Tooftaa Ijoolle Barsiisu-Kutaa 1ffaa

Offline dubbisuf

Yaa haadha abbaa kabajamoo ilma gaarii jireenya keessatti argachuuf hawwitan hundaaf! Xiqqaate xiqqaatu bu’uuralee 7 guddinna ijoolletif garmalee barbaachisoo ta’anii fi kan haadha fi abbaan dagachuu hin qabne torbii lamaan darbe ilaalle turre.  Wantoonni torban sunniin maaliin akka guuttamuu isinitti akeeku? Akka aalimni beekkamaan Abdullah bin Naasir Ulwaan ka’eetti, “Bu’uuraaleen torban kunniin wantoota lamaan guuttamu. Isaaniis; 1.wanta ifa jiru qorachuu, hordofuu fi xiyyeefannoo itti kennuu fi 2. Yeroo bilisaa (free) saamachuun”[1] 

Ifa akka ta’uuf, wanta ifa jiru qorachuu, hordofuu fi xiyyeefannoo itti kennuu yommuu jedhu jabaachu imaana (hojii gaggaarii ni hojjata moo hin hojjatu), bareedinna akhlaaqa, jabeenya fi fayyummaa qaamaa, bilchinna sammuu fi beekumsa ijoollee ni hordofa. İmaanni isaanii karaa sirri irra jira moo wantoota badaan faalamaa jira, salaata salaatu moo hin salaatan aklaaqni isaanii badaa jira moo tolaa jira jechuun ni qorata, ni hordofa. Ergasi bakka hanqinni jiru guutuf ni tattaafata.

Akkasumas, ijoollen isaa hiriyyoota akkamii waliin akka oolan, barnoota akkamii akka fudhatan, eessa akka oolan hordofuu qaba. Wanti isaan dubbisanii fi ilaalan xiyyeefannoo itti kennuu qaba. Fakkeenyaf, barruulee, kitaabbanii fi gazeexaa aqiidaa isaanii jalaa balleessan akka hin dubbisne irraa dhoowwu, muuziqaa irraa dhorguu. Ammas, filmii dhiira fi dhalaa makatee ilaalu, mana sinimaa deemu fi kkf irraa dhoowwu qaba.

Yommuu ijoollen akkanatti hordofamanii fi xiyyeefannoon itti kennamee, wanta badaa irraa dhoowwamanii fi wanta gaaritti ajajaman, bakka ol’aanaa gahu. Garuu hordoffii fi xiyyeefannoon yoo hin jiraatin qilee salphinnaa keessa jiraatu. Wanti dagatamuu hin qabne yommuu qoratanii fi hordofan shakkiidhaan, “Akkana hojjatte” jedhanii yakkuu hin qaban. Ammas, halkanii guyyaa dorsiisu fi kutaa addaa isaatti suuta jedhanii maal akka hojjatu ilaalun isa/ishii salphisuu hin qaban. Kuni ijoollen haadha abbaa akka jibban isaan taasisa. Bakka kanaa qorannoo fi hordoffi yommuu jennu “Guyyaa maal hojjataa akka oole, eessa akka oole, imaanni akkam akka ta’e” gaafachu fi qorachuudha. Mucaan kuni kan sobu yoo ta’e bakka inni oolu dhaqanii ilaaludha.

Bu’uurri lamaffaan utubaalee torbaan darban galmaan ittiin gahan, yeroo bilisaa (free time) saamachudha. Yommuu haadha fi abbaan gara manaa deebi’an, galgala yeroo bilisaa isaanii fayyadamuu qabu. Akkamitti? Galgala galgalaa ykn guyyoota hojii hin qabne sagantaa qopheessun ijoollee isaanii waliin itti gaafatamummaa torban eerre irratti mari’achuu qabu. Yeroo bilisaa kanatti warri ijoollee isaanii, imaanan, beekumsaan, bilchinnaa sammuuti fi kkf nin qopheessu qabu. Fakkeenyaf, yommuu galgala walitti qabaman, barnoota guyyaa baratee maal akka ta’e qorachuu, Qur’aana irraa maal akka haffazee fi wanta haffazee akka qara’u gaafachu; yookiin immoo qissaa (seenaa) irraa baraatan itti odeessu, yookiin amala gaarii hordofuu qaban walitti himu. Beekumsa hin qabu, wantoota armaan olii godhuu hin danda’u yoo jette, wanta salpha ati hojjachuu dandeessu sitti akeeku? Vidiyoo ykn Oodiyoo daa’iwwan beekkamoo fi amanamoo ta’an mana keetitti fiddee ijoollee tee waliin dhageefachuu fi ilaaludha. Yeroo ijoollumma jireenya koo keessatti malli kuni baay’ee na fayyade jira. obboleettin koo vidiyoo Ustaaz Yaasin Nuuru, Dr. Zaakir Naayik fi kkf manatti fiduun waliin ilaalaa turre. Kuni bu’uura jijjiramaa nuuf ta’e. Atillee mala kana fayyadamu dandeessa.

Garuu haala nama gaddisiisuun namoonni yeroo ammaa yeroo bilisaa sirnaan fayyadamuu dhiisanii fiilmi, moovi, oduu, nama hamachuu fi kkf irratti guban. Yaa hasrataa! (Yaa gaabbi fi badii nama kanaa!). ofillee balleessee ijoollellee balleessa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ قُوٓاْ أَنفُسَكُمۡ وَأَهۡلِيكُمۡ نَارٗا وَقُودُهَا ٱلنَّاسُ وَٱلۡحِجَارَةُ عَلَيۡهَا مَلَٰٓئِكَةٌ غِلَاظٞ شِدَادٞ لَّا يَعۡصُونَ ٱللَّهَ مَآ أَمَرَهُمۡ وَيَفۡعَلُونَ مَا يُؤۡمَرُونَ﴿

Yaa warra amantan! Lubbuu keessanii fi maatiiwwan keessan ibidda qoraan ishii namootaa fi dhagaa heddu ta’e irraa eegaa. Ishee irra malaaykota gara jabeeyyi, ciccimoo ta’antu jiru. Waan Rabbiin isaan ajaje hin faallessan; waan ajajamaniis ni hojjatu.” Suuratu At-Tahriim 66:6

Amma mee tooftaalee ijoollee teenya sirnaan itti guddisnuu fi barsiisnu haa ilaallu.

1.Fakkenyummaan barsiisu– ijoollen wanta abbaa fi haati ta’an taati. Abbaa fi haati kan kijiban yoo ta’an ijoollenis akkasuma ta’an. Haati hijaaba tan hin uffanne yoo taate intallis akkasuma. Fuggisoo kanaa abbaa fi haati dhugaa kan dubbatan, amala gaarii kan qaban yoo ta’an ijoollenis dhugaa kan dubbatanii fi amala gaarii kan qaban ta’u. Kuni guutumaan guututti ni ta’a jechuu keenyaa miti. Abbaa meeqatu kijibaa fi kashlabeedha. Garuu ilmi nama haqaati fi gaariidha. Abbaa fi haadha meeqa namoota gaggaariidha, garuu mucaan/intalli kashlabbeedha. Haa ta’uu malee harki caalu ijoollen wanta abbaa fi haati hojjatan akkeessu. Kanaafu, ijoollee gaarii boru nuu fi biyya fayyadan guddisuu yoo barbaanne, nuti jalqaba isaan fuunduratti nama gaarii taane argamuudha.

Uqbah bin Sufyaan yommuu mucaa isaa nama guddisuutti kennu akkana jedheen, “Wanti jalqabaa fooyya’insa ilmaan kiyyaa ittiin jalqabdu, fooyya’insa mataa keetiti. Ijji isaanii ija keetti kan hidhameedha. Isaan biratti wanti gaariin wanta ati “Kuni gaariidha.” Jetten. Akkasumas, isaan biratti wanti badaan wanta ati kuni badaadha jetteedha. Seenaa gamnootaa fi amala namoota adaba nama qabsiisanii barsiisi. Anaan isaan sodaachisi. Anaan ala adaba (naamusa) isaan qabsiisi. Akka ogeessa fayyaa dhibee beeku malee dawaaf hin ariifannee isaaniif ta’i…”[2]

Nuti fakkeenya gaarii ta’uufii yoo dadhabne seenaa namoota gaggaarii isaan barsiisudha. Seenaan jalqabaa nuti ilmaan barsiisu qabnu, seenaa Nabii Muhammad (SAW) dha. Nabiyyiin nama hundaafu fakkeenya gaarii kan ta’an waan ta’aniif, ijoolle seenaa isaa barsiisun itti gaafatamummaa haadha fi abbaa irratti kufeedha.

Seenaa Nabiyyii (SAW) irraaa barnoota fudhachuuf, haala jireenya isaa bakka adda addaatti qoodun ni danda’ama. Qoodinsa kanaan “Fakkeenyummaa” jechuuni dandeenya.

Fakkeenyummaa ibaadaa– ibaadan Ergamaa Rabbii (SAW) akkam akka ta’e ofii fi ijoolle keenya barsiisu qabna. Yommuu akkana goone bid’atti akka hin kufne fi karaa sirrii irraa akka hin jallanne nu taasisa.

Fakkeenyumma beekumsaa fi amala gaggaarii– beekumsa fi amala gaarii Nabiyyii (SAW) yommuu ofii fi ijoollee teenya barsiisnu jireenyi ifaan guutattamti. Sababni isaas, akkuma A’ishaan (RA) jette, “Amalli Ergamaa Rabbii (SAW) Qur’aana ture” Sunan Abi Daawud 1342
Qur’aanni immoo ifaan kan guuttameedha. Haqaa fi sobaa addaan baasa, jireenya dukkanoofte ibsa.

Fakkeenyummaa tola oolu fi arjoominnaa, Fakkeenyummaa of-gadi qabuu (tawaadu’a), Fakkeenyummaa gootummaa fi kkf seenaa Nabiyyii (SAW) irraa barachuu dandeenya. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

33:21

Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakeenya) gaariitu isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21

Nabiyyitti hidhachuun (fakkeenya godhachuun) hidhannaa akkam bareedu! Sababni isaas, karaa qajeelaa jallinna hin qabne irra waan deemef karaan isaa milkaa’inna fi gammachuutti nama geessa.

Ammas, seenaa namoota gaggaarii yeroo duriiti fi yeroo ammaa galma guddaa gahan ijoollee teenya barsiisu dandeenya. “Akka aalima kanaa ta’uu barbaaddaa?” Jechuun isaan kakaasu fi onnachiisu qabna.

Wanti ani isin yaadachisuu seenaa keessaniin ijoolle gorsuuf hin carraaqinaa! Sababni isaas, wanti isin hojjattanii fi milkaa’inni isin galmaan geessan baay’ee xiqqaa ta’uu waan danda’uuf ijoollen yommuu kana ilaalan homattu hin lakkaa’an. Ijoollen oduu keessan osoo hin ta’in hojii keessan ilaalu. “ani akkana ta’e, hojii akkanaa hojjadhe, milkaa’inna akkanaa galmaan gahe” jettanii ijoollen karaa keessan qofa akka hordoftu gochuuf hin yaalina. Tarii karaan keessan dogongora ta’uu danda’a. Kana irra seenaa namoota gurguddaa odeessaf. Kanatu isaan fayyada. Kuni muxannoo na muudatedha. In sha Allaah torbaan itti fufna

Gudunfaa
✎Itti-gaafatamummaa ijoolle guddisuu bahuuf bu’uuraaleen lama baay’ee barbaachisoodha. 1. Qorachuu, hordofuu fi xiyyeefannoo itti kennu. 2.Yeroo bilisaa (free time) itti fayyadamuu
✎Wanti guddaan abbaa haati ijoollef dhiisan imaana irratti isaan guddisuudha.
✎Ijoollef fakkeenya gaarii ta’uun salphatti nama gaarii akka ta’an taasisa.
✎Ijoollee fuunduratti hojii gaggaarii baay’iste hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachun fakkeenya gaarii isaanif ta’i.
✎ Fakkeenya gaarii ta’uu yoo dadhaban seenaa namoota gagaarii barsiisun ijoolle daandii sirriitti qajeelchun ni danda’ama.
✎Seenan hundarra gaariin jalqaba ijoolle barsiisan seenaa Nabii Muhammad (SAW) dha.

Like https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Kitaabban wabii:
[1] Tarbiyatul awlaad- fuula 601, Abdullah Nasiih Ulwaan
[2] Tarbiyatul awlaad- fuula 637, Abdullah Nasiih Ulwaan
Tarbiyatul awlaad- Sa’iid Bin Aliyyi bin Wahf al-Qahtaani- fuula 131

Tooftaa Ijoolle Barsiisu-kutaa-2ffa
Guddinna Ijoolle-Kutaa 2ffa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.