Ibsaa Jireenyaa-Lakk.1

Offline dubbisuf

Barreefamoota gaggabaaboo Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaanun kunoo mata duree “Ibsaa Jireenyaa” jedhu jalatti isaaniif dhiyaate. Barreefamni kuni kan ji’a Gurraandhala (February) 2018 irraa kan fudhatameedha. In sha Allah gara fuunduraattis haaluma kanaan itti fufna. 

“Garuu isaan amananii fi hojii gaggaarii dalagan isaaniif mindaa addaan hin cinnetu jira. ” Suuratu At-Tiin 95:6 Namoonni dhugaan amanuun ergasii hojii gaggaarii hojjatan addunyaa fi aakhiratti mindaan isaanii guddaadha. Addunyaa tana keessatti sakiinaa (tasgabbii) qalbii argatu. Aakhiratti immoo qananii Jannataa addaan hin cinnetu isaaniif jira

Girdoon (maggaarajaan) Nifaaqaa yommuu Saaqamu-Lakk.1

Nifaaqa jechuun kufrii fi waan badaa of keessatti dhoksuun Islaama fi waan gaarii ifatti mul’isuudha. Namni wanta akkanaa hojjatu munaafiqa jedhama. Nifaaqni dhibee garmalee badaa nama miidhu fi adabbii hamatti nama geessudha. Adabbiin munaafiqa darkul asfal (sadarkaa ibidda Jahannam keessaa isa jalaatti seena). Kanaafu, kana yommuu ilaalan nifaaqni garmalee nama sodaachisu kan qabuudha. Kanaafi, sahaabonni garmalee nifaaqa sodaatu. Umar (Rabbiin isarraa haa jaallatu), “Rasuulli galmee munaafiqota keessatti way maqaa kiyya eeranii (kaasanii)?” jechuun Huzeeyfa gaafataa ture. Kuni hangam nifaaqni badaa akka ta’e agarsiisa. Nutis dhibeen kuni maal akka ta’ee fi namni dhibee kanaan qabame maal akka fakkaatu dabare dabareen ilaaluf ni yaalla. Tarii namni dhibee kana ofirratti hin beeku. Mallatoolee fi miidhaa dhibee kanaa beeksisuun, dhibee kanarraa akka baraaraman sababa ta’uufi danda’a. Gara nifaaqatti seenun dura ramaddii namootaa Islaama himatanii mee haa ilaallu. Akka barreessan kitaaba “Zaahiratu nifaaqi wa khabaa’isul munaafiqana fii taarik” jedhutti, “Namoota Islaama himatan bakka saditti qoodun ni danda’ama. Isaaniis:

1.Nama hundeen isaa imaana irratti gadi dhaabbate fi imaanni onnee seene. Kuni Musliima mu’mina nama ta’eedha. Ammas kunniin bakka saditti qoodamu. Muhsiin (Rabbiin akka waan arguutti nama Rabbiin gabbaru), abraar (hojii gaggaarii baay’ee kan hojjatu), muttaquun (wanta irraa dhoowwaman kan dhiisanii fi wanta itti ajajaman kan hojjatan.)

2. Nama Islaamatti hidhatu– hawaasni, maatiin, hiriyyaan Musliima waan ta’aniif innillee Musliima ta’uudha. Kuni imaanni qalbii isaa sirritti kan seene miti. Yeroo qormaanni itti bu’u, takkaa Islaama gadi furuun murtaddii (duubatti kan deebi’u) ta’a, takkaa uffata Islaama uffachuun keessan munaafiqa ta’a, takkaa immoo Imaanni isaa ni dabala

3. Munaafiqa- keessan kufrii dhoksee alaan Islaama nama agarsiisudha. In sha Allah itti fufa…. Kitaaba wabii “Zaahiratu nifaaqi wa khabaa’isul munaafiqana fii taarik” 1/ fuula25-45 By Abdurahman Hasan Habankat Madiniyy-

Girdoon Nifaaqaa yommuu saaqamu-lakk. 2

Torbaan darbee waa’ee nifaaqa kaasne turre. Yaadachisaaf nifaaqa jechuun kufrii fi sharrii dhoksuun Islaama fi keyrii agarsiisu ykn himachuudha. Namni kana hojjatu munaafiqa jedhama. Tolee, kufrii jechuun maal jechuudhaa? Akka lugaa Arabiffaatti kufrii jechuun wanta tokko haguugu ykn dhoksuudha. Akka shari’aatti immoo kufrii jechuun Rabbitti, Ergamtoota Isaatti fi harkaanota imaanaa hafanitti amanuu diduu fi fudhachuu dhisuudha. Namni kufrii hojjatu kaafira kan jedhameef dhugaa fi ragaalee ifa bahan waan dhoksuufi ykn fudhachuu diduufi. Kanaafu, munaafiqni kufrii fi sharrii dhoksuun arrabaan Islaama fi keyrii himata ykn qaamoleen ibaadaa hojjata. Bakka nifaaqni itti madde irratti hundaa’un ramaddiin Munaafiqootaa afuri: 1.Munaafiqoota amantii biraa irraa gara Islaamaa seenan. Fkn, yaahuda fi nasaaraa 2.Munaafiqota Musliimota dhugaa turanii ergasii Islaamaa irraa dhoksaan duubatti deebi’anii fi duubatti deebi’u isaanii ifatti kan hin baasne. Kufrii of keessatti dhoksuun zaahiraan (gubbaan) Islaama agarsiisu. 3.Munaafiqota maatiin ykn naannoon isaanii muslimoota waan ta’aniif qofa isaaniis Islaamatti hidhatan. Garuu iraada (fedhii cimaa) isaanitiin Islaama keessa hin seenne. Faaydan addunyaa isaanii tan guuttamtu Islaama gubbaan yoo agarsiisaniidha. Kufrii yoo labsan faayda addunya nan dhaba jechuun yaadu. Sababa isaan qalbii isaanii keessatti hundewwan Islaamaa muraasa ykn hunda isaatti kafaraniif munaafiqota jedhamu. 4. Munaafiqoota naannoo ykn maatii irraa nifaaqa dhaalan. Madda: Zaahirul Nifaaqi wa khabaa’isul munaafiqiin fii taarikh-1/fuula 45-57, Abdurahmaan Hasan Madiniyy

Adeemsa jireenya keessatti milkaa’uu fi wayittu bahuuf osoo tattaafattu gufuun baay’een si qunnama. Gufuuwwan san keessaa NAMOOTA IJJANNOO kee laamshessaniidha. Namoonni gariin karaa kaminiyyuu namoonni biroo akka isaan caalan hin barbaadan. Nama isaan caaluuf tattaafatu yommuu argan gufuu adda addaa isa/ishii fuunduratti darbu. Gufuun guddaan isaan darban gufuu jechootati. Sihii hojii gaarii hojjatu yommuu argan, jechoota isaanitiin ijjannoo kee laamshessuuf tattaafatu. Fakkeenyaf, “Kuni eessa gahuuf akkanatti hojjataa?” jedhu. Ammas dogongora sirra barbaadun ifatti baasu. Si hamatu. Eeti yeroo kanatti ijannoon kee ni laamshaya. Kanaafu furmaanni isaa maalii?

1. Isaan irraa garagaluu– Jechoota isaanitiin sammuu dhukkubsu dhiisu 2. Dhuma (bu’aa) hojii hojjachaa jirtuu ilaalu– namoonni yeroo baay’ee ijjannoo namaa kan laamshessaniif jalqaba hojii irratti bu’aa quubsaa fi milkaa’inna guddaa waan hin argineef. Dhumarratti yommuu milkaa’innaa guddaa argan afaan qabatu. Kanaafu, jalqaba daandii milkaa’innaa irratti namoonni wanta fedhan yoo jedhan, “Milkaa’inna guddaa fuundura keenya jiru” ilaalun gara fuundura socho’u qabna. Hojii barreefama kana yommuu jalqabu, namoonni, “hojii hin qabdu wantuma argite maaliif caarta.” naan jedhan baay’eedha. 3. Isaaniif irra darbuu, obsuu, diinummaa uumuu dhiisu fi tola isaaniif oolu. Hojii badaa isaanii hojii gaariin deebisuu. Qur’aana keessatti:”Hojiin gaarii fi hamtuun wal hin qixxaa’an. [Wanta baddu] ishii toltuu taaten deebisi. Yeroo san inni gidduu keetii fi gidduu isaa dinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta’uu [argita]. (Suuratu Fussilat 41:34)

«Warroota Aayaata (Keeyyattoota Qur’aanaa, mallatoolee, ragaalee) Rabbii kijibsiisan irraa hin ta’in; hoongoftoota (kasaartota) irraa taatati.» Al-Qur’aan 10:95 Akkuma yeroo darbee jenne Aayaatni bakka lamatti qoodamu. Isaaniis; Kawniyyi fi shari’iyyi. Kawniyyi yommuu jennuu wantoota Rabbiin uumedha. Kanneen akka samii, dachii, aduu, ji’a, urjiilee, ilma namaa fi kkf. Ammas mu’jizaa (raajii) Ergamtootaf Rabbiin kenne kan of keessatti hammatuudha. Shari’iyyi yommuu jennuu immoo Kitaabban Rabbiin buusedha. Fakkeenyaf, kan akka Qur’aana. Aayatooni kunniin gara Tokkichummaa Rabbitti akeeku. Rabbitti akka amanan namoota waamu. Namni yoo aayatota kanniinitti kafare, Rabbitti ni kafaraa jechuun. Namni kafaree immoo addunyaa aakhiratti ni hoonga’a. 

Isaan toltuu hojjataniif [mindaa] gaarii fi dabalataatu jira. Gurraachinnii fi salphinni homaatu fuula isaanii hin haguugu. Isaan sun warra Jannataati. Isaan ishee keessatti hafoodha.
 Isaan hamtuu hojjatanis mindaan hamtuu fakkaattuma isheetin ta’a. Salphinni isaan haguuga. Rabbiin irraa wanti isaan tiiksu isaaniif hin jiru. Fuulli isaanii akka waan kutaa halkan dukkanaa’a irraa ta’een haguuggamee fakkaata. Isaan suni warra ibiddaati. Isaan ishee keessatti hafoodha.” (Suuratu Yuunus 10:26-27)

Suuraa Qur’aanaa biraa keessatti; “Fuulli gariin guyyaa san (Guyyaa Qiyaamaa) ni ifu. Kan kolfan, kan gammaddaniidha. Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu irra jira. Gurraachinni isaan haguuga. Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessaa guddaa hojjataniidha.” Al-Qur’aan, suuratu Abasa 80:38-42 Rabbiin warroota fuulli isaanii ifuu, kolfuu fi gammaduu keessaa nu haa taasisu. Jannata yommuu argan fuulli isaanii garmalee ifa. Kolfaa fi gammachuun guuttamu. Warroonni kafaranii badii guddaa hojjatan immoo salphinni qalbii isaanii haguuga. Salphinni kuni fuula isaanii irraa mul’ata. Fuulli isaanii irra dhukkeen kan jiruu fi gurraachinnaan kan haguuggameedha. Rabbiin kanarraa nu baraaru.

Ibsaa Jireenyaa-Lakk.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.