Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-3

Guyyaa Qiyaamatti dhugaan amanuu fi guyyaa kanaaf hojii gaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachun of qopheessun, jireenya keessatti akka tasgabbaa’anii fi kaayyoo ofii beekan nama taasisa. Kana beektu laata? Yeroo baay’ee jireenyi kan nama nuffisistu fi jibbisiistuuf amantiin Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaatti qaban dadhabaa yommuu ta’uudha. Sababni isaas, namni dhugaan Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti yoo amane, wanta gaggaarii ni hojjata hojii badaa irraa immoo ni dheessa. Kuni immoo akka gammaduu fi tasgabbaa’u isa taasisa. Akkasumas, yeroo rakkoo fi balaan namatti bu’an rakkoo cimaa Guyyaa Qiyaama yaadachuun akka obsan nama taasisa. Read more

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 2

Jireenya keessatti sababni guddaan namoonni yeroo baay’ee gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban maal akka ta’ee beektu? Tarii qarshii dhabuu, namni jaallatan du’uu, qabeenyi barbadaa’u fi kan biroo jechuu dandeessu. Eeti, kunniin sababa ta’uu danda’u. Garuu sababa guddaa ta’uu danda’u? Sababa guddaa ta’uu hin danda’an. Dhugumatti, sababni guddaan jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban, Guyyaa Qiyaamatti kafaruu ykn shakkuudha. Read more

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 1

Guyyaan Qiyaamaa shakkii akka hin qabne kutaalee darban keessatti irra deddebi’uun ilaalle jirra. Ammas, shakkii sheyxaanni namatti darbu balleessu fi qulqulleessuf irra deebinee ni ilaalla. Guyyaa Qiyaamaa fi wantoonni Guyyaa san adeemsifaman wantoota gara fuundurraatti dhufanii fi geeybii ta’aniidha. Seenan darbe akkuma nuuf geeybi (nurraa dhokata) ta’ee, wanti gara fuundurraatti dhufus geeybi (nurraa dhokataadha). Garuu wanta dhokataa ykn fagoo kana akkamitti beeknaa? Wantoota kanniin karaa lamaan beekun ni danda’ama. Isaanis; mallattoolee fi odeefannoo dhugaa (haqa) ta’eeni. Read more

Guyyaa Qiyaamaa Haala Muslimootaa

Yeroo darbee haala kaafirtoota muraasa isaanii ilaalle jirra. Tarii mata dureen Guyyaa Qiyaamaa dheerachuun nuffiin isinitti dhagahamu danda’a. Garuu yeroo amma keessa jiraannu kanatti mata dureen kuni garmalee barbaachisaa waan ta’eef dheerassuun dirqama nutti ta’e. Dhugumatti, namoonni baay’een Guyyaa Qiyaamaa dagatanii jiru. Maaliif jiruu tana keessa jiraatta? Eessaa deemaa jirta? Jedhamanii yommuu gaafataman, “hin beeku” jechuun deebisu. Dhugumatti Guyyaa Qiyaamatti amanuu fi itti qophaa’u dhiisun jireenya keessatti akka dhama’an nama taasisa. Dabalataanis, hojiin gaariin Rabbiin biratti fudhatama kan argatu Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti yoo amananiidha. Qur’aana keessa yoo ilaaltan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) irra deddeebi’un guyyaa kana ilma namaa akeekachisa. Read more

Falmii Warra Ibiddaa

Waa’ee Guyyaa Qiyaama itti fufuun warri ibidda seenan falmii akkami akka adeemsisan muraasa isaanii haa ilaallu. Falmiin kuni falmii geeybii dhugaadhaan gara fuunduraatti dhufuudha. Sababni isaas, odeefannoo Rabbal aalamiina irraa dhufeedha. Geeybi jechuun wanta dhokataa namarraa fagoo ta’e yookiin ammatti ijaan kan hin argine yookiin sammuu fi qaamoleen miiraa bira gahu kan hin dandeenyedha. Haguuggin ilma namaa fi geeybi jidduu jiru wantoota afur keessaa tokko ykn hunda isaanitu ta’u danda’u. Haguuggin kunniinis: (1). Yeroo darbee fi kan dhufu, (2) fagaachu bakka, (3) dadhabbinna qaamolee miiraa fi (4) girdoon jiraachu. Wanti darbee fi gara fuunduraatti dhufu namaaf geeybidha.[1] Read more

Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifama-Kutaa-2

Assalaamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh. Akkam jirtu obboleeyyan koo? Jireenyi badhaadhaa? Eeti, jireenyi badhaatu taati yoo nuti imaana (amantii) guyyaa Qiyaamatiif qabnu daballee fi hojii gaggaarii hojjanne. Guyyaa Qiyaamatti amanuun wanta nama horii irraa adda baasudha. Sababni isaas, Guyyaan Qiyaamaa gahuumsi ilma namaa eessa akka ta’e murteessa. Akkasumas, namoonni wanta fagoo fi ammatti ijaan hin mul’annetti amanuun horii irraa addaan bahuu. Jireenyi addunyaa tanaa gabaabdu fi iddoo qormaatati. Dhalli namaa jireenya addunyaa tanatti qoramuun Guyyaa Qiyaamaa bu’aa (firii) qormaata isaa ni arga. Namni qoramee bu’aa qormaata isaa yoo hin argin faaydan qoramu maali ree? Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa akka dhufu kanarraayis hubachuun ni danda’ama. Ilmi namaa addunyaa tana keessatti qorame akkanumatti kan hafuu miti. Kufaati fi milkaa’inni isaa Guyyaa Qiyaamaa ni beekkama. Akkasi mitiree?  Read more

Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifamaa?-Kutaa 1

Guyyaan Qiyaamaa dhufuu keessa shakkiin akka hin jirre ragaalee adda addaatin torbilee darban ibsine jirra. Namni ragaalee sanniin irra deebi’ee dubbisee fi itti xinxalle Guyyaan Qiyaamaa guyyaa tokko dhooyu ishii ni mirkaneefata. Wantoonni naannoo keenyatti arginu wantoota lama. Isaaniis, yeroo muraasan booda kan jijjiramanii fi yeroo dheeraaf osoo hin jijjiramin kanneen turaniidha. Yeroo muraasan booda kan jijjiraman ykn du’an kanneen akka ilma namaa, biqiltoota, beelladoota fi kkf. Yeroo dheeraaf osoo hin jijjiramin kanneen turan immoo dachii, gaarreen, samii, aduu, ji’a, urjiilee fi kkf. Wantoonni yeroo dheeraf turan kunniin akkanumatti zalaalamiif hin turan, ni jijjiramu. Guyyaan wantoonni kunniin itti jijjiraman Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Guyyaa kana gaarreen bakka ni bubbuqqa’u, dachiin dachii biraatin ni jijjiramti. Samiinis akkasuma jijjiramti. Namni dachii fi samiin akkanumatti zalaalami turan jedhee yaade dogongore jira. “Akkuma amma jiran kanatti zalaalamii akka turan maaltu si beeksise? Beekumsa wanta gara fuunduraatti uumamuu ni qabdaa? Yoo qabaatte, beekumsa guyyaa itti duutu nutti himi.” Jechuun yoo gaafanne deebiin isaa maal ta’a laata? Read more

Guyyaa Qiyaamaa-kutaa 2ffaa

4. Guyyaan Qiyaamaa Yoomi?
Gaafiin “Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” Jedhu gaafi yeroo durii irraa kaase hanga ammaatti itti fufaa jiruudha. Seenaa keessatti namoonni amanti adda addaa irraa “Dhumti addunyaa (Guyyaan Qiyaamaa) bara kanatti ni dhufa” jechuun tilmaama ragaa hin qabne kaa’ani jiru. Guyyaan Qiyaaman dhufuu keessa shakkiin hin jiru. Kanaafu, Guyyaan Qiyaamaa Yoomi ree? Gaafi kana deebisuuf Qiyaama bakka lamatti qoodu dandeenya. al-Qiyaamatus sughraa (Qiyaamaa Xiqqoo) fi al-Qiyaamatul kubraa (Qiyaamaa Guddoo). Qiyaamaan xiqqoon “Du’a” nama kamiyyuu irratti dhuftuudha. Qiyaaman Guddoon immoo kan Rabbiin fedhe malee wantoonni dachii fi samii keessa jiran itti dhumanii fi ergasii lamuu kaafamaniidha. Read more

Guyyaa Qiyaamaa-Kutaa 1ffaa

Yeroo darbee keessa mallatolee Guyyaan Qiyaamaa dhiyaachu agarsiisanii fi akka Guyyaa kanatti amanne of qopheessinuuf nu gargaaran ilaalle jirra. Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa xixxiqoo hafanii fi Mallatolee Gurguddoo ilaaluf yeroo fi bakki nutti gabaabbata. Akkasumas, dubbistoota baay’ee hin argine akkuma kutaa lamaffaa irraa hubatametti. Garuu bakka kanaa qabxiilee baay’ee ijoo fi jireenya keessatti baay’ee barbaachisoo ta’an ilaalla. Qabxilee kanniin xiqqaate xiqqaatu bakka torbatti qoode jira. Isaanis: Qiyaaman Maaliif barbaachise? Ragaaleen Qiyaamaa maal fa’a? Seenaa irraa namoonni fi uumamtoonni biroo erga du’anii booda kaafamanii jiruu? Guyyaan Qiyaamaa yoomii? Wantoonni Guyyaa Qiyaamaa keessa adeemsifaman maal fa’aa? Badhaasa nama Qiyaamatti amane fi adabbii nama itti kafare maal ta’aa? Shakkii sheyxaanaa jalaa bahuuf maal gochuu qabnaa? Read more

Mallattoolee Guyyaa Qiyaama-Kutaa 2ffaa

Torbaan darbee mallatoolee guyyaa Qiyaama muraasa isaanii ilaalle turre. Har’as itti fufuun mallatoolee yeroo ammaa argamanii ijaan mul’atan ilaalla. Mallatoolee kanniin qor’achuu fi qo’achuun haala keenya jijjiruun Guyyaa Qiyaamatiif akka of qopheessun nu gargaara. Read more

1 2