SHAKKII QUR’AANAA QULQULLEESSUF-Kutaa 1ffaa

Offline dubbisuf

Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbal aalaminaa akka ta’ee fi qulqullummaan isaa hanga ammaatti akka tiikfame yeroo darbee ilaalle jira. Namoonni namoota daandii haqaa irraa jallisuuf halkanii guyyaa carraaqan, Qur’aana jijjiruu akka hin dandeenye yommuu beekan, namootatti shakkii naquu hojii ofii godhatan. Namoota qofa osoo hin ta’in sheyxaanni keessaas shakkii namatti naquuf halkanii guyyaa namatti hasaasa. Kanaafu, Qur’aanni jecha ykn haasawa Rabbii ta’uu isaa akkamitti beeknaa? Karaa baay’een beekna. Mee isaan keessa muraasa isaanii haala armaan gaditiin haa guduunfinu.

1.Shari’iyyi (karaa shari’aatin)- kuni keeyyanni (aayanni) Qur’aana keessa jiran Qur’aanni guutun jecha Rabbii ta’uu kan agarsiisaniidha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

4:82

“Sila isaan Qur’aana itti hin xinxalanii? Osoo [Qur’aanni] Rabbiin ala kan biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee arguu turan.” Suuratu An-Nisaa 4:82

Sheykh Abdurahman Sa’diyyi aayaa tana ilaalchisee akkana jedha: “Rabbiin kitaaba Isaa akka itti xinxallan ajaja. Kunis kan ta’u hiika isaa hubachuun, jalqaba fi dhumaa isaatti yaadan itti lixuuni. Dhugumatti Qur’aana irratti xinxalluun furtuu beekumsaa fi barnootati. Keeyrin hundi isarraa burqa, beekumsi hundi isarraa baafama. Qur’aanan imaanni dabala, mukni imaana qalbi keessatti lafa qabata.

Gooftaa haqaan gabbaramaa fi sifaata (amaloota) guutuu Isaa Qur’aanaan beekan. Amaloota hanquu fi wanta Rabbiif hin malle Qur’aanni namatti beeksisa. Karaa Rabbitti nama geessu, amaloota warroota karaa kana hordofanii fi yommuu Isa qunnaman wanta isaaniif qophaa’e Qur’aanni ni beeksisa. Diina dhugaa kan ta’ee sheyxaana, karaa azaaba (jahannamitti) nama geessu fi amaloota warroota azaabaa namaaf ifa godha.

Akkuma gabrichi Qur’aana irratti xinxalluu itti fufuun, beekumsa fi hojii hojjachuun isaaf ni dabalama. Kanaafi, Rabbiin Qur’aana xinxallutti ajaje, itti kakaase. Xinxalliif akka buuse akkana jechuun beeksiisa.

38:29

“[Yaa Muhammad] [Kuni] Kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa itti xinxallanii fi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamaniif jecha gara keetti buufnedha.” Suuratu Saad 38:29

Faayda kitaaba Rabbii irratti xinxallu keessaa tokko: namtichi kanaan sadarkaa yaqiina (mirkaneefannaa guutuu) gaha. Akkasumas, jecha Rabbii ta’uu beeka. Sababni isaas, gariin garii dhugoomsu isaa ni arga. (Kana jechuun aayan tokko aaya biraa dhugoomsa ykn wal jabeessa). Murtiwwan, seenaalee fi odeefannowwan dhugaan Qur’aana keessatti bakka adda addaatti irra deddebi’anii dhufanii jiru. Hundi isaanitu walitti galoo fi kan wal simataniidha. Gariin garii hin faalleessan. Haala kanaan Qur’aanni guutuu ta’uu fi Rabbiin irraa akka ta’e ni beekkama. Kanaafi, itti aanse akkana jedhe, “Osoo [Qur’aanni] Rabbiin ala kan biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee arguu turan.” Kana jechuun Rabbiin biraa [kan buufame] waan ta’eef aslimaa wal-dhabbiin (wal faallessun) keessa hin jiru.”[1]

2.Aqliyyi (sammuun)– Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmaan namaa erga uume booda akkanumatti qajeelcha malee isaan hin dhiisne. Nabiyyoota erguu fi kitaabban buusun namoonni karaa qajeelatti akka qajeelan taasise. Seenaa dhala namaa keessatti nabiyyoonni hedduun ergamanii jiru. Garuu Nabiyyiin dhumaa addunyaa guutuuf ergamuun ergaan (risaalan) Rabbiin irraa dhufu xumuramee jira. Nabiyyiin dhumaa kuni Nabi Muhammad (SAW), kitaabni dhumaa isatti buufames Qur’aana. Amma gaafin namni tokko of gaafatu qabu kana ta’a. “Nabiyyin dhumaa erga ergamee fi kitaabni dhumaa erga buufame booda kitaabni kuni jijjiramu irraa yoo hin tiikfamin, namoonni akkamitti karaa qajeela Rabbitti nama geessu argachuu danda’uu?” Guyyaa Murtii Nabiyyiin nutti hin ergamne ykn Kitaabni qulqulluun nu bira hin geenye jechuun Rabbiin irratti mormii dhiyeessu danda’u? Kuni waan hin taanedha. Takkaa Nabiyyiin ergamuu qaba takkaa immoo kitaabni nabiyyitti buufame qulqullummaa isaa eeggatee turuu qaba. Filannoon 3ffaan hin jiru. Kanaafu, Qur’aanni jechaa Rabbiitii fi osoo hin jijjiramin hanga Guyyaa Qiyaama qulqullummaa isaa eeggatee kan turuu jechuudha.

41:42

Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42

Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin dhufu.[2] Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi.

Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2

Akkasumas, sheyxaanni namaa fi jinni Qur’aanatti hin dhiyaatan. Hatuu, wanta isa keessa hin jirre itti seensisuu, irraa hir’isuu fi itti dabaluu hin danda’an. Buufama isaa keessatti jechaa fi hiikan kan eeggame waan ta’eef.[3] Rabbiin ni jedha:

15:9

Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9

3.Hanga ammaatti fakkaataan Qur’aanaa dhabamuu fi ilmi namaa fidu dadhabuu
Qur’aanni mu’ijizaan (raajiin) kan guuttameedha. Jechoota muraasa fayyadamuun hiika bal’aa dabarsa. Kanaafi, seenaa keessatti tafsiirri (ibsi) Qur’aanaa kitaabban dhibbaatamatti lakkaawaman barraa’anii jiru. Barreessan hunduu ajaa’iba Qur’aana keessa jiru ajaa’ibsifate hin xumuru. Kanaafi, namoonni fi jinnooni fakkaataa akka Qur’aanaa fidu akka hin dandeenye Rabbiin jala muree dubbata.

17:88

Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Isra 17:88

Kana jechuun ilmaan namaa fi jinnooni osoo wal gargaaranii fakkaataa akka Qur’aanaa fiduuf walitti qabamanii, gonkumaa wanta Qur’aana fakkaatu fidu hin danda’an.

2:23

“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan, suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa.

2:24

“Yoo hin hojjatin, gonkumaa hin hojjattan. Kanaafu, ibidda bobo’aan isaa ilma namaati fi dhagaa ta’e kan kaafirotaaf qophaa’e sodaadhaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:23-24

Yeroo Qur’aanni bu’u Araboonni ogummaa hog-barruutin garmalee beekkamoodha. Walaloo irratti wal dorgomuu fi walitti dhaadachaa turan. Garuu yommuu Qur’aanni bu’u wanti isa dorgomu hin argamne. Qur’aanni walaloo akka isaanitis miti barreefama birootinis kan wal fakkaatu miti. Bifa (sytle) addaa kan qabuudha. Qureeshonni “Kuni kitaaba akkami! wanta takkuu hin dhageenyedha.” jechuun ajaa’ibsifachu turan.

Urga buufame kaase namoonni suurah (boqonnaa) akka Qur’aanaa fidu hin dandeenye. Mee akka fakkeenyatti kana haa ilaallu. Namni salaatu guyyaatti suurah Qur’aanaa keessaa Suuratul Faatiha xiqqaate xiqqaatu si’a 17 dubbisa. Seenaa keessatti, “Yeroo 17 dubbisuun nu hifachiise. Suuratul faatihan haa jijjiramtu.” namni jedhe tokkollee hin jiru. Amma gaafin dhiyaatu kana. Seenaa keessatti kitaaba ykn barreefama kamtu osoo hin hifatamiin guyyatti boqonnaan (suurahn) isaa yeroo 17 dubbifamaa? Gonkuma Qur’aana malee hin jiru. Namni barreefama tokko si’a 2,3,4 irra deddeebi’e dubbisuu danda’a. Garuu sani oli itti deddeebi’e dubbisuu ni hifata. Haa ta’uu malee Qur’aanni osoo yeroo kuma irra deddeebi’anii nama hin hifachiisu. Ji’a Ramadaanaa keessa namoonni si meeqa dubbisu? Akka seenatti si’a 30 guutuu isaa namoonni dubbisan jiru. Qur’aanni osoo jecha namaa ta’ee, namoonni hifannaa malee akkanatti irra deddeebi’anii ni dubbisuu? Gonkumaa hin dubbisan. Kanaafu, Qur’aanni jecha Rabbii olta’eeti.

Jecha Rabbiiti miti jedhee namni mormu yoo jiraate, “wanta suurah (boqonnaa) Qur’aanaa fakkaatu fidi.” jennaan. Kana yoo hin hojjatin, gonkuma gara fuunduraattis hin hojjattu. Kanaafu, ibidda bobo’aan isaa ilma namaati fi dhagaa ta’e kan kaafirotaaf qophaa’e sodaadhu.
Guduunfaa
✒ Qur’aanni Rabbiin irraa buufamu fi tiikfamuu isaa karaa adda addaatin mirkanessun ni danda’ama.
✒ Karaan jalqaba itti mirkaneessan Qur’aana qo’achuu fi irratti xinxalluuni.
✒ Qur’aanni osoo Rabbiin irraa ta’uu baate silaa jijjiramni fi wal faalleessun baay’een keessatti argamaa ture.
✒ Namoonni fi Jinniin fakkaata akka Qur’aana fiduuf osoo walitti qabamanii fakkaata isaa fidu hin danda’an. Sababni isaas, barnoonni fi beekumsi Qur’aana keessatti cuunfame wanta ilmi namaa walitti fidu miti. Seenaa darbee, wanta ammatti namaaf toluu fi wanta gara fuunduraatti dhufu hunda Rabbiin malee eenyutu beekaa? Kanaafu, Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbii ol’aanati.
✒ Guddinni teknolojii fi beekumsaa Qur’aana jijjiruu fi fakkaataa akka isaa fidu hin dandeenye.
✒Qur’aana keessatti wanti nama ajaa’ibsisuu biraa, seenan isa keessa jiru qulqullinna kan eeggate fi gabaabinnaan kan dhiyaatedha. Maqaa namoota hundaa waamu fi wanta faaydi hin qabne odeessun seenaa hin dheeressu. Barnootaf wanta ta’u qofa seenaa keessaa baasa.

Kitaabban Wabii:
[1] Taysiiril Kariimil Rahmaani fii tafsiiril Kalaamil Mannaani-fuula 205
[2] al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa  gabaabinnaan fuula 312 irraa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,
[3] Taysiiril Kariimil Rahmaani fii tafsiiril Kalaamil Mannaani-fuula 882

Shakkii Qur'aanaa Qulqullessuuf-2- Qur'aana fi Saayinsi
Qur’aanni Akkamitti Barreefamaan Walitti Qabamee?
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.