Qur’aanni Akkamitti Barreefamaan Walitti Qabamee?

Offline dubbisuf

Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbii, Nabiyyi Muhammad (SAW) irratti buufame fi isa dubbisuun akka ibaadatti kan ilaallamuudha.
Qur’aana keessatti yeroo baay’ee maqaa Qur’aanaa agarsiisuuf jechoonni lama irra deddebi’amanii mul’atu. Isaanis; Qur’aanaa fi Kitaaba. Lugaa Arabiffaa keessatti “Qur’aanni” hiika “dubbisuu” qaba[1]. Kuni kan agarsiisu Qur’aanni qubeewwan walitti fiduun arrabaan dubbifamuu kan danda’amuudha. Karaa biraatin “Kitaaba” jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha.[2]

Kanaafu, maqaaleen Qur’aanaa lamaan kunniin ergaa gurguddaa lama dabarsuu jechuudha.
1ffaa: Jechi “Qur’aana” jedhu sammuutti qabatamuun (haffazamuun) eeggamuu isaa kan agarsiisu yoo ta’u
2ffaa: Jechi “Kitaaba” jedhu immoo waraqaa ykn meeshaa barreefamaa irratti galmaa’un tiikfamu isaa mul’isa. [3]

Kanaafu, Qur’aana keessatti tasa dogongorri yoo uumame, maddoota lamaan kanniin keessaa tokkoon ni sirreeffama. Fakkeenyaf, namni tokko suurah (boqonnaa) Qur’aanaa sammutti qabate osoo kitaaba hin ilaalin dubbisuu yoo dogongore, kitaaba ilaalun sirreefachu danda’a. Ammas, osoo Aayata ykn suurah Qur’aanaa waraqaa irratti print godhanuu ykn barreessanu ykn Aplikeeshinii telefoona irratti yoo dogongoran, namni Qur’aana guutuu sammutti qabate dogongora kana ni sirreessa. Qur’aanni haala kanaan jijjiramu ykn irraa haaqamu ykn itti dabalamuu irraa hanga Guyyaa Qiyaamatti ni eeggamaa jechuudha. Dhugumatti Rabbul Aalamiin ni jedha:

15:9

Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9
Kanaafu, qulqullinnaa fi tiikfamu Qur’aanaa ilaalchisee wanti nama shakkisisuu hin jiru.

Kutaa darbee keessatti karaalee Qur’aanni walitti qabamee keessaa karaa tokkoffaa ilaalle turre. Innis Qur’aana guutu qomatti qabachuudha. Rabbiin waan hundaa irratti danda’aa ta’ee akkuma yeroo ammaa namoota miliyoonatti lakkamaan Qur’aana guutuu qomatti akka qabatan taasise, yeroo jalqaba Nabiyyi irratti buusus Nabiyyiif qoma isaa keessatti walitti qabee jira. Faaruu fi galanni hundii Rabbiif haa ta’u. Karaan lammataa Qur’aanni walitti qabamee karaa barreefamaatin.

2.Qur’aana Barreefamaan Walitti qabuu
Barreefamaan Qur’aana walitti qabuu iddoo saditti qoodanii ilaalun ni danda’ama. Isaaniis:
1-Jireenya Nabii Muhammad (SAW) Keessatti Barreefamaan walitti qabuu– Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana (wahyii) Rabbiin irraa isaanitti dhufu ofiin barreessu waan hin beekneef barreessitoota gurguddaa sahaabaa irraa ta’an kan akka Aliyyi, Mu’aawiyaa, Ubayy bin Ka’abii fi Zayd bin Saabit fa’a kaa’uun yeroo keeyyanni (aayan) wayii buufamtu akka keeyyata san barreessan isaan ajaju turan. Iddoo ishiin itti barreefamtu fi boqonnaa (suuraah) ishiin keessatti barreefamtus Nabiyyitu barreessitootatti hima.[4]

Fakkeenyaf, Zayd bin Saabit Masjiida Ergamaa Rabbitti dhiyoo waan ta’eef, wahyiin yommuu bu’u Nabiyyiin yeroo baay’ee akka barreessu isa waamaa turan. Yeroo Aayan waa’ee Jihaada dubbattu buutu, Ergamaan Rabbii (SAW) meeshaa barreefamaa waliin Zayd bin Saabit waaman. Ergasii Aaya jihaada ni dubbisaniif, Zayd immoo ni barreessa. Osoo Ergamaan Rabbii dubbisanuu, ibn Um-Maktuum dhufee akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii, Rabbiin kakadhe osoo danda’e silaa karaa Rabbii irratti nan qabsaa’a.” ibn Um-Maktuum ijaan hin argu ture. San booda Rabbiin “ ‏{‏غَيْرَ أُولِي الضَّرَرِ‏}‏” (warra miidhama qaban malee) jettu buuse.” Sahiih Al-Bukhaari 4592

Ammas, barreefamaan booda wanta barraa’e mirkaneessun (proofreading) ni jira. Galmeen aayaata (keeyyattootaa) erga xumuramee booda, dogongorri akka hin uumamneef Zayd Ergamaa Rabbiitiif ni dubbisa. [5]

Ergamaan Rabbii Qur’aana eeguf tarkaanfilee barbaachisu haa fudhataniyyuu malee yeroo sanitti Qur’aanaa jiildi (galmee) tokkotti walitti hin qabne. Kana irra, Qur’aanni wanta garagaraa fi bakka adda addaatti barreefamaa ture. Sababni isaas, suuraah fi Aayaan Qur’aanaa bu’uu itti fufanii jiru. Akkasumas, meeshaan barreefamaa akka ammaatti hin jiru. Kanaafu, yeroo sanitti osoo Qur’aanni guutun bu’ee hin xumuramiin, suuraah fi Aayaa yeroo adda addaatti bu’an jiildi (galmee) tokko keessatti walitti qabuun garmalee ulfaata. Garuu Ergamaan Rabbii erga du’anii booda wahyiin bu’uu ni dhaabbate. Kanaafu, amma Qur’aana guutuu bakka tokkotti walitti qabuun ni danda’amaa jechuudha. Kunis yeroo Abu Bakr adeemsifame.[5]

2-Yeroo Motummaa Abu Bakr Keessa Qur’aana Barreefamaan Walitti qabuu- Abu Bakr bakka Ergamaa Rabbii (SAW) bu’uudhaan bulchiinsa Muslimtootaatiif dhaabbatee ture. Rakkoon baay’eenis isa muudate ture. Guyyaa lola Yamaamaa haafizoonni (warroonni Qur’aana qomatti qabatan) baay’een dhumanii turan. Akkuma irranatti jenne Qur’aanni yeroo Ergamaan Rabbii lubbuun jiran wantoota adda addaa irratti barraa’a tureera. Umar bin al-Khaxxaab, “Qur’aanni bakka adda addaatti faca’e kuni ni bada ykn ni dagatama” jechuun Qur’aanni bakka tokkotti walitti qabamu akka qabu Abu Bakrin mari’achiise. Abu Bakris yaada kana fudhachuun Qur’aana kitaaba (galmee) tokko keessatti akka walitti qabu Zayd bin Saabitiin ajaje. Zaaydis itti gaafatamummaa kana fudhatee Qur’aana bakka adda addaatti yeroo Nabiyyii barreefamee faca’e bakka tokkotti walitti qabe. (ilaali Sahih al-Bukhari 4986)

Haala kanaan Qur’aanni yeroo Motummaa Abu Bakrii fi sahaabota yeroo sana jiraaniin galmee tokko keessatti walitti qabamee raawwatame. Kunis walitti qabiinsa lammaffaa jechuun beekkama.

3-Yeroo Mootummaa Usmaan keessa Qur’aanni Barreefamaan Walitti qabamuu– Akkuma beekkamu Qur’aanni Afaan Arabiffaatin buufame. Araboonni akka balbala sanyii isaanitti loqoda garagaraa waan qabaniif nama hundaaf akka laafuf Ergamaan Rabbii (SAW) loqoduma isaanitiin Qur’aana barsiisan. Loqoda jechuun jecha tokko yommuu sagaleessan sagaleen garagara ta’uudha. Garuu hiikni isa tokkoma. Fakkeenyaf, akka Afaan Oromootti, naannoo Hararitti jecha  “of” jedhu, “if” jechuun sagaleessu.Hima keessatti, “Ofii hojjadhe = ifii hojjadhe.” Jechoonni lamaan kunniin hiikni isaanii tokkoma. Haaluma kanaan Afaan Arabaa keessattis jechoonni hiika wal-fakkaataa qaban garuu yommuu dubbatan sagaleen isaanii garagara ta’e ni jiru. Fakkeenyaf, jecha “(قُلْتُ) qultu” jedhu, warri Ijibt “ult” jechuun sagaleessu. Warri Yaman immoo “gultu” jechuun sagaleessu. Garuu hiikni isaanii tokkoma. Innis “Ani jedhe” ta’a. Qur’aanni loqoda Arabiffaa garagaraatin yoo dubbifame, hiika isaa kessatti wanti jijjiramu tokkollee hin jiru. Ergamaan Rabbii (SAW) bifa torbaan Qur’aana dubbisaa turan. (Ilaali Sahih Muslim 819)

Gara mata-duree keenyatti yommuu deebinu, yeroo mootummaa Usmaan biyyoonni Musliimaa waan baay’ataniif, haafizonni gara biyyoota kanniini keessa faca’an loqoda ofii qabatanii deemu jalqaban. Naannawa tokko tokko keessatti Araboonni gariin loqonni isaanii loqoda biroo akka caalu dhaadachu eegalan. Akkasumas, Musliimni haarofti Qur’aana osoo dubbisuu yoo dogongore, dogongorri isaa kuni dhuguma dogongora dhugaati moo bifaa dubbisaa torban Ergamaan Rabbii barsiisaa turan keessaa isa tokko ta’uu ykn dhiisu isaa itti himuun garmalee ulfaata. Dhumarratti rakkoon kuni naannoolee Arabaan alan jiraniif madda dhama’iinsa fi wal-dhabbii ta’e.*

Sahaaban Huzeeyfa ibn Al-Yamaan jedhamu yommuu Iraaq keessa jiru dhama’iinsa kana hubachuun addaan bittinaa’u ummata Muslimaati fi jijjiramu Qur’aanaa sodaate. Huzeyfaan yommuu gara Madiina deebi’u rakkoo argee fi dhagahe Usmaanitti beeksisee. Yeroma san Usmaanis sahaabota mari’achiisun galmee Abu Bakr irraa loqoda jiddu-galeessa tokkoon Qur’aana kitaaba tokko keessatti akka barraa’u murteessan. Galmeen yeroo Abu Bakrii barraa’e haadha manaa Nabiyyi tan taate Hafsaa bira ture. Usmaanis Hafsaa irraa galmee Qur’aanaa fuudhee gara Zayd bin Saabit, Abdullah bin Zubeeyr, Sa’iid bin Aas fi Abdurahmaan bin Haaris bin Hishaamitti erguun akka isaan kitaabbilee baay’eetti garagalchaan ajaje. Waan irratti wal-dhabaniis akka loqoda Qureeshiin barreessan isaaniif dhaame. Isaaniis kana raawwachuun biyya hundatti hawaasaf tamsaasan. Kunis walitti qabiinsa sadaffaa jedhama.  Sunis godaansa Nabiyyii irraa waggaa 25ffaa keessa ture. (ilaali Sahih al-Bukhari 4987)

Haala kanaan garagalchi (koopin) Qur’aanaa bifa wal-fakkaatun addunyaa keessa raabsame. Sana booda Qur’aanni hanga guyyaa har’aatti akka yeroo sanitti walitti qabameen qomattis qabatamee fi meeshaa barreefamaa irrattis barreefame tiikfamee jira.

Akkasumas, tiikfamu Qur’aanatiif ragaa kan ta’an garagalchii (koopin) Qur’aanaa yeroo durii baay’een isaanii Muuziyeemi biyyoota adda addaa keessatti ni argama. Qabiyyeewwan hunda isaanitu kan wal-fakkaataniidha. Akka fakkeenyatti fakkiiwwan lamaan kanniin dhiyeessun ni danda’ama.

Mus’hafa yeroo durii muuziyeemi Yaman keessatti argamu.[6] Mus’hafa jechuun galmee Qur’aanni irratti barraa’u jechuudha.

Galmee Qur’aanaa durii Masjiida Kaayiro Al-Huseyn jedhamu keessatti argamu.[7]

Gudunfaa
-Qur’aanni karaalee lamaan tiikfame
1ffaa- Qomatti qabatamuun arrabaan dubbifamuu
2ffaa- meeshaalee barreefamaa irratti barreefamuun.
-Qur’aannni yeroo Ergamaan Rabbii (SAW) barreefamaan wantoota adda addaa irratti barraa’e jira.
-Yeroo motummaa Abu Bakr Qur’aanni wantoota adda addaa irratti barreefame ture galmee tokko keessatti walitti qabame.
-Yeroo Motummaa Usmaan ibn Affaan koopin Qur’aanaa baay’een galmee Abu Bakr irraa garagalfamuun biyyoota Musliimaa adda addaatti ergame.
Kitaabilee Wabii:
[1][2] How to Approach and understand The Qur’an-Jamal Zarabozo-fuula 8 (hardcopy)
[3] Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootiin- fuula 12
[4] Madda olii- fuula 22-24
[5][6] History of Qur’anic Text-fuula 69, 77 fi 96 (Hardcopy)
[7] Sahih International English Translation of the Qur’an, fuula 708
*Usuul Tafsiir-Bilaal Filips-fuula 113

SHAKKII QUR’AANAA QULQULLEESSUF-Kutaa 1ffaa
Qur'aanni Akkamitti Buufamee?-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.