Firiwwan Kitaabbanitti Amanuu

Offline dubbisuf

Gammachuu fi Milkaa’inna argachuu
Jireenya tana keessatti namoonni hunduu gammachuu argachuuf jecha halkanii guyyaa carraaqu. Gariin hojii humna hojjachuun, gariin hojii sammuu hojjachuun gammachuu barbaadu. Garuu gammachuun ilma namaa kan guuttamu wantoota sadii of keessaa yoo qabaatedha. Isaaniis: qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa of tiiksudha. Namni tokko wantoota kanniin hojjachuuf qajeelcha isa barbaachisaa miti ree? Qajeelchi waa’ee wantoota kanniinii isaanitti himu kitaabban Rabbiin irraa bu’aniidha. Kanaafu, firiiwwan kitaabbanitti amanuu keessaa tokko wantoota armaan olii sadanitti qajeelun gammachuu fi milkaa’inna argachuudhaa jechuudha.

Kitaabban Rabbiin irraa bu’aan ilmaan namaa maalitti amanuu akka qaban, maal gabbaruu akka qaban sirritti addeessu. Akkasumas, hojii gaggaarii akkamii hojjachuu akka qabanii fi hojii badaa maal akka ta’e sirritti ibsu. Ergasii immoo badhaasa nama waan gaarii hojjatee fi adabbii nama waan badaa hojjate ifa godhu. Kanaafi, Kitaabban kunniin ilma namaatiif akka ibsaati jechuudha. Ilmi namaa kan itti qajeeludha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

Waan isa dura jiru kan dhugoomsu ta’e kitaaba dhugaan sirratti buuse. Tawraati fi Injiliis ni buuse. [Qur’aana] dura, namootaaf qajeelfama akka ta’aniif, Al-Furqaanin ni buuse. Dhugumatti isaannan Aayaata Rabbitti kafaran adabbii cimaatu isaaniif jira. Rabbiinis Injifataa, Abbaa haaloo bayannaati.” Suuratu Aali-Imraan 3:3-4

Kana jechuun Rabbiin olta’e Qur’aana dhugaa irratti hundaa’e Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse. Wanti Qur’aanni itti ajajuu, irraa dhoowwu fi odeefannoon ijaan hin mul’anne beeksisu hundii dhugaadha. Sababni isaas, Rabbiin irraa kan bu’eedha. Qur’aanni kitaabban isa dura bu’an ni dhugoomsa. Kana jechuun odeefannoo kitaabban darban of keessaa qaban ni mirkaneessa, odeefannoon isaanii kan haqa ta’e odeefannoo Qur’aanitiin walitti gala. Akkasumas, kitaabban darban Nabii Muhammad (SAW) akka ergaman beeksisanii turan. Kanaafu, Qur’aanni beeksisa isaanii kana ni mirkaneesse jechuudha. Rabbiin Qur’aana dura Tawraatin Nabii Muusaa (AS) irratti, Injiilin immoo Nabii Iisaa (AS) irratti buusee jira. “namootaaf qajeelfama akka ta’aniif” kana jechuun Rabbiin Qur’aana, Tawraata fi Injiilin namoonni jallinna keessaa bahanii akka qajeelaniif buuse. Namni qajeelfama Rabbii fudhate, inni nama qajeeledha. Namni kana hin fudhanne immoo jallinna keessatti hafa.

Al-Furqaanin ni buuse.” Kana jechuun qajeelinnaa fi jallinna, haqaa fi sobaa kan addaan baasu ni buuse. Akkasumas, wantoota namooni barbaadan hunda addaan babaase ni ibse. Hanga seeronni fi murtiwwan amanti ifa ta’anitti namootaf ifa ni godhe. Kana booda, nama Isatti fi aayata Isaatti hin amanneef sababni (uzriin) tokkollee hin jiru. Kanaafi akkana jedhe, “Dhugumatti isaannan Aayaata Rabbitti kafaran..” Kana jechuun keeyyattota fi ragaalee erga isaaniif ibsee booda, namoonni keeyyattota fi ragaalee kanniitti amanuu didan, Guyyaa Qiyaamaa “adabbii cimaatu isaaniif jira.” “Rabbiinis Injifataa” kana jechuun Inni abbaa humnaati, homtu Isa hin dadhabsiisu. “Abbaa haaloo bayannaati”. nama aayata Isa kijibsiise fi Ergamtoota Isa faallesse irraa haaloo baafata. Kana jechuun akkuma namoonni daangaa Isaa darbanii fi kafaran, Innis adabbi cimaan isaan qaba.[1][2]

Kanaafu, gammachuu fi dararaan, qajeelinnaa fi jallinni ilma namaa kitaabban Rabbiin buusetti amanu fi amanuu dhiisu irratti kan hundaa’eedha. Akkuma yeroo darbe jenne, kitaabbanitti amanuu jechuun kitaabban Rabbiin irraa haqaan bu’uu itti amanuu, ergaan isaan of keessaa qaban guutumaan guututti haqa akka ta’e itti amanuu fi hordofuudha. Kitaabban Qur’aana dura bu’an yeroo ammaa sababa namaatin waan jijjiramaniif, kitaabni Rabbii hanga ammaa osoo jijjiramin addunyaa irra jiru Qur’aana qofaa jechuudha. Kanaafu, Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamatti namootaf qajeelfamaa fi ifa ta’a. Rabbiin ni jedha:

“Yaa ilmaan namaa, dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee, waan qoma keessa jiruf qoricha, mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif) qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte. Jedhi “Tola Rabbiitii fi rahmata Isaatiin- Sanatti haa gammadan, isatu waan isaan walitti qaban caalati.Suuraa Yuunus 10:57-58

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Kitaaba Kabajamaa kana amaloota gaarii isaa ibsuun namoonni gara isaatti akka garagalan itti kakaasa. Yaa ilmaan namaa, dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee… isinitti dhufte.” Kana jechuun hojiiwwan dallansu Rabbiiti fi adabbii Isaatti nama geessan isin yaadachisa, isin gorsa. Bu’aa fi badii hojii badaa irraa dhalatuu ibsuun isin akeekachisa. Gorsi kunis Qur’aana. “Waan qoma keessa jiruuf qoricha” Dhibeen qalbii fi badiin hundi wantoota lama irraa burqu. Isaanis: Shawhaata (fedhii lubbuu) fi shubahaata (shakkii, dhugaa fi sobni wal-fakkaachu). Fedhiin lubbuun akka ajaja Rabbitiif hin masakamne ykn hin hordofne nama dhoowwa. Shakkiin ykn dhugaa fi sobni wal fakkaachun immoo beekumsa dhugaatin wal falleessa, kanaafu amantii keessatti akka shakkan nama taasisa. Qur’aanni dhibeewwan kanniniif qoricha. Gorsi, abdachisuun, sodaachisuun, waadaa fi akeekachisni Qur’aana keessa jiru hundi, nama tokko akka abdii qabaatu fi dhuma badaa sodaatu isa taasisa.

Namni hojii gaarii hojjachuutti yoo fedhii qabaate fi hojii badaa irraa yoo dheesse, ergasii kanniin lamaan akkuma hiika Qur’aana hubatuun irra deddeebi’e yoo shaakale, kuni wanta lubbuun isaa barbaadde caalaa wanta Rabbiin barbaade akka filatu isa taasisa. Haala kanaan wanta fedhiin lubbuu isaa jaallatu caalaa wanta Rabbiin jaallatu isa biratti jaallatama ta’a.

Haaluma kanaan ragaalee fi ibsi Rabbiin Qur’aana keessatti sirritti ibse, shakkii qalbii namaa irraa oofa. Qalbiin sadarkaa ol’aanaa yaqiinaa irra geetti. Yaqiina jechuun beekumsa dhugaa shakkii wayitu hin qabneedha. Qalbiin yoo fayyite fi tolte, qaamnis ni tola, hojii gaarii hojjata.

“mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif) qajeelfamaa fi rahmata” qajeelfama jechuun haqa beekanii hojii irra oolchudha. Rahmata jechuun immoo wanta gaarii, tola, mindaa ammaa fi boodaa nama ittiin qajeelfameef argamuudha. (Fkn, mu’imintoonni Jannata yommuu seenan, Jannani isaaniif rahmata. Sababni isaas, Jannani waan gaarii sababa hojii isaaniti fi Qur’aanan qajeelaniin argataniidha.) Kanaafu, qajeelinni sababa hundarra guddaa wanta barbaadan itti argataniidha, rahmanni immoo wanta barbaadanii fi kajeelan suni kan ittiin guuttamuudha. Garuu Qur’aanni qajeelfamaa fi rahmata kan ta’uuf warroota amanan qofaafi. (Sababni isaas, amanuun ykn iimaanni furtuu jalqabaa qajeelfamaa fi rahmanni itti banamuudha. Namtichi yoo hin amaniin akkamitti qajeelfamaa fi rahmata Qur’aana keessa jiru argataa?)

Qajeelfamni yoo argamee fi rahmanni isarraa burquu yoo jalqabee, gammachuu fi milkaa’inni,  bu’aa buufachuu fi nagaha bahuun, mirqaansu fi tasgabbiin ni argama. Kanaafi, Rabbiin kanatti akka gammadan akkana jechuun ibsa: Jedhi, “Tola Rabbiitii” kana jechuun Qur’aana qananii fi tola hundarra caalee Rabbiin gabroota Isaa irratti ooledha. “rahmata Isaatiin” kana jechuun Islaama, iimaanaa, Rabbiin gabbaruu, Isa jaallachuu fi beeku. “Sanatti haa gammadan, isatu waan isaan walitti qaban caalati.” Kana jechuun qabeenya baddu isaan walitti kuusan irra Qur’aana fi Islaamatu caala. Kanaafu, Qur’aana fi Islaamatti haa gammadan. Sababni isaas, gammachun Qur’aana fi Islaaman argamuu gammachuu ganda lamaaniti. Addunyaa fi Aakhiratti gammachuu itti fufuudha. Gammachuun qabeenyaa garuu takkaa qabeenyi suni baduun takkaa immoo namni suni du’uun addunyaa tana irratti ni cita ykn ni bada.

Sababni Rabbiin tolaa fi rahmata Isaatti akka gammadan kan ajajeef, gammachuun kuni nafseen akka bal’attu fi mirqaantu, akka Isa galateefatan, beekumsa barbaadu fi iimaana dabalachuu keessatti fedhii cimaa akka qabaatanif kan taasisu keessaa tokkoodha[1]. Namni wanta isa gammachisuu fi mirqaansu yoo arge, wanta san hojjachutti fiiga. Kanaafu, Qur’aanni fi Islaamni wanta gammachuu namaaf fidan waan ta’aniif namni isaan beeku fi hordofuuf fedhii cimaa qabaachu qabaa jechuudha.

Guduunfaa

♦Gammachuu fi milkaa’inni ilma namaa wantoota sadii yoo hojjatan guuttama. Isaanis: Qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa dheessu. 
♣Gammachuu jechuun tasgabbii namni qalbii keessatti argatuudha. Milkaa’inna jechuun immoo wanta gaarii barbaadan argachuu fi wanta badaa sodaatan irraa nagaha bahuudha. 
Kitaabban Rabbiin buusetti amanuu fi hordofuun karaa hundarra caalu gammachuu fi milkaa’inna itti argataniidha. 
♦Sababni guddaan gammachuu itti dhabanii fi jireenya keessatti dararamaniif fedhii lubbuu hordofuu fi shakkiidha
♠Qur’aanni dhibee lamaan armaan oliitif qoricha. Wanta gaarii namni hojjachuu qabu, wanta badaa dhiisu qabu, badhaasa fi adabbii itti agarsiisuu fi ragaalee sirritti ibsuun fedhii lubbuu hordofuu fi shakkii qalbii irraa oofa. 
♦Tolli guddaan Rabbiin ilma namaa irratti oole Qur’aana isaaniif buusudha. Sababni isaas, sababa Qur’aanatin dukkanaa fi dhama’iinsa jireenyaa keessaa gara ifaatti bahu. Gammachuu addaan hin cinne addunyaa fi Aakhiratti argatu. Kanaafu, qabeenya caalaa Qur’aana fi Islaamatti haa gammadan. 
♦Sababni isaas, gammachuun qabeenyan argamu gabaaba fi kan baduudha. Gammachuun Qur’aanaa fi Islaaman argamuu yeroo hundaa kan turuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedhe:

Jedhi, “Yaa Ilmaan namaa! Dhugumatti, haqni Gooftaa keessan irraa isinitti dhufee jira. Kanaafu, namni qajeele lubbuma ofiitiif qajeele. Namni jallates ishima (lubbuma ofii) irratti jallate. Ani isin irratti wakiila (tiiksaa fi too’ataa) miti.” Suuratu Yuunus 10: 108
waa akhiru daw’aana anilhamdulillah Rabbil aalamiin

Kitaabban wabii
[1] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan fuula 125, 421-422, Naasir Sa’dii
[2] Tafsiir ibn Kasiir 2/5

Hundee Iimaana 4ffaa:Ergamtootatti Amanuu-1
Qur'aanatti Amanuu
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.