Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.11

Yommuu Rabbii jettanii wal jaalattani fi wal fuudhu barbaaddan, nikheenyi keessan karaa halaalati fi gammachisatiin haa ta’u. Karaa gammachiisa keessa tokko nikeenyi keessan shari’aa waliin kan deemu fi abbaa fi haati keessan lamaanu yoo itti gammadanii fi walii galaniidha. Yommuu warrii kee nama jaallatte san si harkatti didan, adeemsa fuudha heerumatti seenun dura itti yaadi. Fakkeenyaf yommuu isaan si didan, nikhaa dhoksaan wal hidhuun walitti dhufu dandeessu. Garuu kuni jireenya fi kabaja keessan miidha. Nikeenyi keessan ifa haa ta’uu, warrii keessan itti haa gammadu. Kanaafu jireenya gaa’ila kana yommuu murteessitu, suuta jedhi, hin jarjariin, of dagaagsi. Jireenya kana haala gaariin gaggeessuf dagaaginni guddaan dagaaginna sammuuti. Gariin qaama fi qabeenyan gahaa ta’ee yommuu gaa’ilatti seenu yeroon xiqqoon booda gaa’illi isaa ni jiga. Sababni kanaa inni guddaan sammuun dagaagu dhabuudha. Kanaafu sammuun, qaamanii fi qabeenyan gahaa ta’anii gaa’ilaaf of qopheessu barbaachisadha. Ta’uu baannan handaaratti hafu.
Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.10

Waan namoonni si miidhaniifi mitii waan ati namoota miitef dhiphadhu. Sababni isaas yommuu namoonni si miidhan ajrii (mindaa) argatta. Namtichi yommuu towbate fi ati araaramtuuf Rabbiin mindaa siif kataba. Namtichi osoo hin toowbatin yoo du’e immoo boru Guyyaa Qiyaama harka kee ni kafalatta. Cunqursaan hin jiru, mizaana haqaatu dhaabbata. Garuu ati yoo nama miite fi osoo hin towbatiin duute adabbii argatta, hojiin gaariin(hasanaanni) tee nama saniif kennamti. Kanaafu arrabaan, harkaan fi karaa adda addaatin nama miite yoo jiraate yeroon towbadhu, araarama gaafadhu.Yoo araarama gaafachuun sitti ulfaate hojii gaggaari baay’isi hojjadhu. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.9

Sababa dogongora keetin qaana’uun achitti kufte hin hafin. Namni dogongora tokko malee takkaan milkaa’u akka hin jirre beeki. Ammalle hojjadhu, dogongoruu dandeessa, ammallee hojjadhu kasaaru dandeessa, ammalle hojjadhu wanti yaadde si ta’uu dhiisu danda’a. dogongora kanniin yommuu uumtu karaan ati hordofaa jirtu akka si hin baasne sitti akeeka, gara funduraatti karaa kana hordofuu akka hin qabne sitti agarsiisa. Gabaabumatti yaada hin danda’u jedhuun sammuu kee cufuu dhiisiti wanta si harka jiruun wanta hojjachuu dandeessu dalaguun sammuu fi ija kee banii, jireenya kee haaromsi. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.7

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Caamsaa (May) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaanamtedha. Xurree jechuun karaa biraatin ‘daandii’ jechuudha.

Jireenya kee keessatti jijjiramni wanta tasa uumamu osoo hin ta’iin adeemsadha. Takkaan fiixe barbaaddu koruu hin dandeessu. Akkuma guyya guyyaan jijjiramuuf carraaqxun marsaa guddinnaa tokko irraa gara marsaa itti aanutti dabarta. Jireenya keessatti tuqaan ani nama guutudha itti jettu gonkumaa hin jiru. Yeroo hundaa jijjiramaaf affeeramta. Kanaafu jijjirama arguuf carraa argatte hundatti fayyadami. Jarjarte abdii hin kutin. Abdii fi obsaan gara funduraatti tarkaanfadhu. Yommuu rakkoon ykn dogongorri uumamu rifatte jijjiramaa fi foyya’iinsa irraa duubatti hin mucucaatin. Yommuu gufuun si muudatu marsaa jijjiramaa tokko irraa marsaa itti aanutti akka darbaa jirtuu yaadadhu. Gufuwwan jireenyatin rukutamte duubatti hin hafin. Wanta qabduun carraaqi. Insha Allah guyyaa tokko jireenyi tartiiba horatti. Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.6

Yoo nama hundaa ija shakkiitin ilaalte, mataa keeti fi namoota biroo miita. Yaadota hin barbaachisneen sammuu fi yeroo kee gubda, boqonnaa sammuu dhabda. Tarkaanfi isaa/ishii guutu akka hordoftuu of goota. Karaa biraatin, shakkii kee irratti hundaa’un yoo nama san irratti tarkaanfi fudhatte bololi’a gaabbi fi gaddaa keessa jiraatta. Kanaafu, shakkii fi jette jette namni sitti fidu of eeggadhu. ‘Osoo hin guutatin hin gugatin’ jedhe Oromon. Gugatun dura dhugaa fi soba ta’uu isaa addaan baafadhu boodarra rakkoo guddaa keessa galtaati. Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.5

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Eebla (April) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufamteedha.

Dhugumatti jireenyi toltuu fi baay’een hiyyummaa yookiin hanqinna caalaa qormaatan cimtudha. Yommuu qabeenyi baay’attu fi lafarra yaatu qalbiin akka dhagaatti jabaatti, of gadi qabuun itti ulfaata kan Rabbiin rahmata godheef malee. Copha imimmaani Rabbii jedhanii ija keessa gadi dhangalaasun ni ulfaata. Meeqa kamtu jiraa yeroo qabeenya hagaa qabu Rabbiin sirritti osoo gabbaruu ergasi yommuu qabeenyi baay’attu Rabbiin irraa garagale. Baay’inna qabeenyatin faahishan (wanti fokkuu fi jibbisiisan) babal’ataa jiru. Kanaafu baay’inna qabeenyatiif dharra’uun dura badii qabeenyi qabdu sirritti hubadhu. Akkuma hiyyumma sodaattu balaa qabeenyan dhufus sodaadhu. Osoo qalbiin tee sababa baay’inna qabeenyatin gogde fi yaadannoo Rabbii irraa garagalte, balaan kana (gogiinsa qalbii) caalu ni jiraa sila? Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-lakk.4

Shakkii fi yaadota hin barbaachisneen of hin dhiphisin. Yommuu nama nagaha wanta badaan shakkitu, wanta hin jirre arguuf carraaqa jirta. Sheyxaanni sitti dhufuun yaadota hin barbaachisne fi fuudhatama hin qabne sitti haasasa. Ergasii ni yaaddofta. Wanta hin jirreen of dhiphista. Yeroo kanatti jedhi,,” A’uzu billahi mina sheytaani rajim”Asi badii. Yookiin immoo nama nagaha wanta badaan shakkitu san du’aayi godhiif. Jedhi,”Yaa Rabbii badii kanarraa isa/ishii tiksi.” Dabalataanis jette jette nama irraa guurun mataa of hin dhukkubsiin. Nama jette jette sitti fidu irraa dheessi. Kunniin karaa shakkii badaa irraa ittiin baraaramtudha. “Shakkiin dubbii sobaati.” Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-lakk.3

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Bitootessa (March) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufamteedha.

Hanga fedhan namoonni cubbuu/badii haa raawwatan, isaan hin hordofin hin akkeessin. Namoonni baay’een sababa akkeessutin cubbuutti kufu. Akkana siin jechuu danda’u,”Namni hunduu jaalalle dubartii/dhiiraa qaba. Kana namni hunduu ni hojjata. Ati nama addaati? Dargaggummaa keetti fayyadami. Yoo amma of hin bashanansiisin yoom of bashanansiisuf? Rakkoo hin qabu boodarra ni tawbatta, Rabbiin gafurrahimi….” Hanga isaan hordoftu haala kanaan si sossobu. Namoonni kunniin sheyxaana namaati irraa garagali,wanta isaan jedhan gonkumaa hin dhagahin. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.2

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Guraandhala (February) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufameedha.

Boqonnaa sammuu
Dubbii madaalawa- akkuma baay’iste dubbattuun akkasuma boqonnaa sammuu dhabda. Sammuun oduu hin barbaachisneen ni qisaasa’a. Yommuu nama tokko hamannu ykn maqaa balleessinu gammachu waan argannu nutti fakkaata garuu jireenya keenya balleessa fi cubbuu keessatti borcamaa jirra. Yeroo muraasan booda gaabbi laalessaa fi gadda nutti fida. Hamni fi maqaa balleessun jibbaafi shakkii qalbii keenya irratti darba. Ergasi wanta nu hin galchineef ni dhiphanna, boqonnaa sammuu ni dhabna. Read more

1 2 3