Gaa’ila Kee Baraaruf-kutaa 2

6. Sobuu fi wal amanuu dhiisu – Wal amanuu fi iftoominni bu’uura maatii tokkoti. Maatii tokko keessatti wal amanuu fi iftoominni yoo dhabamee, walitti bu’iinsaa fi addaan bittinaa’utu dhufa. Haadhaa fi abbaan yoo kan wal soban ta’an,ijjolleenis sobaa isaanirraa barachuun hawaasaa fi biyya irratti miidhaa guddaa dhaqabsiisu. Sobaan qabeenya ummataa saamu. Kana dhiisati qabeenya abbaa fi haadha ofii sobaan hatu.  Read more

Gaa’ila kee Baraaruf-Kutaa 1

Kaayyoon fuudha heeruma fedhii fooni guutu qofa osoo hin ta’in sanyii horachuu fi jireenya namaa itti fufsiisudha.Fuudhaa heerumni dhaabbata guddaa maatii, hawaasni,biyyi fi addunyaan ittiin ijaaramaniidha. Hundeen dhaabbata kanaa yoo hin tolin,maatii qofa osoo hin ta’in hawaasni fi biyyi ni diigama. Ijoolle fi dubartoonni rakkoo garagaraatif saaxilamu. Wantoota dhaabbata kana diigan mee muraasa isaani haa ilaallu: Read more

Hijaaba Mallatoo Kabajaa-Kutaa 2

Miidhaa hijaaba uffachuu dhiisu
Torbaan darbee faaydalee hijaaba eeruf yaalle turre. Hijaabni mallatto kabajaati.
“Yommuu ilmaan namaa Rabbii qofaa bitaman, harqoota gabrummaa fedhii isaani, sheyxaana fi namoota biroo jalaa bahan.” Namni yommuu Rabbiin alaa wanta biraati gabra ta’uu harqoota gabrummaa bilisummaa hin qabne jalatti kufa. Sheyxaanni, fedhiin isaati fi namoonni gabra godhatu. Rabbii qofaa bitamuun bilisummaa dhugaa argachuudha. Namni yommuu Rabbiin qofa gabbaruu gadi fageesse yaada, dhugaa fi sobaa addaan baafata, wanti hunduu isa funduratti ifa ta’a. Read more