Sab-qunnamtiin Dhiiraa fi Dubartiin Waliin Haasawu

Sab-qunnamtii irratti saalli lamaan waliin haasawuun khalwaa dhowwamee keessaa ta’uu danda’aa?
Yeroo ammaa karaan dhiiraa fi dubartiin itti wal qunnaman salphataa dhufee jira. Teknolojin gadaa kanaa kana salphisuun gahee ol’aanaa taphataa jira. Sab-qunnamti (social media) yommuu jennu karaa namoonni salphatti odeefannoo wal jijjiraniidha. Fakkeenyaf, Kan akka fesbuuki, WhatsApp, viber, telegram, Yahoo, email fi kkf.  Read more

Ibidda Fedhii irratti Obsuuf

Ji’oota darban keessa waa’ee Rabbii ilaalle turre. Rabbiin beeku fi Isatti amanuun jireenyi teenya akka fooyyoftuu fi daandii sirrii qabattu taasisa. Yeroo dargaggumma fi shamarrummaa ibidda fedhii cimaa keessa namaatti qabatu Rabbiin beeku, itti amanuu, sodaachuu fi Isa jaallachuun akka qabbanaa’u muxannoo fi qorannoon ni agarsiisa. Warroonni Rabbiin beekanii fi itti bulan ibidda kanarraa nagaha akka bahan shakkii wayitu hin qabu. Warroonni Rabbiin irraa fagaatan immoo ibidda fedhii kanaan gubataa akka jiran hundii keenyaa ni beekna. Mee karaalee ibidda fedhii irratti ittiin obsan muraasa haa ilaallu. Karaan kuni warraa obsa qabaniif obsi akka cimuuf, warra obsa hin qabneef immoo obsa akka horatanii fi ibidda fedhii hir’isaniif agarsiistu isaaniif ta’a. Read more

Isa Gorsitee ishii galateefachuuf dhufee Zinatti kufan

Ani shamara maatii beekkamaa irraa taatedha. Akkuma namoonni ragaa bahan ani nama amantii qabatee fi amala gaarii qabuudha. Garuu dargageessa tokko baruuf sababa na kakaase hin beeku. Balaa abbaan isaa du’uutin waan rukutamee fi itti-gaafatamummaan obboleeyyani fi haadha horachuu isarratti waan kufeef isa gargaaru barbaade. Dargaggeessi kuni karaa hiriyyoota badaa qabate. Anis isa nan gorse. Isa cinaa dhaabbachuu fi dhugaan isa gorsuun dirqama kiyya akka ta’e natti dhagahame. Dhumarratti, gara barnoota isaatti ni deebi’e, hiriyyoota badoo ni dhiise, guutumaan guututti ni jijjirame. Read more

Zinaa Irraa Akkamitti Tawbatanii?

Zinaan (sagaagalummaan) hojii fokkuu ta’ee fi miidha hangana hin jedhamne geessudha. Dubartin akka durbummaa fi kabaja dhabdu, sanyiin akka wal dhayuu taasisa. Dubartiin zinaadhaan yoo ulfoofte hangam salphinni ishii akka haguugu tilmaamun nama hin dhibu. Daa’imni kuni yoo dhalate jireenya akkami akka gaggeessu itti haa xinxallinu. Dhibee gadaa kanaa HIV Eedisiin akka saffisaan babal’atuuf balbala kan banu zinaadha. Read more

Dubartiin Zinaa Dhiira Qulqulluutti Ni Heerumti?

Dubartiin takka zinaa (sagaagalummaa) yoo raawwattee fi dhiira qulqulluu zinaa hin raawwatinitti akka heerumtu yoo dirqisiifamte, fuudhaa heerumni (gaa’illi) kuni sirrii ta’uu danda’aa?

Gaafii: Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Qur’aana keessatti, “Dhiirri zinaa raawwate dubarti zinaa raawwatte malee hin fuudhu” jechuun dubbata. Akkasumas, hadiisa, namticha zinaa raawwate haddiin (adabbiin) irratti dhaabbame fi dubartii akka isaa malee dubartii qulqulluu fuudhu irraa dhoowwame dhagahee jira. (Haddi jechuun seera adabbii Islaama namni yakkamaan adabamuudha. Fakkeenyaf, dhirri fi dubartiin hin fuune yoo zinaa (sagaagalummaa) raawwatan si’a dhibba (100) reebamu (garafamu)). Read more

Yoomi Laata?-Kutaa 2ffaa

Torbaan darbe mataa duree ‘Yoomi Laata?’ jedhu jalatti rakkoolee fi furmaata muraasa eeruf yaalle turre. Har’as itti fufuun rakkoolee fi furmaata muraasa eerra.
Yoomi laata niiti nyakkistuu ykn dhiirsa nyakkisaa kana jalaa kan bahuu?
Niitin ykn dhiirsi nyakkistu/nyakkisaa yoo ta’e ibiddi manatti qabate. Halkanii guyyaa nageenyi hin jiru. Yoomi laata namticha ykn namtitti tana jalaa kan bahu jechuun yaaddon gara hundan si marsuu danda’a. Tarii ati dargaggeessa hin fuune ykn shamara hin heerumne ta’uu dandeessa. Akka carraa ta’ee nama nyakkisuun walitti dhufuu dandeessa. Read more

Zinaa(Sagaagalummaa)-Daandii Badii

Zinaa (sagaagalummaa) jechuun nama tokko waliin osoo seeran wal hin fuudhin wal qunnamti saala waliin raawwachuu jechuudha. Zinaa bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya. Tokko dubartii fi dhiirri hin heerumne/ hin fuune wal jiddutti raawwachu afaan ingiliffaatin ‘Fornication’ isa jedhamu yoo ta’u kan lammataa immoo dubartiin heerumte fi dhiirri  fuudhe wal jiddutti seeran ala raawwachu yookiin lamaan keessaa tokko kan hin fuune/heerumne kan fuudhe/heerumte waliin sagaagallummaa raawwatamuudha. Kunis afaan ingiliffaatin Adultery jedhama. Zinaan gosa kamiyyuu fi karaa kaminuu raawwatamu jibbamaa fi fokkuudha. Fokkinnaa irraa kan ka’e Rabbiin akka itti hin dhiyaanne nu akeekachisa. Read more

Gaa’ila Kee Baraaruf-kutaa 2

6. Sobuu fi wal amanuu dhiisu – Wal amanuu fi iftoominni bu’uura maatii tokkoti. Maatii tokko keessatti wal amanuu fi iftoominni yoo dhabamee, walitti bu’iinsaa fi addaan bittinaa’utu dhufa. Haadhaa fi abbaan yoo kan wal soban ta’an,ijjolleenis sobaa isaanirraa barachuun hawaasaa fi biyya irratti miidhaa guddaa dhaqabsiisu. Sobaan qabeenya ummataa saamu. Kana dhiisati qabeenya abbaa fi haadha ofii sobaan hatu.  Read more

Gaa’ila kee Baraaruf-Kutaa 1

Kaayyoon fuudha heeruma fedhii fooni guutu qofa osoo hin ta’in sanyii horachuu fi jireenya namaa itti fufsiisudha.Fuudhaa heerumni dhaabbata guddaa maatii, hawaasni,biyyi fi addunyaan ittiin ijaaramaniidha. Hundeen dhaabbata kanaa yoo hin tolin,maatii qofa osoo hin ta’in hawaasni fi biyyi ni diigama. Ijoolle fi dubartoonni rakkoo garagaraatif saaxilamu. Wantoota dhaabbata kana diigan mee muraasa isaani haa ilaallu: Read more

Gaa’ila Duraa Gufuu kaasu lakk. 4

Gaa’ila duraa gufuu kaasu mata duree jedhu jalatti wantoota baay’ee waliin mari’achuun keenya ni yaadatama. Wantoota baay’ee akka baranne abdiin qaba. Warroonni fuutanii fi hin fuune qophiile kana dubbisuun jireenya keessan foyyeefachuuf akka carraaqa jirtan abdiin qaba. Hanga ammaa mata duree “gaa’ila duraa gufuu kaasu” jedhu jalatti seeronni mari’ataa turre kitaaba “20 Rules and Tools for a Great Marriage” jedhamurree fudhatamaniidha. Wantoonni kitaaba kanarraa fuudhannu haala armaan gadiitin xumuramu. Read more