Ibsaa Jireenyaa-Lakk.5

Offline dubbisuf

Mana fuudhaa heerumaa (gaa’ila) kee waa lama irratti ijaari. Isaanis: TaqwaAllah (Sodaa Rabbii) fi Ridallah (Jaalala Rabbii). Maal jechuu keeti yoo jettan; Sodaa Rabbiitin wanta mana kee diigu eegda, Jaalala Rabbitiin wanta mana kee ijaaru hojjatta. Wanti guddaan jireenya fuudhaa heeruma diigu “waan badaa hojjachuu fi waan gaarii hojjachuu dhiisudha“. Hiika taqwaa keessaa tokko waan badaa dhiisun adabbii Rabbii irraa of eegudha. Kanaafu, yommuu niitin, dhiirsi fi ijoollen wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuu dhiisan, addaan bittinaa’u fi jeequmsa irraa of tiiksu. Akkasumas, Jaalala Rabbii barbaadun yommuu hojii gaggaarii hojjatan, hariiroo fi jaalalli isaan jiddu ni jabaata. Kuni maatii gaarii ijaarudha. Qur’aanni bu’uura jireenya keenya taqwaa fi jaalala Rabbii irratti ijaaru akka qabnu nu jajjabeessa. Haala kanaan fakkeenya nuuf dhiyeessa:

Sila nama bu’uura ijaarsa isaa sodaa Rabbii irraa ta’ee fi Jaalala [Isaa] irratti bu’uurresse caala moo, nama bu’uura ijaarsa isaa afaan boollaa kan cituu dhiyaate irratti bu’uuressee ergasii ibidda Jahannam keessatti isaan kufetu caalaa?” (Suuratu at-Tawbaa 9:109)
Namni ijaarsa isaa olfageessu barbaade, bu’uura isaa garmalee haa jabeessu. Iimaanni bu’uura, hojiin gaggaariin immoo ijaarsa bu’uura irratti ijaarramuudha. Maatii gaarii ijaaru yoo barbaanne bu’uurri keenya taqwaa fi Jaalala Rabbii irratti ta’uu qaba. Kana jechuun Rabbiin sodaachun wanta badaa ni dhiisna, mana keenya keessaas ni baasna. Akkasumas, Jaalala Rabbii barbaadun hojii gaggaarii ni hojjanna. Haala kanaan maatiin gaariin ni ijaarrama.

Gufuwwan lama of eeggadhu
Adeemsa jireenyaa keessatti yommuu hojii gaarii tokko hojjachuuf ykn kaayyoo tokko galmaan gahuuf kaatu, wantoota (gufuwwan) lama of eeggadhu. Isaanis: Yaada badaa namoota irraa dhufuu fi yaada badaa si keessaa burqu. Namoonni dadhabinnaa fi hanqinna kee ilaalun, “Eessa gahuuf akkanatti carraaqxaa? Uguruu hin geessu..” siin jedhu. Ati morkii fi gootummaan yoo itti hin fufiin, jireenya keessatti jijjirama hin argitu. Ammas, yaanni badaan si keessa jiru yaada namootatiin wal fakkaata. Wanti garagara godhu yaanni kee si waliin tura. Yaada nama gufachisanii fi laamshessan irraa bilisoomuf qabsoo guddaa si barbaachisa. Yaada namootaa nama gufachisu irraa bilisoomuf, namoota hamile namaa cabsan irraa fagaachu ykn yaada isaanii akka morkitti itti fayyadamu. Yaada badaa of keessa jiru irraa fagaachuf yeroo hundaa carraaqu fi wanta kaayyotti nama geessu hojjachuudha. Gonkumaa abdii kutuu dhiisu fi obsu

Yommuu badii raawwattu Qur’aana keessaa suuratu az-Zumar (39) dubbisuun sirritti itti xinxalli. Dhugumatti suuran tuni akkuma suuraalee (boqonnaalee) Qur’aanaa biroo waa lama of keessatti tan hammattedha. Isaaniis, rajaa (abdii) fi khawf (sodaa). “Jedhi,”Yaa gabroottan kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.” jechuun abdii namaaf kenna. “Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaa…” jechuun adabbii irraa akka of eegan nama taasisa. Gara dhumaatti immoo gahuumsa warra ibidda seenu fi Jannataa seenu dubbata. Kuni hundi rahmata Rabbii abdachuu fi adabbii Isaa sodaachun gara Isaa akka fiigan nama taasisa.


Namoonni gariin tola yommuu namatti oolan, nama sanii akkana godheef, akkana godheef jechuun tola san namatti odeessu. Kuni na argaa fi dhaadannaaf yoo ta’e hojii gaarii nama jalaa balleessa. Qur’aana keessatti, “Yaa warra amantan! Sadaqaa keessan dhaadannaa fi nama rakkisuudhaan hin balleessinaa…” Suuratu al-Baqarah 2:264

Namoonni dhugaan Rabbitti amananii fi hundeewwan imaana biroottis amanuun, hojii gaggaarii hojjachuun imaana isaanii dhugoomsan, isaaniif mindaa guddatu jira. Mindaa (ajrii) addaan hin cinne Aakhiratti argatu. Addunyaa tana keessattis qalbiin isaanii tasgabbiin guuttamti. Namoonni milkaa’an hojii hojjachuun dura gaafi lama of gaafatu. Isaaniis: “Maaliif?, Akkamitti?” Gaafiin jalqabaa “Maaliif hojii gaarii hojjadha?” jechuun niyyaa ofii akka qoratan nama taasisa. Kuni immoo shirkii irraa nama qulqulleessun iklaasatti nama geessa. Gaafin lammataa immoo “Akkamitti hojii kana hojjadha?” jechuun eenyun hordofuu akka qaban karaa isaanitti agarsiisa. Kuni immoo bid’aa irraa fagaachun sunnaa akka hordofan nama taasisa. Hojiin gaariin fudhatama kan argatu iklaasa yoo qabaate fi sunnaah yoo hordofaniidha.

Gorsa Hiriyyaa of Eeggadhu
Namni tokko haala fi amala gaarii irra osoo jiru jireenya isaa keessatti haala hin beekkamneen daandii sirrii irraa bahuun haala fi amala badaatti jijjiramu danda’a. Wantoota baditti nama geessan keessaa tokko hiriyyaa badaa fi namoota beekumsa hin qabneedha. Hiriyyaan badaan haala kanaan nama gowwoomsa: Nama hojii gaarii hojjatu fi hojii badaa irraa dheessu yommuu argu, itti dhufe akkana jedhaan, “Sila ati maalidhaa? Adda jiraatta, namatti hin madaqxu. Yeroo hundaa hojii gaggaarii hojjachu qaba jechuun of hiita. Gara alaa bayi hiriyyoota waliin deemi, hariiroo uumi. ” Namtichi qaruute yoo hin ta’in, kana dhugaa sehe (itti fakkaate), gorsa kana fudhachuun hordofa. Ergasii, hanga baditti seenutti malee of hin argu. Yommuu baditti lixu, “Sila ani maal ta’ee badii kanatti lixee?” jechuun gaabbi hamaa gaabba. Kanaafu, nama hiriyyaa onnee fakkaachun gara baditti si harkisuuf si gorsu of eeggadhu. Gorsa isaa yeroo kudhan irra deebi’i itti yaadi. Ammas namoonni beekumsa hin qabne kan namoota karaa irraa baasan lakkoofsa hin qaban. Namoonni akkanaa maatii irraa jalqabu. Nama Islaama hordofuu fi hojii gaggaarii hojjachuuf carraaqu yommuu argan, duubatti isa/ishii buutuf wanti isaan hin goone hin jiru. Sababni isaas, beekumsi isaanii xiqqaa fi iimaanni isaanii da’iifa (laafaa) waan ta’eefi. Akkana jedhuu, “Yoo Islaama qabatte qabeenya dhabda, ni hidhamta…” yaada hundee hin qabne biroo namatti afuufu. Eeti, Yaada isaanii akka jabeenyatti itti fayyadamudha malee of laamshessuun hin barbaachisu. Akkasumas, isaan jibbuu fi diina isaanitti ta’uun hin barbaachisu. Tarii akka yaada isaanitti “Kuni gaarii” jechuun gorsa namaaf kennu. Gorsi isaanii kuni beekumsa irratti waan hin hundoofneef bu’aa baay’ee kan fidu miti. Kanaafu, jireenya keessatti gorsa namoota madaalu barbaachisa.

Wanta Mana Fuudhaa Heerumaa diiganii fi Furmaata
Jireenya fuudhaa heerumaa keessatti wantoota maatiin akka diigamu taasisan keessaa tokko dhiirsa fi niitin fedhii walii guutu dhiisudha. Keessummattu, dhiirsi ykn niitin fedhii foonii guuttachuuf manaan alaa gara biraa kan mil’atan yoo ta’an, maatiin isaanii bittinaa’un waan hin oolledha. Baasi manaa irratti ganamaa galgala kan walitti nyakkisan yoo ta’an, ijoollen ni jeeqamti, gammachuun manaa ni bada. Wanta armaan olii guduunfuf tuqaalee armaan gadii ijaarsa maatii itti fufsisan eerun ni danda’ama:
1. Dhiirsi fedhii foonii niiti isaa guutu qaba. Niitinis fedhii foonii dhiirsa ishii guutu qabdi. Ta’uu baannan manni ni diigama.
2. Niitin nama alagaa (hormaa) bakka dhiirsi hin jirreetti mana seensisu hin qabdu. Kuni fitnaa guddaa uuma. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dubartoota irratti seenu of eeggadhaa!” Sahih al-Bukhari 5232  
3. Maatii irratti baasi yommuu baasan kararoo fi sagantaan deemu. Wanta bituu qaban yaadannoo irratti tarreessu. Wanta hin barbaachisne bituu dhiisu. Wanta bitaniis sirnaan fayyadamu fi qisaasessu dhiisu.
4. Wanta xiqqaa fi guddaa irratti walitti nyakkisuu osoo hin ta’in irra walii darbuu fi araaramu. Wantoonni armaan olii kunnin galma kan gahan akkamitti akka ta’e beektu? Akkuma jalqabatti jenne wantoota armaan oli kana galma akka gahuu fi maatiin gaariin akka ijaarramu kan gargaaru “Taqwaa” fi “Jaalala Rabbii barbaadudha.”

Ibsaa Jireenyaa-Lakk.4
Ibsaa Jireenyaa-Lakk.3
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.