Ibsaa Jireenyaa-Lakk.3

Offline dubbisuf

Nama salaata dhiisu osoo akkana jedhamee gaafatamee, deebiin isaa maal ta’inna laata? “Salaata dhiisun jireenya keessatti waan milkooftu ykn gammachuu argattu sitti fakkaataa?” Deebiin isaa, “Eeti, kunoo kaafironni salaata hin salaatanii garuu milkaa’inna fi gammachuu guddaa argatu.” Deebiin keenya immoo, “Dhuguma qabeenya baay’ee walitti haruun (kuusun) milkaa’innaa fi gammachuu guddaa ta’uu danda’aa? Eeti yoo jette, deebiin keenya qabeenya kana hunda dhiisanii biraa du’u. Milkaa’inni guddaan kuni du’aan badee jiraa jechuudha. Kanaafu, wanti badu milkaa’inna guddaa ta’uu danda’aa yaa obboleessoo? Koottu mee milkaa’inni guddaan maal akka ta’ee Qur’aana irraa sitti agarsiisaa.

Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti MILKAA’EERA. Jireenyi duniyaas meeshaa gowwoomsaa qofa” (Suuratu Aali-Imraan 3:185)


Rabbiin mu’mintoota dhiiraatii fi dubartootaf Jannata laggeen ishee jala yaa’an, achi keessatti kan hafan ta’anii fi manneen gaggaarii Jannataa qubsumaa keessa jiran waadaa galeefi jira. Garuu Jaalalli Rabbiin irraa ta’e kana hundarra caala. Kunii MILKAA’INNA GUDDAADHA.” 

(Suuratu At-Tawbah 9:72)

Salaafota (namoota gaggaarii duraanii) keessaa tokko akkana jedha: “Karaan haqaa amaanaa sitti haa ta’u (sirritti qabadhu). Namoonni lakkoofsan xiqqoon waan irra deemaniif kophummaan sitti hin dhagahamin. Karaa baaxilaa (sobaa) of eeggadhu! Baay’inna namoota badanitiin hin gowwoomin (walaa taghtarra bi kasratil haalikiina). Tokko ta’uu keetif dhawaatuma kophummaan sitti dhagahamuun, hiriyyoota darban yaadadhu (kana jechuun karaa haqaa irra deemun warroota milkaa’an. Kanneen akka Nabiyyoota, siddiiqoota (dhugoomsitoota), shuhadaa (warroota karaa Rabbii irratti ajjeefaman), fi saalihoota (warroota gaggaarii)). Isaaniin wal-qunnamuuf itti futi. Isaaniin ala namoota biroo irraa ija kee gadi qabadhu. [Warroonni karaa haqaa irraa bahan] gonkumaa adabbii Rabbii sirraa hin deebisan. Karaa haqaa irra deemtu keessatti yoo sitti iyyan, gara isaanii hin mil’atin.” ( Karaa qajeelaa Islaamaa qabadhu. Namoota karaa kanarraa bahaniif tole hin jedhin. Hanga Jannata geessu obsa qabaadhu.)

Ulaagaaleen (sharxiwwaan) hojiin gaariin Rabbiin biratti fudhatama itti argatu (qeebalamuu) meeqa fi maal fa’aa? Lama. Isaaniis:
IKLAASA fi ERGAMAA RABBII (SAW) HORDOFUUdha. Iklaasa jechuun “Hojii Rabbiif qulqulleessu ykn Rabbi qofaaf hojjachuu.” jechuudha.
Qur’aana keessatti: “[Rabbiin] eenyuu keessantu irra toltu akka hojjatu isin qoruuf jecha du’aa fi jireenya Kan uumee dha.” Suuratu Mulk 67:2 Jecha biraatin “Rabbiin, isin keessaa eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf du’aa fi jiruu Kan uumeedha.” Fudeeyl ibn iyaad akkana jedha: Hojii Irra gaarii (toltu) jechuun “Hojii hundarra qulqulluu ta’ee fi sirrii kan ta’eedha.” Namoonni akkana jechuun gaafatan: Yaa Abbaa Aliyyi, Hojii hundarra qulqulluu ta’ee fi sirrii kan ta’ee jechuun maal jechuudhaa?” Innis ni jedhe, “Hojiin qulqulluu ta’ee garuu sirrii yoo hin ta’in, Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Akkasumas, sirrii ta’ee garuu qulqulluu yoo hin ta’in, fudhatama hin argatu. Hanga qulqulluu (kaalis) fi sirrii ta’uutti malee. Qulqulluu jechuun wanta (hojii) Rabbi qofaaf ta’eedha. Sirriin immoo wanta sunnaa irratti ta’eedha.” (Madaarija saalikiin 1/95 Imaam ibn Al-Qayyim) Kanaafu hojiin fudhatama argatuuf Rabbii qofaaf qulqulluu ta’uu fi Sunnaa Ergamaa Rabbii (SAW) kan hordofe ta’uu qaba. Hojiin qulqulluu yoo hin ta’in shirkitti nama seensisa. Sunnaa waliin kan hin deemne yoo ta’e immoo bid’atti nama galcha (seensisa). Shirkii fi bid’aan hojiin fudhatama akka hin arganne taasisu.

Namni yeroo lafichoo (mijaaya) badii hojjachuun homaa isatti hin fakkaatu. Yommuu duuti isatti dhuftu ykn dirree Qiyaamaa irra dhaabbatu, badii hojjate hunda takka takkaan yaadata. Dargaggeessa tokkotu hin salaatu, badii adda addaa raawwata ture. Gaafa tokko konkolaatan imala (diida) osoo deemaa jiru, laga guddaa tokkotti dhufe. Riqicha irra yommuu gahuu horiin walitti dhufe. Konkolaataa horii irraa dabsuu osoo barbaadu, fireenin konkolaataa hojiin ala ta’uun, konkolaatattin isa fudhatte bishaanitti tarte. Konkolaatan tuni yommuu bishaan jala dabartu dargaggeessi kuni garmalee dhiphate. Duuti tiyya dhufte jedhe. Garuu suuraan (fakkiin) tokko fuundura isaatti dhufe. Suuraan sunis, badii hojjate dabarseedha. Badi hojjate takka takkaan yaadachu jalqabe. Dhumarratti, Rabbiin bishaan kana keessaa isa baraare. Erga bishaan keessaa bahe booda gara mana ofiitti qajeele. Erga mana seene maal akka hojjate akka nutti himu mee haa hayyamnuufi: “Mana nan seene. Wanti jalqaba ija kiyya irra bu’e suuraa aktarootaa, dubartii sirbituu fi dubartii qullaa girgiddaa irraa rarra’uudha. Gara suuraa kanniin utaalun nan tarsaase. Ergasii, siree kiyya irratti of darbuun booyu jalqabe. Yeroo jalqabaatif Rabbiif ajajamuu dhiisu kootif gaabbin garmalee natti dhagahame. Imimmaan ija kiyya keessaa lola’u fi qaamni kiyya hollachuu eegale. Osoo ani haala kanaan jiru azaana mu’azzinni deddebisu dhagahe. Akka waan yeroo jalqabaatif dhagahe natti fakkaata. Ergasii olka’ee wudu’achuun gara masjiidaa deeme. Salaata salaatun tawbaa kiyya nan labse, Rabbiin akka naaf araaramu nan kadhe. Urga sani kaase haala amma ati argitu kana irra jira (kana jechuun badii dhiise Rabbiif tolee jechuu itti fufaan jira.)” Madda: http://www.saaid.net/gesah/96.htm -tawbatu aasi- lakk.8ffaa

“Wanta gadi aanaa (rakasa) duniyaa tanaatti hin gammadin. Sadarkaa ol’aanaa Rabbiif ajajamuun malee kan hin argamne barbaadun amaanaa sirratti haa ta’u. (Kana jechuun Rabbiif ajajamuun addunyaa fi aakhiratti sadarkaa ol’aanaa fi kabajamaa barbaadi). Rabbiin (Azza wa jalla) wanti isa bira jiru Isaaf ajajamuun malee akka hin argamne murteesse jira. Namni akka Rabbiin fedhutti Rabbiif ta’e (hojjate), Rabbiin wanta inni fedhe caalaa isaaf ta’a. Namni gara Rabbii garagalee, Rabbiin fageenya irraa isa simata. Namni dandeetti fi humna Rabbitiin hojjatu, hadiida isaaf laaffisa. (Kana jechuun namni Rabbiin irratti hirkachuun hojii gaggaarii ulfaataa ta’e hojjatu, Rabbiin isaaf laaffisa.) Namni Rabbiif jedhe wanta tokko dhiise, san caalaa dabalata isaaf kenna….”

Firootan Wal-loluu

Yeroo tokko tokkoo wantuma xiqqoof yeroo obboleeyyanii fi firoota keenyatti aarru fi dallantu jira. Sheyxaanni wanta xiqqoo akka gaaraa guddisuun keessa keenyatti ibidda qabsiisa. Kaayyoon sheyxaanaa dubbii fi hojii badaa facaasun hariroo firummaa fi obbolummaa addaan kutuudha. Rabbiin Qulqulla’aan Olta’e Qur’aana keessatti ni jedha:

17:53

Jecha hundarra gaarii taate akka dubbatan gabroottan Kiyyatti himi. Dhugumatti sheyxaanni gidduu isaanii balleessa. Dhugumatti sheyxaanni ilma namaatif diina ifa bahaadha.“Suura Al-Israa 17:53
Sheyxaanni yommuu ibidda dallansuu nutti qabuu, mallatoolen kunniin yoo nutti dhagahaman badii isaa akka ta’e haa beeknu.
1. Hanqinna xiqqoo keessa namaatti guddisuu fi gaarummaa nama sanii dagachuun hanqinna san qofa irratti xiyyeefachu.
2. Osoo sirritti itti hin yaadin akka dubbatan nama kakaasuu fi tarkaanfi akka fudhatan nama jarjarsu.
3.”Anatu isarra gaariidha” jedhanii yaadun nama san hamachuu.
4. Yaada nama sanitiin of xamaduun wanta biraa dagachuu.
5. Sheyxaanni tarkaanfi namtichi fudhatu fi wanta hojjatu garmalee keessa isaatti bareechisa.Fakkeenyaf, nama san harkaan ykn wanta biraatin miidhuf tattaafachu.
Furmaanni kanaa gara Rabbii fiigun, A’uzu billahi mina sheyxaani rajiim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama)” jechuu. Yookiin immoo suuratu An-Naas (114) irra deddeebi’anii qara’u (dubbisu). Eeti, namoonni waan badaa namarratti raawwatun nama dallansiisu danda’u. Yeroo kanatti fooyya’insi yoo jiraate isaaniif irra darbun baayessa. Garuu fooyya’insi jiraatu yoo baate fi miidha kan namatti dabalu yoo ta’e haqa irraa fudhachuudha.

Akkuma maddi elektrikii mana ibsuuf bishaan ykn gaazi isa barbaachisu, imaannis qalbii akka ibsuuf beekumsa fi hojii gaarii barbaachisa. Qalbiin akka manaati. Manni yommuu ifaan (elektrikiin) itti ifu dukkanni irraa deemun wanta achi keessa jiru hunda argan. Haaluma kanaan qalbii irratti yommuu imaanni ifu, dukkanni irraa deema. Ibsaan imaanaa akka itti fufuuf yeroo hundaa beekumsa barbaadu fi hojii gaarii hojjachu barbaachisa. Maddi elektrikii bishaan yoo irra cite, ifaan hin ifu miti ree? Haaluma wal fakkaatun imaana irraa beekumsi fi hojiin gaariin yoo cite, ifni isaa xiqqaachun gara dhaamutti adeema.

Ibsaa Jireenyaa-Lakk.5
Ibsaa Jireenyaa-Lakk.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.