Ulaagaalee (Sharxiwwan) Tawbaa

Offline dubbisuf

Sharxiwwan (Ulaagaalee) Tawbah
Kutaalee darban keessatti waa’ee tawbah fi istighfaara fi faaydaalee isaanii ilaalaa turreera. Namni hiikaa fi faaydaa isaanii erga beeke, jireenya ofii jijjiruu fi sirreessuf tawbah fi istighfaaran tarkaanfi ni jalqaba. “Hanga yoomi dukkanaa fi dhiphinna keessa jiraadhaa? Hanga yoomi ba’aa badii baadha!” jechuun dukkana fi dhiphinna keessa bahuuf, ba’aa badii ofirraa buuse boqonnaa fi tasgabbii argachuuf ni tattaafata. Namni erga haala kanaan tarkaanfi jalqabe, firii yaade argachuuf uulaagaleen guuttamuu qaban ni jiru. Ulaagaalee kanniin yoo hin guutin abdii kutuun karatti hafuu danda’a. Jalqaba, ulaagaalee ykn sharxiwwan jechuun wanti tokko sirrii ta’uu fi bu’aa buusuf wantoota ykn haala-dureewwan guuttamuu qabaniidha. Tawbaan qulqulluun Rabbiin biratti fudhatamu qabdu fi bu’aa namaaf buustu sharxiiwwan armaan gadii qabdi:

1-Ikhlaasa qabaachu
Jechi Iklaasa (إخلاص) jedhu, jecha “Akhlasa(أَخْلَصَ)” jedhu irraa kan fudhatameedha. Akhlasa jechuun qulqulleesse jechuudha. “Akhlasa shey’an” yommuu jedhu “wanta tokko makaa irraa qulqullesse, dhinbiibe” jechuu isaati. Akhlasa lillahi diinahu-Amanti isaa Rabbiif qulqulleesse yommuu jedhu, “Shirkii, na argaa fi na dhagahaa dhiise”[1] jechuu isaati. Kanaafu, Ikhlaasa jechuun Rabbitti dhiyaachuf qofa hojii gaggaarii hojjachuu fi niyyaa ofii na argaa, na dhagaha, dinqisiifannaa fi kkf irraa qulqulleessudha.

Rabbiin biratti hojiin tokko fudhatama argachuuf ikhlaasan kan hojjatamee ta’uu qaba. Kana jechuun gara Rabbii Olta’aatti dhiyaachu fi mindaa Isaa kajeelun kan hojjatamee ta’uu qaba. Akkasumas, makaa akka na argaa, na dhagahaa, fi kkf irraa kan qulqullaa’e ta’uu qaba. Tawbaan hojii gaggaarii gara Rabbii Olta’aa ittiin dhiyaataniidha. Kanaafu, namni tokko yommuu tawbatu na argaaf, na dhagahaaf, ykn qabeenyaa argachuf osoo hin ta’in Rabbiif qofa jedhe tawbatu qaba. Yoo inni akkana godhe tawbaan isaa bu’aa guddaa isaaf buufti. Sababni isaas, Rabbiif jedhee yoo tawbate, ifaa fi dhoksaatti Inni na arga jedhee waan yaaduf, gara badii hin deebi’u. Garuu namootaaf jedhee yoo tawbate, namoonni dhoksaatti isa arguu waan hin dandeenyef gara badiitti salphatti deebi’a. Kuni immoo akka nama nafa dhiqate ofumaan dhoqqetti of gatuuti.

2- Badii irraa buqqa’uu fi wanta bade fooyyessu
Akkuma kutaa darbe keessatti jenne tawbah jechuun badii irraa buqqa’uun gara Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) deebi’uudha. Kanaafu, badii irraa buqqa’uun ulaagaa tawbaati. Rabbiin ni jedha:

3:135

“Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan, Rabbiin yaadatanii badii isaanitiif araarama kadhataniidha. Rabbii malee eenyutu badii araaramaa? Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (badii ofitirra) kan hin turreedha.” Suuratu Aali-Imraan(3):135

Muttaqoonni (warroonni Rabbiin sodaatan) dogongoraan baditti kufuu danda’u. Erga badii xiqqaas ta’i guddatti kufanii booda dafanii Rabbiin yaadachuun gara tawbah fi istighfaara figu. Kana jechuun adabbii Inni warroota badii hojjataniif qopheessee fi waan gaarii warroota Isa sodaataniif waadaa galee yaadachuun dafanii badii irraa buqqa’uun araarama kadhatan. Kanaafi itti aanse ni jedhe:
Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (badii ofitirra) kan hin turreedha.” Namoonni akkanaa mindaan isaanii:

3:136

“Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi Jannata laggeen ishee jala yaatudha. Isaan ishee keessatti hafoodha.Mindaan hojjatootaa [Jannata ta’uun] waa tole.” Suuratu Aali-Imraan 3:136

Kanaafu, badii erga hojjate booda namni dafee badii sanirraa buqqa’uun tawbate, araarama kadhate fi hojii gaarii hojjate, mindaan isaa guddaadha.

Badii irraa buqqa’uu fi wanta darbe fooyyessu karaa sadiin ilaalun ni danda’ama:
1ffaa– Badiin inni hojjataa ture nafsee ofii kan miidhu yoo ta’e, dafee badii san irraa buqqa’u. Fakkeenyaf, badii akka zinaa (sagaagalummaa), ribaa, alkooli, qumaari fi kkf irraa buqqa’u.
2ffaa– Wanta isarratti dirqama ta’e kan dhiisu yoo ta’e, wanta san hojjachuu. Fakkeenyaf, salaata kan dhiisu yoo ta’e, salaata sirnaan salaatu.
3ffaa-Badiin inni hojjataa ture haqa namootaatin kan wal qabatu yoo ta’e, haqa isaanii deebisuufi. Fakkeenyaf, wanta tokko nama jalaa yoo hate, wanta hate nama sanii deebisu qaba. Yoo nama san dhabe firoota isaati deebisuu. Yoo firootas dhabee sadaqaa kennudha. Kanaafu, namni haala kanaan badii irraa yoo buqqa’ee fi hojii gaggaarii hojjachuun wanta bade yoo fooyyesse, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa badii darbeef isa hin adabu.  

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

25:71

Namni tawbatee fi hojii gaarii hojjate, inni dhugumatti tawbaa gaariin gara Rabbii deebi’ee jira.” Suura al-Furqaan (25):71

3- Gaabbii
Namni badii hojjate gaabbiin itti dhagahamu qaba. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
الندم توبة
“Gaabbiin tawbaadha.” Sunan Ibn Maajah 4252

“Gaabbii fi of waqqasuun hundee tawbati.” Namtichi wanta hojjataa tureef yoo hin gaabbinii fi of hin ajiifatin, carraan inni hojii badaa sanitti deebi’u baay’ee guddaadha. Sababni isaas, gaabbi fi dhiphinni badii hojjataa turan san akka jibbanii fi irraa fagaatan nama taasisa. “Maal qaba osoo hojjachuu baadhe; kuni hojii badaa akkamiti! Maal ta’ee hojii kana raawwadhe, ammaan booda hojii akkanaatti nan deebi’a? Gonkumaa itti hin deebi’u…” jedhee yommuu of waqqasu, badii san akka hin dharraane fi itti hin deebine isa taasisa.

4- Gara badiitti akka hin deebine ijjannoo qabaachu
Kana jechuun badii irraa erga deebi’e gara fuunduraatti goonkumaa itti hin deebi’u jechuun ofitti haasawa. Kaayyoon kanaa, wanta isa jala darbe dhaqqabuu, wanta dhufu fooyyessu fi hanga du’aatti wanta itti ajajamee hojjachuu fi wanta irraa dhoowwame dhiisu itti fufuudha. Jecha biraatiin hanga du’aatti karaa qajeelaa qabachuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

20:82

Dhugumatti nama tawbatee, amanee, hojii gaggaarii hojjatee, sana booda [hanga du’uu] karaa qajeela qabateef Ani akkaan Araaramadha.” Suuraa Xaahaa 20:82

Kana jechuun dhugumatti nama kufrii, shirkii fi badii adda addaa irraa deebi’e, qalbiin amane, qaamaan hojii gaggaarii hojjate, ergasii hanga du’uu Islaama qabateef, dhugumatti Ani akkaan araaramaadha[2]. Akkaan araaramaa jechuun baay’isee kan araaramuudha.

Namni hojii badaa duraan hojjate “Gonkumaa itti hin deebi’u” jedhee yoo ijjaannoo qabaate fi tasa dogongoree hojii badaa san yoo hojjate, tawbaan isaa jalqabaa jalaa hin badu. Bakka kanaa hojii badaa haarawa hojjateef tawbah haarawa tawbachuun isarra jira[3].

Namni dogongoraan badii haarawa akkuma hojjatuun yoo dhugaan tawbatee fi araarama kadhate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akka araaramuuf waadaa galee jira. Hadiisa al-Qudsi keessatti Rasuulli (SAW) akkana jechuun Rabbiin irraa gabaasan:
Gabrichi badii hojjatee “Yaa Rabbii badii kiyya naaf araarami” jedhe. Rabbiin Tabaaraka wa ta’aalaa ni jedhe, “Gabrichi kiyya badii hojjate, Gooftaa badii san araaramu fi badii saniif nama qabu (adabuu) akka isaaf jiru ni beeke. Ammas itti deebi’uun badii hojjatee, “Yaa Rabbii badii kiyya naaf araarami” jedhe. Rabbiinis tabaaraka wa ta’aalaa ni jedhe, “Gabrichi kiyya badii hojjatee, Gooftaa badii araaramu fi badii saniif nama qabu akka isaaf jiru ni beeke.” Ammas itti deebi’uun badii hojjatee, “Yaa Rabbii badii kiyya naaf araarami” jedhe. Rabbiinis tabaaraka wa ta’aalaa ni jedhe, “Gabrichi kiyya badii hojjatee, Gooftaa badii araaramu fi badii saniif nama qabu akka isaaf jiru beeke. Wanta feete hojjadhu, siif araaraame jira*.” Sahiih Muslim 2758 https://sunnah.com/qudsi40/33

“*Wanta feete hojjadhu, siif araaraame jira.” Jechuun dogongoraan badii hojjattee yoo tawbattee fi araarama na kadhatte, siif araarama jechuudha. “Wanta feete hojjadhu” jechuun “badii hojjadhu” jechuu miti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa badii irraa ni dhoowwa.

5-Duuti ykn Mallattoon Guyyaa Qiyaamaa dhufuun dura ta’uu
Tawbaan duuti goroorro gahuun dura ta’uu qaba. Yeroo duuti isatti dhuftee nafseen goroorro geessu, amma tawbadhe yoo jedhe, tawbaan isaa faayda hin qabu. Sababni isaas, filannoon osoo hin ta’in dirqamaan tawbate. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Tawbaan warra hanga tokkoon isaaniitti duuti dhuftu badii hojjatanii ‘Ani amma tawbadhe.’ Jedhanii fi isaannan kaafirota ta’anii du’aniifis [tan qeebalamtu] hin taane. Warra san Nuti adaba laalleessa isaaniif qopheessine jirra.” Suura An-Nisaa(4):18

Kana jechuun tawbaan gosoota namoota lamaan kanarraa hin qabeelamtu. 1ffaa-Hanga duuti itti dhuftuu nama badii hojjachuu itti fufee fi yeroo machiin du’aa isa qabdu, ‘Ani amma tawbadhe.” nama jedhuudha. 2ffaa-Nama kaafira ta’ee du’eedha.
Akkasumas tawbaan aduun dhiyaan bahuun dura ta’uu qaba. Aduun dhiyaan bahuun mallattoolee Guyyaa Qiyaamaa gurguddoo keessaa tokko waan taateef, yeroo sanitti tawbaan fudhatama hin argatu.

Guduunfaa
✒Namni dukkanaa fi dhiphinnaa keessaa bahuun jireenya gammachuu barbaadu tawbah fi istighfaara isa barbaachisa. Sababni isaas, jireenya keessatti dukkanni, dhiphinnii fi rakkoon kan namatti bu’uuf sababa badii hojjataniitif. Rakkoo fi dhiphinna sababa badiitin nama tuqe kaasu kan danda’u Rabbiin qofa.
✒Kanaafu,Rabbiin dukkanaa fi dhiphinna namarraa akka kaasu, karaan hundarra gaariin gara Isaatti deebi’uun araarama kadhachuu fi toltuu hojjachuudha.
✏Bu’aa barbaadame tawbah irraa argachuuf namni ulaagaalee armaan gadi guutuu qaba:
1-Ikhlaasa-Rabbiif qofa jedhe tawbachuu
2-Badii irraa buqqa’uu fi wanta bade fooyyessuu
3-Gaabbuu
4-Gara badiitti akka hin deebine ijjannoo qabaachu 
5-Duuti ykn Mallattoon Guyyaa Qiyaamaa dhufuun dura tawbachuu

✏ Badii irraa buqqa’uu fi wanta darbee fooyyessun wantoota sadii of keessaa qaba:
1ffaa–Badiin inni hojjataa ture nafsee ofii kan miidhu yoo ta’e, dafee badii san irraa buqqa’uu fi dhiisu.
2ffaa–Wanta isarratti dirqama ta’e kan dhiisu yoo ta’e, wanta san hojjachuu.
3ffaa-Badiin inni hojjataa ture haqa namootaatin kan wal qabatu yoo ta’e, haqa isaanii deebisuufi. 
✏Arrabaan tawbadhe ykn astaghfirullah jedhanii badii hojjachuu itti fufuun hiika fi sharxii tawbaa kan faallessudha. Tawbaan nama kanaa tawbaa sobaa bu’aa wayitu hin buusne taati. Badii irraa buqqa’uun dhugaan yoo hin tawbatin, wanta hojjateef ni adabama.


Kitaabban wabii
[1] https://www.almaany.com
[2] Tafsiir ibn Kasiir 5/301-302
[3] Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi jildii 2 fuula 781
At-Tawbatu Ilallah-fuula 23

Gufuwwan Tawbaa
Tawbaa- Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

2 comments

Leave a Reply