Qur’aanni Akkamitti Buufamee?-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Wahyiin Qur’aanaa fi hadiisota sirrii Ergamaa Rabbii irraa gabaafaman akka of keessatti qabatu kaasne turre. Ergamaan Rabbii (SAW) ofirraa kaasanii  waan hin dubbaneef waa’ee amanti ilaalchise wanti dubbatan, hojjatanii fi mirkaneessan wahyii Rabbiin irraa isaanitti bu’eedha. Ragaan kanaa:

53:3
[Nabii Muhammad (SAW)] Fedha lubbuu irraa hin haasawu.

53:4
[Wanti inni dubbatu] wahyi buufamu qofa.” (Suuratu Najm 53:3-4)

Akkuma keeyyata (aayata) lamaan armaan olii irraa hubannu Qur’aanni jecha ykn dubbii Nabiyyiin ofirraa kaasanii dubbatan osoo hin ta’in wahyii (ergaa) Rabbiin irraa bu’eedha. Kutaa darbee keessatti sadarkaalee fi karaalee wahyiin itti bu’u ilaalle turre. Ammas dabalataan akkaata wahyiin gara Ergamaa Rabbitti bu’u ni ilaalla.

Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) akka gabaastetti, Haaris ibn Hishaam akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) gaafate, “Yaa Ergamaa Rabbii! Wahyiin akkamitti sitti dhufaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Yeroo tokko tokko akka qillisa bilbilaa natti dhufa. Kuni hunda caalaa narratti ulfaatadha. Ergasii narraa cita; wanta inni (malaykaan) jedhe nan qabadha. Yeroo garii immoo Malaykaan namticha fakkaatee na dubbisa. Ergasii wanta inni jedhu nan qabadha.” Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) ni jetti, dhugumatti wahyiin guyyaa garmalee qorraa osoo isarratti bu’uu argee jira. Wahyiin erga dhumate booda dafqii kallacha isaa irraa coccoba.” Sahih al-Bukhari 2, Sahih al-Bukhari 3215 

Asitti bilbila yommuu jedhu telefoona yeroo ammaa harkaa qabnu osoo hin ta’in bilbila sibilaa qillisuudha. Fakkeenyaf, fardoota irraa bilbila qillisu ykn bilbila yeroo durii mana barnootatti itti fayyadaman. Afaan Amaariffaatin isa “dawul” jennuudha.

Hadiisa armaan olii Aaayatni Qur’aanaa ni deeggaru. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:


Dhugumatti, Qur’aanni buufama Gooftaa addunyaa hundaati.
Ruuhi amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e (Qur’aana Rabbiin irraa fide).
Akka ati Akeekachisaa irraa taatuf qalbii kee irratti [fide].
Lugaa (qooqa) Arabiffaa ifa ta’een.” Suuratu Ash-Shu’araa 26:192-195

Kana jechuun Qur’aanni Rabbii waan hundaa uumee fi sooru irraa bu’e. Rabbiin akkuma bishaan samii irraa buusun qaama namaatiif jabeenya taasise, Qur’aanas of biraa buusun namootaf qajeelcha fi ifa taasise. Qur’aana Rabbiin irraa gara Nabii Muhammad (SAW) itti kan fide (geesse) Malaayka Jibriili. Yeroo darbe Malaaykan Jibriil bifa sadiin gara Ergamaa Rabbii dhufuun ergaa akka itti geessu ilaalle turre. 1ffaa: Ergamaan Rabbii suuraa dhugaa Jibriil irratti uumame ni argu. 2ffaa: Suuraa namaa fakkaachun itti dhufuun ergaa itti geessa. Yeroo kanatti Ergamaan Rabbii fi namoonni naannawa san jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni dhagahu. 3ffaa: Malaaykan Jibriil osoo ijaan hin mul’atin Ergamaa Rabbitti wahyii (erga) Rabbiin irraa fida. Yeroo kanatti, Ergamaan Rabbii yommuu wahyiin isatti bu’u akka sagalee qillisa bilbilaa isatti dhagahama. Haalota wahyiin itti bu’u biroo caalaa haalli kuni isarratti ulfaatadha.

Akka yaadannotti osoo Ergamaan Rabbii (SAW) rafan Qur’aanni abjuudhaan isaanitti hin buune. Wanti abjuun isaanitti bu’e Qur’aanan ala wahyii (ergaa) biraati. Fakkeenyaf, banamiinsa Makkaa fi wantoota gara fuunduraatti dhugaan uumaman biroo abjuun argu. Garuu Qur’aanni osoo isaan of beekanii fi hirraba irraa dammaqanii jiranuu isaan irratti bu’a ture.

Qur’aanni waggaa 23f dhawaata dhawaatan, aayaa aayan (keeyyata keeyyataan), boqonna boqonnaan bu’aa ture. Bu’iinsi kuni faaydaa baay’ee qaba. Isaan keessaa: suuta suutan namoota barsiisuuf, karaa salphaan namoonni sammuu keessatti akka qabatan (haffazaniif), qalbii Ergamaa Rabbii fi sahaabota isaa tasgabbeessuf, warroota gaafi gaafataniif deebii hatamtamaa kennuu fi kkf.

Haala fi akkaata bu’iinsa Qur’aana hubanne jirraa jechuudha. Amma gaafin ka’u kana fakkaata. (1)-Malaaykan Jibriil Qur’aana Rabbiin irraa gara Nabi Muhammad (SAW) erga fide booda Nabiyyiin hin dagatanii? Aayata fi jechoota wal keessa hin dhayanii? (2)- Ergamaan Rabbii (SAW) barreessuu fi dubbisuu hin danda’an. Kanaafu Qur’aanni akkamitti barreefaman hanga ammaa as gahee? Gaafiwwan kanniin mata-duree armaan gadii keessatti ni deebisna.

Akkaataa Qur’aanni Walitti Qabamee
Akkuma beekkamu Qur’aanni addaan ciccituun yeroo adda addaa keessatti buufamaa ture. Haa ta’uu malee Qur’aanni tartiiba isaa eeggatee walitti qabame jira. Walitti qabama fi tartiiba Qur’aanaa bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya. Isaaniis: Qur’aana qomatti qabachuu fi barreefamaan walitti qabuudha. Ammaaf Qur’aanni akkamitti qomatti akka walitti qabame ni ilaalla. Barreefamaan akkamitti akka walitti qabame immoo In sha Allaah kutaa itti aanutti ilaalla.

1.Qur’aana qomatti qabachuu (haffazuu)– kana jechuun osoo homaa itti hin dabalin fi hin hir’isin Qur’aana guutuu sammutti qabachuudha. Adeemsi kuni Ergamaa Rabbii (SAW) irraa kaase hanga ammaatti kan itti fufaa jiruudha. Yommuu Jibriil Qur’aana dubbisu akka jalaa hin bannee fi qomatti qabachuuf Ergamaan Rabbii (SAW) arraba isaanii Malaykaa Jibriil waliin sochoosa turan. Garuu Rabbiin adeemsa kana dhoowwun yommuu Qur’aanni qara’amu (dubbifamu) akka cal’ise dhageefatu ajaje. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

20:114
“Mootiin haqaa Rabbiin ol ta’eera. Osoo buufamni isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana [dubbisuutti] hin jarjarin. ‘Yaa Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali’ jedhi.” (Suuratu Xaahaa 20:114)

75:16
“Qur’aana [qabachuutti] ariifachuuf jecha arraba kee isa waliin hin sochoosin.”

75:17
Dhugumatti, Qur’aana [qalbii kee keessatti] walitti qabuu fi akka dubbistu gochuun Nurra jira.” (Suuratu Al-Qiyaamaa 75:16-17)

Hubachiisa: Qur’aana keessatti Rabbiin “Nuti, Nu” yommuu jedhu “Guddinna fi kabaja” agarsiisufi malee baay’inna agarsiisufi miti. Arabiffa keessatti of kabajuuf, “Nahnu (Nuti) ykn Innaa (dhugumatti nuti)” namni tokko ni fayyadama. Fakkeenyaf barreessan kitaabaa, “mata-duree kana jalatti nuti kana ibsinee jirra” jedhee yommuu barreessu ni argina. Rabbiin “Nuti” jedhe fayyadamuun immoo wanta garmalee Isaaf maluu jechuudha. Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabne fi waa hunda uumudha.

Gara mata-duree keenyatti yommuu deebinu, akkuma keeyyata armaan olii irraa hubannutti Rabbiin Qur’aana guutu qalbii Nabi Muhammad (SAW) keessatti akka walitti qabu itti gaafatamummaa fudhatee jira. Rabbiin wanta hundaa irratti danda’aa waan ta’eef, keeyyata (aayaa) fi boqonnaa Qur’aana yeroo adda addaatti bu’an qalbii Nabiyyii keessatti tartiiban walitti qabe. Kanaafu, aayaa (keeyyata) Qur’aanaa boqonnaa (suurah) ishiif maltu keessatti Rabbiin tartiiba qabsiise jira. Haala kanaan Nabiyyiin Qur’aana guutuu qomatti qabatan (haffazan).

Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana irraa wanta isaanitti bu’e sahaabota (hiriyyoota) isaanii barsiisaa turaniiru. Sahaabonnis Qur’aana haffazanii (qomatti qabatanii) jiru. Isaan keessaa Bukhaarin namoota torba sahiiha keessatti tuqeera. Isaaniis: Mu’aaz bin Jabal, Ubay bin Ka’ab, Zayd bin Saabit, Abdullah bin Mas’uud, Saalim bin Ma’aqil, Abuu Zayd bin Sakanii fi Abu-ddardaa fa’aadha.

Kana jechuun namoonni jireenya Nabiyyi keessatti Qur’aana haffazan kanniin qofa jechuu miti. Garuu warreen Bukhaarin dubbate torban ykn saddeettan kunniin warra Qur’aana qomatti qabatanii (haffazanii) Nabiyyiin qaraati (dubbisa) isaanii isaaniif dhageefachuun beekkamaniidha. Namoota kanniin ala Qur’aana irraa muraasa ykn guutuu isaa kan haffazan baay’etu jiru.

Guduunfaa:
✍Qur’aanni suuta suutan waggaa 23f Rabbiin irraa gara Nabii Muhammad (SAW) itti bu’aa tureera.
✍Malaaykan Jibriil (nageenyi isarratti haa jiraatu) Qur’aana Rabbiin irraa fiduun gara Nabiyyitti geessa. Nabiyyiniis gara namootaatti geessu. Namoonnis Qur’aana isarra barachuun addunyaa guututti geessu. Haala kanaan Qur’aanni addunyaa keessa faca’e.
✍Rabbiin Qur’aana guutuu qalbii Nabiyyii keessatti walitti qabuu itti gaafatamummaa fudhatee jira. Akkasumas, nama Qur’aana qoma keessatti qabachuu fi barachuuf carraaqu Rabbiin akka isa gargaaru fi laaffisuuf waadaa galee jira. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

54:17

Dhugumatti, Qur’aana hubachuu fi yaadachuuf laaffifne jirra. Namni ittiin gorfamu jiraa?” Suuratu al-Qamar 54:17

✍Kanaafu, Qur’aanni Rabbiin irraa bu’uu keessa shakkiin wayitu hin jiru.

25:1

Addunyaa hundaaf akeekachiisaa akka ta’uuf gabricha Isaa irratti furqaana (Qur’aana) Kan buuse toltuun Isaa baay’atte.” (Suuratu Al-Furqaan 25:1)
Kana jechuun Rabbiin gabricha Isaa Muhammad (SAW) irratti Qur’aana buusun karaa qajeelaa fi jallinnaa, karaa Jannataa fi ibiddatti nama geessu ifa taasise. Dhugumatti toltuun Rabbii baay’atte.

Kitaabban Wabii:
Taarikhu Nuzuulu al-Qur’aan al-Kariim– fuula 26-28, by Mahammad Ra’afat Sa’iid
Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootiin-Fuula 21-22, Mana Maxxansa Najaashi
Akkasumas, bal’innaan Seenan Buufama Qur’aanaa Ingiliffaan dubbisuuf “History of Qur’anic Text” ilaalun ni danda’ama.

Qur’aanni Akkamitti Barreefamaan Walitti Qabamee?
Qur'aanni Akkamitti Buufame?-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.