Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Jireenya keessatti sababni guddaan namoonni yeroo baay’ee gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban maal akka ta’ee beektu? Tarii qarshii dhabuu, namni jaallatan du’uu, qabeenyi barbadaa’u fi kan biroo jechuu dandeessu. Eeti, kunniin sababa ta’uu danda’u. Garuu sababa guddaa ta’uu danda’u? Sababa guddaa ta’uu hin danda’an. Dhugumatti, sababni guddaan jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban, Guyyaa Qiyaamatti kafaruu ykn shakkuudha. Jireenya kiyya keessatti yommuu gammachuu fi tasgabbii dhabu, maaltu keessa kiyya quuqa jedhee of gaafachaa ture. Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa shakkuun gammachuu fi milkaa’inna akka nama dhabsiisu naaf galte. Guyyaa Qiyaamatti dhugaan amanuu fi guyyaa kanaaf hojii gaggaari hojjachuun tasgabbii qalbii akka fidu nan hubadhe. Yeroo tokko tokko yommuu shakkiin natti dhagahamu, shakkii kanaaf SABABA kan ta’e maalidhaa? Qorichi isaa hoo maali? Jechuun qorachuu eegale. Adeemsa keessa sababoonni shakkii namatti naqan, badii hojjachuu, addunyaa jaallachuu, beekumsa sirrii barbaadu dhiisu fi niyyaa Rabbiif qulqulleessu dhiisu akka ta’an naaf galan.

Sababa qofa beekanii qoricha osoo itti hin barbaadin taa’un namaaf hin maluu miti ree? Kanaafu, qoricha kanaa yommuu qorannu haala armaan gadiitin tarreessu dandeenya.

1.Salaata sirnaan salaatu– dhugumatti milkaa’inni fi gammachuun addunyaa fi aakhiraa salaata keessa jira. Salaanni gara Rabbitti nama kaleessun eeggumsaa, gargaarsa fi tiika Isaa akka argatan nama taasisa. Karaan addunyaa irraa eegalee hanga aakhiraa dheeratu daandii dheeraa gargaarsa fi eeggumsa gaafatuudha. Sheyxaanni daandii kana irraa nama jallisuun ibiddatti akka seenan sababa ta’a. Kanaafu, daandii dheeraa fi diriiraa kana irraa sheyxaanni akka nama hin jallisne yeroo hundaa eeggumsa, gargaarsa, qajeelcha fi tiika Rabbii barbaachisaa miti ree? Karaan kanniin hunda ittiin argannu salaata sirnaan salaatuni. Rabbiin ni jedha:

2:153

Yaa warra amantan! Obsaa fi salaataan gargaarsa barbaadaa. Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.” Suuraa Al-Baqaraa 2:153

Yeroo tokko tokko yommuu sheyxaanni shakkii namatti darbu, falli gaariin salaata sirnaan salaatuf tattaafachuudha. Itti aansun;

2.Tawbachuu (gara Rabbii deebi’u) fi Istighfaara (Rabbiin irraa araarama kadhachuu) baay’isuu– akkuma kutaa darbe keessatti jenne, shakkii Guyyaa Qiyaamatiif ykn hundeewwan imaanaa keessaa tokkoof sababa guddaa kan ta’an keessaa cubbuu ykn badii hojjachuudha. Badii hojjachuun balbala bal’aa karaa sheyxaanni ittiin seenu namatti bana. Namtichi yommuu badii hojjatu, sheyxaanni hasaasa badaa adda addaa itti darba. Namni Guyyaa Qiyaamatti amanuu kan diduuf ragaalee fi mallatooleen dhabamanii osoo hin ta’in badii inni hojjatutu haqa akka hin hubanne qalbii isaa oggore. Baditti yoo lixan haqa akka jibbanii fi hin argine nama taasisa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

Isaan ajaja isaa (Nabiyyi) faallessan fitnaan (rakkoon) wayii isaan tuquu yookiin adabbiin laalessaan isaan tuqu irraa of haa eegan.” Suuratu an-Nuur 24:62

Ajaja nabiyyii yommuu jedhu sunnaa isaa, shari’aa Islaamaa fi kkf. Fitnaan immoo kufrii, shakkii, nifaaqa, bid’aa fi kkf. Adabbiin immoo ajjeechaa, hidhaa fi kkf. (Tafsiir ibn Kasiir)

Namni yommuu ajaja Nabiyyii (SAW) faallessu takkaa fitnaan qalbii isaa tuqa takkaa immoo wantoota adda addaatin adabama. Wanta Nabiyyiin itti ajaje hojjachuu dhiisu fi wanta inni irraa dhoowwe hojjachun ajaja isaa faallessudha. Kanaafu, karaan bal’aan fitnaan shakkii, kufrii fi kkf ittiin dhufu ajaja Nabiyyi faallessudha.

Karaan kana jalaa ittiin bahanii haqa itti argan immoo gara Rabbii deebi’uu fi araarama Isa kadhachuudha. Ergasi wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisudha. Sababni isaas, Ergamaa Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Yommuu namni Mu’minaa (dhugaan amane) badii hojjatu, qalbii isaa irratti tuqaan gurraattin ni mul’atti. Yoo gara Rabbii deebi’e, [cubbuu irraa] buqqa’ee fi araarama Rabbiin kadhate, qalbiin isaa ni cululuqxi (ni addaatti). [Cubbuu hojjachuu] yoo itti dabalee (itti fufee), tuqaan gurraattinis ni guddatti. Suni “Ar-Raana” Rabbiin kitaaba Isaa keessatti dubbateedha.Haa dhorgamu! Wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge. (raana alaa quluubihim)” Al-Muxaffifin 83:14 Sunan Ibn Majah

Salaata sirnaan salaatanii erga xumuranii booda, fitnaa shakkii jalaa bahuuf Rabbiin hidda onnee jalaa araarama kadhachuun furmaata guddaadha. Shakkiin qalbii waan jeequf, araarama yommuu kadhatan shakkii kana oofun tasgabbii namaaf fida. Kanaafi, Rabbiin (Qulqullaa’an olta’e) Qur’aana keessatti irra deddeebi’uun, “Gooftaa keessan araarama kadhaa, dhugumatti Inni yeroo hundaa araaramaadha.” (71:10), “Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaa deebi’aa” (11:52,90)” jedha.

Kanaafu, furmaanni cimaan shakkii itti oofan cubbuu irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’uu fi yeroo hundaa araarama kadhachuudha. Salaata booda mee du’aayi tana bartee haa godhannu:

Rabbanaa faghfir lanaa zunuubanaa wa kaffir ‘annaa sayyi’aatinaa wa tawaffanaa ma’al-abraar.

“Gooftaa keenya! badii keenya nuuf araarami; hamtuwwan keenyas nurraa harcaasi; warra qulqulluu wajjinis nu ajjeesi.“ Suura Ali-Imraan: 193

Hiika jechootaa: Rabbanaa (Gooftaa keenya), faghfir (araarami), lanaa (nuuf), zunuubanaa (badii keenya), kaffir (harcaasi), ‘annaa (nurraa), sayyi’aatinaa (hamtuwwan keenya), tawaffanaa (nu ajjeessi), ma’a (wajjiin), al-abraar (warra qulqulluu)

Dhugumatti halkan gara dhumaatti ka’uun salaata hanga danda’an salaatu fi istighfaara baay’isuun fitnaa shakkii ni balleessa.

3.Sheyxaana Rabbitti maganfachuu-Maganfachuu jechuun wanta nama miidhu irraa gara wanta nama eegutti fiigun eeggumsa isaa barbaadudha. Sheyxaanni nama jallisuuf shakkii qalbii irratti darba. Dhugaa soba, soba dhugaa fakkeessa. Ragaa ifa jiru kana akka hin fudhanne namatti hasaasa. Rabbiin (Azza wa Jalla) ni jedha:

7:200

“Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf 7:200

Akka muxannootti yommuu sheyxaanni imaana kiyya shakkiin hurgufu, falli kiyya gara Rabbii fiigudha. Irra deddebi’ee, “A’uzu billahi mina sheyxaani rajiim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama)” jechuu ykn “Rabbi a’uuzu bika min hamazaati shayaaxiin wa a’uuzu bika rabbi an yahduruun)” jedha.

Hiikni isaa: (Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin maganfadha.Gooftaa kiyyaa isaan natti dhufuu irraa sitti maganfadha.)  Suuraa al-Mu’minuun:97-98

Yookiin immoo suuratu An-Naas (114) irra deddeebi’e qara’a (dubbisa).

Yeroo kanatti obsa guddaa barbaachisa. Dhugumatti qormaanni (fitnaan) guddaan qabeenyi nama jalaa barbadaa’u ykn namni nama jalaa du’uu osoo hin ta’in imaana dhabuun kufritti seenudha. Namni kafaree kufrii irratti yoo du’e zalaalami ibidda keessa jiraata. Kanaafu fitnaa kamtu guddaa fi badaadha ree? Sheyxaanni nama kafarsiisuf wanti inni fi namoota irraa gargaartonni isaa hin hojjanne hin jiru. Tarkaanfin kufritti nama seensisuuf fayyadamu kana.

Shakkii qalbitti naquudallansiisuusalaata akka dhiisu taasisubaditti daran akka lixu gochuuhaqa jibbisisuukafarsiisuosoo hin tawbatin yoo du’e—gahuumsi namticha ibidda ta’uu.

Yommuu shakkiin qalbii keessa seenu, namtichi, “Kuni maaliif ta’e? Rabbiin maaliif kana hojjata?” jechuun inuma Rabbitti dallana. Akka waan Rabbiin miidhu salaata dhiisa. San booda tarkaanfi tarkaanfin sheyxaanni Islaama keessaa isa baasa. Kanaafu, shakkiin yommuu nutti dhagahamu dafne gara Rabbii fiigu qabna. Hanga shakkiin kuni darbuu obsuu fi salaata irratti jabaachu qabnaa malee, dallanuu fi salaata dhiisu hin qabnu. Rabbiin, “Yaa warra amantan! Obsaa fi salaataan gargaarsa barbaadaa. Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.” Waan jedheef.

Dabalataan barruu Sheyxaana irraa of tiiksuf jettu dubbisuun ni danda’ama.

4.Rafuu– dhugumatti fitnaan shakkii kuni qalbii irratti jabaachun yeroo nama dhamaasutu jira. Yeroo kanatti yoo danda’ame sa’aati muraasaf jalaa rafuun qalbii irraa hanga tokko ni hir’isa.

5.Obsuu– Dhugumatti, qormaata hanga shakkii jireenya keessatti jabaatu arge hin beeku. Namoonni baay’een qormaata kana kufuun jireenya gadadoo jiraatu. Ammas, qormaata kana darbuun gara sadarkaa olitti ol nama kaasa. Kanaafi Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) amantii keessatti hoggantummaa dhugaa obsaa fi yaqiina ulaagaalee (haal-duree guuttamuu qaban) taasise. Rabbiin ni jedha:

32:24

Yerooma isaan obsanii fi Aayaata (mallatoole, keeyyatoota, ragaalee, barnoota) Keenya dhugaan itti amanan (yuuqinuun) , isaan irraa imaamota (hoggantoota) ajaja Keenyan namoota qajeelchan taasifne.” Suura As-Sajda 32:24

Yommuu hasaasni badaan sheyxaana irraa namatti dhufu QORMAATA akka ta’e beekun obsuu fi yaada badaa san irraa garagaluun imaanni namaaf akka jabaatu taasisa.

6.Soomu – nyaanni yommuu garaa guutu, nafseen namaa tuni quufun of tuulti. Rabbiif of gadi qabuu fi Isaaf ajajamuun itti ulfaata. Namoonni yeroo baay’ee Ergamtoota kijibsisanii fi haqa hin fudhanne, warroota qabeenya qabaniidha. Qabeenya isaanitiin of tuulun haqa irraa jaamaa ta’u. San booda adabbi badaa asi fi aakhiratti dhandhamu. Kanaafu, nafseen teenya tuni qabeenyan akka of hin tuulle yeroo tokko tokko beelessuun gaariidha. Guyyaa Wiyxataa fi Kamisaa hanga danda’ameen soomun hidda dhiigaa sheyxaanatti dhiphisa.

Guduunfaa
✉ Namoonni baay’een Qiyaamatti kan amanuu didaniif ragaaleen dhabamanii osoo hin ta’in qalbiin isaanii badiin waan haguugamtef ragaalee ifa bahan arguu hin danda’an.
✉ Karaan irra gaariin Qiyaamaa ykn hundeewwan imaanaa keessaa tokko shakkuu jalaa itti bahan salaata sirnaan yeroo hundaa salaatu fi araarama Rabbiin kadhachuu (istighfaara) baay’isuudha. Akkasumas, hojii gaggaarii dabalata hojjachuudha.
✉ Cubbuu /badii dhiisu fi gaabbiin namatti dhagahamuun wantoota armaan olii akka hojjatan nama taasisa.
✉ Yommuu hasaasni badaan sheyxaana irraa namatti dhufu, sheyxaana Rabbitti maganfachuu fi suuratu An-Naas irra deddebi’anii dubbisuun (qara’uun) furmaata guddaadha.
✉ Soomun fedhii lubbuu cabsuun haqa akka hubatanii fi fudhatan nama taasisa.

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-3
Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.