiyyah, 3/212) 

Karaan nagahaa salaata Duhaa fi iidaaf wudu’a haarawa wudu’achutu ishiif wayya. Haala kanaan sheykh ibn Useeymiin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) fatwaa kenne.

2 Wanta armaan olii irratti hundaa’e waqtiin seenun (gahuun) dura salaataf wudu’achuun siif hin ta’u. Sababni isaas, wudu’uni kee yommuu waqtiin haarofti seenu ni bada.

Garuu tuqaan asitti kaasu barbaannu, hukmiin (murtiin) armaan olii kuni nama najaasan qaamaa saalaa keessaa bahuu itti fufaa ta’eefi. Haa ta’uu malee, namni fincaan irraa coccobuu wudu’ate ergasii hanga waqtiin salaataa itti aanu homtu kan isa keessaa hin baane yoo ta’e, wudu’a gochuun isa hin barbaachisu. Wudu’unni jalqabaa guutudha.

Dubbiin aalimmanii “Salaata hundaaf haa wudu’atu” kan jedhu, yoo waa isa keessaa bahaniif ta’a. (Gara taa’a fi qaama saalaatiin homaa yoo isa/ishii keessaa hin bahin lamuu wudu’achuun isa/ishii hin barbaachisu.)

Rawdal Murabbi (fuula 57) keessatti Al-Bahuuti akkana jedha:

Dubartiin istihaadan rakkattuu fi namoonni fincaan coccobuun rakkatan ykn dhangala’oon qaqal’an yeroo waa’ee fedhii saalaa yaadan nama keessaa yaa’u ykn qilleensa gara taa’atiin bahuun rakkatan, yoo waa isaan irraa bahan, waqtiin salaata hundaa yommuu gahu wudu’a gochuu qabu. Hanga yeroon suni turutti salaata fardii fi naafilaa (sunnaah) salaatu danda’u. Yoo homaa hin bahin, wudu’a gochuun isaan irra hin jiru.”

Sheyku Ibn Useymiin akkana jedha: “Dubartii istihaada qabduuf yoo waa ishii irraa bahan, salaata hundaaf wudu’achuun ishii irra jira. Yoo homaa ishii irraa hin bahin wudu’a jalqabaa irra turti.” Al-Sharh al-Mumti’, 1/438. 

3- Yoo mana irraa fagaattee fi waqtiin seenun wudu’unni kee yoo bade, ergasii salaata salaatu yoo barbaadde, qaama saalaa erga dhiqxee fi akka fincaan gara biraatti hin facaane hanga danda’ameen wayiin erga jabeessite booda wudu’atte salaatu dandeessa.

Uffata jalaa (paanti) dhiiqun ykn miicun qulqulleessu dandeessa. Uffata qulqulluu of waliin baadhattee deemtuun osoo salaataf adda baaste, silaa suni siif irra salphaadha. Garuu uffata kee dhiquun yookiin jijjirachuun garmalee kan sitti ulfaatu yoo ta’e, haaluma irra jirtuun salaati.

Sheykh ibn Baaz (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:
Namni dhukkubsatan coccobuu fincaanii isa qunnamee fi wal’aansan hin fayyine, salaata hundaaf yommuu waqtiin seenu wudu’achuu qaba. Wanta qaama isaa tuqe ni dhiqa. Yoo isarratti garmalee hin ulfaatin uffata qulqulluu biraa salaataf adda haa godhu. Yoo san gochuu dadhabe, irra darbamaaf. Sababni isaas, Rabbiin akkana waan jedheef: “Rabbiin laafinna isiniif fedha, isin irratti ulfaatinna hin fedhu.” (suuratu al-baqarah 2:185). Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jedhan: Ajaja wayii yommuu isin ajaju, isa irraa hanga dandeessan hojjadhaa.” Garuu qaama isaa irra yookiin uffata isaa irra yookiin iddoo itti salaatutti fincaan akka hin babal’anne (hin facaane) of eeggannoo gochuun isarra jira.” Fataawa Islamiyyah, 1/192 

Salaata hundaaf wudu’a gochuu fi uffata miicun yoo sitti ulfaate, salaata zuhrii fi Asrii walitti fiduun bakka tokkotti salaatu ni dandeessa. Wudu’a tokkoon waqtii isaan lamaanii keessaa waqtii tokko keessatti salaatu dandeessa. Haaluma kanaan salaata maghribaa fi ishaa’i walitti fidu (jam’i gochuu) dandeessa. ( Yommuu salaata waqtii tokko keessatti walitti fiddee salaattu, salaata hundaa raka’aa isaa guutte salaatta. Fkn, salaata zuhrii fi Asri bakka tokkotti yommuu salaattu, lamaan isaanitu afur afur salaatta. Lamaan isaaniif ni iqaamta. Salaata zuhrii iqaamte raka’a 4 erga salaatte booda, Asriis iqaamte raka’a 4 salaatta.)

Sheykul Islaam ibn Taymiyyah Majmuu’al Fataawa (24/14) keessatti akkana jedhe:
Namoonni dhukkubsatan yookiin dubartoonni istihaadan rakkatan salaata jam’i gochuu danda’u.

Sheyk ibn Useeymiin al-Sharh al-Mumti’, 4/559 keessatti akkana jedha:

“Dubartii istihaada qabduuf salaata zuhrii fi Asrii, salaata maghriibaa fi ishaa’i walitti fiddee (jam’i gootee) salaatu dandeessi. Salaata hundaaf wudu’a gochuun waan ishii irratti ulfaatuf.”

4– Wudu’a ishaa’itiin salaata taraawi salaatu dandeessa, osoo salaanni taraawi hanga halkan qixxee booda tureeyyu. Sheykh ibn Useymiin akkana jedhamuun gaafatame:

Dubartiin istihaada qabdu wudu’a ishaa’itiin qiyaamu layl salaatu dandeessi, salaanni kuni halkan qixxee kan xumuramu yoo ta’e?”

Innis akkana jechuun deebise: “Gaafin kuni gaafi kilaafa (wal dhabbii) qabuudha. Aalimman gariin yoo halkan qixxeen dhume wudu’a haaromsuun ishii irra jira jedhu. Gariin immoo wudu’a haaromsuun ishii irra hin jiru jedhan. Kuni ilaalcha sirrii ta’eedha.”  Fataawa al-xahaarah, fuula 286
Rabbiin hundarra beeka

Guduunfaa
✍Istihaada jechuun dhiiga heeydi (laguu) irra adda ta’ee fi kan sababa dhibeetin ykn wanta biraatin dubartii keessaa yeroo baay’eef dhangala’uudha.
✍Sababa dhibeetin namni tokko fincaan isaa qabachuu dadhabuun yeroo hundaa isa keessaa coccobuu danda’a.
✍Murtiin dubartii istihaada qabduu fi nama fincaan keessaa coccobuu wal fakkaata.
✍Dhiigni ykn fincaan ishii/isa keessaa coccobuu kan itti fufu yoo ta’e, salaata hundaaf wudu’a godha/gooti. Akka fincaan ykn dhiigni hin facaanef qaama saalaa isaa/ishii wayiin ni haguugdi ykn jabeessiti.
✍Erga fincaa’e booda daqiiqa kudhaniif ykn daqiiqaa kudha shaniif fincaan coccobuu kan dhaabbatu yoo ta’e, namni kuni hanga coccobni fincaanii dhaabbatu ni eega. Ergasii wudu’ate salaata.
✍Yoo hin coccobinii fi homtu gara taa’atii fi qaama saalatin yoo hin bahin, wudu’a lamuu gochuun hin barbaachisu. Wudu’a jalqabaatin salaata itti aanu salaatu danda’a/dandeessi.
✍Namni tokko mana irraa fagaate osoo jiruu wanti akkanaa isa yoo qunname, bakka uffata ykn qaama isaa fincaan tuqe ni dhiqa. Garuu kana irra, uffata qulqulluu of waliin yoo deemen isaaf salphata. Haa ta’u malee, uffata miicun ykn jijjirachuun garmalee yoo itti ulfaate, haaluma irra jiruun salaatu danda’a.
✍Yeroo hundaa dhiigni ykn fincaan dhangala’uun wudu’achuu fi uffata miicuuf kan isa/ishii rakkisu yoo ta’e, salaata Zuhrii fi Asrii, salaata maghriibaa fi ishaa’i walitti fiduun (jam’i gochuun) salaatu danda’a /dandeessi.
✍Jam’i yommuu godhu waqtii lamaan keessaa tokko keessatti raka’aa guute salaata. Fakkeenyaf, salaata Zuhrii fi Asrii walitti fidu (jam’i gochuu) yoo barbaade, waqtii salaata zuhritti ykn waqtii asriitti, raka’a afur afur godhee salaata. Salaata maghribaa fi ishaa’is, waqtii magribaatti ykn waqtii ishaa’itti, magriiba raka’a 3, ishaa’i immoo raka’a 4 godhee salaata. Salaata hundaaf ni iqaama.

Madda: Arabic: https://islamqa.info/ar/39494
English: https://islamqa.info/en/39494
Itti-gaafatamaan fatwaa kanaa Shekh Muhammad Saalih Munajjid
Gara Afaan Oromootti kan hiike www.sammubani.com

Sababoota Gammachuu fi Milkaa'innaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.