Kaayyoo

Assalaamu aleykum warahmatullahi wabarakaatuh (Nageenyi fi Rahmanni Rabbii isin irratti haa jiraatu) bakka jirtanitti. Baga Nagahaan gara Sammubani.com dhuftan.

Dhalli namaa jireenya keessatti gammachuu guutuu argachuuf halkanii guyyaa battisa. Gammachuu guutuu argachuuf gaafilee sadaniif deebii gahaa barbaada. Takkaa gaafiwwan kanniin deebii gahaa argachuun gammachuu fi tasgabbiin jiraata, takkaa gaafiwwan kanniin guutumaan guututti sammuu keessaa darbuun haaluma jireenyi isaaf taatetti jiraata. Takkaa immoo gaafilee kanniin deddeebise of gaafachun dhiphinnaa fi dhama’iinsaan jiraata. Gaafileen kunniin:

1ffaa-Ani duraan dachii tanarra hin turre. Kanaafu, eenyutu dhabamarraa na argamsiisee ykn na uumee? 
2ffaa- Kaayyoon itti uumameef maalii? (Kaayyoon jireenyaa maalii?) 
3ffaa- Garam deemaa jiraa? (Erga du’ee gahuumsi kiyya eessaa?)

Dhugumatti gaafiwwan sadan kanniiniif deebii gahaa fi quubsaa argachuun gammachuu fi tasgabbiin jiraachuudha. Sababni isaas, gaafiwwan sadan kunniin ka’uumsa, gahuumsaa, adeemsa ka’uumsa fi gahuumsa jidduu jiru murteessu. “Eessarraa kaatee eessa deemaa jirtaa? Ka’uumsa fi gahuumsa kee jidduu maalii fi akkamitti jiraattaa?” jechuun gaafii namaaf dhiyeessa. 

Kaayyoon peejii fi website kanaa gaafilee sadan kanniiniif deebii gahaa itti kennuun ilma nama gara qajeelummaa,gammachuu fi milkaa’innaa  qajeelchudha. In sha Allah jireenya dhiphinnaa,nuffisisaa fi gadadoo keessaa gara jireenya bal’innaa, gammachuu fi tasgabbii qabuutti ceesisudha.

Malli sirriin gaafiwwan kanniiniif deebii itti argatanii fi ummata itti qajeelchan Qur’aana fi Sunnaah Ergamaa Rabbii(SAW) dha. Dhugumatti malli/karaan kun karaa tokkicha gaafilee xaxamaa armaan olii itti furanii fi gammachuu fi milkaa’inna addunyaa fi Aakiraa addaan hin cinne itti argataniidha. Mala kana fayyadamuun:

  • Qalbii duute jiraachisa
  • Jireenya dukkanooftu ibsa
  • Dhama’iinsa fi haala wal xaxaa irraa nama baraara
  • Gaddaa fi aari keessaa nama baasa
  • Gammachuu fi milkaa’inna addaan hin cinnetti nama geessa.

Imalli dheeran kuni humna keenya qofan bakka kan gahu osoo hin ta’iin gargaarsa Rabbiitin. Insha Allah kaayyoo kanarraa namni kamuu duubatti nu hin deebisu. Milkaa’inni hunduu Rabbirraayi.

Dogongora kamuu yoo argitan na beeksisu hin dagatinaa. Keessattu jechi kiyya Qur’aana fi sunnaan kan wal faallessu yoo argitan dogongora kiyya akka ta’e beekun na sirreessu hin dagatinaa. Websaayitin kun dhaaba siyaasa yookiin garee kaminuu kan wal qabatu miti. Ummatuma tajaajiluuf kan banameedha.Waa’ee websaayiti kanaa ilaalchise shakkii yookiin gaafi yoo qabaattan gaafachu dandeessu.Torbaan torbaanin guyyaa Sanbata ykn Dilbata barruuleen haarofti asitti ni maxxanfamu. Qunnamtiif:

Email: sammubani@hotmail.com
facebook page: http://www.facebook.com/jireenyabadhaatu

Walii raabsuun ergaa gammachuu walii dabarsaa
Jibril Abdalla- Itti-gaafatamaa fi barreessaa websaayiti

sammubani.com websaayiti keessan kan beekumsaa fi ifa itti argattaniidha. 

Print Friendly, PDF & Email