Ragaalee Dhugummaa Ergamaa Rabbii(SAW)-kutaa 1

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti Ergamtootatti amanuu jechuun “Rabbiin haqaan kan isaan erge ta’uu amanuu, odeefannoo isaan irraa mirkanaa’e dhugoomsu fi isaan hordofuudhajennee turree. Wanti Ergamtoota Rabbii namoota biroo irraa adda isaan taasisu wahyii (beeksisa) Rabbiin irraa isaan irratti bu’uudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala nama tokko Ergamaa Isaa gochuu yoo barbaade, ragaalee fi mu’jizaa (raajii) adda addaan gargaara. Namni tokko “Ani Ergamaa Rabbiiti na hordofaa” yoo jedhe, wanta oduu isaa kana dhugoomsu fidu qaba. Ragaalee armaan gadi keessaa ragaa tokkoon ykn sani oliin dhugummaa Ergamaa Rabbii agarsiisuun ni danda’ama:  

1ffaa- Haqiiqaa Ergaa inni baadhatuu
2ffaa- Eenyummaa, amalaa fi adeemsa Ergamaa Rabbii maqaa gaarii fi guutuun akka waamamu taasisan
3ffaa- Ergamtoonni amala Ergamaa kanaa dubbachuu fi wanta isaan jedhaniin walitti galuu
4ffaa-  Mu’jizaa (raajii) Rabbiin isaaf kenne
Mee amma kanniin tokkoon tokkoon haa ilaalu

(1)-Haqiiqaa Ergaa inni fideetiin Rabbiin irraa haqaan Ergamaa ta’uu dhugoomsu

Namni sammuu qulqulluu fi xinxalliin wanta Ergamaan fidee ilaale, dhugumatti Ergamaa kana Rabbiin haqaan akka erge ni arga. Fakkeenyaf, Nabiyyana Muhammad (SAW) ergaan inni namootaaf fidee ergaa fooyya’iinsa, gaarummaa, faaydaa fi bu’aa ilma namaa hundaaf toluudha. Wanti inni itti ajajuu ilma namaa kan fayyadanii fi wanti inni irraa dhoowwu ilma namaa kan miidhaniidha. Namni hanga fedhe fiixe qaroominna irraa haa gahuu, seerri fi heerri inni ilma namaatiif tumu, yeroo hundaa kan turuu fi hanqinna irraa bilisa kan ta’ee miti. Hanqinna baay’ee kan qabuu fi bakka bakkaatti gargar kan ta’uudha. Garuu faallaa kanaa seerri Ergamaan Rabbii (SAW) fidan yeroo hundaa kan turuu fi ilma namaa guutuuf kan ta’uudha. Namni tokko haqiiqaa wanta Ergamaan fidetti yoo itti lixe xinxalle, maddi seera kanaa Rabbii waa hundaa beeku akka ta’e ni hubata. Kanaafu, Ergamaan kuni kan Rabbiin erge ta’uu jala muree ni amana.

Rabbiin Qur’aana keessatti Nabii Muhammad (SAW) Ergamaa ilma namaa guutuuf ergamee akka  ta’ee bakka adda addaatti dubbata. Isaan keessaa:

Yaa ilmaan namaa! Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa Ergamaan haqaan isinitti dhufee jira. Kanaafu amanaa isiniif irra gaarii ta’aati. Yoo kafartaniis wantoonni samii fi dachii keessaa kan Rabbiiti. Rabbiinis Beekaa Ogeessa ta’eera.” Suuratu An-Nisaa 4:170

Mee Keeyyata tana akka nuuf ibsan Sheykh Abdurahmaan Sa’diyyiif haa dhiifnu:
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa hunda gabrichaa fi Ergamaa Isaa kan ta’ee Muhammaditti akka amanan ajaja. Sababa isatti amanuu barbaachisee, faaydaa isatti amanuu irraa argamuu fi miidhaa isatti amanuu dhiisu ni dubbata. Sababni itti nama kakaase, Ergamaan Rabbii haqaan isaanitti dhufuu isaati. Kana jechuun mataan isaa dhufuunu haqa, seerri inni fide haqa (dhugaa)dha.

Namni qaruuten ergaan Rabbii kan isaan irraa cite ta’ee osoo jiruu ilmi namaa wallaalummaa keessatti dhama’uu fi kufrii keessatti raata’uun, ogummaa fi rahmata Rabbitiin kan hin malle ta’uu ni hubata. Ogummaa fi rahmataa Rabbii keessaa tokko qajeelinna jallinna irraa addaan baasanii akka beekaniif ergamaa isaaniif erguudha. Ergaa Nabi Muhammad (SAW) fide ilaalun qofti nabiyummaan isaa dhugaa akka ta’e ragaa jala muraadha.  Haaluma kanaan, seera (shari’aa) guddaa fi daandiin qajeelaan inni fide [Ergamaa Rabbii ta’uu isaa ni mirkaneessa.] Sababni isaas, shari’aa kana keessaa odeefannoo dhokataa darbee fi gara fuunduraatti dhufutu keessa jira. Ammas, odeefannoo Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaa wahyii (beeksisa) Rabbiin irraa ta’een malee kan hin beekamnetu keessa jira. Dabalataan, wanta gaarii, fooyya’aa, qajeelinna, haqummaa, toltuu, dhugummaa, gaarummaa, hariiroo firummaa sufuu fi amala gaaritti ajajutu [shari’aa kana keessa jira]. Ammas, wanta badaa, balleessaa, daangaa darbuu, zulmii, amala badaa, kijiba fi abbaa haadha miidhu irraa dhoowwutu [shari’aa kana keessa jira]. Kuni hundi Nabii Muhammad (SAW) ergamaa Rabbii akka ta’e agarsiisa. Namni akkuma ilaalchi fi hubannaan inni Islaamaf qabu dabalaa adeemun, iimaanni fi shakkiii tokko malee dhugaan amanuun isaa ni dabalamaaf. Kuni sababa iimaanatti isa waamudha.

Faaydan isatti amanuu keessa jiru immoo “isiniif keeyriidha (gaariidha).” jechuun beeksiisa. Keeyrin faallaa sharrii (wanta badaati). Iimaanni warroota amananiif qaama, qalbii, ruuhi, addunyaa fi Aakhirah isaanii keessatti gaariidha. Kunis kan ta’eef fooyya’insi fi faaydan hundii isarraa (iimaana) irraa kan burquu waan ta’eefi. Mindaan (sawaabni) ammaa fi gara fuunduraatti argamu hundii firii iimaanaa irraayyi. Gargaarsi, qajeelinni, beekumsi, hojii gaariin, gammachuun, mirqaansuun, Jannanii fi qananii ishiin of keessatti qabatte hundii iimaana irraa kan dhufuudha. Akkuma addunyaa fi aakhiratti dararamuun iimaana dhabuu fi hir’inna isaatirraa dhufu.

Miidhan Nabii Muhammaditti amanuu dhiisu irraa dhufu immoo faallaa wanta isatti amanuu irraa argamuun ni beekkama. (Kana jechuun namni yoo Nabiyyitti amanuu dide, beekumsa jireenya isaa ibsu, qajeelinna, gammachuu, Jannata fi wantoota biroo dhaba.) Namni yoo amanuu dide (kafaree) mataa ofii malee eenyullee hin miidhu. Rabbiin isarraa dureessa. Badiin warroota badii hojjatanii Isa hin miitu. Kanaafi akkana jedhe, “wantoonni samii fi dachii keessaa kan Rabbiiti” Kana jechuun uumamtoonni fi motummaan Isaa hundi too’annaa Isaa jala jiru. Rabbiin waan hundaa Beekaadha, wanta uumuu fi ajaju keessatti Ogeessa ta’eera. Inni nama qajeelinni fi jallinni maluuf ni beeka. Qajeelinnaa fi jallinna bakka isaanii kaa’u irratti ogeessa. (Nama qajeelu barbaadu hin jallisu. Nama jallinna malee qajeelinna hin barbaanne hin qajeelchu).”[1]

Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa guutuuf akka ergame nabiyyiin akkana jedhi jechuun ajaja.

Jedhi, “Yaa namoota! Dhugumatti, ani Ergamaa Rabbii Kan mootummaan samii fi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti ergameedha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa, ni ajjeesa. Rabbii fi Ergamaa Isaa nabiyyii hin dubbisnee fi hin barreessinee ta’e kan Rabbii fi jechoota Isaatti amanutti amanaa. Akka qajeeltaniif jecha isa hordofaa.” Suuratu Al-A’araaf 7:158

Mee ammas keeyyata tanaa ifa haa goonu: Rabbiin Nabiyyii Isaatiin Yaa Muhammad akkana jedhi:  “Yaa namoota! Dhugumatti, ani Ergamaa Rabbii…gara hunda keessaniitti ergameedha.” Kana jechuun Arabaa fi Araba kan hin taanee, gurraachaa fi adii, abbooti kitaaba fi kanneen biroo hunda keessanitti ani Ergamaa Rabbii ergameedha. Kuni kan agarsiisu kabaja isaatii fi xumura nabiyyootaa ta’uudha. Inni ilmaan namaa hundaaf kan ergameedha. Akkuma Rabbiin jedhe, “Jedhi, “Gidduu kiyyaa fi keessan Rabbiin ragaa bahaadha. Qur’aanni kunis akka ittiin isinii fi nama inni bira gahu akeekachisuuf gara kiyyatti buufame.” (Suuratu Al-An’aam 6:19) (Kana jechuun isinii fi nama ergaan Qur’aanaa hanga Guyyaa Qiyaamaa bira gahu adabbii cimaan akeekachisuuf Qur’aanni kuni gara kiyyatti buufame) Rabbiin ni jedha:

Garee [adda addaa] irraa namni isatti kafare, ibiddi iddoo gahuumsa isaa waadaa galameedha. Isa irraa shakkii keessa hin ta’in. Dhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedha. Garuu irra hedduun namootaa hin amanan.” (Suuratu Huud 11:17) (Kana jechuun garee adda addaa irraa namni Qur’aanatti amanuu didee fi itti buluu dhiise, ibiddi Jahannam iddoo gahuumsa isaati. Qur’aana irraa shakkii homaatu keessa hin ta’in. Dhugumatti, Qur’aanni haqa Gooftaa kee irraa bu’eedha. Garuu namoonni baay’een takkaa sababa wallaalummaa fi jallinnaa takkaa immoo sababa of tuuluu irraa kan ka’e hin amanan.)

Waa’ee Nabii Muhammad (SAW) ilmaan namaa hundaaf ergamu ilaalchise keeyyatonni Qur’aanaa baay’eedha. Hadiisnis akkasuma baay’eedha. Isaan keessaa tokko haa eerru. Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Rabbii harka Isaa nafseen Muhammad jirtuun kakadhee! Ummata kana keessaa Yahuudaa fi Kiristaanii waa’ee kiyya dhagahee ergasii wanta ani ittiin ergametti osoo hin amaniin yoo du’e, warroota ibidda seenan keessaa ta’a.Sahih Muslim 153 Hadiisni kuni keeyyata Qur’aanaa armaan oliitin walitti kan galuu fi ibsuudha.

Gara ibsa keeyyata Qur’aanatti yommuu deebinu“Kan mootummaan samii fi dachii kan Isaa ta’e” Kana jechuun mootummaan Samii fi dachii kan Rabbiiti. Samii, dachii fi wantoota hunda kan uume, bulchuu fi too’atu Isa. Jiraachisuu fi ajjeesun harka Isaa jira.[2]

Rabbii fi Ergamaa Isaa nabiyyii hin dubbisnee fi hin barreessine ta’e kan Rabbii fi jechoota Isaatti amanutti amanaa.” Kana jechuun Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanaa. Ergamaan kuni Nabiyyi hin dubbisnee fi hin barreessineedha. Akkasumas, Rabbii fi Jechoota Isaatti kan amanuudha. Ergamaan kuni Ergamaa amantii fi hojii isaatin gadi dhaabbataa fi qajeelaa ta’eedha. Kanaafu, “akka qajeeltaniif jecha isa hordofaa.” Fakkeenyaf, namni tokko isa fuundura nama daandii qajeela irra deemu argee yoo hordofe, dhugummatti namni kuni ni qajeela. Sababni isaas, namni inni hordofu kuni daandiin irra deemu kuni eessatti akka nama geessu sirritti beeka. Haaluma kanaan, nabiyyiin daandii qajeelaa Jannataa fi gammachuu zalaalamitti nama geessu hordofa. Kanaafu, isa hordofuun milkaa’innaa fi gammachuu zalaalamitti akka qajeelan nama taasisa.

Guduunfaa
➥Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa erga uumee booda akkanumatti qajeelcha malee hin dhiisne. Akka qajeelanii fi jireenya gammachuu gaggeessaniif Ergamtoota isaaniif erge.
➥Ergamtoota kanniin mallatoolee fi ragaalee ittiin beekkaman taasise. Ragaalee kanniin keessaa ergaan isaan ilma namaatti fidan namootaaf gammachuu, wanta gaarii kan argamsiisu fi wanta isaan miidhu isaan irraa kan dhoowwudha ykn ittisuudha.
➥Ergaan Nabii Muhammad (SAW) ilma namaatiif fidan, bakkaa fi yeroo osoo hin filatin, erga ilma namaa guutuuf ta’uudha. Kanaafu, ergaan kuni Rabbii waa hunda beeku irraa akka ta’e agarsiisa. Nabii Muhammadis (SAW) Rabbiidhaan akka ergame ragaa agarsisuudha.
➥Kana hubachuuf shari’aa inni fidee itti xinxalluu fi hordofuudha.


Kitaabban wabii:
[1] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii fuula 235-236
[2] Tafsiir ibn Kasiir 3/489-491
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 285-289

Ergamtootatti Amanuu-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.