Sadarkaalee sharrii sheyxaanaa

Sharrii jechuun wanta badaa fi miidha hamaa namarraan gahuudha. Sharrii kan darbee, kan ammaa fi kan dhufu jechuun bakka saditti qoodu dandeenya. Sharriin darbee adabbii ammaa fi gara fuunduratti namatti fidu danda’a.  Sharriin amma keessa jiraniis jireenya namatti dhiphisuu fi dukannessun hulaa gammachuu fi milkaa’innaa cufa. Sharriin gara fuunduraatti dhufu immoo gara milkaa’inna akka hin fiigne gufu namatti ta’a yookiin nama kuffisa. Sharriiwwan kunniin akkanumatti lafaa ka’anii hin dhufan. Sababa wayi qabu. Kan duubaa isaan dhiibutu jira. wantoota sharrii namatti dhiiban ykn nama gara sharriitti dhiiban keessa inni guddaa fi hangafni sheyxaana. Sharriin sheyxaanaa sadarkaalee qaba.

In sha Allah, sadarkaalee gurguddoo beekkamoo har’a ni ilaalla. Kitaaba Imaama fi Aalima beekkama Ibn Al-Qayyim irraa hanga danda’amen irraa qoshoranna.

Dhugumatti sharriin sheyxaanaa hangana jedhanii daangeessun hin danda’amu. Garuu sharrii isaa bakka jahatti qoodun ni danda’ama.

Sharrii sadarkaa tokkoffaa: sharrii kufrii, shirkii, Rabbii fi Ergamaa Isaatti diina ta’uu. Sheyxaanni nama tokko akka kafaruu, shirkii hojjatu itti kakaasa. Sheyxaanni ilma Aadam kufrii fi shirkiin moo’anna irratti yoo argate, keessi isaa ni qabbanaa’a. Isa waliin ifaaju (xaaru) irraa hara galfata. Wanti jalqabaa sheyxaanni ilma namaa irraa barbaadu kufrii fi shirkiidha. Hanga wanta kana irraa argatutti sheyxaanni hin dhiisu. Sheyxaanni kana yoo argate, loltoota  isaa keessaa tokko nama godhata. Namni kuni daa’i ibliisa fi bakka bu’aa isaa ta’a. Wanta sheyxaanni itti nama waamutti innis waama.

(Fakkeenyaf, namni tokko yoo kafare, gara kufrii isaatti namoota biroo waama. Haala kanaan namni kuni loltoota fi bakka bu’aa sheyxaana keessaa ta’ee jiraa jechuudha. Jalqaba sheyxaanni itti dhufuun qoma isaa keessatti akka kafaruu fi Islaamaa keessaa bahu itti hasaasa. Namtichi hasaasa sheyxaanaa kana tole jedhe yoo fudhate, harka sheyxaanatti kufe jedhama. Kanaafu, yommuu sheyxaanni kufritti si wasawasu, isaaf tole hin jedhin. In sha Allah akkamitti sheyxaana irra akka of eegan gara boodatti ni ilaalla.) Gara jecha ibn Al-Qayyimitti haa deebinu.

Sheyxaanni nama kana kafarsiisu yoo dadhabee fi abdii irraa kute gara sadarkaa itti aanutti dabarsa.

Sharrii sadarkaan lamaffaan– Bid’aa (Amanti keessatti wanta haarawa jalqabuu fi itti dabaluu)- bid’aan cubbuwwan biroo caalaa wanta garmalee sheyxaana biratti jaallatamuudha. Sababni isaas, miidhan bid’aa amantii irra gaha. Miidhaa babal’atuudha. Zanbii (cubbuu) namni irraa hin tawbanneedha. Waamicha Ergamtoota Rabbii faallessa. Bid’aan balbala kufrii fi shirkiiti. Sheyxaanni nama tokko bid’aa akka hojjatu yoo taasise, warra bid’aa keessaa isa taasisa. Akkasumas, bakka bu’aa isaa fi warroota bid’atti waaman keessaa tokko godha.

Nama tokko sheyxaanni bid’aa hojjachiisu yoo dadhabe, gara sadarkaa itti aanutti dabarsa. Innis:

Sharrii Sadarkaa sadaffaa: Kabaa’ira gosa garagaraa-  Kabaa’ira jechuun cubbuu gurguddaa kanneen akka zinaa, nama ajjeesu fi kan kana fakkaataniidha. Sheyxaanni ilma nama cubbuu gurguddaa kana keessatti isa darbuuf garmalee itti futa (itti daddafa). Keessumatti namtichi kuni aalima fi namoonni kan hordofan yoo ta’ee, akka isa irraa dheessaniif cubbutti isa darbuuf fedhii cimaa qaba. Ergasii sheyxaanni badii fi cubbuu nama kanaa namoota keessa facaasa. Namoota keessaa cubbuu isaa akka facaasuf nama bakka buusa. (Fakkeenyaf, Sheekni tokko dubarti waliin kan dhaabbatu yoo arge, sheyxaanni oduu kana nama keessa facaasa. Bakka bu’aan sheyxaanaa, “Sheekn ebalu dubartii waliin dhaabbata.” Jechuun namoota keessa afuufa. Ergasi namoonni sheeyka kana jibbuu jalqabu. Bakka bu’aan sheyxaanaa suni tarii dubartiin tuni niiti isaa ta’u dandeessii maalitti beekaa?)  Bakka bu’aan ibliisaa Aaya tana hin beeku:

24:19

Dhugumatti, isaan gochi fokkataan warra amanan keessatti akka tamsa’u jaallatan, addunyaa keessatti fi Aakhiratti adaba laalessaa ta’etu isaaniif jira. Rabbumatu beeka, isin hin beektan.” Suuratu An-Nuur 24:19

Kuni akka wanti fokkuun babal’atuu fi tamsa’u yoo jaallataniidha. Mataa isaanitiin kan babal’isanii fi tamsaasan yoo ta’ee hoo haalli akkam ta’inna ree laata? Kuni nama badii dalagee gorsuu miti. Kana irra sheyxaanaf ajajamuu fi bakka bu’aa isaa ta’uudha.

Badiin nama kanaa osoo fiixe gaaraa ga’eyyuu badii namoota kanniini caalaa Rabbiin biratti salphaadha. Namni badii hojjate kuni mataa ofii miidhe. Gara Rabbii deebi’ee araarama yoo kadhate, Rabbiin ni araaramaaf. Hamtuu isaa toltuun bakka buusaf.

Garuu badiin namoota cubbuu isaa babal’isanii, mu’imintoota miidhu fi hanqinna dhoksaa isaanii irra barbaadudha. Akkasumas, isaan salphisuuf yaadudha. Rabbiin sirritti isaan ilaala. Wanti qomaa fi nafsee namaa keessa jiru tokkollee Isarraa hin dhokatu.

(Fakkeenyaf mee haa jennu Ahmad dhiira dubartii alagaa waliin ciisu arge. Ergasii badii isaa yoo babal’ise, badiin Ahmad hojjate badii nama kanaa caala. Namni dubarti waliin ciise kuni dhugaan tawbatee gara Rabbii yoo deebi’e, Rabbiin ni araaramaaf. Garuu Ahmad badii baay’ee hojjate. Tokkoffaa, namoota keessa wanti fokkuun akka babal’atu sababa ta’ee jira.  Sababni isaas, namoonni oduu kana yommuu dhagahan, “Silaa ebaluu zinaa ni raawwata, anillee haa raawwadhu.” Jechuun gara zinaa fiigu. Lamaffaa, nama san salphisuu fi miidhudha. Tarii namni kuni garmalee saalfachuun tawbachuu dhiisu danda’a. Haala kanaan karaa Rabbii irraa nama dhoowwe jechuudha. Kanaafu, wanta arginee fi dhageenye hunda odeessu irraa of haa qusannu.)

Sheyxaanni nama tokko cubbuu gurguddaa hojjachiisu yoo dadhabe, gara sadarkaa itti aanutti dabarsa. Innis:

Sharrii Sadarkaa Afraffaa: Cubbuu xixxiqaa- cubbuun (dilliwwan) xixxiqoon yoo walitti tuulaman tarii abbicha balleessu danda’u. “Cubbuu xixxiqoolee of eeggadhaa! Fakkeenyi cubbuu xixxiqoolee akka namoota sulula keessa bu’anii tokko muka qoraanii fide, ammas kan biras muka qoraani fidee, hanga wanta qixxaa (daabboo) isaanii ittiin bilcheefatan muka qoraanii walitti qaban. Cubbuu xixxiqooleen namtichi yoo qabame achumaan isa balleessiti.”

Hiikni kanaa namoonni laga ykn sulula keessa bu’an, nyaata bilcheefatu barbaadan. Hundi isaanitu muka qoraani fidan. Muka qoraani kana yommuu bobeessan ibidda guddaa ta’e. Ergasi daabboo (qixxaa, xoroshoo) ofii ni bilcheefatan.  Cubbuun xixiqoonis yoo walitti qabamte, akkuma kana guddaa taati. Cubbuu xixiqoon cubbuu gurguddatti akka darban sababa ta’u.

Namticha irratti cubbuun xixiqoon laafun itti fufa hanga inni salphaa fi homaa akka hin taanetti ilaalutti. Ergasii namtichi cubbuu gurguddatti tara. (Fakkeenyaf, namtichi dubartii alagaa ilaalu “cubbuu miti” jechuun yoo yaade fi ishii ilaalu yoo itti fufe, suutuma suutan ilaalchi kuni gara zinaatti jijjirama. Wanti guddaan hundi xiqqarraa waan jalqabuuf. Warri filmii ilaalan dubartii qullaa deemtu ilaalu akka cubbuu (dilliitti) hin lakkaa’an. Sababa kanaan cubbuun kuni walirra tuulamun gara cubbuu guddatti isaan oofa. Osoo akka cubbuutti lakkaa’ani silaa filmitti hin dhiyaatan.)

Sheyxaanni sadarkaa kanarratti yoo dadhabe, gara sadarkaa itti aanutti nama dabarsa.

Sharrii sadarkaa shanaffaa: wantoota hayyamamoo mindaa fi adabbii hin qabne waliin akka ko’oomu isa taasisa. Inuma osoo wantoota kana waliin ko’oomu mindaa wanta gaarii ni dhaba. Fakkeenyaf, namni tokko yommuu hirriba baay’isu, mindaa hojii gaarii baay’ee dhaba.

Sheyxaanni sadarkaa kanatti yoo dadhabe, namtichi yeroo isaa kan eegu fi qusatu, hamma affuura kan beeku ta’a. Yeroo isaa sirnaan fayyadama. Ergasii sheyxaanni gara sadarkaa itti aanutti dabarsa.

Sharrii sadarkaa jahaffaa: hojii gaarii mindaa guddaa qabu dhiise hojii gaarii sanii gadi ta’e waliin akka ko’oomu taasisa. Osoo inni hojii xiqqaa waliin ko’oomu mindaa fi fadliin guddaan isa jala darba.

Sheyxaanni sadarkaalee jahan kanniin namticharraa argachuu yoo dadhabe, garee isaa jinnii fi nama irraa gosoota miidhaa garagaraatin namticha kana akka miidhan itti ajaja. Namoota akka isarraa hin fayyadamne dhoowwa. (Fakkeenyaf, sadarka jahan kana keessatti namtichi sheyxaana yoo moo’ate, nama gaarii fi hordofamu qabu ta’a. Gara Rabbitti namoota waama. Gareen sheyxaana namticha kana waanyu fi jibbuun soba adda addaa irratti uumu jalqabu. “Irraa fagaadha isin balleessa, jecha badaa dubbata fi kkf” jechuun namoonni akka isarra hin fayyadamne taasisu.  Mu’minni garee sheyxaanatiif harka hin kennu. Hanga Rabbiin qunnamu itti qabsaa’a.)

Sadarkaalee jahan kanniin sirritti itti yaadi. Dhaabbanna isaati fi guddinna faaydi isaa sirritti itti xinxalli. Madaalaa kee kan namoota, ofii fi hojii ittiin madaaltu taasifadhu. Dhugumatti, haqiiqa jiraattota fi sadarkalee namootaa ifa siif godha. Gargaarsi kan barbaadamu Rabbiin irraayyi. Hirkoon Isumarratti.

Gudunfaa
Sadarkalee sharrii gurguddoon sheyxaanni ilma nama itti jallisu fi hoongessu jaha. Isaaniis

  1. Kufrii fi shirkii
  2. Bid’aa (Amantii keessatti wanta haarawa jalqabuu fi dabaluu)
  3. Cubbuu gurguddaa
  4. Cubbuu xixiqqaa
  5. Wanta hayyamamoo waliin ko’oomu fi yeroo gubuu
  6. Hojii gaarii sadarkaan (mindaan) isa guddaa ta’e dhiisanii kan sadarkaan gadi bu’e waliin ko’oomu.

Kitaaba wabii:
Bidaa’u Tafsiir-jildii 3 fuula 452-454 Imaam Ibn Al-Qayyim

Print Friendly, PDF & Email
SHEYXAANA IRRAA OF TIIKSUF
Qalbii Cabdee

One comment

Leave a Reply