Sharxiwwan (ulaagaalee) Salaataa

Offline dubbisuf

Salaanni utubaalee Islaamaa keessaa sadarkaa lamaffaa irratti kan argamuudha. Salaanni Gooftaa fi gabricha kan wal-qabsiisudha. Gargaarsa fi araarama Rabbiin irraa kan barbaadan salaata salaatuni. Osoo salaanni jiraachu baate silaa jireenyi tuni dhama (mi’aa) dhabdi. Salaanni qalbiif tasgabbii, qaamaf jabeenya, hawaasaf nageenya ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Qur’aana keessatti ni jedha:

4:103

Yeroo salaata xumurtan, dhaabbataa, taa’aa fi cinaacha keessan irratti haala taataniin Rabbiin faarsaa. Yeroo tasgabbooftan salaata [sharxii fi harkaana isaa] guutun salaataa. Dhugumatti, salaanni warroota amanan irratti dirqama yeroon isaa murtaa’e ta’eera.”  Al-Qur’aan, An-Nisaa 4:103

Himni jalqaba keeyyata armaan olii waa’ee salaata yeroo sodaa (Salaatul khawf) ilaalchiseeti. Namni yeroo rakkoo fi waraanaa garmalee sodaa fi dhiphinni itti bu’a. Karaan sodaa kana itti qabbaneessanii fi dhiphinna keessaa itti bahan Rabbiin baay’isanii yaadachuuni (faarsuni). Kanaafi, “Yeroo salaata xumurtan, dhaabbataa, taa’aa fi cinaacha keessan irratti haala taataniin Rabbiin faarsaa (yaadadhaa).” jedha. Yeroo rakkoo fi sodaan hin jirrees salaata booda namni dhaabbanna irra osoo jiru, taa’u fi cinaacha irratti osoo hirkatu Rabbiin faarsun wanta jaallatamuudha. Kuni tasgabbii qalbii isaaf kenna. Dhumarratti, “sodaa irraa yommuu tasgabbooftanii fi nageenya keessa jiraattan salaata sharxii, harkaana, kushuu’a eegun salaataa.(Kushu’a jechuun salaata keessatti sodaa qabaachu fi xiyyeefannaa guutu salaata irra gochuudha). Waqtii (yeroo) isaa eegaa salaataa” jechuun namoota ajaja. Sababni isaas,”salaanni warroota amanan irratti dirqama yeroon isaa murtaa’e ta’eera.” Nama umrii salfaanna gahee “Rabbitti amane” ykn “ani Muslima” jedhuuf, salaata salaatun isa/ishii irratti dirqama. Akkasumas, yeroon (waqtiin) salaata shanani kan murtaa’edha. Namni tokko osoo beeku waqtii salaata dabarsuu hin qabu. Kanaafu aaya (keeyyata) tana irraa sharxii fi harkaana salaata guunne salaatu akka qabnu ni baranna. Yeroo darbee harkaanaa salaataa ilaalle jirra. Amma immoo sharxiwwan (ulaagaalee) salaataa ni ilaalla.

Sharxiwwan salaataa yommuu jennu salaatan dura wantoota guuttamu qabanii jechuudha.Salaanni sirrii fi guutuu ta’uuf ulaagaaleen ykn haal-dureewwan armaan gadii guuttamuu qabu.
1. Namni salaatu suni Muslima ta’uu (Islaamawu) qaba.
2.Waqtiin salaataa seenu isaa beeku– waqtiin ala yoo salaate salaanni isaa hin ta’u uzrii (sababa) kan qabaatu yoo ta’ee malee. Namoonni osoo beekanu waqtii salaata dabarsanii waqtii malee salaatan, akeekachisni cimaan Qur’aana keessatti dhufe jira. Kanaafu, namni waqtii salaata eegun sirnaan salaatu qaba.
3.Xaharaa (qulqullinna)– salaatatti seenun dura wantoota najisa ta’an kanneen akka fincaan, sagaraa fi kkf irraa of qulqullessu qaba. Akkasumas, junuba yoo ta’e nafa dhiqachuun irra jira. dabalataanis qaama, uffataa fi bakka itti salaatu qulqulleessu qaba.

4. Qaama ofii haguuguDhiirti qaama isaa ceeku irraa kaase hanga kiyyoo haguuga. Yoo uffata dhabe immoo handhuura irraa jalqabe hanga jilbaa haguugu danda’a.
Dubartiin harka hanga hidhanna sa’aati (wrist) fi fuula malee qaama ishii guutu haguugu qabdi.
“Namni uffata najiisaa malee uffata qulqulluu ittiin of haguugu yoo dhabe uffata najisaan salaatu ni danda’a. Uffata waan dhabeef salaanni isarraa hin bu’u. Ammas homaa yoo hin argatin qullaa salaatu ni danda’a, Rabbiin akkana waan jedheef, “Hanga dandeessaniin Rabbiin sodaadha.” Suuratu Taghaabun 64:16.” Sahihu fiqhu sunnaah-fuula-303

5.Qiblatti garagaluu-salaanni isaa sirrii ta’uuf qiblatti garagaluu qaba. Garuu qiblatti garagaluun yeroo dirqama hin taane ni jira. Isaanis:
A.Dhukkubii irraa kan ka’e gara qibla garagaluu yoo dadhabe, garuma itti garagaletti salaatu danda’a.
B.Qibla yoo wallaale fi ergasii beekuf nama iyyaafatu (gaafatu) yoo dhabe, yaaduma ofitiin qiblan kana jedhe itti garagale salaatu danda’a.
C.Yeroo sodaa cimaa. Diina fi kkf irraa yommuu garmalee sodaatan garuma itti garagalanitti salaatu
D.Geejjiba irratti salaata naawifila (sunnaah). Namni musaafira (kara-deemaa) ta’e salaata sunnaah geejjiba irratti salaatu danda’a.

6.Niyyaa
Salaatun dura salaata kamiin salaatu akka qabu qalbii isaa keessatti niyyachuu qaba. Salaata fardiiti moo salaata sunnaah? Salaata asritii moo salaata zuhrii? Arrabaan osoo hin dubbatin qalbii isaa keessatti salaata kamiin akka salaatu qabu niyyachu qaba.

Maddoota
1.The Concise Presentation of Fiqh- Fuula 103-108
2.Sahihu fiqhu sunnah,-jildi 1, Fuula 291-327, Abu Maalik
3.Sharihu riyaadu saalihin- jildii 1- fuula 357-388, Ibn Useymiin

4. Tafsiir ibn Kasiiri (2/403) fi ibn Sa’diyyi-fuula 215 (waa’ee Aaya armaan olii ilaalchise)

Sababoota Gammachuu fi Milkaa'innaa
Ibidda Waraanaa fi Fitnaa Sheyxaanaa-2
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.