Ibsaa Jireenyaa-Lakk.4

Offline dubbisuf

Wanta kaatimaa (dhuma) namaa nama jalaa balleessan keessaa tokko WAAN GAARII AGARSIISANII WAAN BADAA DHOKSUUDHA. Fakkeenyaf, namtichi tokko waan gaarii hojjata. Ni salaata, ni azaanaa, hojii gaggaarii adda addaa hojjata. Namoonni hojii isaa kana ilaalun “Nama gaarii akkami!” jechuun dinqisiifatu. Garuu namtichi keessi isaa kan badeedha. Namoota irraa yommuu adda bahuu fi dhoksatti waan badaa adda addaa hojjata. Fakkeenyaf, filmii badaa ilaala, namni yoo isa hin argin hin salaatu, Rabbiin kophatti hin sodaatu. Namni kuni yoo hin tawbatin kaatima badaa irratti du’a. Hiriyyaan kiyya tokko akkana nan jedhe, “Dargaggeessi tokko ni azaana, hojii gaggaari hojjata. Garuu dhoksatti filmii wal qunnamti saalaa ilaala. Osoo inni kana ilaalu duuti itti dhufte.” Rabbiin kaatimaa badaa irraa nu haa tiksu. Kanaafu, keessaa fi dhoksaa keenya qulqulleessuf haa tattaafannu.

Yommuu tasgabbii dhabduu fi keessi kee jeeqamu, wantoota lama qoradhu. Isaaniis: Hojii badaa fi hojii gaarii. Akkamittii? 1.Hojii badaa hojjatte ilaali, qoradhu, yaadadhu. Ergasii gara Istighfaaraa fiigi. Hojiin badaan tasgabbii qalbii waan namarraa ari’uuf. 2. Hojii gaarii keessatti immoo wantoota lama qoradhu. 1ffaa-Hojii gaarii osoo hin hojjatin dhiiste ilaali. 2ffaa- hojiin gaariin ati hojjatte qulqullinna qabaachu isaa ilaali. Hojiin gaariin iklaasa yoo hin qabaatiin, sirnaa fi qalbeefannaan yoo hin hojjatamin, tasgabbii akka dhaban nama taasisa. Fakkenyaf, salaata haa fudhannu. Namtichi salaata yoo dhiise, tasgabbii dhaba, jireenyi isatti dhiphatti. Ammas, salaata sirnaan yoo hin salaatinii fi iklaasa hin qabaatin, tasgabbii guutuu hin argatu. Yommuu inni salaata waqtii isaa eegee sirnaan ykn kushu’aan saalatu fi iklaasa qabaatu, tasgabbii guutuu ni argata. Kanaafu, tasgabbii yoo dhabne takkaa hojii badaa keenya takkaa immoo hojii gaarii keenya haa qorannu.

Namtichi fiixe qajeelinnaa irra hanga fedhe haa gahu, qajeelinni dhuma hin qabu. Qajeelcha tokko gubbaa qajeelcha biraatu jira. Ammas qajeelcha kana gubbaa qajeelcha biraatu jira. Namtichi akkuma taqwaan isaa dabaluun hidaayan (karaa sirriitti qajeelun) dabalamaaf. (Taqwaa jechuun wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun adabbii irraa of eegudha.) Taqwaan namtichaa yoo dabale qajeelinni isaas ni dabala. Akkuma taqwaa irraa qoonni wayi isa jala darbuun, qajeelinna irraas qoonni hanga sanii isa jala darba.” (Imaam ibn Al-Qayyiim) Fakkeenyaf, namtichi salaata sirnaan yoo salaate fi badii irraa of eege, suutuma suuta gara daandii sirriitti qajeelun isaaf dabalama. Tarkaanfi tarkaanfin wanti hundi isaaf ifa ta’a adeema.

Rakkoo irratti obsuu jechuun harka maratanii taa’u jechuu osoo hin ta’in, rakkoo nama muudateef furmaata barbaadu keessatti obsuudha. Fakkeenyaf, hojii yeroo dhaban, rakkoo kana irratti obsi yommuu jedhamu, harka maradhu taa’i jechuu miti. Kana irra, guyyaa guyyaan hojii barbaadachu keessatti obsi, hanga hojii argattu mala adda addaa karaa sirrii ta’een barbaadu hin dhiisin jechuudha.

Lubbuu (nafsee) ofii irratti too’anna argachuun tarkaanfi jalqabaa fiixe milkaa’innaatti nama geessudha. Lubbuu ofii irratti too’annaa argachuu jechuun wanta badaa irraa qabuu fi wanta gaarii fi sirrii ta’e hojjachuudha.

Namoonni qajeelcha fi beekumsa fudhachuu fi hordofuu irratti hundaa’e bakka saditti qoodamu.
1) Nama qajeelcha fi beekumsa Islaamaa fudhachuun hordofuu, namoota barsiisu fi namoonni isarraa fayyadaman.
2) Nama beekumsa kuusee ergasii namootati dabarse. Namoonni isarra fudhachuun isa caalaa hubatu, itti fayyadamu.
3) Nama beekumsa fi qajeelcha hin fudhanne.
Ramaddi kana mee hadiisa Nabiyyi (SAW) irraa fakkeenyan haa ilaallu. Rabbiin rooba dachii irratti ni roobsa. Dachiin tuni gar-tokkeen ishii bilchooftu bishaan fudhachuun kaloo, marga, midhaanii fi kkf magarsiti. Gar-tokken biraa immoo jabaattu fi tan bishaan of keessatti kuustudha. Marga, kaloo fi midhaan hin magarsitu (hin biqilchitu). Garuu namoonni bishaan ishii keessaa baasun itti fayyadamu, horii ofii obaasu. Gar-tokken sadaffaa immoo maseena bishaanis of keessatti hin kuusne, marga ykn midhaan hin marginee ykn hin biqilchineedha. Amma gara namoota haa dhufnu. Qalbiin ilma namaa akka gosoota lafaa armaan oli kana. Qajeelchi fi beekumsi Islaamaa akka bishaan samii irraa bu’uuti. Qalbiin qajeelcha fi beekumsa fudhattu, sirritti hubattu, hordoftu fi namoota barsiistu akka lafa bilchooftu bishaan fudhattuu fi biqiltoota gaarii magarsituuti (biqilchituuti). Namoonni biqiltoota kana irraa ni fayyadamu. Haaluma kanaan namni qajeelcha fi beekumsa fudhatu, hordofuu fi namoota barsiisu ofillee itti fayyadama, namoonni biroos irraa fayyadamu. Gosni 2ffaan immoo akka lafa jabaattu bishaan kuustuti, garuu marga hin baastu. Haaluma kanaan namni beekumsa kuufate garuu mataa ofitii sirritti hin hubanne namoonni biroo beekumsa isaa irraa waraabbachuun itti fayyadamu. Gosni sadaffaan immoo nama beekumsa fi qajeelcha Ergamaan Rabbii (SAW) ittiin ergaman hin fudhannedha. Fakkeenyi isaa akka lafa maseena bishaanis hin kuusne biqiltus hin magarsineedha. Kanaafu, gosa 1ffaa fi 2ffaa irraa ta’uu qabnaa malee gosa sadaffaa ta’uu hin qabnu. Madda: https://sunnah.com/muslim/43/16

OF TUULUN amala sheyxaanati of eeggadhu. Of-TUULU ykn BOONU jechuun haqa fudhachuu diduu fi namoota tuffachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Nabii Aadamiif sujuuda kabaja akka sujuudan yommuu malaaykotaa fi sheyxaana ajaju, sheyxaanni of tuulun sujuudu dide. Maal jedhe of tuule? Akkana jedhe, “Anatu isarra (Aadamirra) caala; ana ibidda irraa uumte, isa immoo suphee irraa uumte.” (Suuratu Saad 38:76) Ergamaan Rabbii (SAW) Of-tuuluu maal akka ta’e haala kanaan ibsu: al-kibr (of-tuulu) jechuun haqa fudhachu didu, ija tuffiitin ilaalu fi namoota tufachuudha.Sahiih Muslim 91 Mee amma of-tuulu sheyxaanaa haa ilaallu.(1) Rabbiin “sujuudi” jedhe yommuu isa ajaju, sujuuda diduu isaatiin ‘haqa fudhachuu dide ykn tuffatee jira’. (2) “Anatu isa caalaa, ana ibidda irraa uumte isa immoo suphee (makaa bishaani fi biyyee) irraa uumte” jechuu isaatiin nama tuffate jira. Kanaafu, namni kanniin lamaan qalbii isaa keessatti kuuse obboleessa sheyxaanaa ta’aa jechuudha.

AJAAAA’IBA!!! Hojii gaarii hojjachuuf yommuu kaatu, gufuun lama gurguddaan si fuundura dhaabbatu. Gufuuwwan sunniin maal akka ta’an beektu? Gufuuwwan sunniin:
(1). Yommuu ati hojii gaggaarii hojjachuuf kaatu, sheyxaanni “yeroon ganaadha, dheeraadha, umrii jaarsummaa yoo geette hojii gaarii baay’iste hojjatta, amma maaltu si mudde? qabeenyi kee ni hir’ata” jechuun gufuu jalqabaa si fuundura kaa’a. Sheyxaana didde gufuu kana yoo dabartee, gufuu lammataa si fuundura kaa’a.
(2)Gufuun kunis, hojii kee ajaa’ibsifachuun akka of tuultu si taasisa. Kuni immoo hojiin akka nama jalaa badu taasisa. Mee gufuu kanniin fakkeenyan haa ilaallu. Sadaqaa kennuuf kaane haa jennu. Gufuun jalqabaa sheyxaanni nu fuundura kaa’u, “Qabeenyi kee ni hir’ata, ni hiyyoomta fi kkf.” jechuun nutti hasaasa. Gufuu kana yoo darbinee fi sadaqaa kennine, gufuu lammataa nu fuundura kaa’a. Innis, “Hojii gaarii akkam bareedu fi hangam guddaa ta’e hojjatte! Eenyulle si hin caalu” jechuun sheyxaanni nutti hasaasa. Sababa kanaan akka of-tuullu fi hojii keenyan dhaadannu nu taasisa. Kuni immoo hojii gaarii balleessa. Furmaanni gufuu kanniin itti kaasan haala kanaan eerun ni danda’ama: 1) Sheyxaana Rabbitti maganfachuu 2) du’a yaadachuu 3) Hojiin badaan keenya baay’ee akka ta’etti fi hojiin gaariin keenya baay’ee xiqqaa akka ta’etti ilaalu 4. Hojiin gaariin hojjannu hundi tola (fadli) Rabbitiin akka ta’e beekun hojii gaarii ajaa’ibsifachuu irraa garagaluu. Osoo Inni fedhii fi dandeetti hojii gaarii hojjachuu nu keessatti uumu baate, silaa hojii gaarii wanta jedhamu hojjachu hin dandeenyu. 4) Namoota hojii gaarii nu caalaa hojjatan ilaalu. Ibn Mubaarak akkana jedhe, “Nuti fi sahaabonni wal bira yommuu qabamnu akka muka dheeraati fi biqiltoota xixiqoo muka jalatti guddatuuti. Sahaboonni akka mukkeen dhedheeroti. Nuti immoo akka biqiltoota xixiqoo mukkeen dhedheeroo kanniin jalatti guddataniiti.” Kana jechuun hojiin sahaabota fi keenya walitti hin dhufu. Hojiidhaan nu caalu. Akkasumas, sadarkaan isaanii guddaadha. 

Ibsaa Jireenyaa-Lakk.5
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.