Falmii Warra Ibiddaa

Offline dubbisuf

Waa’ee Guyyaa Qiyaama itti fufuun warri ibidda seenan falmii akkami akka adeemsisan muraasa isaanii haa ilaallu. Falmiin kuni falmii geeybii dhugaadhaan gara fuunduraatti dhufuudha. Sababni isaas, odeefannoo Rabbal aalamiina irraa dhufeedha. Geeybi jechuun wanta dhokataa namarraa fagoo ta’e yookiin ammatti ijaan kan hin argine yookiin sammuu fi qaamoleen miiraa bira gahu kan hin dandeenyedha. Haguuggin ilma namaa fi geeybi jidduu jiru wantoota afur keessaa tokko ykn hunda isaanitu ta’u danda’u. Haguuggin kunniinis: (1). Yeroo darbee fi kan dhufu, (2) fagaachu bakka, (3) dadhabbinna qaamolee miiraa fi (4) girdoon jiraachu. Wanti darbee fi gara fuunduraatti dhufu namaaf geeybidha.[1]Fakkeenyaf, seenan ummata darbee nuuf geeybidha (dhokataadha). Guyyaan Qiyaamas gara fuundurraatti waan dhufuuf yeroo ammaa kanatti geeybidha. Ammas, wanti tokko bakka fagoo yoo jiraate ykn girdoon wantichaa fi nama jiddu yoo jiraate, wanti suni geeybidha. Akkasumas, miiran bira gahuu kan hin dandeenya geeybidha. Fakkeenyaf, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) miirri keenya Isa bira gahuu waan hin dandeenyef nuti Isa arguu hin dandeenyu. Garuu wanti Rabbiin irraa dhokataa ta’u tokkollee hin jiru. Wanta hundaa ni arga, ni beeka waan ta’eef.

Wanti ijaan arginu baay’ee xiqqoodha. Namni “Wanta hundaa ijaan argee mirkaneefachu qaba” jedhee mormuun haqa fudhachuu yoo dide, mataa ofii qofa miidha. Falmiin Guyyaa Qiyaamas wanta geeybi ta’eedha. Ammatti ijaan kan hin argine garuu gara fuunduraatti kan dhufuudha. Kuni shakkii hin qabu. Rabbiin waan hundaa beeku kitaaba Ergamaa Isaa (SAW) irratti buusun waa nutti beeksiseef. Wantoota geeybi kanniin mallatoodhaan ykn odeefannoo dhugaan beeku dandeenya.

Amma gara mata duree keenyatti haa deebinu. Rabbiin (azza wa jalla) ni jedha:

14:21

[Guyyaa Qiyaamaa] hundii isaanitu Rabbiin fuunduratti bahu (mul’atu). Dadhabdoonni warra boonaniin ni jedhu, “Dhugumatti nuti hordoftoota keessan turre. Sila isin adabbii Rabbii irraa waan tokkoo nurraa deebisuu dandeessu?” [Isaan boonanis] ni jedhu, ‘Osoo Rabbiin nu qajeelche silaa nutis isin qajeelchinaa turre. [Har’a] obsinus obsuu baannus nurratti waluma qixa. Iddoon baqannaa tokkos nuuf hin jiru.’” Suuratu Ibraahim 14:21

Aayaa tana akka nuuf ibsu Sayyid Quxbitti gadi haa dhiisnu [2]:
Daangaa darbitoonni kijibsitoota ta’an, dadhabdoonni, isaan waliin sheyxaannni, ergasii warroonni amananii fi hojii gaarii hojjatan hundi isaanitu ni mul’atu. Dhugumatti, isaan yeroo hundaa Rabbitti ni mul’atu. Garuu yeroo kanatti haguuggi isaan haguugu, dhoksu fi eegu akka hin jirre ni hubatu. Isa fuunduratti mul’atan, haguuggin irraa ka’e, mariin jalqabame:

Warroonni dadhaboon warroota boonaniin akkana jedhu: “Dhugumatti nuti hordoftoota keessan turre.Sila isin adabbii Rabbii irraa waan tokkoo nurraa deebisuu dandeessu?”… dadhabdoonni isaanumatu dadhabdoota! Amala barbaachisa ilmaan namaa Rabbiin biratti kabajamaa isaan taasisu warroota gadi dhiisaniidha. Amalli isaan gadi dhiisan kunis amala bilisaan yaadu, amanuu fi filachuuti. Mataa ofii jallatoota fi of-tuultootaaf hordoftoota (gabroota) taasisan. Rabbii Tokkichaaf buluu dhiisanii daangaa darbitoota kanniinif akka gabraa bulan. Dadhabbiin kuni uzrii (sababa) hin ta’u. Dhugumatti yakka isaaniti. Rabbiin ilmi namaa dadhabaa akka ta’u hin fedhu. Akka eeggumsaa Isarraa barbaadanii fi gargaarsa argatan [gara Isaatti] namoota waama. Eenyullee jaallates jaallatu baates qooda bilisummaa namni ittiin kabajamuu akka dhaban Rabbiin hin barbaadu. Humni meeshaa hanga fedhe haa guddatu, nama bilisummaa fi kabaja ilma namaa qabaachu barbaadu gabra godhachuu hin danda’u. Guddate guddatu wanti humni kuni godhu qaama irratti aangoo argachuudha. Ni rakkisu, ni dararu, ni hidhu. Garuu hidda, ruuhi fi sammuu hidhuu, salphisuu hin danda’an. Namtichi ofiin hidhaa fi salphinnaaf yoo itti of kenne malee.

Eenyutu dadhabdoota kanniin amantiin, yaada fi adeemsan akka of-tuultoota (boontota) hordofan dirqisiisaa? Eenyutu dadhabdoota kanniin Rabbiin ala kan biraatiif akka bulan isaan taasisaa? Nafsee isaanii dadhabdu tan taate malee eenyullee isaan hin dirqisiisne. Isaan dadhabdoota kan ta’aniif daangaa darbitoota caalaa humna meeshaatin xiqqaa waan ta’anifii miti, yookiin beekkamtiin, qabeenyanii fi sadarkaan xiqqaa waan ta’anifii miti. Kuni dhiibban isaa xiqqaadha! Kunniin wanta gubbaa mul’atanii fi isaan dhabuun dadhabinna dhugaati jechuu miti. Kana irra, isaan dadhabdoota kan ta’aniif dadhabbinna ruuhi, qalbii fi sammuu isaanii keessa jiruudha.

Warroonni dadhaboon baay’eedha, oftuultonni immoo xiqqoodha. Akkamitti baay’een warra lakkoofsan xiqqoof gabra ta’u? Maaltu isaan gadi xiqqeessa? Wanti isaan gadi xiqqeessu ruuhin dadhabuu, himmaan (ol fageessanii yaadun) kufuu, miirri kabajaa xiqqaachu fi kabaja Rabbiin ilma namaatif kenne irraa bu’uudha.

Dhugumatti jallattoonni namoota baay’ee gabra godhachuu hin danda’an namoonni kunnin yoo fedhan malee.

Waltajjii aakhiraatti warroonni dadhabdoonni oftuultotaan akkana jedhu: “Dhugumatti nuti hordoftoota keessan turre. Sila isin adabbii Rabbii irraa waan tokkoo nurraa deebisuu dandeessu?” dhugumatti isin hordofuun kunoo gahuumsa laalessaa (badaa) kana geenye jirra…

Oftuultoonnis; “Osoo Rabbiin nu qajeelche silaa nutis isin qajeelchinaa turre.” Jechuun deebisuuf. Maaliif nu ajiifattu wanta wal fakkaatu dhandhamaa osoo jirru? Nuti mataa keenyan qajeelcha hordofuun isin jallinnatti hin dhiisne. Osoo Rabbiin nu qajeelche silaa qajeelchatti isin geessinaa turre akkuma yeroo jallanne san jallinnatti isin geessine.”   Jecha sayyid addaan kutuun wanta itti dabaluun qaba.

Namoonni kunniin qajeelcha kan dhabaniif isaantu karaa jallinaa hordofe. Osoo gara Rabbii deebi’anii silaa Rabbiin isaan qajeelcha ture. Ragaan kanaa:

قُلۡ إِنَّ ٱللَّهَ يُضِلُّ مَن يَشَآءُ وَيَهۡدِيٓ إِلَيۡهِ مَنۡ أَنَابَ﴿

Jedhi “Dhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni jallisa, nama [tawbaan gara Isaatti] deebi’e immoo gara Isaatti qajeelcha.” Suuratu ar-Ra’ad 13:27

Qajeelchi fi jallinni sababa qaba. Rabbiin beekumsa fi ogummaa Isaatin nama fedhe ni jallisa nama fedhe immoo ni qajeelcha. Garuu Rabbiin sababa tokko malee nama hin jallisu. Namtichi sababa nama jallisu yoo hojjate, Rabbiin jallinna keessatti isa dhiisa. Fakkeenyaf, sheyxaana hordofuun hojii badaa hojjachuu yoo itti fufe, namtichi ni jallata. Ragaan kanaa:

Oduu nama Aayaata (mallatoole, keeyyattoota, barnoota, ragaa ifa bahaa) Keenya isaaf kenniinaan [Aayaata] irraa bahee ergasii sheyxaanni isa hordofee fi jallatoota irraa ta’ee isaaniif odeessi. Odoo feenee isaaniin (Aayaata keenyan) ol isa kaasnaa turre. Garuu inni gara dachiitti dabe, fedhii lubbuu isaas ni hordofe. Fakkeenyi isaa akka fakkii saree yoo ariite arraba baasuu, yoo dhiistes arraba baasuuti. Kuni fakkeenya ummata Aayaata keenya kijibsiisaniiti. Akka isaan xinxallaniif jecha seenaalee odeessi.” Suura Al-A’araaf (7):175-176

Kanaafu, wanti asirraa hubannu namtichi aakhiraa dhiise addunyaa tana jaallachuun yommuu fedhii lubbuu hordofu, sheyxaanni isa hordofee daandii haqaa irraa jallise. Namtichi gara Rabbii dhugaan waan hin deebineef, Rabbiin jallinna irratti isa dhiise. Osoo gara Isaa deebi’ee silaa ni qajeelcha ture. Namoonni jallatanii namoota biroo jallisaniis kanumaan wal fakkaatu.

Falmiin namoota jiddu erga xumurame booda, sheyxaanni akkana jechuun falma:
“Yeroo dhimmichi murteeffame sheyxaanni ni jedha“Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif waadaa galee jira. Anis waadaa isiniif galee jira garuu isin gane. Ani aangoo wayituu isinirratti hin qabuu turee isin affeeru (waamu) malee. Isinis naaf awwaattan. Kanaafu, ana hin komatinaa ofuma (matama) keessan komadhaa. Ani isiniif birmataa mitii, isinis naaf birmatoo miti. Ani waan isin duraan [Rabbitti] na qindeessitan mormeera. Dhugumatti zaalimtootaf (miidhaa raawwatootaaf) adabbii laalessaatu isaaniif jira.”  Suuratu Ibraahim 14:22

Warri jannataa jannata seenun warri ibiddaa ibidda seenun dhimmichi yommuu murteefame sheyxaanni ni jedha; “Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif waadaa galee jira.” Kana jechuun arraba Ergamtootaa irratti waadaa dhugaa isiniif galee jira. Nama Rabbiif bulee fi Ergamtoota hordofee nageenyi fi milkaa’inni (jannanni) akka jiru waadaa galee jira. Waadaan kunis waadaa dhugaati. “Anis waadaa isiniif galee jira garuu isin gane” waadaa kiyya isiniif hin guunne, nan diige. Akkuma Rabbiin jedhe:

4:120

“Isaaniif waadaa seena, isaan hawwisiisa. Sheyxaanni gowwomsaa malee isaaniif waadaa hin seenu.” (suuratu An-Nisaa 4:120)

(Wanti sheyxaanni waadaa namaaf seenu baay’eedha. Fakkeenyaf, addunyaa keessatti eenyulle isin hin moo’atuu Muslimtoota irratti duulaa. Amanti hordofuu yoo dhiistan guddinnaa fi qaroominna guddaa irra geessan. Addunyaa ni too’attu. Yeroo du’atti ykn jaarsumatti dhiyaatte ni tawbatta, amma maaltu si mudde?” fi kkf isaaniin jechuun waadaa gowwomsaa isaaniif seena.) Guyyaa Qiyaamaa dhimmichi yoo murteefame, sheyxaanni isaan gana. Ni jedha, “Ani aangoo wayituu isinirratti hin qabuu turee” Asitti aangoo (sulxaana) jechuun ragaadha. Gara wanta isin itti waamutti ragaa qabatamaa fi dhugaa hin qabu ture. Waadaa isiniif galaa tureef mirkaneefannaan dhugaa hin jiru. Ragaa tokko malee isin waame. Isinis waamicha kiyya ni awwaatan. “Kanaafu [har’a] ana hin komatinaa (hin ajiifatinaa) matama (ofuma) keessan komadhaa (ajiifadhaa).”  Ragaa Ergamtoonni isinitti fidan faallessu fi soba ani isin itti waamaa ture waan hordoftaniif badiin (zanbiin) keessani. “Ani isiniif birmataa mitii isinis naaf birmatoo miti.” kana jechuun rakkoo amma keessa jirtan kanarraa isin baraaru fi gargaaru hin danda’u. Isinis na baraaru hin dandeessan. “Ani waan isin duraan [Rabbitti] na qindeessitan mormeera.” Rabbiin waliin na qindeessu keessan irraa ani bilisa. Ani Rabbiif shariika (hiriyyaa) miti. Naaf ajajamuun isin irra hin jiru ture. “Dhugumatti zaalimtootaf (miidhaa raawwatootaaf)” kana jechuun warra haqa irraa garagaluun soba hordofan, miidhaa raawwatanii fi sheyxaanaf tole jedhaniif  “adabbii laalessaatu isaaniif jira.[3][4]

Guduunfaa
✎Namni warroota jallattoota fi boontota hordofu boru adabbii badaatu isa dhaqqaba. Fakkeenyaf, misooma kaafirtootaa ilaalun namni Islaama gadi dhiise boru adabbii isa/ishii qunnamuuf itti gaafatamumma kan fudhatu isuma /ishima.
✎ Jallattoonni fi daangaa darbitoonni sammuu fi qalbii namaa irratti aangoo hin qaban.
✎Sheyxaanni ragaa qabatamaa ittiin nama jallisu hin qabu. Garuu wanta san namatti bareechisuun itti waama. Ergasii namoonni isaaf awwaatu. Fakkeenyaf, Rabbii gaditti wanta biraa gabbaruu ragaa maalii qabaa? Iyyasuus Gooftaa ta’uu ragaan qabatamaan jiraa? Gonkumaa ragaan dhugaa fi qabatamaan hin jiru. Kijiba namoonni uuman malee.
✎Sheyxaanni wanta badaa ykn faaydi hangas mara hin qabne nama hawwisisa. Ergasii badii hamatti nama geessa. Kanaafu, namni qaruuten sheyxaana hin hordofu.

✎Barruu tana irra deebi’ani dubbisuun daran akka namaaf galuu ta’a.

Kitaabban wabii:
[1] Zaahirul Nifaaqi wa khabaa’isul munaafiqiin fii taarikh-1/372, Abdurahmaan Hasan Madiniyy
[2]Al-Qiyaamatul Kubra-fuula 131-134…, by Umar Suleymaan Al-Ashqar
[3] Tafsiir ibn Kasiir- 4/489-490, Daaru Xaybaa
[4] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani, Abdurahman bin Naasir Sa’diyyi-fuula 492, Daaru salaam

Guyyaa Qiyaamaa Haala Muslimootaa
Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifama-Kutaa-2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.