Hundee Iimaanaa 3ffaa- Kitaabbanitti Amanuu

Offline dubbisuf

Hundee iimaanaa keessaa sadaffaan kitaabban Rabbiin buusetti amanuudha. Akka lugaatti “Kitaaba” jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha. Akka shari’aatti immoo kitaaba jechuun Kalaama (Jecha) Rabbiin ilma namaatiif rahmataa fi qajeelcha akka ta’uuf Ergamtoota Isaa irratti buusedha. Sababa kitaaba Rabbiin irraa bu’e kanaan ilmaan namaa sa’aada (gammachuu) ganda lamaanii dhandhamu. Osoo Rabbiin kitaabban isaaniif buusu baate, silaa hundii isaanitu dukkana keessatti kufanii hafu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaabban buusun akkamitti dukkana keessaa sababa Ergamtootatiin akka baase akkana jechuun ilma namaatti beeksiisa.

57:9

Inni Kan gabricha Isaa irratti keeyyattoota ifa ba’aa ta’an dukkana keessaa gara ifatti isin baasuuf jecha buusedha. Dhugumatti, Allaah’n isiniif mararfataa, rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:9

Isiniif mararfachuu fi rahmata Isaatirraa kan ka’e Rabbiin Ergamaa isiniif erge. Ergamaa kanatti keeyyattoota (aayaata) ifa bahan buuse. Kanas kan godheef dukkana wallaalummaa, kufrii, shirkii, fedhii lubbuu hordofuu, yaadaa badaa fi kkf irraa gara ifa iimaanaa, beekumsaa, yaqiinaa akka baataniifi. Kitaabni keeyyattoota baay’ee waan of keessatti qabatuuf ilma namaatiif qajeelfamaa fi ifa jireenyaa ta’aa jechuudha.

Hundeewwan iimaana jahan tokko tokkorraa kan adda bahuu miti. Hundi isaanitu kan wal qabataniidha. Rabbitti amanuun malaykootatti, kitaabbanitti fi hundeewwan iimaana birootti amanutti nama waama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

4:136

“Yaa warra amantan! Rabbitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Ergamaa Isaa irratti buusettii fi kitaaba san dura buusetti amanaa. Namni Rabbitti, Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo jallatee jira.” Suuratu An-Nisaa 4:136

Kitaabban Rabbiin buusetti amanuun wantoota afur of keessaa qaba.[1]

Tokkoffaa: Kitaabban kunniin dhugaan ykn haqaan Rabbiin irraa buufamu isaaniitti amanuu

Lamaffaa: Kitaabban maqaalee isaanii beeknutti amanuu. Isaan keessaa Qur’aana, kan Nabii Muhammad (SAW) irratti buufame, Tawraat kan Nabii Muusaa (AS) irratti buufame, Injiil kan Nabi Iisaa (AS) irratti buufame, fi Zabuur kan Nabii Dawuudif kennametti amanu. Kanneen maqaa isaanii hin beekne immoo walumaagalatti itti amanna. Kana jechuun Rabbiin irraa kan bu’an ta’uu fi ilma namaatiif qajeelchaa fi ifa akka ta’an ni amanna.

Sadaffaa: Odeefannoo osoo hin jijjiraminii fi hin micciramiin haqaan kitaabban kanniin keessatti dhufan dhugoomsu ykn dhugaan itti amanu. Kan akka odeefannoo Qur’aana keessatti dhufanii fi odeefannoo kitaabban duraanii osoo hin jijjiraminii dhufanitti amanu. Kitaabban yeroo ammaa Kiristaanotaa fi Yahudoota harka jiran itti hin amannu. Sababni isaas, kitaabban kunniin jijjiramanii jiru. Kan nuti itti amannu kitaabban yeroo jalqabaa Nabii Muusaa fi Iisaa irratti bu’aniidha.

Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta Qur’aanni of keessaa qabu hundi dhugaa ta’uu isaatti amanu qaba. Rabbiin ni jedha:

41:42

Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42

Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin dhufu.[2] Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi.

Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2

Afraffaa: Seera ykn murtiwwan kitaabban of keessaa qaban kan hin shaaramne irratti hojjachuu, hikmaa (ogummaa) isaa hubannee dhiisne murtiwwan kaniinitti gammaduu fi guutumatti harka kennu- Kitaabban darban hundi Qur’aanan shaaramanii ykn jijjiramanii jiru. Rabbiin ni jedha:

Nuti kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaa fi isa irrattis tiiksaa ta’ee Qur’aana gara keetti haqaan buufneerra.” Suuratu Al-Maa’ida 5:48

…Qur’aana haqaan gara keetti buufneerra” Kana jechuun Qur’aanni Rabbiin irraa bu’uun isaa haqa. Akkasumas, wanti inni of keessaa qabu hundi haqa. “Kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaa…” kana jechuun Qur’aanni odeefannoo kitaabban darban of keessaa qaban ni mirkaneessa, odeefannoon isaanii kan haqa ta’e odeefannoo Qur’aanitiin walitti gala. Akkasumas, kitaabban darban Qur’aanni akka bu’uu beeksisanii turan. Kanaafu, Qur’aanni beeksisa isaanii kana ni dhugoomse ykn ni mirkaneesse jechuudha. “…fi isa irrattis tiiksaa” kana jechuun wanta haqaa fi ilma namaa fayyadan kitaabban darban of keessaa qaban Qur’aannis san caalaa of keessatti dabaluun of keessaa qaba. Kitaabban san keessaa wanta Qur’aanni haqa ta’uu isaa mirkaneesse haqa, wanti kijiba ta’uu mirkaneesse kijiba. Sababni isaas, kitaabban akka Tawraat, Injiil keessatti jijjiraa fi micciruun argamee jira. Kanaafu, wanti Qur’aana dhugaa ta’uu mirkaneesse dhugaadha, wanti sobaa ta’uu mirkaneesse soba.[2]

Hiikni biraa “wa muhayminan aleyh” jedhu “isa irratti kan murteessu” ta’a. Kana jechuun Qur’aanni kitaabban darban irratti ni murteessa, wanta shaaramu qabu ni shaara. Kanaafu, kanarratti hundaa’un murtiwwan kitaabban darbanii irratti hojjachuun hin ta’u kan dhugaa ta’ee fi Qur’aanni mirkaneesse malee.

Haajaa Ilmaan Namaa Kitaabbaniif Qaban [3]

Haajan ilmaan namaa kitaabbanitti qaban haajaa isaan nyaataa fi dhugaatiif qaban caala. Sababni isaas, ruuhin ilma namaa tuni yeroo hundaa tasgabbii fi nageenya barbaaddi. Qaamni immoo sakandi sakandiin nyaata hin barbaadu. Kanaafu, tasgabbii fi nageenya ruuhin barbaaddu kennuufi kan danda’u kitaaba Rabbiin irraa bu’eedha. Mee haajaa namoonni kitaabban Rabbiin irraa bu’aniif qaban muraasa isaanii haa tarreessinu:

1ffaa– Kitaabban Rabbiin irraa gara Ergamaatti bu’e ummata Ergamaa kanaatiif madda irraa baratanii fi haala ofii sirreessan akka ta’uufi. Yeroon hanga fedhe haa darbu, ummanni Ergamaa kanaa hundeewwan amantii, ka’uumsaa fi gahuumsaa isaa murteessuf gara kitaaba Ergamaa irratti bu’eetti deebi’u. Wanta Rabbiin akka hojjatan itti ajaju fi wanta irraa dhoowwu, amala gaggaarii itti kakaasu fi jajjabeessu beekuf gara kitaaba deebi’u. Nama waan gaarii hojjateef mindaa jiruu fi nama waan badaa hojjate adabbii isa eeggatu kitaabban keessatti argatu. Akkasumas, rakkoolee jireenya keessatti nama muudatan füruu fi murtiwwaan adda addaa baasuf gara kitaaba deebi’u. Keessumattu, Ergamaan yeroo fi bakkaan kan isaan irraa fagaatu yoo ta’e gara kitaabaa deebi’un isaan irrati dirqama ta’a.

2ffaa– Kitaabni Rabbiin irraa bu’ee wantoota namoonni irratti wal-dhaban irratti murtii haqaa akka ta’uuf- wantoota namoonni irratti wal dhaban kan murteessu Kitaaba Rabbiiti. Sababni isaas, kitaabni Rabbii jecha (Kalaama) Isaati. Rabbiin immoo Abbaa Murtiiti. Kana ilaalchisee Rabbiin akkana jedha:

“Namoonni amantii tokkicha irra turan. Ergasii, Rabbiin nabiyyoota gammachiiftotaa fi akeekachiiftota taasise erge. Akka inni wanta isaan keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuf isaan waliniis kitaaba dhugaan buuse.” Suuratu Al-Baqarah 2:213 

Rabbiin hundarra beekaa- namoonni yeroo jalqabaa dachii tana irratti wal horan amanti tokko irra turan. Rabbiin qofa gabbaruu fi tokkichoomsu turan. Ergasii, sababa fedhii lubbuu, wallaalummaa, dagachuu fi sheyxaanatiin Rabbiin tokkichoomsu fi Isaaf ajajamuu keessatti gargar ta’an. Gariin Rabbiin qofa gabbaruu itti fufan, gariin immoo Rabbiin gabbaruu dhiisanii taabotaa fi wanta biraa gabbaruu jalqaban. Sababa kanaan Rabbiin nabiyyoota qananii addunyaa fi Aakhiraatiin nama amanee fi hojii gaarii hojjate gammachisan, adabbii nama kafaree fi badii hojjate akeekachiisan isaanitti erge. Ergamtoota hunda waliin kitaaba gara haqaatti nama qajeelchu buuse. Kitaabni kuni wantoota namoonni irratti waldhaban keessatti abbaa murtii akka ta’uuf Rabbiin buuse. Hundee fi damee amantii isaan keessatti waldhaban kitaabni ni murteessa. Haqni fi sobni kam akka ta’e ifa baasa. Kanaafu, faaydan kitaabban Rabbiin irraa bu’anii keessaa tokko wal mormii fi wal-dhabbii namootaa furuufi. Osoo kitaabni bu’uu baate, silaa namni hunduu, “Karaa ani irra jiru qofatu sirriidha. Kan biraa immoo jallataadha.” jechuun dukkana keessa jaanja’a.

3ffaa– Erga Ergamtoonni du’anii booda kitaabni Rabbiin irraa bu’e hundee amantii, seerotaa fi kaayyoo isaa jallinna warra fedhii ofiitiin amantitti taphatan irraa eeguf- Ergamaa boodaa kitaabni ummata isaa keessa jiraachuun akka Ergamaan suni isaan keessa jiraachuti. Sababni isaas, kitaabni kuni wanta Ergamaan ittiin ergame of keessaa kan qabuudha. Ergamtoonni ilma namaa waan ta’aniif duuti nama kamittu dhuftu isaanittis ni dhufti. Garuu hundeen, dameewwani, amalli gaarii fi seeronni amantii isaan itti waamaa turan gonkumaa hin du’an. Osoo kitaabni haala itti fufaan jiraachu baate, silaa akkuma isaan du’aniin amantii san keessatti jijjiramnii fi wal dhabbiin baay’een ni uumama. Namoonni jallattoonni fi fedhii ofii hordofan wanta amanti keessa hin jirre itti dabaluu, irraa haaqu fi Rabbiin irratti kijibuun amantii balleessu. Sababa kanaaf, ilmaan namaatif kitaabni seeraa guutuu fi haqa irratti hundaa’e kan jijjiramu irraa eeggame jiraachu qaba. Kanafi, Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamaa jijjiramuu fi micciiramuu irraa ni eeggama. Akka ilmaan namaa irratti hujjah (ragaa) ta’uuf. Rabbiin ni jedha:

15:9

Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9

Guduunfaa

  • Kitaabban Rabbiin irraa bu’an ilma namaa gara gammachuu, nageenyaa fi milkaa’innaatti qajeelchu.
  • Kitaabbanitti amanuu jechuun haqaan Rabbiin irraa kan bu’an ta’uu amanuu, ergaaleen isaan keessa jiran haqa ta’uu dhugaan itti amanuu fi hojii irra oolchudha. 
  • Qur’aanni kitaabban duraanii waan shaaref, ergaleen isa keessa jiran hundi dhugaa ta’uu itti amanuu fi hojii irra oolchun, nama gammachuu fi milkaa’inna barbaadu irraa ni eeggama.
  • Haajaan dhalli namaa kitaabban Rabbiin buusef qaban haajaa isaan nyaataa fi dhugaatiif qaban caala. Sababni isaas, ruuhin namaa tuni sakandii hunda keessatti tasgabbii fi nageenya barbaaddi. Kana kan argattu immoo kitaaba Rabbiin buuse keessatti.
  • Ergamtoonni erga darbanii booda kitaabban isaan irratti bu’an ummata isaan booda dhufuuf madda qajeelinnaa fi barnootaa ta’aaf.
  • Kitaabni amantiin akka jijjiramne eega. Ergamaa boodaa kitaabni ummata isaa keessa jiraachuun akka Ergamaan suni isaan keessa jiraachuti. Sababa kanaaf, Qur’aanni namoota yeroo Nabii Muhammad (SAW) fi isa booda dhufan irratti hujjah (ragaa) ta’a.
  • Kanaafu, namni tokko guyyaa Qiyaama Nabiyyiin natti hin dhufne jedhee mormuu hin danda’u. Sababni isaas, kitaabni Nabiyyicha irratti buufame isa bira gahee jira.
  • Kitaabni wal dhabbii namoota jidduutti uumamu hiikun daandii sirriitti isaan qajeelcha. 


Kitaabban wabii:
 [1] Sharih Usuuli salaasa Fuula 94-95 Ibn Useymiin
[3]al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 465-468 
[2] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan fuula 257-258 Naasir Sa’dii

Qur'aanatti Amanuu
Firii Malaaykotatti Amanuu
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.