Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifama-Kutaa-2

Offline dubbisuf

Assalaamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh. Akkam jirtu obboleeyyan koo? Jireenyi badhaadhaa? Eeti, jireenyi badhaatu taati yoo nuti imaana (amantii) guyyaa Qiyaamatiif qabnu daballee fi hojii gaggaarii hojjanne. Guyyaa Qiyaamatti amanuun wanta nama horii irraa adda baasudha. Sababni isaas, Guyyaan Qiyaamaa gahuumsi ilma namaa eessa akka ta’e murteessa. Akkasumas, namoonni wanta fagoo fi ammatti ijaan hin mul’annetti amanuun horii irraa addaan bahuu. Jireenyi addunyaa tanaa gabaabdu fi iddoo qormaatati. Dhalli namaa jireenya addunyaa tanatti qoramuun Guyyaa Qiyaamaa bu’aa (firii) qormaata isaa ni arga. Namni qoramee bu’aa qormaata isaa yoo hin argin faaydan qoramu maali ree? Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa akka dhufu kanarraayis hubachuun ni danda’ama. Ilmi namaa addunyaa tana keessatti qorame akkanumatti kan hafuu miti. Kufaati fi milkaa’inni isaa Guyyaa Qiyaamaa ni beekkama. Akkasi mitiree? 

Kutaa darbe irraa itti fufuun wantoota Guyyaa Qiyaamaa adeemsifaman mee haa ilaallu.

3.Walitti qabamuu namootaa

Namoonni erga qabrii (awwaalcha) isaanii keessaa yaa’anii booda ooydii maashar (bakka walitti qabamaatti) walitti qabamu. Qur’aanni fakkii qabrii keessaa namoonni yaa’anii gara lallabaa (waamaa) fiigan haala kanaan nutti agarsiisa.

20:108

Guyyaa san lallabaa hordofu; asii fi achi irraa dabuun isaaniif hin jiru. Sagaleen hunduu Rahmaaniif (Rabbiif) gadi jetti. Shokoksaa malee homaa hin dhageessu.” (suuratu Xaahaa 20:108)

Namoonni jalqaba dachii irratti dhufan irraa kaasee hanga dhuma isaaniitti osoo homaa hin hafin walitti qabamu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

56:49
Jedhi “Dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas [ni kaafamu]”

56:50
Beellama Guyyaa beekkamaa keessatti walitti ni qabamu.” Suuratu Al-Waaqi’ah 56:49-50

Namoonni jalqaba uumamanii fi dhumarra dhufan tokkollee osoo hin hafin walitti qabamu.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

18:47
Guyyaa Nuti gaarreen bakkaa kaafnee fi dachii dirree wal-qixxaataa taate argita; isaan (namoota hundaa) walitti qabna. Isaan irraas nama tokkollee duubatti hin hanbifnu.”

18:48
“Hiriiran Gooftaa kee fuunduratti dhiyeefamu. [Innis ni jedha], “Dhugumatti akkuma yeroo jalqabaa isin uumnetti Nutti dhuftan. Garuu Nuti beellama kan isiniif hin goone gootanii yaaddan.” (Kana jechuun ‘Guyyaan Qiyaamaa hin jiru.’ jechuun kijibsiisaa turtan)” Suuratu Al-Kahf 18:47-48

Bishaan keessatti haa nyaataman, ardii keessa haa lixan, bineensan haa nyaataman, bakka fedhan haa seenan, Rabbiin bakka hundaa isaan fide walitti qaba. Kana gochuu irraa wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru.

Rabbiin ni jedha:
أَيۡنَ مَا تَكُونُواْ يَأۡتِ بِكُمُ ٱللَّهُ جَمِيعًاۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ﴿
Eessallee yoo taatan Rabbiin [Guyyaa Qiyaamaa] hunda keessanuu ni fida. Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu al-Baqara 2:148

Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) akkana jechuun gabaaste,
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana osoo jedhanu dhagahee jira, “Guyyaa Qiyaamaa namoonni miila duwwaa, qullaa fi kan hin kittaanamne ta’anii walitti qabamu.” Anis ni jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Dubartoonni fi dhiironni bakka tokkotti walitti qabamuun gariin garii osoo wal ilaalanuu moo?” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, “Yaa Aa’isha! Gariin garii ilaalu irra dhimmichi garmalee ulfaatadha.Sahih Muslim 2859 a

Namni guyyaa san yoom achi garagalee qullaa namaa ilaala. Dhimmi qiyaamaa garmalee ulfaataa waan ta’eef. Hundi isaanitu, adabbii cimaa jalaa bahuuf nafsii, nafsii (lubbuu koo, lubbuu koo) jedha.
Namoonni qaama qullaa qabrii keessaa yaa’anii iddoo walitti qabamaatti erga walitti qabamanii booda Nabiyoonni, namoonni gaggaariin Rabbitti amananii fi hojii gaggaarii hojjataa turan, uffata kabaja uwwifamu. Jallattoonni fi kaafiroonni immoo uffata salphinnaa uwwifamu.

Guyyaa kana namni jalqaba uwwifamuu, Nabii Ibraahiim (aleeyh salaam).
Ibn Abbaas akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Guyyaa Qiyaamaa namoonni qullaa fi kan hin kittaanamne ta’anii walitti qabamu. Namoota hundaa dursee namni jalqaba uwwifamu Ibraahiim (aleeyh salaam).’ Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) aayaa tana ni qara’an, “Akkuma uumama duraa jalqabnetti isa deebifna.” (suuratu Anbiyaa 21:104)” Sunan an-Nasa’i 2082

Guddinnaa fi Ulfaatinnaa Guyyaa Qiyaamaa
Qur’aanni Guyyaa Qiyaamaa kan nama dhamaasu fi rifachisu ta’uu isaa nuuf hima. Guyyaa ijji isaanii dhamaatu, lubbuun isaanii garmalee dhiphattu fi onneen isaanii kokke itti geettudha.

Wantoota gurguddaa guyyaa kana adeemsifaman keessaa yuniversiin guutuun barbaada’uu fi diddigamuudha. Rabbiin wanta gara fuunduraatti uumamu hunda beeku, dachiin akka sochootu, gaarreen akka bakka buqqa’anii fi bibbittinaa’an, galaanonni akka walitti makamanii fi ibiddi itti qabsiifamuu, samiin akka dhodhootu, naannoftu fi wantoonni biroo akka uumaman nutti beeksisee jira. Bakka baay’eetti Qur’aana irraa ilaalun ni danda’ama.

Guyyaa Qiyaamaa Haala Ilma Namaa
Guyyaa kana haalli ilma namaa baay’ee garagara. Asitti haala namoota kaafira ta’anii, Muslimtoota badii hojjatanii fi warroota gaggaarii (saalihota) hanga danda’ameen ni ilaalla.

Haala Kaafiraa
Kaafira jechuun nama Rabbii gaditti wanta biraa gabbaru ykn Rabbitti amanuu didu ykn harkaanota imaanatti nama amanuu diduudha. Kufr jechuun wanta tokko dhoksuudha. Namni kufrii hojjatu kaafira kan jedhameef dhugaa fi ragaalee ifa bahan waan dhoksuufi ykn fudhachuu diduufi. Ragaan Guyyaa Qiyaamaa agarsiisu osoo isa fuundura jiru, “Guyyaan Qiyaamaa hin jiru” jechuun waakkata. Kanaafi, adabbiin kaafira Guyyaa Qiyaamaa guddaadha.

Haala kaafira Guyyaa kanaa mee muraasa isaanii haa ilaallu:
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) haala kaafirotaa yommuu qabrii keessaa bahanii haala kanaan ibsa:

70:43
Guyyaa qabrii keessaa ariifataa bahan; isaan waan gara taabotaa fiigan fakkaatu.

70:44
Ijji isaanii gadi jettee salphinni isaan haguuga. Sun Guyyaa isaan sodaachifamaa turaniidha.” Suuratu Al-Ma’aarij 70:43-44
Addunyaa irratti akkuma gara taabota gabbaranii fiigaa turan Guyyaa qabrii keessaa yaa’aniis gara madda sagalee fiigu. Garuu guyyaa kana gammadaa fi of tuulaa osoo hin ta’in salphattoota ta’anii fi ijji isaanii sodaan guuttamte gara ooydi maashar fiigu. Aayaa (keeyyata) Qur’aanaa biraa keessatti:

14:42

“Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (Zaalimonni) raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha.

14:43
[Gara waamichaatti] fiigaa mataa isaanii kan olkaasan ta’anii [ijji isaani olkaati]. Ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebitu. Qalbiin isaanis duwwaadha.” Suuraa Ibraahim: 42-43

“Namoonni gariin zaalimoonni addunyaa tana keessatti jireenya gammachuu fi mijaa’a yommuu jiraatan ni ilaalu. Namoonni akkanaa akeekachisa Rabbii ni dhagahu, garuu jireenya tana keessatti kan isaanitti bu’u hin argan. Aayan armaan olii tuni qabiinsa dhumaa isaan itti adabamanii fi san booda adabbii kana jalaa miliquu hin dandeenye tan agarsiistudha. Kuni kan adeemsifamu guyyaa ijji sodaan bobaastu fi libsachuu kan hin dandeenyedha. Sodaan gara hundaan isaan marsa.

Itti aansuun fakkii namoota fiiganii fi fuula isaanii asii fi achi hin garagalchine agarsiisa. Mataa isaanii olkaasu, kana barbaadanii osoo hin ta’in garmalee isaan irratti waan jabaatee fi oli gadi sochoosu waan hin dandeenyefi. Ijji isaanii gara sodaa arganii ilaalti. Ijji hin libsattu, isaanitti hin deebitu. Qalbiin isaanii sodaa cimaa irraa kan ka’ee duwwaa fi qullaadha. Wanta yaadachuu fi hubachuu danda’an homaa of keessaa hin qabdu, sodaa cimaan waan guuttamteef. Kuni Guyyaa Rabbiin warroota miidhaa raawwatan (zaalimoota) itti tursiisudha. Guyyaa san sodaadhaan guuttamanii bakka isaanii dhaabbatu.”

Guddinnaa fi ulfaatinna Guyyaa kanaa irraa kan ka’e, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) irra deddeebi’uun ilma namaa akeekachiisa. Akkana jedha:

14:44
Guyyaa adabbiin isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan, “Gooftaa keenya! Hanga beellama muraasatti nu tursiisi; waamicha Kee awwaannee Ergamtoota Keetis hordofnaa.” Jedhan san namoota akeekachisi. “Sila isin kanaan dura, ‘[Addunyaa irraa gara aakhiraa] deemsi nuuf hin jiru’ jechuun kakachaa hin turree?” (suuratu Ibraahim 14:44)

Ammas zaalimota Guyyaa kana adabbii isaan eeggatu mee ilaali.

14:49
Guyyaa san badii hojjattoota sakaallaa (sansalata) keessatti walitti qindaa’anii (hidhamanii) argita.

14:50
“Qamiisin isaanii “Qaxiraanaa (reenjii)” irraayyi. Ibiddis fuula isaanii ni haguuga.” Suuratu Ibraahim 14:49-50
Reenjii jechuun dhangala’oo gurraacha furdaa ta’ee fi daddafe hin dhangalaanedha.

Falmii warroota ibiddaa
Warroonni kafaranii fi miidhaa hojjataa turan yommuu adabbiin ibiddaa isaanitti dhagahamu akkuma jaalallee fi fira isaanii jibban ofillee jibbu. Jaalalli imaana irratti gadi hin dhaabbanne gara diinummatti jijjirama. Rabbiin ni jedha:

43:67
Jaalallewwan Guyyaa san isaan Rabbiin sodaatan malee gariin gariif diina.” Suuratu Az-Zukhruf 43:67
Warroota Rabbiin sodaachaa turan malee jaalallewwan Guyyaa Qiyaamaa diina walitti ta’u. Sababni isaas, adabbii badaa kanatti situ na geesse jechuun wal falmu. In sha Allah falmiin warra ibiddaa hin dhumanne itti fufna..

Kitaaba wabii
Al-Qiyaamatul Kubra-fuula 60-…, by Umar Suleymaan Al-Ashqar

 

Falmii Warra Ibiddaa
Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifamaa?-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.