Zinaa(Sagaagalummaa)-Daandii Badii

Zinaa (sagaagalummaa) jechuun nama tokko waliin osoo seeran wal hin fuudhin wal qunnamti saala waliin raawwachuu jechuudha. Zinaa bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya. Tokko dubartii fi dhiirri hin heerumne/ hin fuune wal jiddutti raawwachu afaan ingiliffaatin ‘Fornication’ isa jedhamu yoo ta’u kan lammataa immoo dubartiin heerumte fi dhiirri  fuudhe wal jiddutti seeran ala raawwachu yookiin lamaan keessaa tokko kan hin fuune/heerumne kan fuudhe/heerumte waliin sagaagallummaa raawwatamuudha. Kunis afaan ingiliffaatin Adultery jedhama. Zinaan gosa kamiyyuu fi karaa kaminuu raawwatamu jibbamaa fi fokkuudha. Fokkinnaa irraa kan ka’e Rabbiin akka itti hin dhiyaanne nu akeekachisa.

17:32

Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi karaa hamaa ta’ee jira. “ Suuraa Al-Isra 17:32

Namni mi’aa xiqqoo irraa argachuuf badii fi miidhaa hin dandeenye ofitti baachisa. Zinaan namooma nama ajjeessun gara qilee horitti nama oofa. Hanga humni keenya danda’e gargaarsa Rabbiitin miidhaa zinaan dhala namaa irraan gahuu mee haa ilaallu.

1.Sammuu dugulcha– yommuu namni tokko zinaa raawwatu sammuun isaa hangam akka dugultuu fi keessi isaa/ishii hangam akka rifatu tilmaamun nama hin dhibu. Zinaan dandeetti yaadu fi xinxalli qancarsuun namummaa namaa ajjeessa. Takkaa sammuun dugullaan namtichi/dubartiin horooma dhaba/dhabdi. Sammuun akka dugulte kan agarsiisan keessaa tokko namtichi fedhii amantii ofii barachuu keessa isaatti du’uu, beekumsi itti seenu didu, sammutti waa qabachuun itti ulfaachu, dandeettin gaarii fi badaa, haqaa fi soba addaan baafachuu laamshayu, ariitin waa dagachuu, hatamtamaan wanta hundaaf garmalee dallanuu, obsaa fi tasgabbii dhabuu fi kkf. Sammuun motora ilma namaati. Motorri kuni hojii irraa yoo dhaabbate yookiin dadhabe, namtichis akkasuma jiruu fi jireenya ofii gaggeessu irraa dadhaba.

2.Boqonnaa sammuu nama dhabsiisa-wantoota gurguddoo boqonnaa sammuu nama dhabsiisan keessaa tokko zinaa raawwachuudha. Eeti namtichi yeroo jalqaba zinaa irraa gammachuu xiqqoo argachuu fi fedhii ofii qabbaneessuf raawwata. Garuu san booda gammachuun inni dhabuu fi ibiddi keessa isaatti qabatu tilmaamun ni ulfaata. Jireenyi ni jibbisiisti, itti dukkanoofti, ni nuffisiisti, keessi isaa boqonnaa, gammachuu fi tasgabbii hin qabu. Zinaan sammuu dugulchuun balbala boqonnaa sammuu namatti cufa. Namtichi hanga fedhe dhoksatti wanta fokkuu kana haa raawwatu, garuu dhiibbaa namticha san irratti fidu irraa mul’ata.

3.Salphinnaan nama haguuga- shirkitti (Rabbiitti waa qindeessutti) aanee wanta hanga zinaa nama salphisu hin jiru. Dubartiin yommuu zinaa irraa ulfooftu maatiin ishii fi ishiin bullukkoo salphinnaatin ummata keessa deemu. Namni hunduu quba itti qabuun dubartii akkana, namticha akkana jechuun salphisu. Salphinni maatii qofa osoo hin ta’iin hawaasa guutu haguugu ni danda’a. yommuu hawaasni tokko badii kana keessatti kufuu adabbiin cimaa itti bu’a. akka fakkeenyatti dhibeewwan qoricha hin arganne kan akka HIV Eedisin salphinna isaani ifa baasa jira. Dubartii qofaa mitii dhiirris yommuu wanta fokkuu kana raawwatu keessa isaatti salphinnaa fi gadi aantummaan itti dhagahamu, miirri ofitti amanamummaa fi kabaja keessa isaati ni haaqama. Yeroo hundaa shakkii fi sodaan ummata keessa adeema. Tasa dubartiin suni ulfoofte isa salphisuu waan dandeessuf. Yookiin immoo tasa dhibee Eedisitin rukutamuu waan danda’uuf jireenya shakkii fi sodaa jiraata. Salphinna irraa kan ka’ee yeroo hunda kophaa ta’uu barbaada, keessi isaa boqonnaa hin qabu. Miirri bilisummaa fi nageenya keessa isaatti hin dhagahamu. Akka waan gabra ta’ee fi keessi isaa wayiin akka waan hidhameetti itti dhagahama.

4.Dhibeewwan garagaraatif nama saaxila– dhibeewwan sababa zinaatin yeroo durii irraa kaase hanga ammaatti dhufaa jiran lakkoofsi isaani baay’edha. Isaan keessaa beekkamoon HIV Eedisi, fanxoo fi cophxoo dha. Dhibeewwan kunniin namoota miliyoonatti lakkawaaman lubbuu isaani galaafatanii jiru. Guyyaa guyyaan namoonni Eedisin dhuman lakkoofsi isaani hin beekkamu. Kuni hundii zinaa irraa kan dhufuudha.

5.Hadhaan isaa nama keessaa hin bahu– akkuma jedhamu wanta hanga du’aatti nama keessaa hin baane hadhaa zinaati. seeliwwan sammuu summeessun sammuu dugulcha. Zinaan sammuu fi qaamatti hadhaa fi summii ta’a. Qaama fi sammuu dhibeen summeessa, sammuu immoo hadhaadhan hadoocha. Namtichi yeroo jalqabaatif mi’aa xiqqoo argata garuu san booda hangam fokkuu fi hadhaawa akka ta’e ni arga, ni dhandhama. Kuni wanti namoota kanniin irraa dhageennudha. Mi’aan isaa dafee kan darbuu fi hadhaa fi fokkinni isaa immoo kan turu akka ta’e sirritti amanu.

6.Nuura imaana dukkaneessa ykn dhaamsa-Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan namni yommuu zinaa raawwatu mu’imina ta’ee hin raawwatu, imaanni isaa irraa ol ka’a. Zinaan nuura (ifa) imaana dukkaneessun fuula fi qalbii namticha gurraachessa. Gammachuu fi seeqni fuula namticha irraa hin mul’atu. Yeroo baay’ee fuulli isaa/ishii gadda, fuula guuru fi gaabbiin kan haguuggameedha. Yommuu nuurri imaana qalbii irratti ifu fuulli namticha ni ifa.

7.Daa’imman seera malee dhalatu– daa’imman zinaa irraa dhalachuun jireenya gadadoo jiraatan manni fi seenan haa lakkaa’u. Hawaasa biratti jibbamoo ta’uun jireenya gadadoo fi salphinnaa jiraatu. Kanaafi karaan zinaa badaa fi fokkuu kan ta’e. Daa’imni dhalatu abbaan isaa hin beekkamu. Yommuu abbaan isaa hin beekkamne akkamitti mataa olqabate jiraata? Dubartiin sababa zinaatin dhalattu hoo akkamitti heerumti? Yoo heerumte hoo jireenya akkamii gaggeessiti? Gaaffiwwan kanniini fi kan biroof deebi kennuun nama rakkisa, nama gaddisiisa! Namni badii zinaa akkanaa beeku zinatti hin dhiyaatu. Maatii fi mataa ofii salphisuu hin barbaadu.

8.Hamileen dubartii ni caba, kabaja dhabdi-takkaa dubartiin zinaan beekkamnaan hamileen ishii daaraa ta’a. hamileen ishii cabuun jireenya gadi aantummaa fi saphinnaa jiraatti. Manatti daa’ima seeran alaa fiduun maatii fi mataa ofii salphisti. Sababa kanaan balbala heeruma ofitti oggorti. Namni argee ishii irratti akka taphatu karaa banti. Salphinni kana caalu addunyaa kana keessatti eessa jira ree?

9.Ijaarsa maatii diigun dhaloota balleessa– yeroo amma zinaan babal’achuu irraa kan ka’ee maatii fi fuudhaa heerumni barbaachisaa akka hin taanetti ilaallama jira. Qilee zinaa kanatti taruun namni akka horii jiraachu barbaada. Sababa kanaan hundeen dhaloota buqqa’uun sanyiin nama akka itti hin fufne taasisa. Kana hubachuuf warraa akka Awrooppa fi Ameerikaa ilaalun gahaadha. Sababa zinaati fi fuudhaa heerumni hafaa adeemun sanyiin isaani hir’ataa adeemaa jira. Maatiin tokko maatii kan ta’uu yommuu dhiirsi fi niitin karaa seera qabeessatiin walitti dhufanii ijjoolle horaniidha. Maatiin sun nageenya, gammachuu, tasgabbii fi guddinna argachuuf badii addaa irraa eeggamuu fi wantoonni barbaachisan guuttamuufi qabu. Maatii san keessaa niitin ykn dhiirsi yookiin ijjoollen gocha fokkuu zinaa kana keessatti kan hirmaatan yoo ta’ee, maatiin suni ni bittinaa’a, gammachuu fi tasgabbii dhaba, gadadoo fi daraaraf harka kenna, salphinnaan of haguuga. Hawaasa fi biyya irratti miidhaa guddaa fida. Sababa kanaan dhaloonni dhaloota badii ta’a.

10.Dhuma namaa fokkisa– namni akkuma zinaa raawwachu itti fuufun keessaa alli isaa fokkataa adeema. Fuula fi amala isaa irraa wanta gaarii hin agartu. Namni yeroo dargaggummaa isaa zinaa irratt dabarsee yeroo jaarsummaa isaa gatii guddaa fi laaleessa kafala. Yeroo jaarsummaa isaa totorra’uu fi lafeen garmalee dadhabuun itti dhagahama. Abbootin keenya dabraan waggaa jahaatama ol ta’anii qarqara bollo tokkorra qarqara bolloo biraatti yoo utaalan, dargagoonni akkamitti akkanatti utaalu dandeessan jedhanii yoo gaafatan deebiin isaani “Yeroo dargagummaa kenyaa sagaagalummaa irraa of tiiksine” jechuu turan. Yeroo dargagumma fedhii kana karaa hin taanen guutachuurraa of tiiksuun humnaa fi annisaa yeroo jaarsummaatif kuufachuudha.

Namni yommuu zinaa raawwachuu itti fufuu, yeroo du’aa haala sodaachisa irratti du’a. Dargaggeessi tokko yommuu du’uu, namoonni bira jiran shahaada qabsiisuuf yommuu yaalan, “Call my girlfriend, Call my girlfriend, (jaalalle tiyya naa waamaa, jaalalle tiyyaa naa waama)” osoo jedhu nafseen keessaa baate. Dhumni(khaatimaan) namaa baduun hoongo fi kasaraa akkamii! Yaa Rabbii khaatima keenya bareechisi.

11.Aakhiratti adabbii hamaatu nama eeggata– Aakhiratti adabbiin zinaa addabbii xiqqaa miti. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

25:6825:69

Ammas isaan (Gabroonni Ar-Rahmaan) Rabbiin wajjiin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefnee fi hin sagaagalleedha (zinaa hin raawwannedha). Namni hojii gadhee kanniin raawwate, adabbi ni qunnama. Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifama. Isa keessatti salphifamaa ta’ee yeroo hundaa jiraata.”  Suuratul Furqaan (25):68-69

Namtichi hojii badaa kana irraa yoo hin tawbatiin addunyaa aakhiratti adaba hamaatu isa/ishii eeggata.

Namni tokko hojii badaa kana irraa jijjiramuu ni danda’aa?

Eenyeen sirritti jijjiramu ni danda’a Insha Allah. Tawbaan qulqulluun yoo gara Rabbii deebi’ee badii zinaa armaan olii ofirraa kaasu ni danda’a. Rabbiin nama hojii fokkuu kana hojjate tawbaan dhugaan gara Isaatti deebi’uu akka nama sanii araaramuuf waadaa gale jira.

“Isaan warra yeroo faahishaa (waan fokkataa kan akka zinaa) hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii/cubbuu isaanitiif araarama gaafataniidha. Rabbiin malee eenyutu badii/cubbuu araaramaa? Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (cubbuu ofitirra) kan hin turreedha. Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi jannata laggeen ishee jala yaatudha. Isaan ishe keessatti hafoodha.Mindaan hojjatootaa (jannata ta’uun) waa tole.” Suuraa Ali Imraan 3:135-136

Bal’innaan barruulee tawbaa website kan irra jiran ilaalun ni danda’ama.

Gudunfaa

Barruu tana barreefana gabaaba armaan gadiitin xumura.

“Zinaan karaa baay’een ajjeecha bakka bu’a. Inni ajjeechadha sababni isaas, dhimma jireenya bakka dogongora ka’uun qisaasessa. Yeroo baay’ee wanta uumamaan argamee karaa dhala baasuu fi daa’ima ajjeesutiin hordofsiisa. Yoo daa’imni baraarame fi akka jiraatu hayyamameef jireenya gadadoo fi sarbamaa keessatti dagatama. Kuni karaa biraatin ajjeechadha.
Dabalataan, zinaan ajjeecha hawaasati sababni isaas hariiroon maatii ni bada, funyoon dhiigaa(blood ties) wal dhaba. Namoonni daa’imni isaan guddisaa jiran kan isaani ta’uu itti amanamummaa xiqqaa akka qabaatan godha. Haala kanaan hariiroon hawaasummaa dadhabaa adeema, afuurri(spirit) isaani guddate ykn xiqqaate ni du’a. Sababa adda addaa irraa kan ka’ee ajjeecha hawaasummaa akka ta’eetti ilaallamu danda’a. Zinaan karaa salphaatin fedhii ofii akka guuttatan balbala waan banuuf, fuudhaa heeruma barbaachisa akka hin taane fi ittigaafatamummaan maatii akka dhabamu taasisa. Wanti irraanfachu hin qabne maatiin mana sirrii ijjoolleen itti guddifamanii fi dhalli namaa inni gaarii ta’e wal qabate itti ijaarramudha. Maatiin mana guddinni dhiiraa fi dubartii haala walqixaatin itti mirkanaa’udha. Seenaa keessatti hawaasni sagaagalummaan akka babal’atu hayyame kufiinsa mataa ofiitti kan fideedha.

Qur’aanni xiyyeefannoo guddaa itti kennuun namoonni zinatti akka hin dhihaanne akeekachiisa. Zinaan kan raawwatamu fedhii cimaa guuttachuuf waan ta’eef isarraa fagaachun nageenya fi gammachudha. Yeroo zinaan salphaa taasifamuu akkuma san isa ittisuun ulfaataa ta’a. Kanaafu Islaamni tarkaanfilee sirrii zinaa itti ittisan fudhata. Bakka barbaachisa hin taanetti saalli lamaan walitti makamuu ni balaalefata. Bakka kophaatti dhiirri dubartii waliin turu ni dhoowwa. Dubartoonni qullaa akka yaa’anii hojii hawaasummaa keessatti akka hirmaatan ni ittisa. Kana jechuun hojii sirrii isaani ta’uu hojjachuu ni dhoowwa osoo hin ta’iin qullaa yaa’anii akka dhiira hin fattaneef uffataa hijaaba sirrii ta’e uffatanii gara alaatti bahu qabu jechuu isaati. Akka fuudhan ykn heeruman ajaja. Kan fuudhu hin dandeenye immoo akka soomu gorsa. Wantoota namoota fuudharraa ittisan kan akka mahrii humnaa olii ni morma. Eenyullee sababa ijjoolle argachuutin hiyyummaa sodaachu akka hin qabne ifa godha. Hordoftoota isaa warroota fuudhu barbaadaniif gargaarsa akka godhan jajjabeessa. Akkasumas yakka zinaa hojjachuu fi namoota zinaan nama yakkaniif seera cimaa tumee lafa godhe. [Dhiirichi ykn dubartitiin zinaa raawwate/raawwatte kan hin fuudhin/hin heerumin yoo ta’ee/taate, alangee dhibba(100) garafamuu qabu. Yoo kan fuudhe/heerumte ta’ee/taate, dhagaan buruqfamanii ajjeefamu qabu. Yeroo adabbiin kunii raawwatamu namoonni naannoo sanii akka ilaalan taasifamuu. Sababni isaas adabbiin zinaa guddaa akka ta’e ilaalanii barumsa irraa akka fudhataniif. Haala kanaan zinaan hawaasa keessa akka hin babal’anne ittisa.
Warroota ragaa malee sobaan zinaan namoota biroo yakkan alangee saddeettama akka garafaman taasisa.]
Tarkaanfiwwan kunniin hawaasa Musliimaa daandii mucucaati kufaatif nama geessutti akka of hin darbine ittisa.”

Fi zilaal al-qur’an jildii 11 ffaa irraa fudhatame.

Hanga fedhe namtichi ykn dubartiin badii kanatti yommuu darbuu/dabartuu abdii kutuun jireenya ofii balleessu fi adabbii hamaaf of saaxiluu hin qabu/hin qabdu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

39:5339:54

(Yaa Muhammad) jedhi,”Yaa gabroota kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa(hin kutatinaa). Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha. Gara Rabbii keessanii deebi’a, Isaafis ajajamaa odoo adabbiin isinitti hin dhufiniin duratti. Sana booda hin tumsamtanu.“ Suuraa Az-Zumar 39:53-54

Kanaafu namni yoo badii kana raawwate Rahmata Rabbii irraa abdii kutuu hin qabu. Rabbiin badii kana irraa nu haa tiiksu. Hanga torbaan barruu biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.

 

Print Friendly, PDF & Email
Machaa Jaalalaa
Qorsa Jaalalaa-Kutaa 1ffaa

One comment

Leave a Reply