Walaloo-Jireenya Badhaatu

Imaana

Ibsituu jireenyaa
Buustu nageenyaa
Utubaa jabeenyaa

Ni balleessaa diinummaa
Walitti hiidhaa obbolummaa
Ni fidaa tokkummaa
Ni qaraa sammuu doomaa
Hin jiru mi’aan akka imaana(x2)

Dukkana cillimi keessaa nama baasaa
Gara ifaatti ol nama kaasaa
Milkaa’innaf gammachuu gonfachisaa

Kan isa dhabee hoonga’ee
Kan isa argate najaa ba’ee
Bilisummaa dhugaa galmaan ga’ee(x2)

Imaana qabaannan ni kabajamtaa
Nageenyaf tasgabbii argattaa
Yoo isa dhabde ni salphattaa
Bakka kamittu hundaa gadi taataa
Dukkana keessa jiraattaa
Dhiphinnaan haguugamtaa

Imaana dabalachuuf karaa baay’e jiraa
Isaan keessaa muraasa si eeraa

Qur’aana irratti xinxallii
Beekumsaa Islaama baruuf olka’ii
Zikrii fi du’aayitti maxxanii
Daangaa Rabbii hin darbinii
Ajaja Isaas hin dhiisinii
Hojii gaggaarii baay’isii
Hin tuffatin xiqqeenya isii
Hojjachuuf carraaqqi taasisi
Madaalamaa ta’uus hin dagatinii
Hojii gaarii si darbeef bakka buusi
Hiriyyaa gadhee irraa dheessi

Jaalala fi sodaa Rabbii horadhu
Abdiis itti dabaladhu
Khaatima badaa sodaadhu
Du’a baay’isi yaadadhu
Haala aakhira mee takka yaadadhu
Jannata fi jahannam fuula dura fidadhuu
Haala isaani mee takkaa qoradhu

Hawwii hin dheerresinii
Duniyaa tanatti garmalee hin tarinii
Haqiiqa ishii sirritti barii


Qalbii tee yeroo hundaa qoradhuu
Dhukkubsattu moo fayyaa ta’uu hubadhuu
Fayyisufiis carraaqadhu
Kuni karaa imaana itti dabalattu
Rabbii nu haa gargaaru waa hundarrattu! (x2)

Yaa beekumsaa

Duungoo dukkanaa
Ibsituu qaroominaa
Balleessituu doofumaa
Qulquleessituu jibbummaa
Qartu sammuu doomaa
Barbedesitu diinummaa
Dhabamsistu gabrummaa
Argamsistu bilisummaa
Burqisistu jaalalaa
Funyoo obbolummaa
Kompaasi jireenyaa
Gaaddisa aduu fiimaa
Faaya ilma namaa

Beekumsa haa barannuu
Teenne haa dubisnuu
Sa’aati haa murteessinuu
Obsaan haa bulleessinuu
Kan barannee hojiirra haa olchinuu

Mee Beekumsaatti haa gorruu
Walaallumma ballesuuf haa kaanu
Yeroo gubuu haa dhiisnuu
Kitaaba haa banannuu
Gammachuu hin dabnuu
Mee yaa obbolaa wal haa caqasnuu
Beekumsi nama hin filatuu
Cokee addaan nama baasuu

Kan isa baratee ni kabajamaa
Jiruu gammachuu jiraataa
Kan isa dhisee ni tufatamaa
Jiruun isatti hammaataa

Gammachu barbaanan beekumsa gorii
Kalaa ijaa ija kee dirii
Osoo yeroon irra hin tarinii x2

Yaa Ummii Yaa Harmee

Madda ilma namaa
Ijaartu maatii kabajamaa
Suphituu hawaasa diigamaa
Qabdaa bar amala kumaa
Himee hin fixu gonkumaa

Ji’a sagal gara baadhate
Rakko meeqan addunya baaste
Dugdarraa kaa’attee
kan garaa xiqqaate
Kunuunsuf dugda of kuttee
Waggaa lama harma hosiste

Haajaa hin qabdu beelaa dheebu ofitii
Waggaa lama guutuu harma hosistii
Takkaa bonnan maal taatee yaa mucaa kooti
Na jalaa dhibamtee moo lafee kootii
Maaltu si xuqe tiruu koo jettee cinqamtii
Hirriba malee halkan guutuu bultii

Inni immoo yoo guddatuu
Aannan keetin irree yoo baafatuu
Si kununsuu dhiise si tufatuu
Rakkoo waliin agartee achumaan dagatuu
Ati ammalee abdii irraa hin kuttuu
Isaaf wareegamuf lubbuu keerraa hin gortuu
Atii jiraatte ani haa kutuu
Bakka kee ani haa du’uu
Jette abdi irraa hin kuttu
Eenyule danda’e hin deebisu jazaa kee yaa ummii
Rabbiin Jannatal firdowsii si haa badhaaasu
Ibidda jahannam irraa si haa tiksuu x2

Aamiin

Like www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Print Friendly, PDF & Email
Dargaggeessa Karaan Jalaa Badee
Fiixee Gaarummaa Irra Ijjachuuf

9 comments

Leave a Reply