Guddinna Ijoolle-Kutaa 2ffa

Offline dubbisuf

Torbaan darbe irraa itti fufuun itti-gaafatamumma hafan har’a ni ilaalla.
2.Itti gaafatamummaa aklaaqa barsiisuu– aklaaqa (amala) bakka lamatti qoodu dandeenya. Amala gaarii fi amala badaadha. Guddisaan mataa ofitii fi ijoollee amala gaariin faayun amala badaa irraa fageessuf tattaafachu qaba.

Amalli gaariin firii imaana barsiisu irraa dhalatuudha. Itti-gaafatamummaa tokkoffaa sirnaan yoo baane itti gaafatamummaan biroo baay’ee salphaadha. Fakkeenyaf, gurbaan ykn intalti waa’ee imaanaa, tawhiida, salaata, sooma fi kkf beeke /beektee hojii irra oolchuf yommuu tattaafatu /tattaafattu amalli gaariin isa /ishii irraa ni mul’ata. Hawaasa keessatti kabajaa fi sadarkaa qabu.

Amala gaarii keessaa

-Namuusa Ergamaa Rabbii (SAW) barsiisu. Fakkeenyaf, naamusa nyaata fi dhugaati Ergamaan Rabbii (SAW) hordofaa turan- Bismillah jedhanii jalqabu, harka mirgaatin nyaatu. Naamusa yeroo masjiida seenanii fi bahanii, yeroo mana fincaani seenanii fi bahanii fi kkf barsiisun ni danda’ama. Kana gochuuf manatti ykn madrasatti barnoota Seenaa Nabii Muhammad (SAW) (siiraa) ijoollee barsiisudha. Ijoollen seenaa waan jaallataniif seenaa Nabiyyii isaan barsiisun salphatti karaa sirrii akka hordofan isaan taasisa. Wanti yeroo ijoollummaan isaanitti himame yeroo guddatan sammuu isaanii keessaa hin haaqamu. Waa’ee Jannata, Jahannam fi kkf odeessif. Ashaaraa guddaa qalbii isaanii irratti hanbisa.

-Sidq (dhugaa akka dubbatanii fi haqaan akka hojjatan) barsiisuu
-Hojii gaggaaritti fi amaloota gaggaarii biroo irratti kakaasu

Amala badaa irraa abbaa fi haati ykn barsiisan ijoolle akeekachisu fi irraa dhoowwu qaban kanninii

-Kufrii irraa akeekachiisu- kuni tawhiidaa fi imaana isaanii waan diiguf.
-Shirkii, kijiba, abaarsa, arrabsoo fi kkf irraa akeekachisuu-keessumatti shirkii (Rabbitti waa qindeessu) dhoowwu. Fakkeenyaf, namoota du’an kadhachuu irraa akeekachisu.
-Qumaari fi gosoota ishii kanneen akka lotorii fi kkf hundarra akeekachiisu
-Gaazexaa, barruulee dubartii qullaa ofirraa qaban akka hin dubbisne akeekachiisu. Akkasumas, filmii, sinimaa, moovi fi kkf irraa fageessu.
-Sigaaraa xuuxu fi chaati qama’u irraa dhoowwu
-Haraama nyaachisu dhiisu
-Abaaru dhiisu

Fakkeenya akka siif ta’uuf kunoo seenaa kana siif dhiyeessina;
Ibn Abbaas (RA) akkana jedha, “Guyyaa tokko Ergamaa Rabbii (SAW) duuba ture. Akkana naan jedhe, “Yaa gurbaa! Jechoota wayii si barsiisa: Rabbiin ofirratti eegi Rabbiin si eegaati (kana jechuun ajaja Rabbii hordofi, wanta Rabbiin irraa si dhoowwe irraa fagaadhu; addunyaa fi aakhiratti Inni si eegati.) Rabbiin ofirratti eegi fuundura keetti ni argattaati (kana jechuun daangaawwanii fi haqa Rabbii eegi, Rabbiin si milkeessati, si gargaarati.) Yommuu kadhattu Rabbiin kadhu, yommuu gargaarsa barbaaddu, Rabbiin irraa gargaarsa barbaadi. Beeki! Osoo ummanni wanta tokkoon si fayyaduuf walitti dhufanii, isaan si hin fayyadan wanta Rabbiin dursee siif katabe malee. Ammas,wanta tokkoon si miidhuf osoo walitti qabamanii, isaan si hin miidhan wanta Rabbiin dursee sirratti katabe malee. Qalamni ol fuudhame, barreefamni goge. (Kuni qadaa wal qadaritti akka amanu isa taasisa) (Jaami’a at-Tirmizi 2706)

Tirmiziin ala gabaasa biraa keessatti, “Yeroo toltuu Rabbiin beeki, yeroo rakkoo Inni si beekati. (Kana jechuun yeroo toltuu haqa Rabbii fi namootaa bakkaan gahi, yeroo rakkoo Inni rakkoo keessaa si baasati.) Beeki! Wanti sirra darbe sitti bu’uufi miti. Wanti sitti bu’ee kan sirra darbuu miti. (Kana jechuun Wanta tokko Rabbiin yoo si dhoowwate, wanti kuni gonkumaa si bira hin gahu (hin argattu). Akkasumas, wanta tokko Rabbiin yoo siif kenne, eenyullee wanta san si bira gahuu irraa hin dhoowwu (wanta san ni argatta).) Beeki! Injifannoon obsa waliin dhufa (diina fi nafsee irratti injaffannoo argachuun sabrii irratti hundaa’a); Farajni balaa guddaa waliin dhufa (kana jechuun balaan guddaan mu’imina irratti bu’u yeroon booda farajni balaa kana keessaa ittiin bahu ni dhufa.) Rakkoo waliin laafinnatu jira. (Rakkoon Muslimatti bu’uu yeroon booda laafinnii fi bal’inni ni dhufa). (Hadiis Nawawii-19)

Farajni– rakkoon irraa saaqamu, gargaarsa, birmannaa, karaa bahiinsa

Dhugumatti yommuu gorsi kuni sammuu ijoollee keessatti hafu, gootummaa fi ofitti amanamummaa kan qabanii fi nama gaarii ta’anii guddatan.

3.Itti gaafatamummaa qaamaa– halaala irraa ijoolle ofii irratti baasu fi bu’uuraalee fayyummaa isaanii eeguf tattaafachu qaba. Dhukkubaaf wantoota sababa ta’an irraa isaan ni fageessa; isaan keessaa kan dhukkubsate immoo mana yaalaa fiduun ni wal’aansisa. Akkasumas, darbannaa, farda gulufsiisu fi bishaan daaku isaan barsiisun jabeenya qaamaa isaanii eegu danda’a. Jabeenya fi dhiirummaa (gootummaa) akka qabaatan isaan kakaasa. Gabaabamutti wanta qaamaf isaan fayyadu ni barsiisa, wanta qaama isaanii miidhu irraa isaan ni fageessa.

4.Itti gaafatamummaa sammuu isaanii eegu fi bilcheessu– xiqqeenya irraa jalqabe wanta ijoolle fayyadu hunda haa barsiisu. Wantoota sammuu balleessanii fi doomsan kanneen akka qumaari, sigaaraa xuuxu, fiilmii ilaalu fi kkf irraa isaan fageessu qaba. Maloota sammuu isaanii itti bilcheessan keessaa kitaabban xixiqoolee bitanii akka dubbisan isaaniif kennuudha. Keessattu kitaaboleen seenaa sammuu ijoolle ni qara. Seenaa Nabiyyoota, namoota gaggaarii. Akka fakkeenyatti ijoollef kitaabni “Ya Nabiyyaat Taarik” jedhu hanga lakkoofsa 14 amaariffaan qophaa’e jira. Afaan Oromootin qophaa’u ykn qophaa’u dhiisu isaa hin beeku. Kitaabas yoo hin argatin vidiyoo gaarii isaan waliin ilaalun ni danda’ama.

5.Itti gaafatamummaa nafsiyyaa (spiritual) fi nageenya qalbii- dadhabbinna, salphinna, sodaa, waanyu, dallansuu, hanqinni itti dhagahamuu fi amaloota negaativi ta’an irraa fageessu qaba. Bakka kanaa qadaa fi qadaritti akka amanan barsiisun nageenya qalbii akka qabaatan taasisuun ni danda’ama. Yeroo baay’ee ijoollen salphinni, sodaa fi kkf isaanitti kan dhagahamu sababa maatin isaan sodaachisaniifi ykn salphisaniifi. Haati fi abbaan ijoolle isaanii hiyyummaa, diina fi kkf nin sodaachisu hin qaban. Bakka kanaa gootummaa fi abdii isaanitti naquu qabu.

6.Itti gaafatamummaa hawaasummaa-haala kam keessattu haqa namoota akka eegan ijoolle isaa ni barsiisa. Namaaf rahmata akka godhan, irra darban, haqa namootaa keessatti Rabbiin akka sodaatan, ijoolle ofii haa gorsu. Yeroo baay’ee ijoollen wanta haadha abbaa irraa argan walitti dhufeenya hawaasummaa keessattis hojii irra oolchu. Abbaan haqa namaa kan nyaatu yoo ta’e mucaanis abbaa irraa akkeesse haqa namaa nyaata. Kanaafu, ijoollef fakkeenya gaarii ta’uu qabna.

7.Al-Inhiraaful jiinsiyata– erga ijoollen isaanii umrii saalfannaa gahanii booda wanti haadha abbaan of eeggannoo gochuu qaban, dabiinsa gara saala faallaa irraa ijoolle eegudha. Yoo danda’ame itti fuudhu ykn heerumsiisu, yoo hin danda’amin immoo maloota adda addaa fedhii saalaa itti too’atan itti akeekudha. Fakkeenyaf, soomu– soomu yommuu jennu nyaata fi dhugaati qofarraa of qabu qofa osoo hin ta’in ija ofii haraama ilaalu irraa gadi qabachuu, saala faallatin walitti makamuu irraa fagaachu, filmii ilaalu dhiisu fi kkf irraa fagaachu kan of keessatti hammateedha.

Ammas, wantoota fedhii saala isa dagachiisaniin of ko’oomsu danda’a. Fakkeenyaf, salaata salaatu, soomu, Qur’aana qara’u, kitaabban dubbisuu, barnoota amantii dhageefachuu, qo’annoo fi qorannoo adda addaa adeemsiisu. Akkasumas, hojii humnaatin of xamaduu fi kkf gochuu danda’a. Dabalataan jabeenya qaamaa hojjachuun of ko’oomsu danda’a.

Guduunfaa
Hanga ammaa ittigaafatamummaa 7 ykn 8 barannee jirra. Isaaniis;

  1. Itti-gaafatamummaa imaana barsiisu
  2. Itti-gaafatamummaa aklaaqa (amala) fi adaba barsiisu
  3. Itti-gaafatamummaa barnoota hammayyaa barsiisu
  4. Itti-gaafatamummaa fayyummaa fi qulqullinna qaama isaanii eegu
  5. Itti-gaafatamummaa sammuu isaanii eegu fi bilcheessu
  6. Itti-gaafatamummaa nafsiyyaa (spiritual) fi nageenya qalbii eegu
  7. Itti gaafatamummaa hawaasummaa
  8. Gara saala faalla dabuun jireenya isaanii akka hin balleessine xiyyeefannoo itti kennu.

Itti-gaafatamummaa kanaa fi kan biroo itti dabaluun guddinna ijoolle keessatti sirnaan bahuuf tattaafachun haadha abbaa irra jira. Itti-gaafatamummaan armaan olitti tarreessine itti gaafatamummaa utubaa guddinna ijoolleti yoo jenne nama hin saalfachisu. Namoota meeqatu itti-gaafatamummaa armaan olii bahuu dhabuu irraa kan ka’e isaanii fi ijoollen isaanii dhiphinna, rakkoo fi gadadoo keessa jiraachaa jiru. Maatiin baay’een yeroo ammaa itti gaafatamummaa lakkoofsa 3ffaa irratti xiyyeefachun, hundee guddinna ijoolle kan ta’ee, itti gaafatamummaa 1ffaa fi 2ffaa dagatanii jiru. Sababa kanaan, adabbiin isaanii fi ijoolleen dhandhaman hanga hin jedhamu. Kanaafu, guddinna ijoollee keessatti itti-gaafatamummaa armaan olii bahuuf haa tattaafannu jechuun torbaan hanga “Tooftaalee Barsiisummaan” walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.

Gaafii- Hadiisa armaan olii Ibn Abbaas dabarse irraa maal hubatte?

Kitaabban wabii
Tarbiyatul awlaad- Sa’iid Bin Aliyyi bin Wahf al-Qahtaani- fuula 130-131
Kayf nurabbi awlaadanaa- Muhammad bin Jamiil Zaynu-fuula 12, 23-24

 

Tooftaa Ijoolle Barsiisu-Kutaa 1ffaa
Guddinna Ijoollee- Kutaa 1
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.