Qur’aanatti Amanuu

Offline dubbisuf

Akkuma yeroo darbee jenne kitaabbanitti amanuu jechuun Rabbiin irraa haqaan bu’uu isaanii, ergaan kitaabban kanniin keessa jiru dhugaa akka ta’ee itti amanuu fi hojii irra oolchudha. Kitaabban Qur’aana dura bu’an yeroo ammaa kan jijjiramanii fi micciramaniidha. Kanaafu, kitaabni tokkichi osoo hin jijjiramin hanga Guyyaa Dhumaa turu Qur’aanaa jechuudha. Sababni isaas, kitaaba dhumaa Rabbiin buusedha. Ragaan kanaa maal yoo jettan, karaa lamaan ilaalun ni danda’ama.

1ffaa-Aqliyyi (sammuun)- Qur’aanni mu’ijizaa (raajii) ilmi namaa kophattis ta’i walitti qabamanii fakkaata isaa fiduu hin dandeenyedha. Ilmi namaa Qur’aana qopheessun waan hin danda’amneedha. Eenyullee wanta akka Qur’aanaa seenaa keessatti fidu hin dandeenye. Fiduun ni danda’ama jedhe namni yaadu yoo jiraate, “Wanta akka Qur’aanatti qara’amu fi jechoonni isaa kan walitti galan mee fidi” jennaan. Fakkeenyaf, suuratu al-baqaraa yoo ilaaltan, aayanni (keeyyanni) irra caalu qubee nunin (ن ) xumurama. Mee Suuraah (boqonnaa) Qur’aanaa tokko fuudhatii xumura Aayaata (keeyyattoota) ilaalaa. Jechoonni xumuraa kan walitti galanii fi yommuu dubbifaman kanneen mi’aawaniidha. Akkasumas, himoota gaggabaabo erga bal’aa dabarsaniidha. Osoo ilmi namaa kan qopheessu ta’e fakkaatan akka Qur’aanaa addunyaa irra ni jiraa? Kitaabni akka Qur’aanatti sagalee bareedan qara’amuu fi guutun isaa sammutti qabatamuu ni jiraa? Gonkuma ilmi namaa Qur’aana qopheessu hin danda’u. Kanaafu, Qur’aanni Rabbii olta’e irraa kan bu’e jechuudha. Rabbiin ni jedha:

17:88

Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Isra 17:88

2:23

“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan, suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:23

2ffaaNaqliyy (dabarfamaan)– Qur’aanni Nabiyyanaa Muhammad (SAW) irratti erga bu’ee karaa lamaan dabarfamuun as gahe. Innis, sammuu keessatti haffazuu (qabachuu) fi meeshaa barreefamaa irratti barraa’un. Haalli Qur’aanni dhaloota irraa dhalootatti itti darbu, shakkiin ykn jijjiran wayii akka isa keessa hin seenne taasisa. Guutun isaa sammuu keessatti qabatamuun jijjirraa irraa tiikfama. Osoo galmeen Qur’aanni irratti galmaa’e akka jiruun addunyaa irraa bade, yeroma san Qur’aana galmeessun ni danda’ama. Sababni isaas, Qur’aanni sammuu namoota miliyoonatti lakkaawaman keessa jira. Qur’aanni jecha ilma namaa kan hin taane ta’uu Rabbiin haala kanaan ibsa.

69:41

“Inni (Qur’aanni) jecha weellisaatii mitii, xiqquma qofa amantu.

69:42

Jecha raagaatiis miti, xiqqoo malee hin gorfamtan.

69:43

Gooftaa aalamaa hundaa irraa kan buufameedha.” Al-Haaqqah 69:41-43

Qureeshonni yommuu Qur’aana raajii isaanitti ta’e kana Ergamaan Rabbii (SAW) isaanitti fidu, “Kuni weellisaadha, kuni raagaadha” jechuun Ergamaa Rabbii arrabsuu jalqaban. Rabbiin jecha badaa isaanii kana irraa Ergamaa Isaa ni qulqulleesse. Warroonni kunniin osoo amananii fi gorfamanii silaa Ergamaa Rabbii (SAW) hin arrabsanii turan. Qur’aanni Rabbiin irraa ta’uu osoo amananii fi akka gorsaatti fudhatanii hordofanii, silaa wanta isaan fayyaduu fi miidhu ni beeku turan.

Kan irraa ka’uun, osoo haala Nabii Muhammad (SAW) ilaalanii, gara amalaa fi akhlaaqa isaa osoo mil’atanii, silaa dhimma akka aduu ifu arguu turan. Dhimmi kunis, Nabi Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu fi wanti inni fide Rabbiin irraa kan buufame ta’uu ni hubatu. Qur’aanni kuni jecha ilma namaa gonkumaa ta’uu hin danda’u. Kana irra, jecha Gooftaa aalama hundaati. Kana jechuun Qur’aanni kuni Gooftaa wantootaa hundaa uumee, kunuunsu, guddisuu, barsiisuu, too’atu, qindeessu fi bulchu irraa kan buufameedha. Kunuunsa fi barsiisu Rabbiin ilma namaatiif godhe keessaa tokko kitaaba isaaniif buusudha. Kitaaba kanaan dukkana keessaa bahuun jireenyaa ifaa fi gammachuu gaggeessu.

Itti aanse Nabiyyiin Qur’aana ofirraa fuudhe fi jecha ofii itti dabaluun kan hin dubbanne ta’uu haala kanaan ibsa:

Osoo jechoota sobaa muraasa Nurratti dubbatee,

Silaa mirgaan isa qabnaa turree.

Ergasii hidda onnee isarraa kunnaa turre.

Isin keessaa namni isarraa dhoorgu tokkollee hin jiru.” Al-Haaqqah 69:44-47

Kana jechuun Nabii Muhammad (SAW) wanta Nuti hin jenne osoo jedhe, Qur’aana keessa wanta hin jirre osoo itti dabalee yookiin irraa hir’isee, “Silaa mirgaan isa qabnaa turree.” Akka warroonni Qur’aana ibsan jedhanitti “mirgaan isa qabna” jechuun “humna cimaan isa qabna” jechuudha. Sababni isaas, humni cimaan wantoota hundaa mirga keessa jira.  Osoo Nabiyyin wanta Rabbiin hin dubbanne dubbate, silaa Rabbiin dubbii isaa hin mirkaneessu, adabbii cimaan isa qabaa ture. Ergasii hidda onnee isarraa kuta. Hiddi onnee yoo cite namni ni du’aa jechuudha.  “Isin keessaa namni isarraa dhoorgu tokkollee hin jiru.” Kana jechuun osoo Rabbiin isa balleesse ykn ajjeese, adabbii ofirraa deebisuu hin danda’u, eenyullee adabbii Rabbii isarraa dhoorgu hin danda’u. [2][3]

(Wanti asirraa hubannu Nabiyyiin ykn namni biraa Qur’aana qopheessu ykn ofirraa fuudhe dubbachuu hin danda’u. Osoo Qur’aana ofumaa qopheessee, “kuni jecha Rabbiiti” jedhee, silaa Rabbiin haala armaan olitti ibse kanaan adaba. Qur’aanni jecha Isaa waan ta’eef Nabiyyii mu’ijizaa garagaraatin ni gargaare, namoota isa faalleessan ni salphise.)

“(48)Dhugumatti inni warra Rabbiin sodaataniif gorsa. (49)Dhugumatti, isin keessaa kijibsiistoonni akka jiran Nuti ni beekna. (50) Inni kaafiroota irratti gaabbiidha. (51)Dhugumatti Inni dhugaa mirkanaa’adha. (52) Maqaa Gooftaa kee Guddaa ta’e faarsi.” Al-Haaqqah 69:48-52

Dhugumatti inni warra Rabbiin sodaataniif gorsa.” Kana jechuun Qur’aanni warra Rabbiin sodaataniif gorsa ykn yaadannoodha. Namni Rabbiin sodaatu Qur’aanan gorfama. Qur’aana keessatti wanta isa fayyadu arguun ni hojjatu, wanta isa miidhu irraa immoo ni fagaata. Maqaalee, amaloota fi hojiwwan Rabbii Qur’aanan ni yaadata, kanaafu itti amana. Wanta Rabbiin itti ajajee fi dhoowwe, mindaa Rabbiin warra hojii gaggaarii hojjatanii fi adabbii warra badii hojjataniif qopheesse Qur’aanan yaadata. Wanta nafsee isaa olkaasu fi qulqulleessu, wanta xureessu fi salphisuu Qur’aanni isa yaadachiisa. Beekumsa addunyaa fi aakhirah, Jannataa fi Jahannam, beekumsa keeyri fi sharrii Qur’aanni isa barsiisa. Dhugumatti Qur’aanni gorsaa fi yaadannoo haqaati. Namoota hundarratti raga kan ta’uudha, warroota Isa baratanii fi hojii irra oolchaniif faaydaa fi qajeelcha ta’a. [3]

Dhugumatti, isin keessaa kijibsiistoonni akka jiran Nuti ni beekna.” Kana jechuun Qur’aana erga akkanatti ibsinee booda namoonni Qur’aanatti hin amanne akka jiran ni beekna.[4] Kuni akeekachisaa Rabbiin irraa warroota Qur’aanatti hin amannee ykn kijibsiisaniif ta’eedha.Waan kijibsiisaniif adabbii cimaan isaan adaba. “Inni (Qur’aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha.”  Isaan yommuu Qur’aanatti amanuu fi hordofuu didan, wanta Qur’aana keessatti waadaa galame yommuu argan garmalee gaabbu. Sababni isaas, Qur’aanan hin qajeelfamne, ajaja isaatiif hin bulle. Mindaan isaan jala darbe, adabbii cimaa irra gahan, sababoonni hundi isaanirraa citan.[2]Osoo Qur’aana kijibsisuu baanne, silaa adabbiin kuni nu hin tuqu. Yookiin Osoo Qur’aanatti amannee fi hordofne silaa adabbii jalaa ni baraaramna” jechuun Guyyaa Qiyaamaa garmalee gaabbu. Garuu gaabbin isaan hin fayyadu. Ibidda erga seenanii booda akkana jedhu,

67:10

“Osoo kan dhageenyu yookiin kan xinxallinu taanee, silaa warra ibidda boba’aa keessaa hin taanu turre.” jedhan.” Suuratu Al-Mulk (Tabaaraka) 67:10 Osoo Qur’aana dhageefatanii, itti xinxallanii, itti amananii fi hordofanii silaa warra ibiddaa keessaa hin ta’an. Akeekachisaa fi waadaa Qur’aana keessatti dhufe eenyullee akka hin shakkinee, “Dhugumatti Inni dhugaa mirkanaa’adha” jedhe. Kana jechuun Qur’aanni kuni Rabbiin irraa bu’uun isaa haqa. Wanti inni of keessaa qabu hundi haqa shakkii wayitu hin qabneedha. Dhibbaan dhibbatti dhugaa ta’uun isaa kan mirkanaa’edha. Kanaafu, Qur’aana guddaa fi haqa irratti hundaa’e kana Kan buuse Rabbii kee faarsi.

Asirraa Maal Hubattee?

✎Qur’aanni kitaaba xumuraa Rabbiin irraa gara ilmaan namaatti bu’eedha. Isa booda kitaabni biraa samii hin bu’u. 

Qur’aanatti amanuu jechuun Qur’aanni Rabbiin irraa bu’uu, wanti inni of keessaa qabu hundi haqa akka ta’e amanuu fi ajajoota isaa hordofuudha. 

✎Qur’aanni Rabbiin irraa ta’uu karaalee baay’een mirkaneessun ni danda’ama. 1ffaa: Yommuu Qur’aana dubbisanii fi itti xinxallan, Qur’aana qopheessun humna ilma namaati ol akka ta’e ni hubatan. 

✎2ffaa- guutuun isaa sammuu keessatti qabamuun dhaloota irraa dhalootatti darbuun ilmi namaa jijjiraa wayitu Qur’aana keessatti uumu akka hin dandeenye isa taasisa. Sababni isaas, Qur’aanni sammuu namoota miliyoonatti lakkawaaman keessa waan jiruuf, namni ykn gareen tokko Qur’aana irraa waa tokko nan jijjira jedhe osoo ka’ee, sammuu miliyoonatti lakkawaman jijjiruu qabaa jechuudha. Kuni immoo waan hin danda’amneedha. Kuni Rabbiin irraa bu’u isaa agarsiisaa jechuudha.

✎Osoo Nabiyyiin ykn namni biraa Qur’aanatti waa dabale ykn hir’ise ykn wanta Rabbiin hin dubbanne dubbatee jira osoo jedhee, silaa adabbii cimaan isa qaba. Sababni isaas, Rabbiin irratti soba dubbachuun dillii (cubbuu) guddaadha. Adabbii waadaa galeen Nabiyyii hin adabne. Inuma ni gargaare, nama isa faallesse ni salphise. Kanaafu, Qur’aanni jecha Rabbiiti jechuudha.  

✎Qur’aanni warra Rabbiin sodaatiif gorsaa fi yaadannodha. Warra isa kijibsiisan immoo Guyyaa Qiyaamaa gaabbi cimaa isaan irratti ta’a. Sababni isaas, Qur’aanatti amananii hin hordofne. 

20:100

Namni isa (Qur’aana) irraa garagalee, dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa ba’aa guddaa baadhata.” (Suuratu Xaaha 20:100)  Kana jechuun namni Qur’aanatti amanu dide yookiin itti hojjachu dide ykn qo’achuu fi barachuu irraa garagalee, Guyyaa Qiyaamaa adabbii cimaa adabama.[2] 

✎Waa’ee Qur’aana ilaalchisee tanaan dura bal’innaan ilaalle jirra. Kanaafu barruulee saniin linkii kanarraa ilaalun ni danda’ama. http://www.sammubani.com/category/quraana/ 

Kitaabban wabii

[1]al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 469 
[2] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan fuula 1043-1044 Naasir Sa’dii

[3] Bidaa’u tafsiir 3/193, Ibn Qayyim

[4] Tafsiir ibn Kasiir-8/218

Hundee Iimaanaa 3ffaa- Kitaabbanitti Amanuu
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.