Ibsaa Jireenyaa-Lakk.2

Offline dubbisuf

Sheyxaanni namoota amala sadii qaban irratti aangoo ykn humna hin qabu. Isaan jallisuu hin danda’u. 1. Yaqiina (dhugaan amanuu fi shakkuu dhiisu) 2. Iklaasa (Hojii Rabbiif qulqulleessu, Isa qofaaf hojjachuu) 3. Tawakkula (Rabbiin irratti hirkachuu)

Girdoon Nifaaqaa yommuu saaqamu-Lakk.3

Nifaaqni dhibee badaa addunyaa fi aakhiraa nama jalaa balleessudha. Tarii namtichi osoo hin beekin nifaaqatti kufuun kasaaru danda’a. Kanaafu, kasaara kana jalaa bahuuf mallatoolee fi ramaddi nifaaqaa beekun baay’ee barbaachisaadha. Ammas nifaaqa amantii keessatti nifaaqu asliyyi fi nifaaqu xaari’u jechuun bakka lamatti qoodun ni danda’ama. 1.Nifaaqu asliyy (nifaaqa hundee)-Islaama dhugaan kan hin fudhanne fi nifaaqa irratti kan guddateedha. Ykn jalqabuma Islaamatti yommuu seenu kufrii isaa kan dhokseedha. Faaydan addunyaa isa dhiibun Muslimoota waliin jiraata. Garuu of keessatti kufrii dhoksa.

2.Nifaaqu Xaari’u (nifaaqa tasaa)– Islaamatti dhugaan amane ergasii shakkiin qalbii isaatti yommuu darbamu Islaama irraa duubatti deebi’e fi kufrii isaa dhokseedha. Namoonni gariin sobdoota ta’anii osoo hin ta’in dhugaadhaan Islaama ta’uu isaani ni labsu. Qormaata garagaraa Rabbiin dhugummaa imaanaa isaanii ittiin qoruuf yommuu saaxilaman shakkiin qalbii isaanii irratti ni darbama. San booda Islaama irraa dhoksaan duubatti deebi’u. Kufrii isaanii hin labsan, faaydaa addunyaa ni dhabna ykn haddiin (adabbiin) nurratti dhaabbata jedhanii waan sodaataniif. Kanniin keessaa namoota naannoo hundeen isaa Musliima ta’e keessatti guddatantu jiru. Yommuu umrii gaheessummaa (dargaggumma fi shamarrummaa) gahe maatii hordofuun Islaama dhugaan ni fudhata. Ergasii, shakkiin qalbii isaa/ishii irratti darbama. San booda Islaama irraa duubatti deebi’a. Duubatti deebi’u (kafaruu) isaa hin ibsu, keessumatti dhokfata. Gubbaan Muslimoota fakkaachun itti fufa. Namoonni gariin immoo sochiin Islaamatti seenu fi bahuu isaanii irra deddeebi’a. Wantoota haala jireenya fi nafsee isaani qunnamu irratti hundaa’un yeroo tokko gara Islaama seenu, yeroo biraa immoo keessaa bahu. Garuu gubbaan Muslimoota fakkaachu itti fufu. Warroota kanniin ilaalchise Qur’aana keessatti, “Dhugumatti isaan amananii ergasii kafaran; ergasii amananii ergasii kafaran; ergasiis kufrii dabalatan, Rabbiin kan isaaniif araaramuu fi karaa kan isaan qajeelchu miti.” (suuratu An-Nisa 4:137) Kanaafu, namni yommuu shakkiin qalbii isaatti darbamu of eeggachu qaba. Shakkii kana oofuf gara Rabbii deebi’uu fi obsuu qabaa malee Islaama akka aduu ta’e irraa duubatti deebi’un of kasaarsu hin qabu. Shakkiin qormaata akka ta’e beekun haa obsu. Kitaaba wabii: Zaahirul Nifaaqi wa khabaa’isul munaafiqiin fii taarikh-1/58-59, Abdurahmaan Hasan Madiniyy

Girdoon Nifaaqaa yommuu Saaqamu-Lakk. 4

Kutaalee darban keessatti waa’ee fi ramaddii nifaaqa ilaaluf tattaafanne jirra. Har’a immoo gabaabbinnaa WANTOOTA NIFAAQATTI NAMA KAKAASAN ilaalla. Nifaaqni adeemsa namoonni muraasni kakka’uumsa nafsee isaanii keessa jiru hordofaniidha. Kaka’uumsa kanniin bakka afuritti qoodun ilaalun ni danda’ama.

1ffaa: faayda addunyaa kajeelu- Faayda addunyaa tana argachuuf namni tokko kufrii keessatti dhokse Islaama gubbaan mul’isuun Muslimootatti maxxanu danda’a.

2ffaa: Nafsee ofii, qabeenya isaa ykn fayda addunyaa ofitiif sodaachuun kufrii keessatti dhoksa. Yoo kufrii mul’ise wantoota armaan olii nan dhaba jedhe sodaata. Garuu karaa kijibaa, nama ganuu, waadaa diigu fi amaloota gadhee garagara ni hordofa.

3ffaa: Islaama fi hawaasa Muslimatti dharaa fi shira yaadu. Islaama fi Muslimoota balleessuf kufrii dhoksee Islaama mul’isa Namuu osoo isatti hin beekin badii hangana hin jedhamne hojjata.

4ffaa: Muslima akka jedhamuuf maqaa musliimaa baadhachun of keessatti kufrii dhokfachuu. Qalbii isaatin Islaamatti hin amanuu. Kana irra kufrii guutuu ykn cinaa isaa ni kafara. San booda amanti biraa kan qabatu ta’a. Fakkeenyaf, kan akka maarkizim, sabummaa (nationalism) hundeen isaa Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti kafaruu irratti kan dhaabbate, sekulaarizimii amantii mormuu, ykn materiyalizm hundeen isaa yaada jallataa warra dhihaa ta’ee fi kkf hordofuu fi itti amanuudha. Yookiin inuma amanti wayitu kan hin qabnee fi fedhii lubbuu qofa kan hordofuu ta’u danda’a. Madda: Zaahirul Nifaaqi wa khabaa’isul munaafiqiin fii taarikh-1/66-67, Abdurahmaan Hasan Madiniyy

Zikriin gogiinsa qalbiitiif dawaadha. Akkuma namtichi Hasaniin jedhe, “Yaa Abbaa Sa’id! Gogiinsa qalbii kooti sitti himadha.” Hasanis ni jedhe, “Zikriin jiisi.” Mak’huul akkana jedhe, “Rabbiin yaadachuun fayyaadha, namoota yaadachuun dhibeedha.” Namtichi tokko Suleymaanin akkana jedhe, “Hojiiwwan keessaa kamtu sadarkaan isaa guddaadhaa?” Suleymaanis ni jedhe, “Qur’aana hin qaraane sila, “Zikriin Rabbii guddaadha” (suuratu Al-Ankabuut 29:45)” Abi Muusan akka dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Fakkeenyi nama Gooftaa isaa yaadatu fi kan Gooftaa isaa hin yaadanne akka jiraataa fi du’aati. (Sahih al-Bukhari 6407) Kana jechuun Namni Rabbii isaa yaadatu akka nama jiraatati, qalbiin isaa jiraattudha. Namni Rabbii isaa hin yaadanne immoo akka nama du’eeti, qalbiin isaa tan duutedha.


Namni ija ofii gadi qabatuuf tattaafatu, ibidda fedhii too’achuun isaaf ni salphata. Haraama ilaalu irraa ija ofii gadi qabachuun qalbiif tasgabbii kenna, sammuu ni qara.

Qalbii gogdee Akkamitti Laaffisan (jiisanii)? Hayyoonni Islaamaa qalbii gogde karaa afuriin jiisun (laaffisuun) ni danda’ama jedhu. 1. Wanta inni irra jiru irraa buqqa’uun teessummaa beekumsaa, waazi, yaadachisuu, sodaachisuu, abdachiisu fi oduu warra gaggaariin itti himamutti argamuu fi dhageefachuu. (Yoo kuni dhabame vidiyoo fi odiyoo daa’iwwan beekkamoo fi gaggaarii dhageefachuu)

2. Du’a yaadachuu– du’a mi’aa addaan kuttu, hawaasa irraa addaan nama baastu, ijoolle yaatima taasistu baay’isee haa yaadatu. Dubartiin takka haadha mu’mintoota tan taate Aa’ishaa (radiyallahu anhaa) bira dhufuun gogiinsa qalbii itti himatte. Aa’ishaanis ni jetteen, “Du’a yaadachuu baay’isi, qalbiin tee ni laaftiiti.” Dubartinis kana ni hojjatte. Qalbiin ishii ni laafte. Ergasii dhufte Aa’isha galateefatte.

3. Nama du’aa jiru biratti argamuun machaa fi hadhaa du’aa inni dhandhamaa jiru ilaalu. Kuni, qalbii jiisa. Gaafa tokko Hasan al-Basriin nama dhukkubsataa machii du’aa keessa jiru bira dhufe. Rakkoo inni keessa jiru ni ilaale. Ergasii Hasan fuulli isaa jijjirame gara maatii ofii deebi’e. Ni jedhaniin, Rabbiin rahmata siif haa godhu nyaata nyaadhu. Innis ni jedhe, “Yaa maatii koo! nyaata fi dhugaatin isiniif haa ta’u. Wallaahi! Du’a tasa nama kuffisu arge jira. Hanga isaan wal qunnamuu [hojii gaggaarii] hojjachuu hin dhiisu.” 4. Qabrii /awwaalcha daaw’achuu-Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Qabrii daaw’adhaa, dhugumatti suni du’a nama yaadachiisati.” Sunan Abu Daawud-3235

Iyyasuus (aleyh salaam) Gooftaa ta’uu danda’aa?

Gaaf tokko gurbaan Musliima tokko gurbaa Kiristaanaa tokkoon akkana jechuun gaafate, “Iyyasuus (Iisaan) Gooftaa ta’uu itti amantaa?” Gurbaan Kiristaanaa: “Eeti, nan amana.” Gurbaan Muslimaa: “Gooftaan ilma namaa kan uumudha. Iyyasuus Ilma namaati. Akkamitti ilmi namaa ilma namaa uumaa?” Gurbaan Kiristaanaa wanta jedhu wallaale achumaan cal’ise.

Dhugumatti, Rabbiin biratti fakkeenyi Iisaa akka fakkeenya Aadami. Biyyee irraa isa uume. Ergasi ta’i isaan jedhe. Innis yoma san ta’e.
Dhugaan (Haqni) Gooftaa kee irraayyi; kanaafu shakkitoota irraa hin ta’in.” (Suuratu Aali-Imraan 3:59-60) Rabbiin subhaanahu wa ta’aala dandeetti Isaa ifa baasuf ilmaan namaa haala afuriin uume. 1ffaa: Haadha fi abbaa malee. Fakkeenyaf, Aadam (Aleyh salaam) 2ffaa: Dubartii malee dhiira irraa. Fakkeenyaf Hawwaa. 3ffaa: Dhiira malee dubartii irraa, fakkenyaf Iisaa (Iyyasuus) (Nageenyi isarratti haa jiraatu) 4ffaa: Dhiiraa fi dubartii irraa, haala amma irra jirru kana. Kanaafu, Iisan (Iyyasuus) gonkumaa Rabbiin ykn ilma Rabbii ta’uu hin danda’u. Rabbiin kanarraa qulqullaa’e olta’e. Sababni isaas, namni ni du’a. Kanaafu ilma kan godhatuuf sanyiin isaa itti haa fuftuufi. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) sanyii wanta jedhamu hin qabu, Inni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Inni yeroo hundaa Jiraatadha. Dabalataanis, ilmi namaa dadhabaa fi waan dulloomuf, yeroo dadhabinnaa fi dullummaa akka isa xooruf (kunuunsuuf) ilma argachuu barbaada. Rabbiin immoo dadhabinnaa fi dullummaa irraa qulqulludha. Yeroo hundaa Inni Jabaadha, Abbaa humnaati. Kanaafu, ilma maal ittiin godhuuf barbaadaa? Rabbiin akkuma Aadamin ta’i jechuun uume Iisaas ta’i jechuun uume. Aadamis ilma namaati, Iisaanis ilmuma namaati, kanaafu akkamitti ilmi namaa Gooftaa ykn ilma Gooftaa ta’uu danda’aa? Takkaa ilma namaa ta’e yeroo biraa ilma Gooftaa ta’uu danda’aa? Wanta isaan jedhan irraa Rabbiin Qulqullaa’e olta’e.

Ibsaa Jireenyaa-Lakk.3
Ibsaa Jireenyaa-Lakk.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.