Dukkana Keessaa Ifatti-Lakk.2

Jireenya keessatti badiiwwan adda addaatti lixuun yommuu of irraanfatanii fi Rabbii ofii dagatan, dukkanni jireenya hangam akka ulfaatu tilmaamun nama hin dhibu. Hojii fokkataa akka gaaritti, hojii gaarii immoo akka fokkuutti ilaalun yeroo itti machaa’antu jira. Machaa’insa fi gaflaa kana keessaa wantoota nama dammaqsan keessaa duuti isa tokko. Takkaa du’a ofiitin takkaa immoo du’a nama biraatin. Dargaggeessi armaan gadi kunis namoota akkanaa irraa ture. Mee amma seenaa isaa haa hordofnu…

Tawbaa dargaggeessa gaafilaa obboleettin mu’minaa erga duutee boodaa
Abbaan seenaa akkana jedha:
Ani dargageessa Rabbiin dagate, Isarraa fagaatee fi danbalii badii keessatti tareedha. Rabbiin yommuu qajeelcha naaf fedhu, taatee gara qajeelinnaattii fi wanta sirrii ta’e na deebisuu murteesse… qissaan (seenan) kunoo kana fakkaata:

Guyyoota keessaa guyyaa tokko magaala Dammaamitti maatii waliin bashanana erga dabarsinee booda, konkolataa kootin karaa Dammaam fi Riyaad jidduu jiruu irra ariitin fiigu eegale. Obboleetiwwan koo sadii na waliin jiru. Du’aayi safaraa (imalaa) godhuu dhiise sheyxaanni sagalee isaatin na gowwoomse, fardaa fi miilan natti duule. Akka ani Rabbiin dagachuu itti fufuuf dubbii qullaa haraama ta’ee (muuziqaa) dhageefachuu natti bareechise.

Yeroo san tamsaasa Qur’aana kabajamaa dhageefachuu ykn kaasetti Islaamaa nama fayyadu dhageefachuu hin barbaadu ture. Sababni isaas, qalbii keessatti haqaa fi sobni gonkumaa bakka tokko waliin hin ta’an.

Obboletiwwan tiyya keessaa obboleetti mu’mintitti (dubartii dhugaan amante) gaarii, Rabbiin baay’iste yaadattu fi daangaa Isaa eegdu takkatu turte. Sagalee sobaa (muuziqaa) cufuun sagalee haqaa (Qur’aana ykn kaasetti Islaamaa) akka banu na gaafatte. Garuu sheyxaanni na moo’ate fi qomni kiyya of tuulun afuufame osoo jiruu akkamitti  gaafii kana ishiif deebisaa? Of jajuun kiyya gara badiitti osoo na oofu wanta ishiin barbaadde nan dide. Kana keessatti obboleetiwwan hafan lamaan na waliin hirmaatan.  Obboleettiin mu’iminaa tuni gaafii ishii irra deddeebitee na gaafatte (wanta badaa cufi waan gaari bani). Morkii fi gogiinsi kiyya inuma ni dabale. Ishitti qoosu fi tuffachuu eegalle. Inumaa ishitti qoosun akkana jedheen, “Haalli si gammachiisu yoo baate karaa qixxeetti si buusee si biraa deema.” Obboleettin tiyya tuni keessi ishii gubachaa cal’iste. Qalbii ishiitin hojii kana garmalee jibbite jirti….

Tasa… Murtii Rabbii duraan darbeen osoo nuti ariiti cimaan fiignu gommaan konkolaataa keenya tokko dhooye. Konkolataan karaa irraa ni dabde. Irraa gade cinaatti goruun garagalte (galabaxamte).  Yeroo baay’eef erga konkolaadhe booda mataan miilarra ta’e. Rabbii Guddaa Olta’aa malee haala eenyullee hin beekne keessatti kufne. Namoonni naannawa Konkolaataa teenya tan gonbifamte tanatti walitti qabaman. Ahlaal keyri (tola ooltonni) caccaba konkolaataa fi daawwiti bittinooftu keessaa nu baasu jalqaban.  Garuu maaltu uumamee?

Obboleetti takka malee hundi keenya rakkoo xiqqoo nu tuqe malee nagaha baanee jirra. Obboleettiin mu’minaa, obsituu… obboleettin gaariin tuulaa caccabaa konkolaataa jalatti afuura dhumaa afuursite.

Eeti… obboleettin jaallatamtuun nuti itti qoosaa fi baacaa turre duutee jirti… warroota shuhada’a keessaa akka lakkaawamtu nan abdadha. Sadarkaa ishii akka olkaasu fi bakka ishii Jannata qananii keessatti akka ol’aansu Rabbiin kadha.

Ani immoo ishii irratti booyun dura nafsee tiyya irratti booye. Haguuggiin narraa saaqame; dhugaa nafsee tiyyaa fi gaflaa (daguu) keessa ture argee jira. Rabbiin Olta’aan anaaf wanta gaarii akka fedhee fi umrii haarawa anaaf akka barreesse beekee jira. Jireenya haarawa imaanaa fi hojii gaariin guuttamte akka jalqabuuf

Akkuma obboleetti jaallatamtuu tiyya yaadadhuun imimmaan gaddaa fi gaabbi fixirsa. Nafsee tiyya keessatti of gaafadha: Rabbiin anaaf ni araaramaa? Deebii isaa kitaaba Rabbii (Azza wa Jalla) keessatti argadha.

39:53

Jedhi,”Yaa gabroota kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.”  Suuratu Az-Zumar 39:53

Dhumarratti obboleewwan koo karaa Rabbii keessa jirtan gaflaa (Rabbiin dagachuu) irraa isin akeekachiisa. Dammaqaa.. Osoo isin namoota birootiif barnoota hin ta’in dura namoota biroo irraa barnoota fudhaa.

Madda: Al-Aa’iduun Ila Allah (warroota gara Rabbii deebi’an)– fuula 29-30 barreefamni gabaaban kuni saaid.net/gesah/98.htm irraa buufame.

Print Friendly, PDF & Email
Ibidda Waraanaa fi Fitnaa Sheyxaanaa-kutaa-1
Dukkana Keessaa Ifatti-lakk.1

Leave a Reply