Ergamtootatti Amanuu-Kutaa 2ffaa

Offline dubbisuf

Yeroo darbee Ergamtoonni Rabbii ilmaan namaa dukkana kufrii fi wallaalummaa keessaa gara ifa iimaanaa fi beekumsaatti hayyama Rabbitiin akka baasan ilaalle turre. Namni hanga fedhe ‘Ani qaroome’ haa jedhu, Ergamtoota yoo hin hordofin, dukkana kufrii, dhiphinna, salphinnaa fi gaddaa keessatti hafa. Sababni isaas, daandii gammachuu fi milkaa’innatti nama geessu waan dhiisef. Faallaa kanaa, namni hanga fedhe wallaalaa, hiyyeessa ykn dureessa haa ta’uu, Ergamtoota yoo hordofe, gammachuu fi milkaa’inna addaan hin cinnetti kan bahu isa/ishiidha. Ergamtootatti amanuu jechuun maal jechuudhaa? Ergamtootatti amanuun dhimmoota afur of keessatti qabata. Isaaniis:

1-Ergamtoonni dhugaadhaan Rabbiidhaan kanneen ergaman ta’uu amanuu– kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa dukkana keessaa gara ifaatti akka bahaniif, isaan keessaa namoota hunda caalaa filatamoo fi qulqulluu ta’an Ergamtoota akka erge shakkii tokko malee amanuudha. Daaw’an (waamichi) ergamtootaa ummata isaanii shirkii fi dhagaa gabbaruu irraa baraaru, hawaasa badii hunda irraa qulqulleessudha. Namni Ergamaa tokkotti amanuu dide, Ergamtoota hundatti kafaree jira. Sababni isaas, hundeen (asaasni) ergaa Ergamtoota hundaa tokkoodha. Innis, “Rabbiin Tokkichoomsudha” ykn Tawhiida. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu Qur’aana keessatti akkana jedha:

26:105

Ummanni Nuuh Ergamtoota kijibsiisan.” Suuratu Ash-Shu’araa 26:105

Ummata kanatti Ergamaan tokko haa ergamuyyu malee Rabbiin ergamtoota hunda kan kijibsisan ta’uu mirkaneesse. Namni Ergamaa tokko kijibsiise ykn itti amanuu dide, osoo ergamtoonni kumni itti dhufanillee inni hin amanu. Sababni isaas, hundeen ergaa Ergamtoota Rabbii hundi tokko.

21:25

[Yaa Muhammad] Si dura ergamaa tokkooyyuu, “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafu, Ana [qofa] gabbaraa” jechuun beeksisa (wahyii) gara isaatti buufnu malee hin ergine.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:25

Kana jechuun Ergamtoota si dura dhufan hundatti  “Gabbaramaan haqaa Ana malee hin jiru. Kanaafu Ana qofa gabbaraa” jechuun ergaa itti buufne.

Kanarraa ka’uun, Kiristaanonni Nabii Muhammadin (SAW) kijibsiisanii fi hin hordofne, Nabii Iisaas (AS) kijibsiisanii fi kan hin hordofne ta’anii jiru. Keessumaayyu, Nabii Muhammad akka dhufu, Nabii Iisaan isaan gammachiise ture. Kana hubachuuf, ergaa Nabii Iisaa, Muhammadi fi nabiyyoonni darban hundii itti waamaa turan jijjiranii fi micciranii jiru. Ergaan kunis “Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Kanaafu Isa qofa gabbaraa” jechuun ummata isaanii waamaa turan. Faallaa kanaa, Kiristaanonni Rabbii Tokkicha gabbaruu dhiisanii Isa waliin Iyyasuusin, Gabra’eeli fi Mikaa’elin gabbaru (waaqefatu). Kanaafu, handhuura fi hundee ergaa irraa waan jallataniif ergamtoota hunda kijibsiisanii jiru.

2- Ergamtoota keessaa maqaalee isaanii kan beeknu itti amanuu- Kanneen akka Muhammad, Ibraahim, Muusaa, Iisaa fi Nuuh (hunda isaanii irrattu nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu). Ergamtoonni shanan kunniin ergamtoota ijjaanno isaanitiin hundarra cimoo ta’aniidha. Uulul azmi jedhamu. Qur’aana keessatti bakka lamatti maqaan isaanii waliin dhayame. (Suuratu Al-Ahzaab 33:7 fi suuratu ash-Shuuraa 42:13) Kanneen maqaalee isaanii hin beekne immoo haaluma walii galaa ta’een itti amanna.

Kana jechuun ergamtoota maqaan isaanii nuuf himame fi hin himamne Rabbiin haqaan akka erga amanuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

 “Dhugumatti, si dura ergamtoota erginee jirra. Isaan keessaa warra seenaa isaanii siif himnetu jira; isaan keessaa warra seenaa isaanii siif hin himnetu jira.” Suuratu Ghaafir 40:78

3-Oduu isaan irraa dhufuun isaa mirkanaa’e dhugoomsu– kana jechuun odeefanno Ergamtoota irraa nama gahe fi odeefannoon kuni dhugaadhaan isaan irraa ta’u yoo mirkanaa’e itti amanuudha. Sababni isaas, wanti Ergamtoonni dubbatan hundi dhugaadha.

4- Ergamtoota keessaa seera (shari’aa) Ergamaa gara keenyaatti ergamee hojii irra oolchu fi itti buluu Ergamaan kunis Nabii Muhammad (SAW) xumura nabiyyootatii fi ilmaan namaa hundaaf kan ergameedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

Lakki; Rabbii keetiin kakadha! Waan gidduu isaaniitti wal dhaban keessatti hanga si murteesissanii ergasii waan ati murteessite irratti odoo lubbuu isaanii keessatti diddaa homaatu hin mul’isinii fi fudhannaa [garaa guutuu ta’een] fudhatanitti isaan hin amanan.” Suuratu An-Nisaa 4:65

Kana jechuun Yaa Muhammad (SAW) wanta isaan irratti wal-dhabanii fi wal faalleessan keessatti hanga abbaa murtii si godhanitti isaan hin amanan. Ergasii, wanta ati murteessite irratti lubbuu isaanii keessatti diddaa kan hin mul’isnee fi fudhannaa guutuu itti gammadanii fudhachuu fi itti bulu qabu. Kanaafu, Muslimoonni yommuu wanta tokko irratti wal dhaban, wantoota sadii gochuun isaan irra jira. 1ffaa- Wanta irratti wal dhaban gara Nabii Muhammad (SAW) fidu fi akka isaan jiddutti murteessu isarraa barbaadu. 2ffaa- Wanta Nabiyyiin murteesse nafsee isaanii keessatti diddaa fi dhiphinni itti dhagahamu hin qabu. Wanta Nabiyyin murteessu haqa waan ta’eef gammachuun fudhachuu qabu. 3ffaa- Wanta Nabiyyiin murteesse hojii irra oolchu fi itti buluudha. Namni kanniin sadan guute, dhugumatti inni mu’imina. Kan kanniin hundaa hin guunne immoo kaafira ta’a.

Gaafin akkana jedhu ka’uu danda’a. Nabiyyiin amma lubbuun hin jiran. Kanaafu, wanta irratti wal dhaban eenyun abbaa murtii taasisan? Deebiin isaa Qur’aana fi sunnaadha. Qur’aana fi sunnaan maanguddoota lamaan Muslimoota jidduu jiruudha. Kanaafu, wanta irratti wal-dhaban gara isaanii deebisu qabu. Rabbiin ni jedha:

Yaa warra amantan Rabbiif ajajama, Ergamaa fi warra isin keessaa abbooti taaytaa ta’aniifis ajajamaa. Yoo waan tokko keessatti wal mormitan gara Rabbii fi Ergamaa deebisaa, yoo Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taatan. Kuni irra caalaa fi hiikafis bareedadha.” Suuratu An-Nisaa 4:59

“Isin keessaa abbooti taaytaf ajajamaa” yommuu jedhu, wanta badaa isaan itti ajajaniif ajajamaa jechuu miti. Laa xaa’ata limakluuqi fii ma’asiyitil khaaliqi (Kaaliqa faallessanii uumamtotaaf ajajamuun hin jiru). Wanta gaarii isaan itti ajajan qofaaf ajajamuudha.

Gara mata duree keenyatti yommuu deebinu, namni Nabii Muhammad (SAW) itti nan amana jedhu, wanta Nabiyyin itti ajaju hordofuu fi wanta inni irraa dhoowwu dhiisu qaba. Akkuma keeyyata lamaan armaan olii keessatti ilaalletti. Dabalataan Rabbiin akkana jedha:

Waan Ergamaan isiniif kenne qabaadhaa, waan inni irraa isin dhoowwe dhoowwamaa. Rabbiin sodaadha. Dhugumatti, Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha.” Suuratu Al-Hashr 59:7

Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jedhan:
فَإِذَا نَهَيْتُكُمْ عَنْ شَىْءٍ فَاجْتَنِبُوهُ، وَإِذَا أَمَرْتُكُمْ بِأَمْرٍ فَأْتُوا مِنْهُ مَا اسْتَطَعْتُمْ
Wanta tokko irraa yommuu ani isin dhoowwe, isa irraa fagaadhaa. Ajaja tokkotti yommuu isin ajaje immoo isa irraa hanga dandeessan hojjadhaa.” Sahih al-Bukhari 7288

Guduunfaa
Ergamtootatti amanuu jechuun Rabbiin haqaan kan isaan erge ta’uu amanuu, odeefannoo isaan irraa mirkanaa’e dhugoomsu fi isaan hordofuudha.
✈Handhuurri fi hundeen ergaa Ergamtoota hundaa jecha “Laa ilaah illa Allah” jettuudha. Hiikni isaas, Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiru. Ergamtoonni hundi “Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiru.Kanaafu, Isa qofa gabbaraa, wanta Isaan ala jiran dhiisaa.” jechuun ummata isaanii waamaa turan.
✈Namni Ergamaa tokkotti kafare, Rabbii fi Ergamtoota hundatti kafaree jira. Sababni isaas, hundeen ergaa Ergamtoota hundaa tokko. Ergaa kana kan isaanitti buuse immoo Rabbiidha.
✈Ergamtootatti kafaruu jechuun ergaa isaan fidan itti amanuu diduu, itti buluu dhiisu fi itti of tuuludha.
✈Nabiyyiin xumuraa Nabii Muhammad (SAW). Isa booda nabiyyiin biraa hin ergamu.Ilmaan namaa guutuuf kan ergameedha. Rabbiin ni jedha:

Nuti nama hundaaf gammachisaa fi akeekachisaa goonee malee si hin ergine. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” (Suuratu Saba 34:28) Kana jechuun ilmaan namaa hundaa badhaasa Rabbiin isaaniif qopheessen akka gammachistuu fi adabbii cimaa irraa akka isaan akeekachistuuf si ergine.
✈Nabii Muhammaditti amanuu jechuun Nabii Muhammad (SAW) ilma namaa guutuuf Rabbiin kan erge ta’uu dhugaan itti amanuu, odeefannoo isarra mirkanaa’e dhugoomsu, wanta inni itti ajaje hojjachuu fi wanta inni irraa dhoowwe dhiisudha.
Qur’aana keessatti: “Namni Rabbii fi Ergamaadhaaf ajajame isaan suni nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidota fi warreen gaggaarii irraa warra Rabbiin qananiise waliin ta’u. Warra kanaan hiriyoomun waa tole!” suuratu An-Nisaa 4:69
Rabbiin warroota kanniin waliin nuu haa godhu.

Kitaabban wabii: 
Sharih Usuuli salaasa Fuula 97-98 Ibn Useymiin  
Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 267 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii

Ragaalee Dhugummaa Ergamaa Rabbii(SAW)-kutaa 1
Hundee Iimaana 4ffaa:Ergamtootatti Amanuu-1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.