Dukkana Keessaa Ifatti-lakk.1

Offline dubbisuf

Jireenya keessatti namni hunduu dukkana keessaa bahuun jireenya ifaa fi gammachuu jiraachu barbaada. Namoota kanniin keessaa aktarii fi artistii beekkamaa Morooko “Sa’iid az-Zayyaani “ kan jedhamuudha. Seenaa kana kan ani asitti isiniif dhiyeessuf nama ifa dhabee akkamitti akka ifa argatu, nama dhiphinna keessa jiraatu akkamitti dhiphinna keessaa akka bahuuf karaa itti agarsiisufi. Kanaafu, isin na hordofuuf qophiidhaa? Seenaan nama gammachiisa, nama barsiisa, fakkeenya namaaf ta’a, malaa fi furmaata namatti akeeka. Haa jalqabnu…

Tawbaa aktarii fi Artistii Morooko beekkamaa duraanii Sa’iid az-Zayyaani
Ummul Quraa Makkaa keessatti ji’a Ramadaanaa guyyoota kurnan dhumaa keessatti yeroo duraa Aktarii fi artistii kan ture, amma immoo daa’i kan ta’ee Sa’iid az-Zayyaani akkamitti akka gara Rabbii fi karaa qajeelatti deebi’e akkana jechuun nuuf odeessa:

Manneen Muslimootaa keessaa mana tokkotti guddadhe. Yommuu umrii gaheessummaa gahu, akkuma dargaggoonni wanta guddaa tokkoof hawwan anillee nan hawwe. Wanti ani hawwes ija tiyya fuunduratti wantoota lama garmalee barbaachisoo ta’aniidha. Isaaniis: Beekkamtii fi qabeenya. Gammachuu argachuuf karaa kaminiyyuu haa ta’uu garmalee nan carraaqaa ture.

Jalqaba umrii kiyyaatti tamsaasa raadiyoo fi televizhinii Morokootin wal qunname. Barreefama gabaabaa sagantaalee wal qabsiisu dhiyeessu keessatti hirmaadhe. Ergasii gara fuunduraatti dursuun sagantaa mataa ofii danda’e dhiyeessu danda’eera. Kanuma keessa fiildi kana irratti muxannoo kuufadhe. Ergasii gara TV qajeeluun hanga sadarkaa ol’aanaa gahuun [oduu ykn sagantaa] dursa kan dhiyeesu ana ta’uutti suuta suutan tarkaanfadhe.  Oduu kan tamsaasu, sagantaa dargaggoota kan dhiyeessu ta’uu danda’eera. Beekkamtin kiyya kan eenyullee nan hin dursine babal’achuu eegale. Maqaan kiyya arrabaa hundarraa dubbatama, sagaleen kiyya mana hunda keessatti dhagahama.

Beekkamtii kana hunda haa argadhuyyuu malee ani garuu gammachuu hin qabu. Laphee (qoma) kiyya keessatti dhiphinni cimaan natti dhagahama. Nafsee tiyya keessatti ni jedhe, ‘Tarii sirba keessatti gammachuu argachuu danda’a.” Beekkamtiin kiyya kan tamsaasa Radiyoo fi Tv, saganta televizhinii tokko keessatti sirba gabaaba akka dhiyeessu na gargaare jira. Sirbi kuni addunyaa sirbaa keessa akka seenu jalqaba ta’e.

Addunyaa sirbaa keessa nan seene. Fiildii kanaan beekamtii guddaa argachuu danda’eera. Kaasettiin lakkoofsa baay’een kumatamatti lakkaawamu sagalee kiyyaan waraabamee gabayaa irra oole.

Kana hunda haa argadhuyyuu malee gidramuu fi daraaraan natti dhagahamu itti fufe. Nuffii fi lapheen koo dhiphachuun natti dhagahama. Dhugumatti Rabbiin dhugaa dubbatee jira yommuu akkana jedhu:

6:125
Rabbiin nama qajeelchu fedhe qoma isaa Islaamaaf bal’isa. Nama jallisu fedhe immoo qoma isaa dhiphaa fi sunturaa akka waan samii keessa ol koruu (ol bahuu) taasisa. Akka kanatti Rabbiin adabbii warra hin amanne irra godha.” Suuratu Al-An’am 6:125

Nafsee tiyya keessatti ni jedhe: dhugumatti warri gammachuu qabu aktaroota (warra filmii hojjatuudha). Kanaafu, gammachuu kana keessatti isaan waliin hirmaachu qaba. Gara aktarummaa qajeelun sadarkaa tokkoffaa irra ta’uu danda’eera. Hojii hojjadhu hunda keessatti gahee gootummaa kan taphadhu malee wanta biraa hin ta’u. Dhugaani fi osoo daangaa hin darbin magaalaa kiyya keessatti nama addaa ta’e. Konkolataa garmalee qaalii fi nama ajaa’ibsiiftu malee hin yaabbadhu. Uffata qaali malee hin uffadhu. Hawaasa keessatti sadarkaan kiyya olka’e. Hiriyyoonni kiyya namoota gurguddoo abbooti aangoo fi kan biroo irraa ta’aniidha. Gamoo tokko irraa gamoo biraatti darba ture. Akka waan abbaa gamoo kanaa ta’ee balballi naaf banama.

Garuu kuni hundii haa jiraatuyyu malee gammachuu barbaadu argachuu hin dandeenye. Guyyoota keessaa guyyaa tokko gaazexessan tokko gaafii fi deebii na waliin taasise. Gaafiwwan natti dhiyeesse keessaa gaafin kuni achi keessatti argama: Aktarii fi artisti Sa’iid az-Zayyaan… akka tasaa ta’ee maqaan kee jireenya keetin wal simata… maqaan kee ‘Sa’iid (nama gammachuu qabuu)dha. Kana ilaalchisee maal jettaa?”

Deebiniis kana ture:
Wanti atii fi namoonni biroo itti amanan sirrii miti. Ani jireenya kiyya keessatti nama gammachuu qabuu miti (lastu sa’iidan). Haqiiqadhaan (dhugumaan) maqaan kiyya hir’uu ta’uu isaa itti fufee jira. Qubeewwan sadii irraa ijaarrame. Isaanis: siin (س), ayn ( ع) fi yaa (ي) [walitti yommuu finnuu] sa’aa   سعي carraaquu ykn garmalee hojjachuu ta’a. Ani carraaqu hin dhaabne. Akka maqaa fi gammachuun kiyya guuttamuf qubee dhumaa barbaadaa jira. Sunis qubee daal (د). Hanga ammaa gammachuu kana hin arganne. Yommuu argadhu si beeksisa.

Ani osoo fiixe beekkamtii fi badhaadhinna keessa jiruu qunnamtiin kuni na waliin taasifame… guyyoonni, ji’oonni fi waggooni darban. Obboleessi kiyya umriin na caalu gara Beeljiyeem godaane. Inni namuma aadaa (common person (taraa saw)) kan tureedha. Garuu dirqamoota bahuu fi gadi dhaabbannaan na caalaa ture. Beeljiyeem keessatti daa’iwwan (namoota gara Islaama waamantu) ture. Sababa isaanitiin keessi isaa tuqamuun harka isaanii irratti gara Rabbii deebi’e.

Obbolessa kiyya daaw’achuu fi achumaan biyyoota addunyaa irra naanna’uuf gara Beeljiyeem deemu yaade. Gara Beeljiyeem ni deeme, obboleessa kiyya achi jiruunis wal qunname. Garuu amalli isaa jijjiramee fi jiruun isaa kan duraa irraa garagara ta’ee arge. Wanti kana caale immoo gammachuu mana fi jireenya isaa keessatti tamsa’uu fi ifuudha. Wanta argeen keessi kiyya ni tuqame. Dabalataanis walitti dhufeenya dargaggoota Muslimaa magaalaa tanaa walitti hidhuunis keessi kiyya ni tuqame. Hammachuun na qeebalan (harka fuudhan). Baga dhuftee bareedan na simatan. Teesummaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa isaanii irratti akka argamu na affeeran.

Affeerraa nan fudhe. Osoo isaan waliin taa’u miirri addaa natti dhagahame. Gammachuu guddaa na uwwisu duraan natti dhagahamee hin beekne natti dhagahame. Akkuma guyyaan darbuun hayyamaa jireenyaa nan dheerafadhe gammachuun ani duraan garmalee barbaadaa ture akka itti fufuf.

Haala kanaan warroota filatamoo kanniin waliin gammachuun guyyaa guyyaan naaf dabalamuu itti fufe. Hanga lapheen tiyya nuura (ifa) imaanatiin guuttamtutti dhiphinni, gaddi fi dararaan  guyyaa guyyaan wal diigaa adeeman. Karaa gara Rabbitti nama geessu erga irraa jalladhe booda nan bare… battaluma kanatti gammachuun meeshaa addunyaa baddu tana keessa akka hin jirre nan hubadhe. Dhugumatti, gammachuun Rabbiif ajajamu keessa jira. Rabbiin (Azza wa Jalla) ni jedha:

16:97
Dhiiras ta’ii dubartii irraa nama mu’mina (dhugaan kan amane) ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenyaa gaarii isa jiraachifna. Mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turanitiin isaan mindeessina.”  (suuratu An-Nahl 16:97)
(Namni dhugaan harkaana (utubaalee) imaanatti amanee fi hojii gaggaarii hojjate, addunyaa keessatti qalbiin isaa tasgabbooftu fi nafseen isaa qabbanoofti taati. Jeequmsi qalbii isaatirraa ni ka’a. Akkasumas,bakka inni hin yaanne irraa rizqii (soorata) gaarii fi halaalaa Rabbiin ni soora. Aakhirattis hojii gaggaarii hojjataa turan irratti hundaa’un mindaa gaarii Rabbiin kennaaf. Jannata keessatti wanta ijji hin argine, gurri hin dhageenya fi sammuu namaa hin qaxxaamurre argatu.)

Gara Sa’iid yommuu deebinu akkana jedha: hayyama jireenyaa waggaa lamaa oliif obboleessa kiyya biratti nan dheeresse. Gaazexeessaa yeroo darbee gaafii na gaafateef xalayaa nan erge. Akkana jedheen: yaa obboleessoo… dura taa’aa gulaalli gaazexaa kan taate….

Nageenyi fi rahmanni Rabbii sirratti haa jiraatu… gaafii waa’ee gammachuu kiyyaa ilaalchise na gaafatte si yaadachisuu barbaada. Gaafin sunis ji’a… guyyaa… [keessa taasifame]. Deebii armaan gadii deebise:…. Yommuu qubee daal argadhu akka si beeksisu waadaa siif gale. Yeroo ammaa kanatti qubee daal maqaa kiyya guutu amantii fi daaw’aa (gara Islaamatti waamu) keessatti argachuu kootiif gammachuu fi kabajni natti dhagahama. Amma sa’iida dhugaa (nama dhugaan gammachuu argatu) ta’ee jira.

Oduun namoota keessa faca’e. Diinni Islaama fi munaafiqonni oduu sobaa natti diruu (natti maxxansuu) jalqaban. Shakkiin na arrabsu. Isaan keessaa kan akkana jedhetu jira: Ameerikaaf ykn Ruusiyaaf ergamtuu ykn bakka bu’aa ta’ee jira… fi kkf. Jette jettee (oduu sobaa) yommuu dhagahu yeroo hundaa wanta Nabiyyoonni, Ergamtoonni Rabbii, daa’iwwan seenaa keessatti dabarsan yaadadha. Keessattu hangafni isaanii Nabiyyanaa Muhammad (SAW) fi sahaabonni isaanii (radiyallahu anhum) dabarsan nan yaadadha. Kuni gadi dhaabbannaa, imaana fi yaaqina naaf dabale. Yeroo hundaa akkana jechuun Rabbiin kadha:

3:8
Gooftaa keenya! Erga nu qajeelchite booda qalbii teenya [dhugaa irraa] hin jallisin. Si biraas rahmata nuuf kenni. Dhugumatti, Ati akkaan Kennaadha.” (Suuratu Ali-Imraan 3:8)

Madda: qasasu tawaabin Fuula 8-10, barreefamni gabaaban kuni saaid.net irraa buufame.

Gamnummaa Abdullah Ibn Mas’uud
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.