Guyyaa Qiyaamaa Haala Muslimootaa

Offline dubbisuf

Yeroo darbee haala kaafirtoota muraasa isaanii ilaalle jirra. Tarii mata dureen Guyyaa Qiyaamaa dheerachuun nuffiin isinitti dhagahamu danda’a. Garuu yeroo amma keessa jiraannu kanatti mata dureen kuni garmalee barbaachisaa waan ta’eef dheerassuun dirqama nutti ta’e. Dhugumatti, namoonni baay’een Guyyaa Qiyaamaa dagatanii jiru. Maaliif jiruu tana keessa jiraatta? Eessaa deemaa jirta? Jedhamanii yommuu gaafataman, “hin beeku” jechuun deebisu. Dhugumatti Guyyaa Qiyaamatti amanuu fi itti qophaa’u dhiisun jireenya keessatti akka dhama’an nama taasisa. Dabalataanis, hojiin gaariin Rabbiin biratti fudhatama kan argatu Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti yoo amananiidha. Qur’aana keessa yoo ilaaltan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) irra deddeebi’un guyyaa kana ilma namaa akeekachisa.

31:33

Yaa namoota! Gooftaa keessan sodaadhaa. Guyyaa abbaan ilma isaa homaa hin fayyadne, kan ilmis abbaa isaa hin fayyadne san sodaadhaa. Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadha. Jiruun duniyaa isin hin gowwoomsin. Gowwoomsaan [obsa] Rabbiitin isin hin gowwoomsin.” (suuratu Luqmaan 31:33)

Waadaan Rabbii namoonni erga du’anii kaafamu, qoratamuu fi mindaa ykn adabbii argachuudha. Jiruun duniyaa miidhaginna fi faaya ishitiin isin hin gowwoomsin, aakhiraa irraa isin hin garagalchin. Gowwoomsaan immoo sheyxaana. Sheyxaanni obsaa fi dhiifama Rabbitiin nama gowwoomsa. Fakkeeyaf, akkana jechuun namatti hasaasa, “Osoo soba irra jiraatte, silaa Rabbiin si adaba.” Yookiin akkana jedhaan, “Rahmanni Rabbii bal’aadha, Rabbiin araaramaa fi rahmata godhaadha.” Garuu namtichi fuunduratti yoo hin tawbatin adabbii hamaan akka adabamu hin yaadatu. Namoonni cunqursaa fi badii raawwatan Rabbiin hatamtamaan waan isaan hin adabneef, sheyxaanaan gowwoomun dhumarratti adabbii badatti taru.

Mata duree Guyyaa Qiyaamaa dheerressun kunoo kanaaf barbaachise. Galaanaa addunyaa tanatti taranii yommuu adabbiin tasa bu’u rifachuun bu’aa maalii buusaa? Rabbiin ni jedha:

42:47

Guyyaan namni isa deebisuu danda’u hin jirre sun Rabbiin irraa osoo isinitti hin dhufin dura, Rabbii keessaniif awwaadhaa. Guyyaa san garri itti dheessan isiniif hin jiru; [badii fi cubbuu keessan] mormuunis isiniif hin jiru.” (Suuratu Shuuraa 42:47)

Guyyaan Qiyaamaa isinitti dhufuun dura, wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun, Rabbii keessaniif awwaadhaa. Guyyaa san garri itti dheettan isiniif hin jiru. Wanti hojjattan hundi kitaaba keessatti waan galmaa’ef badii fi cubbuu hojjattan mormuu hin dandeessan. Dabalataanis qaamni keessanis isin irratti ragaa baha.

Kanaafu, namni kamuu gaflaa keessa jiru irraa dammaquun imaanaa isaa dabalachuu, hojii badaa dhiisu fi hojii gaggaarii hojjachuun adabbii jalaa bahuu danda’a.

Amma itti aansun haala Muslimoota Guyyaa Qiyaamaa ilaalla. Kaafirtoonni hanga fedhan hojii gaarii yoo hojjatan Jannata akka hin seenne kutaalee darban keessatti ilaalle jirra. Sababni isaan Jannata hin seennef Rabbii Tokkicha isaan uume fi nyaachisu dhiisanii wanta biraa waan gabbaraniif (waaqefataniif).

Muslimoonni Rabbii gaditti wanta biraa waan hin gabbarree fi Isa qofa waan gabbaraniif Jannata seenu. Asitti Muslimoota bakka lamatti qoodun ni danda’ama. Isaanis, Muslimoota saalihoota (hojii badaa irraa fagaachun hojii gaggaarii kanneen hojjatanii) fi Muslimoota shirkii gaditti hojii badaa garagaraa hojjatanii osoo hin tawbatin du’an. Shirkii jechuun Rabbitti waa qindeessudha. Fakkeenyaf, Malaykaa, Nabiyyii, awliyaa, nama du’ee fi kkf gargaarsa kadhachuu ykn haajaa biraa isaan hojjachu hin dandeenye irra barbaadudha. Namni shirkii guddaa hojjatee osoo hin tawbatin (gara Rabbii hin deebi’in) yoo du’e, yeroo hundaa ibidda keessa jiraata. Ragaan kanaa:

Dhugumatti namni Rabbitti waa qindeesse Rabbiin isarratti Jannata haraama(dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootafis tumsitoonni hin jiran.” Suuraa Al-Maa’ida 5:72

Garuu namni shirkii gaditti hojii badaa hojjatee osoo hin tawbatin yoo du’e, Aakhiratti Rabbiin yoo fedhe ni adaba, yoo fedhe ni araaramaaf. Ragaan kanaa:

Dhugumatti, Rabbiin Isatti waa qindeeffamu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa uumeera.” Suuratu An-Nisaa 4:48

Haala Muslimoota shirkii gaditti badii gurguddaa hojjatanii osoo hin tawbatin du’an asumatti gabaabsinee, haala saalihoota ilaalla. Tarii gammachuu fi milkaa’inna isaan argatan kana ilaalun nutis akka isaanii ta’uuf carraaqu dandeenya.

Guyyaa Qiyaamaa yommuu namoonni rifatanii fi nayan namoota hin rifannee fi hin naanetu jira. Yommuu sodaa fi gaddi namoota haguugu namoota sodaa fi gaddi hin haguugnetu jira. Namoonni kunniin awliyaa’u Rahmaani kanneen Rabbitti amananii fi Guyyaa kanaaf hojii gaarii hojjachuun namoota of qopheessaniidha. Rabbiin Guyyaa kana nageenya isaaniif kenna. Yommuu qabrii keessaa kaafaman Malaykoonni Rahmaan (Rabbii) isaan simachuun sodaa irraa isaan tasgabbeessu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) haala isaanii ilaalchise akkana jedha:

Dhugumatti, warra Nu irraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee (ibidda Jahannam) irraa fageeffamoodha. Sagalee ishee hin dhagahan; isaanis waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha. [Guyyaa Qiyaamaa] naasun guddaan isaan hin gaddisiisu. Malaaykonnis isaan qunnamuun, “Kuni Guyyaa keessani kan waadaa isiniif galamaa tureedha.” [Jedhuun].” Suuratu Anbiyaa 21:101-103

Naasun guddaan yeroo namoonni qabrii keessaa yaa’an naasu isaan qunnamuudha. Gabroonni Rabbii gaggaarii ta’an naasu kana irraa nagaha bahu. Naasu guddaa kana jalaa erga bahanii fi siraaxa (riqicha jahannam) irra erga darbanii booda Jannata seensifamuun qananiin hundi achi keessatti guuttamaaf. Akka fakkeenyatti aaya lamaan tanniin haa ilaallu.

“Dhugumatti isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Nuti mindaa nama dalagaa tolchee hin balleessinu.
Warra san isaaniif Jannata qubsumaa kan laggeen isaan jala yaa’antu jira. Achi keessatti isaan gumeewwan warqee irraa ta’een miidhagfamu. Uffata magariisaa hariira haphii fi furdaa irraa hojjataman uffatu. Ishii (Jannata) keessatti sireewwan faayaman irratti hirkatanii taa’u. Mindaan waa tole! Iddoon boqonnaas waa bareede!” (Suuratu al-Kahf 18:30-31)

Aaya tana akka nuuf ibsu Shekh Abdurahmaan Naasir Sa’diyyif haa dhiisnu:
Dhugumatti isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan” kana jechuun Rabbitti, Malaaykotatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti (Qiyaamatti) fi Qadaritti amanuu fi hojii gaggaarii dirqamoota fi jaallatamoo ta’an hojjachuun [amaloota lama] namoota walitti qabaniidha. “Nuti mindaa nama dalagaa tolchee hin balleessinu.”  Dalagaa tolchuu jechuun Shari’aa Rabbii hordofuun namtichi hojii gaarii Rabbiif qofa jedhe hojjachuudha. Hojii kana Rabbiin hin balleessu. Homaas irraa hin hir’isu. Kana irra, hojjattootaf ni eega, hanga fi sadarkaa hojii isaanitiin mindaa ni kennaaf.

Mindaa isaanis itti aansun ni dubbate, “Warra san isaaniif Jannata qubsumaa kan laggeen isaan jala yaa’antu jira. Achi keessatti isaan gumeewwan warqee irraa ta’een miidhagfamu. Uffata magariisaa hariira haphii fi furdaa irraa hojjataman uffatu. Ishii (Jannata) keessatti sireewwan faayaman irratti hirkatanii taa’u. Mindaan waa tole! Iddoon boqonnaas waa bareede!” Kana jechuun namoonni amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun amalli isaanii ibsame, Jannata ol’aantu mukkeen ishii baay’atanii fi nama ishii keessa jiru dhoksitutu isaaniif jira. Laggeen ishii baay’atuun mukkeen tarree galan kanniinii fi iddoo jireenyaa sadarkaan ol’aanoo ta’an jala yaa’u. Achi keessatti faayni isaanii warqiidha, uffaanni isaanii magariisaa hariira haphii fi furdaa ta’e irraayyi. Ishii keessatti Araa’ika irratti hirkatu. Araa’ika jechuun sireewwan (algaa) faayaman uffata garmalee bareedaa ta’een miidhagfamaniidha. Akkana yoo hin ta’in Araa’ika hin jedhamu. Araa’ika irratti hirkachuun boqonnaa guutuu argachuu, dadhabbii fi ifaajen isaan irraa deemu, tajaajiltoonni wanta barbaadan isaaniif dhiyeessuf fiigu kan agarsiisudha. Guutuun kanaa yeroo hundaa achi keessatti hafuu fi jireenya abadii achi jiraachudha. Kuni ganda kabajamaa hojjattootaf “Mindaan waa toleedha!”  Iddoon boqonnaa fi jireenyaa waa bareededha! Achi keessatti boqonnaa fudhatu, wanta achi keessa jiru irraa wanta lubbuun feetu fi ijji itti gammaddu ni fayyadamu.  Bal’inna jireenyaa fi gammachuu, mirqaansu yeroo hundaa itti fufaa, mi’aa addaan hin cinnee fi qananii baay’ee keessa jiraatu.”[1]

Wanti guddaan kana hunda caalu warri Jannataa argatan maal akka ta’e isinitti himu. Qananiin guddaan Jannata keessatti argatan, Rabbal aalamiina ilaalu ykn arguudha. Khaaliqa dachii, samii fi wantoota isaan jidduu uume ilaalun hangam guddaa akka ta’ee mee itti yaadi! Rabbii Tokkichaa fi fakkaata hin qabne ilaalun hangam akka nama dinqisisuu itti yaadi. Rabbiin ni Jedha:

75:22
“Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha.

75:23
Gara Gooftaa (Rabbii) isaanii ilaalu.” (Suuratu al-Qiyaamaa 75:22-23)

Adabbiin guddaan warri ibidda seenanii Rabbiin irraa haguugamuudha, Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin arguu hin danda’an. (ilaali suuratu Al-Muxaffifiin 83:15) Akkuma isaan har’a yaadanno (zikrii) Rabbii irraa irraa garagalanii fi of tuulan borus Rabbiin irraa ni haguuggamu. Jaamaa ta’anii kaafamu. (Ilaali suuratu Xaahaa 20:124-126)
Guduunfaa
✍Hawwii ofii jireenya addunyaa tana qofatti gabaabsun jireenya gadadoo fi dhiphinnaa akka jiraatan nama taasisa. Sababni isaas, addunyaa tana keessatti wanta tokko yoo kasaaran ykn dhaban, jireenya tanaan ala tan bira akka hin jirre godhanii waan yaadaniif dhiphinnaa fi gaddaan guuttamu.

✍Aakhiraatti amanuu, yaadachu fi hojii gaarii hojjachuun sadarkaa fi kabaja ilma namaa kan olkaasudha. Sababni isaas, namni ibidda Jahannam sodaachun hojii gadhee fi badaa dhiisa, Jannata abdachuun hojii gaarii hojjata,balaa isa qunnameef ni obsa. Kunis amala, sadarkaa fi kabaja isaa hin dabalu ree?

✍Amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun Jannata seenuuf ulaagaalee guuttamu qabaniidha.

✍Dalagaa tolchuu jechuun Shari’aa Rabbii (sunnaa Ergamaa Rabbii (SAW)) hordofuun namtichi hojii gaarii Rabbiif qofa jedhe hojjachuudha

✍Jannani mootummaa guddaa qananii takkuu ijji hin argine, gurri hin dhageenye fi sammuu namaa hin qaxxaamurreen tan guuttamteedha. Qur’aana keessatti:

76:20

“Yeroo achi (Jannata) keessa ilaaltes qananii fi mootummaa guddaa ni argita.”(suuratu Al-Insaan 76:20)

Rabbiin warra amanee fi hojii gaggaarii hojjatee milkaa’an keessaa nu haa taasisu.

Kitaabban Wabii
[1] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani- fuula 553, Abdurahman bin Naasir Sa’diyyi-, Daaru salaam
Al-Qiyaamatul Kubra-fuula 157, by Umar Suleymaan Al-Ashqa
Tafsiir Jalaaleyn

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 1
Falmii Warra Ibiddaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.