Isa Gorsitee ishii galateefachuuf dhufee Zinatti kufan

Offline dubbisuf

Ani shamara maatii beekkamaa irraa taatedha. Akkuma namoonni ragaa bahan ani nama amantii qabatee fi amala gaarii qabuudha. Garuu dargageessa tokko baruuf sababa na kakaase hin beeku. Balaa abbaan isaa du’uutin waan rukutamee fi itti-gaafatamummaan obboleeyyani fi haadha horachuu isarratti waan kufeef isa gargaaru barbaade. Dargaggeessi kuni karaa hiriyyoota badaa qabate. Anis isa nan gorse. Isa cinaa dhaabbachuu fi dhugaan isa gorsuun dirqama kiyya akka ta’e natti dhagahame. Dhumarratti, gara barnoota isaatti ni deebi’e, hiriyyoota badoo ni dhiise, guutumaan guututti ni jijjirame. Haati isaa sababa kanaa gaafatte. Innis sababni kanaa ana akka ta’e itti hime. Ishiinis natti dubbachuun ilma ishii waliin waan obseef na galateefatte. Guyyaa tokko ana ilaaluf ziyaaraa (daawwannaa) dhufe. Shakkuu dhiisun kiyya maaliif akka ta’e hin beeku. Isa arguuf deeme, obboleessa kiyya natti fakkaate. Yeroo muraasa waliin dabarsine. Wanti uumame ni uumame. Haa ta’uu malee, amma ana fuudhuf kadhannaaf dhufe. Garuu hin danda’amu. Inni umriin waggaa 3 naa gadi. Lamummaan kiyyaa fi kan isaa garagara. Ani amma ulfa, Rabbiin badii kiyya akka naaf haguugu fi tawbachuu barbaada. Nan beeka, dogongora hojjadhee jira. Garmalee na waqqastu garuu tawbachuu fi furmaata barbaada.

Deebii: Alhamdulillah
Tokkoffaa: Tarii xalayaan kee namoota, “Hariiroon dhiira fi dubartii alagaa jiddu jiru “nagaha (badii irraa bilisa)” ta’uu ni danda’a” jedhanii odeessaniif barnoota ni ta’a. Akkasumas, namoota “hariiroon akkana yoo gorsaaf ta’ee Islaama keessatti fudhatamaadha” jedhanii fi maqaa hammayyaatin hariiroon dhiira fi dubartii jidduutti adeemsifamu ni danda’ama jechuun amantii irra bishaan lolaasu barbaadaniif barnoota guddaa ta’a….

Namoota shari’aa Rabbii irraa dagatoo (gaafila) ta’an,  “faana sheyxaanaa hin hordofinaa” jechuun akeekachisa Gooftaa keenya toltuun Isaa baay’atte xiyyafannoo itti hin kenninee fi hanga rakkoo guddatti taranitti dhimma kana akka salphaatti ilaalu itti fufaniif barnootaa fi gorsa guddaa ta’a. Atis dargaggeessa kana waliin taa’u akka salphaatti ilaalte, isa waliin haasawuu fi gorsuu itti fufte. Ergasii mana keetti isa fudhachuu itti gammadde. Ergasii kophaa isa waliin ta’uu ni jaallatte. San booda sheyxaanni obboleessa kee akka ta’etti sitti bareechise. Ergasii maaltu ta’e ree?

Ergasii nama sheyxaanni akka obboleessaatti sitti miidhagse waliin iddoo teessumma tokkootti fi mana kee keessatti zinaa raawwattan. Tarkaanfin sheyxaana jalqabaa eessarra eegalee? Tarkaanfin jalqabaa nama alagaa (itti heerumu dandeessu) kana waliin haasawu irraa jalqabe. Ergasii hanga cubbuu (dillii) hundarra fokkuu kanatti kuftuu tarkaanfiwwan sheyxaanaa wal-duraa duuban ni dhufan. Kanarraa ka’uun hikmaa (ogummaa) jecha Rabbii olta’aa keessa jiru ni beekna.

17:32

Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi karaa hamaa ta’ee jira. “ Suuraa Al-Isra 17:32

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa zinaa qofa irraa hin dhoowwine, akka itti hin dhiyaannes ni dhoowwe. Asitti kaayyoon isaa wantoota zinatti nama geessan dhoowwudha. Akka cubbuu kee dhoksuu, siif araaramu fi akka gara Isaatti deebituuf si gargaaru Rabbiin kadhanna.

Lamaffaa:
Zinaan zanbii (cubbuu) guddaa akka ta’e shakkii hin qabu. Kabaa’ira zunuub (cubbuu gurguddaa) irraayyi. Kanaafi, fokkinnaa fi guddinnaa isaa kan agarsiisu adabbiin isaa shari’aan, sammuu fi uumaman dhufe.

Ibn Al-Qayyim ni jedha: Rabbiin adabbii zinaa adabbiwwan biroo irraa adda baasun karaa sadiin adda godhe:
1ffaa: Ajjeecha salphisaan ajjeesu; osoo adabbiin hir’ateyyuu, adabbii qaama reebu fi adabbii qalbii biyya irraa waggaa tokkoof ari’amu kan qabateedha.

2ffaa: Yommuu adabbii warroota zinaa raawwatan irratti adeemsiisan namoonni isaaniif mararfachuun adabbii isaan irratti dhaabu akka hin dhiisne ni dhoowwe. Rabbiin rahmata Isaatin adabbii kana lafa kaa’e (murteesse). Isin caala Inni isaaniif mararfataadha. Garuu rahmanni Isaa adabbii kanatti ajajuu irraa Isa hin dhoowwu. Kanaafu, mararfannaan keessan ajaja Isaa bakkaan gahuu irraa isin hin dhoowwin.

3ffaa: Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) adabbiin warroota zinaa raawwatanii bakka warroonni amanan jiranitti akka adeemsifamu ajaje. Bakka kophaa eenyullee hin agarretti adeemsifamu hin qabu. Kuni kaayyoo adabbii galmaan gahuu fi badii irraa dhoowwuf bu’aa guddaa kan buusudha.” Al-Jawaabul kaafi fuula 144-145

Sadaffaa:
Cubbuun kuni garmalee guddaa fi fokkuu haa ta’uyyuu malee Rabbiin balbala tawbaa warroota badii kana raawwataniif banee jira. Yoo isaan dhugaan tawbatan, hojii baddu isaanii gara hojii gaaritti akka jijjiruuf waadaa gale jira. Shekh AbdulAziiz bin Baaz (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) akkana jedhamuun gaafatame: “Namni zinatti kufe badii zinaa irraa dhalatu irraa qulqullaa’uf maal gochuu qabaa?”
Innis akkana jechuun deebise:
Zinaan hojii dhoowwamaa hundarra badaa ta’ee fi cubbuu gurguddaa keessaa isa guddaa ta’eedha. Rabbiin namoota Isatti waa qindeessan, haqa malee lubbuu ajjeesanii fi zinaa raawwattan, Guyyaa Qiyaamaa adabbii dachaan akeekachiisa, guddinni yakkaa fi fokkinni hojii isaanii guddaa waan ta’eef. Akkuma Rabbiin jedhe, ““Ammas isaan (Gabroonni Ar-Rahmaan) Rabbiin wajjiin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefnee fi hin sagaagalleedha (zinaa hin raawwannedha). Namni hojii gadhee kanniin raawwate, adabbii ni qunnama. Guyyaa Qiyaamaa adabbiin [Jahannam] dachaa isaaf taasifama. Isa keessatti salphifamaa ta’ee yeroo hundaa jiraata. Nama tawbatee, amanee fi dalagaa gaarii hojjate malee. Isaan san Rabbiin hamtuu isaanii gaaritti jijjiraaf. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’ee jira.”  Suuratul Furqaan (25):68-70

Namni badii akkanaatti kufe dhugaan gara Rabbii deebi’u fi ergasii  imaana dhugaa fi hojii gaariin hordofsiisu qaba. Tawbaan dhugaa kan taatu yoo namni tawbatu badii irraa buqqa’e, wanta darbeef gaabbe fi gara fuunduraatti akka itti hin deebine ijjannoo cimaa yoo qabaatedha. Kanas kan godhu Rabbii qulqulla’aa sodaachuu, Isa kabajuu, mindaa Isaa kajeelu fi adabbii Isaa irraa of eegufi. Rabbiin ni jedha:

20:82
Dhugumatti nama tawbatee, amanee fi hojii gaggaarii hojjate, sana booda [hanga du’uu] karaa qajeela qabateef Ani akkaan Araaramadha.” Suuraa Xaahaa 20:82

Dhiirri fi dubartiin Musliima ta’an hundi badii guddaa kanaa fi wanta gara isaatti nama dhiyeessan irraa of eegu qabu. Akkasumas, wanta darbee irraa badii hojjataniif gara tawbaa fiigu qabu. Rabbiin tawbaa namoota dhugaan gara Isaatti deebi’an ni qeebala, isaaniif ni araarama.” Majmuu Fataawa Sheyk ibn Baaz 9/442

Afraffaa: 

Warroonni zinaa raawwatan lamaan wal fuudhu hin danda’an hanga tawbaa dhugaa tawbatanitti malee. Kana warroota amanan irratti Rabbiin dhoowwaa (haraama) taasise jira. Ni jedha:

24:3

Dhiirri sagaagalaan dubartii sagaagaltu yookiin dubartii mushrika taate malee hin fuudhu. Dubartiin sagaagaltuunis dhiira sagaagalaa yookiin dhiira mushrika ta’e malee namni biraa ishii hin fuudhu. Suni mu’mintoota (warroota amanan) irratti dhoorgame jira.” Suuratu an-Nuur 24:3

Dhimma kana ilaalchise fatwa lakk. 14381,2244811195. keessatti ibsine jirra. (Linkiin kunniin Afaan Oromootin waan hin jirreef, barruu “Dubartiin zinaa dhiira qulqulluutti ni heerumti?” jedhu ilaalu dandeessu.)

Shanaffaa: Ulfii guuttamuun yoo ruuhin itti afuufamte, ulfa baasun yakka zinaatin ala yakka biraati. Kana ilaalchise Fatwaa lakkoofsa 1331711195  fi 40269. keessatti ibsine jirra. (Waa’ee kanaa Afaan Oromootin barruun hiikkame hin jiru. Gabaabumatti haadha irratti miidha fida jedhame yoo mirkaneefame malee ulfa baasun haraama (dhoowwadha).)

Jahaffaa:Furmaanni rakkoo keeti maatii kee keessaa namoota qaroo (gamna) ta’an dhimma kee itti beeksisuudha. Namni Shari’aa Rabbii faallessu karaa adda addaatin bu’aa badii isaa ni baadhata. Maatiin intala isaanii waliin dhaabbatu qabu. Ulfatti ruuhin (lubbuun) afuufamuun dura osoo ulfa baasteyyuu, akka durbummaa qabdutti hin lakkaawamtu. Kuni yeroo gaa’ila rakkoo tokko tokko ni fida. Haala kam keessattu warri rakkoo intala isaanii furuu qabu; ishiin waan tawbattee fi gaabbitee jirtuuf. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan:

التائب من الذنب كمن لا ذنب له ” (Namni badii irraa tawbate akka nama badii hin hojjanneeti.” Ibn Maajah 4250 gabaase, Albaanin sahiih Targhiib keessatti hasan jalatti ramadee jira.)

Osoo tawbaa ishii booda badii homaatu hojjachuu baatte, zanbiin (badiin) ishii dhiibbaa guddaa waan qabuuf oduun babal’achuu fi maatii guutuu miidhun dura furmaata itti barbaadun barbaachisaadha. Tawbaan dura nama ishii waliin zinaa raawwate kanatti heerumsiisun furmaata ta’uu hin danda’u. Sababni isaas, gaa’illi zinaa haraama. Garuu yoo lamaan isaanitu tawbatanii ergasii wal fuudhan In sha Allah rakkoo hin qabu.

Hanga gadaamessi ishii qulqullaa’utti nama biraatti heerumu hin dandeessu. Gadaamessi kan qulqullaa’u yommuu deettedha. Kanarratti ragaan wanta Abu Sa’iid Al-Khudriyyi Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaasedha. Ergamaan Rabbi (SAW) akkana jedha: “Hanga deessutti malee dubartii ulfaa waliin wal-qunnamtiin hin raawwatamu. Akkasumas, dubartii ulfa hin qabne hanga marsaa laguu tokko argitutti malee wal-qunnamtiin hin raawwatamu.”  Sunan Abi Dawud 2157

(Hadiisa armaan olii irraa wanti hubatamu qabu, niiti nikahaa fi seeran fuudhan yeroo ulfaa ykn marsaa laguutin dura wal-qunnamtiin ishii waliin hin raawwatamu jechuu miti. Namni niiti isaa waliin yeroo laguu, guyyaa soomaa, osoo hajjuu fi yeroo da’uumsaa malee yeroo fedhetti wal-qunnamti raawwachu danda’a. Hadiisni armaan olii dubartoota booji’aman ilaalchiseeti. Akkasumas, akkuma shekni jedhe warroota zinaa raawwatanii tawbataniifis kan ta’uudha.) Rabbiin hundarra beeka.

Madda: Arabic: https://islamqa.info/ar/60269, English: https://islamqa.info/en/60269 By Muhammad Saalih al-Munajjid

Guduunfaa
-Dubartii fi dhiirri alagaa kophatti waliin haasawun tarkaanfi jalqabaa sheyxaanni gara zinaatti nama geessudha.
-Wal-gorsina, karaa gaaritti wal qajeelchina jedhanii dhiirri tokkoo fi dubartiin alagaa (nyaaphaa) takka kophatti waliin taa’un, balbala guddaa zinatti nama geessudha. Faayda caalaa miidhaa guddaa fida. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:

لاَ يَخْلُوَنَّ رَجُلٌ بِامْرَأَةٍ إِلاَّ وَمَعَهَا ذُو مَحْرَمٍ ‏”‏ ‏.‏

Namtichi tokko dubarti takka waliin kophaa hin ta’in ishii waliin Mahram yoo jiraate malee.” Sahiih Bukhaari fi Sahih Muslim 1341  Mahram jechuun fira dhiyoo dubartii san fuudhu hin dandeenyedha. Fakkeenyaf kan akka abbaa, obboleessa, ilma fi kkf.

Ibidda Fedhii irratti Obsuuf
Zinaa Irraa Akkamitti Tawbatanii?
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.