Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifamaa?-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Guyyaan Qiyaamaa dhufuu keessa shakkiin akka hin jirre ragaalee adda addaatin torbilee darban ibsine jirra. Namni ragaalee sanniin irra deebi’ee dubbisee fi itti xinxalle Guyyaan Qiyaamaa guyyaa tokko dhooyu ishii ni mirkaneefata. Wantoonni naannoo keenyatti arginu wantoota lama. Isaaniis, yeroo muraasan booda kan jijjiramanii fi yeroo dheeraaf osoo hin jijjiramin kanneen turaniidha. Yeroo muraasan booda kan jijjiraman ykn du’an kanneen akka ilma namaa, biqiltoota, beelladoota fi kkf. Yeroo dheeraaf osoo hin jijjiramin kanneen turan immoo dachii, gaarreen, samii, aduu, ji’a, urjiilee fi kkf. Wantoonni yeroo dheeraf turan kunniin akkanumatti zalaalamiif hin turan, ni jijjiramu. Guyyaan wantoonni kunniin itti jijjiraman Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Guyyaa kana gaarreen bakka ni bubbuqqa’u, dachiin dachii biraatin ni jijjiramti. Samiinis akkasuma jijjiramti. Namni dachii fi samiin akkanumatti zalaalami turan jedhee yaade dogongore jira. “Akkuma amma jiran kanatti zalaalamii akka turan maaltu si beeksise? Beekumsa wanta gara fuunduraatti uumamuu ni qabdaa? Yoo qabaatte, beekumsa guyyaa itti duutu nutti himi.” Jechuun yoo gaafanne deebiin isaa maal ta’a laata?

Wantoonni yeroo dheeraaf turan kunniin guyyaa tokko akka diigamanii fi jijjiraman raga agarsiisu qabna. Innis, Rabbiin (Qulqullaa’an olta’e) dachii, samii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan uumee fi gara fuunduraatti wantoota uumaman hunda kan beekudha. Wantoonni yeroo dheeraaf turan kunniin Guyyaa tokko akka diigamanii fi jijjiraman Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun ilma namaa akeekachiise jira. Kana qofa mitii mallatoolee adda addaas agarsiise jira. Rabbiin akkuma jalqaba uume diige deebisuu irratti maaltu Isa dadhabsiisaa? Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

14:48

Guyyaa dachiin dachii biraatti jijjiramte, samiinis [akkasuma taate]; Rabbii Tokkicha Injifataa ta’eef  [uumamtoonni hundi] walitti qabamanii mul’atan [yaadadhu]”  Suuratu Ibraahiim 14:48

Kanaafu, guyyaa wantoonni yeroo dheeraaf turan kunniin itti diddigamanii fi jijjiraman guyyaa salphaa miti. Guyyaa garmalee ulfaataa ta’eedha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱتَّقُواْ رَبَّكُمۡۚ إِنَّ زَلۡزَلَةَ ٱلسَّاعَةِ شَيۡءٌ عَظِيمٞ١ يَوۡمَ تَرَوۡنَهَا تَذۡهَلُ كُلُّ مُرۡضِعَةٍ عَمَّآ أَرۡضَعَتۡ وَتَضَعُ كُلُّ ذَاتِ حَمۡلٍ حَمۡلَهَا وَتَرَى ٱلنَّاسَ سُكَٰرَىٰ وَمَا هُم بِسُكَٰرَىٰ وَلَٰكِنَّ عَذَابَ ٱللَّهِ شَدِيدٞ٢

Yaa namoota! Gooftaa keessan sodaadhaa, sochiin Qiyaamaa waan guddaadha.
Guyyaa ishii argitan dubartiin hoosiftu waan hoosiftu irraa ni dagatti. Dubartiin ulfa qabdu hundi ulfa ishii garaa darbiti. Namootas [sodaa irraa] kan machaa’an argita. Isaan kan machaa’ani miti. Garuu azaaba (adabbii) Rabbiitu garmalee cimaadha.” Suuratu Al-Hajj 22:1-2

Mee amma wantoota Guyyaa Qiyaamaa adeemsifaman keessaa muraasa haa ilaallu. Wantoonni kunniin wantoota gara fuunduratti dhufanii fi dhufaati isaanii keessa shakkiin wayitu hin jirreedha. Taatewwan Guyyaa Qiyaamaa adeemsifaman beekun yeroodhaan akka itti of qopheessinu, adabbii fi gaabbii hamaa irraa akka baraaramnu nu taasisa. Guyyaan Guddaan kuni yeroo dhufetti, “Yaa badii kiyya osoo amanee fi hojii gaggaarii hojjadhe maal qaba!” jedhanii booyu fi gaabbun bu’aa maalii buusaa? Wantoota Guyyaa Qiyaamaa adeemsifaman keessaa;

1.Xurumbaan Afuufamuu
Yommuu Guyyaan Qiyaamaa dhaabbatu xurumbaan ni afuufama. Akka afaan keenyatti xurumbaa (garrii) jechuun meeshaa akka gaafa horii fakkaatu fi yeroo cidhaa sagalee guddaa dhageessisuuf itti fayyadamaniidha. Xurumbaan Guyyaa Qiyaamaa afuufamu xurumbaa namni afuufun wal-qixa jechuu osoo hin ta’in akkam akka jiruu fi guddinna isaa Rabbumatu beeka. Malaaykan xurumbaa kana afuufu, Israafil jedhama (nageenyi isarratti haa jiraatu). Afuuffin kuni sagalee fi iyyansa cimaa uumamtoota fixuudha. Seenaa keessatti ummattoonni yommuu Ergamtoota Rabbitti amanuu didanii fi badii fokkuu raawwatan iyyansan dhuman baay’eedha. Fakkeenyaf, ummata Shu’eyb, Ummata Samuud fi kkf. Kanaafu, yeroo dhumaatti yommuu namoonni hundi Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti kafaranii fi badii adda addaa raawwatan, iyyansa cimaa kanaan lafarraa isaan dhabamsiisa. Xurumbaan kuni si’a (yeroo) lama afuufama.

Afuuffi Tokkoffaa
Afuuffi jalqabaa irratti wantoonni dachii fi samii keessa jiran hundi ni dhumu kan Rabbiin fedhe malee. Ragaan kanaa, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

39:68

Xurumbaan ni afuufama. Warrii samii keessaatii fi warri dachii keessa jiran hunduu ni dhumu, nama Rabbiin fedhe malee. Ergasii yeroo biraas ni afuufama. Yeroma san isaan dhaabbatanii kan ilaalan ta’u.” (suuratu az-Zumar 39:68)

Afuuffin kuni, nama Rabbiin fedhe malee, affuuffi wanta hundaa fixuudha. Namoonni xurumbaa Israafil afuufu kana yommuu dhagahan rifatanii fi nayanii dhumu. Aaya suuratu Al-Hajj jalqabatti eerre afuuffi kana kan agarsiisudha. Guyyaan guyyaa cimaadha. Guyyaa dubartiin daa’ima hoosiftu, naasuu irraa kan ka’e ilmoo ishii itti dagattuudha. Guyyaa dubartiin ulfaa rifannaa irraa kan ka’ee ulfa ishii garaa itti darbituudha. Guyyaan guyyaa dhaamsa walii dabarsuu fi gara maatii deebi’uu hin dandeenyedha. Qur’aana keessatti afuuffi Sayhata (Iyyansa cimaa) jechuun moggaase jira.

36:49


Osoo isaan wal falmaa jiranuu iyyansa tokkitti isaan qabdu malee homaa hin eegan.

36:50


Yeroo san dhaamsa walii dabarsuu hin danda’an, gara maatii isaaniis hin deebi’an.”  (suuratu Yaasin 36:49-50)
Wantoota ulfaatoo afuuffi jalqabaa kana itti adeemsifaman Rabbumatu beeka.

Afuuffi lammaffaa
Afuuffin lammaffaa kuni afuuffi namoonni awwaalcha (qabrii) keessaa itti kaafamaniidha. Rabbiin ni jedha:

36:51


Xurumbaan ni afuuffama, yoosu isaan awwaalcha keessaa gara Gooftaa isaanii bahu.” (suuratu Yaasin 36:51)

36:52


Ni jedhu, ‘Yaa badii keenya! Iddoo hirribaa keenya irraa eenyutu nu dammaqsee?’  ‘Kuni waan Rahmaan waadaa galeedha, Ergamtoonnis dhugaa dubbatanii jiru.’ [jedhama].” (suuratu Yaasin 36:52)

50:42


Guyyaa dhugaan iyyansa dhagahan suni Guyyaa [qabrii keessaa] bahiinsati.” Suuratu Qaaf 50:42

Akkuma hadiisa sahiih keessatti dhufe afuuffi jalqabaa fi lammataa jidduu dheerinni yeroo hanga ta’ee ni jira.

2.Kaafama Namootaa (Ba’as ykn Nushuur)

Kaafama namoota (ba’as) jechuun ruuhin namootaa gara jismii (qaama) isaanitti deebi’uun qabrii keessaa ol kaafamuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) qabrii keessatti qaama isaanii deebisee erga ijaare fi guute booda, ruuhin (soul) itti afuufamti. Dachiin isaan irraa baqaquun qabrii keessaa ol yaa’u. Rabbiin ni jedha:

50:44

Guyyaa dachiin isaan irraa babbaqaqxu ariitidhaan [ishii keessaa ol yaa’u]. Suni walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.” Suuratu Qaaf 50:44

Akkuma hadiisa itti aanu keessatti ilaallutti afuuffi tokkoffaa booda Rabbiin (Azza wa jalla) rooba roobsa. Rooba kanaan qaamni namoota ni ijaarrama.

Rabbiin rooba erga buuse booda qaamni namoota biyyee irraa biqiluun akka biqiltoonni yommuu roobni itti roobu lafa keessaa biqilaniitin wal fakkeessun ni danda’ama. Sababa kanaafi, yeroo baay’ee Rabbiin Qur’aana Isaa keessatti kaafama namootaa dachii erga duuten booda biqiltootan jiraachisuun wal fakkeessa. Qur’aana keessatti Rabbiin ni jedha:
Inni Kan bubbee gammachiisaa taasisuun rahmata Isaa dura erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte, gara biyya (lafa) duutetti oofna; bishaan irratti buusun fuduraalee hunda irraa [garii isaanii] baafna. Akka isin gorfamtaniif jecha akka kanatti du’aa kaafna.”  (Suuratu Al-A’araaf 7:57)

Bakka biraattis akkana jedha:

35:9


“Rabbiin Kan bubbee erguudha;isheenis duumessa ol kaafti. Ergasii gara lafa duutetti isa oofnee dachii du’a ishiitin booda ittiin jiraachifna. Kaafamni Qiyaamas akkuma kana.” (Suuratu Faaxir 35:9)

Jechoota bakka lamaan armaan olii jiran mee haa hubannu. Jechoonni kunis, “akka kanatti du’aa kaafna” fi “Kaafamni Qiyaamas akkuma kana.”

Kunnin lamaan wal fakkeenya bishaan buufamuun qaamni namoota biqiluu fi biqiltoonni bishaan erga itti bu’een booda biqiluu jidduu jiru agarsiisu. Biqiltoonni sanyii (firii) baay’ee xiqqaa irraa akka ijaarramu ni beekna. Firiin biqiltuu lafa keessatti gogduu taate teetti. Yommuu bishaan itti bu’u jireenyi ishii keessatti ni socho’a. ergasi biqiltuu guddoo ta’uun hiddi ishii lafa qabata, jirmaa fi damee baafachuun gara samii ol dheeratti. Argitanii! Firii xiqqoo san irraa mukni hanga wayi gahuu ol baha.

Haaluma kanaan ilmi namaas Guyyaa Qiyaamaa lafee xiqqoo irraa ijaarrama. Yommuu bishaan itti bu’u akkuma biqiltuun biqilu qaamni ilma namaas biqila. Lafeen qaamni irraa biqilu “Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” jedhamti. Lafeen tuni lafee wal qabatanii morma irraa hanga taa’a dheeratan dhumarratti tan argamtudha. Fakkii irraa ilaalu dandeessu.

Fakkii1. Dugda namaa duubatti “Coccygeal vertebrate” bakki jettu lafee eege agarsiisti. Akka sirriitti mul’atuuf gara mirgaatti fakkiin kaafame jira. Halluu diiman kan dibame lafee eege agarsiisa.

Abu Hureeyran akka dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Afuuffi xurumbaa lamaan jidduu afurtama jira.” [Namoonni Abu Hureeyraa marsan] ni jedhan, “Yaa Abu Hureyraa, guyyaa afurtamaa jechuu keeti?” Innis ni jedhe, “Homaa jechuu hin danda’u”, Ni jedhan, “Ji’a afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, ‘Homaa jechuu hin danda’u’ Isaanis ni jedhan, “Waggaa afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, ‘Homaa jechuu hin danda’u’
San booda Rabbiin bishaan samii irraa ni buusa. Ergasii akkuma kuduraan (baaqelan, atarri) biqilu isaanis (namoonnis) ni biqilu.  Nama irraa wanti hin tortorre hin jiru lafee takkatti malee. Lafeen sunis Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” jedhamti. Guyyaa Qiyaamaa lafee tana irraa uumamni [namaa] ni ijaarrama.’Sahih Muslim 2955 a

Muslim karaa biraatin akkana jechuun gabaase. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti ilma namaa keessa lafee gonkumaa ardiin (biyyeen) hin nyaannetu jira. Guyyaa Qiyaamaa ishii irraa [qaamni ilma namaa] lamuu ijaarrama.” Namoonni ni jedhan, “Lafee tami (kami) Yaa Ergamaa Rabbii?” Innis ni jedhe, “Ajbu az-zanabi (lafee eegee)Sahih Muslim 2955 c

Mee amma wal-fakkeenya biqiluu biqiltoota fi kaafamu ilma namaa jidduu jiru haa ilaallu. Biqiltoonni sanyii (firii) xiqqoo fi gogduu irraa biqiluun muka guddaa ykn midhaan callaa kennu ta’u. Ilmi namaas lafee xiqqoo fi gogdu irraa lamuu ijaarramun kaafamu. Asitti wal fakkeenyi jiru firiin biqiltoota xiqqoo fi gogduu ta’uu, lafeen namni irraa ijaarramus xiqqoo fi gogdu ta’uu. Yommuu firii biqiltootatti roobni roobu, hiddaa fi damee baasu, magariisa ta’u. Haaluma kanaan Guyyaa Qiyaamaa ilmi namaas yommuu Rabbiin rooba itti roobsu, Rabbiin lafee xiqqoo san irraa qaama guutu lamuu ijaara. Wal fakkeenyi asitti argannu roobni lamaan isaan irratti roobu fi akkuma biqiltoonni hiddaa fi damee baasan ilmi namaas qaamoleen akka harkaa, lukaa, gurraa fi kkf isaaf deebi’u (lamuu ijaarramu)dha. Ammas wal fakkeenyi biraa lamaan isaanitu dachii keessaa ol bahu. Wal fakkeenyi kana hundaa caalu maal akka ta’e beektu?

Wal fakkeenyi guddaan isaan lamaan jidduu jiru Rabbul aalamiin (Gooftaa addunyaa hundaatu) isaan biqilcha ykn lamuu ijaara. Ilmaan namaa osoo bakka tokkotti walitti qabamaniyyuu firii qamadii biqilchuu danda’u? Gonkumaa hin danda’an. Rabbiin akkuma firii xiqqoo fi gogdu biqilchu ilma namaas lafee xiqqoo irraa deebise ni ijaara. Wa aakhiru daaw’anaa Alhamdulillah Rabbil aalamiin.

In sha Allah torbaan itti fufna
Kitaaba wabii
Al-Qiyaamatul Kubra-fuula, 31-35, 51-53, by Umar Suleymaan Al-Ashqar

Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifama-Kutaa-2
Guyyaa Qiyaamaa-kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.