Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 1ffaa

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti waa’ee iimaanaa fi Islaama ilaalle turre. Har’as itti fufuun harkaana (hundeewwan) iimaanaa jahan tokkoon tokkoon ni ilaalla. Hundeewwan iimaanaa jahan kanniini: Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadara (wanta murteefametti) amanuudha.

Jireenya keessatti namni kamiyyuu “Eenyutu dachii, samii fi wantoota isaan jidduu jiran kana hunda uumee?” jechuun of gaafata. Dachii fi samiin ofiin of uumuu ykn tasa argamuu danda’u? Ilmi namaa isaan uumu danda’aa? Guyyaa guyyaan namni dhalatu hoo ofiin of uumuu danda’aa? Gonkuma humna ofiin of uumuu hin qabu, namoonni biroos humna isa uumu hin qaban. Kanaafu, Khaaliqni (Uuman) wanta hundaa irratti Danda’aa ta’ee akka jiru ni amanna. Garuu Rabbitti amanuu jechuun maal jechuudhaa?

Rabbii qulqullaa’aa olta’etti amanuu jechuun Jiraachu Rabbii, Gooftummaa Isaa, Tokkichummaa fi haqaan gabbaramuu Isaa fi asmaa’a wa sifaata Isaa jala muranii dhugoomsu, guutumaan guututti mirkaneessu fi itti amanuudha. Kanaafu Rabbitti amanuun wantoota afur of keessatti qabataa jechuudha. Isaanis: (1) Rabbiin Qulqullaa’an olta’e jiraachutti shakkii tokko malee amanuu (2) Gooftummaa Isaatti dhugaan amanuu. Kana jechuun Uuman, Mootiin, Qindeessan, nyaachisaa fi obaasan wanta hundaa Rabbii ol’aanu qofa akka ta’e amanu. (3) Tokkichummaa fi haqaan gabbaramuu kan qabu Rabbiin qofa akka ta’e amanu. (4) Asmaa’a wa sifaat (Maqaalee fi amaloota) gaggaarii Rabbiitti amanuu-kana jechuun Rabbiin qulqullaa’an olta’e amaloota gugguutuu fi maqaalee gaggaarin Kan ibsamu akka ta’e amanu. Amaloota hanquu fi hir’uu irraa qulqullu akka ta’e amanu.[1]

Mee amma wantoota irranatti tarreessine tokkoon tokkoon haa ilaallu.

  1. Jiraachuu Rabbitti amanuu

Jiraachu Rabbii olta’aa karaalee armaan gadiitin mirkaneessun ni danda’ama: Uumamaan (al-fixrah), aqliin, shari’aanii fi miira.

1.Uumamaan (al-fixrah)- Jiraachu Rabbii olta’aa uumaman kan mirkaneessu, wantoonni uumaman hundii yaada yookiin barnoota dursaa tokko malee Uumaa isaanitti amanuu irratti uumaman. Eenyullee uumama kanarraa hin garagalu, nama qalbii isaa irratti wanta kanarraa garagalchu yoo itti darbame malee. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedha:

Daa’imni kamiyyuu hin jiru fixraah (uumama) irratti kan dhalatu yoo ta’ee malee. Ergasii abbaa fi haati isaa gara Yahuudaa yookiin Kiristaana yookiin Majuusaatti jijjiru.Sahih al-Bukhari 1359

2.Ragaan aqlii (sammuu) Rabbiin jiraachu agarsiisu immoo uumamtoonni durii fi kan boodaa Kaaliqa isaan argamsiise qabaachu qabu. Sababni isaas, mataa ofitiin of argamsiisu (uumu) hin danda’an. Akkasumas, sababa tokko malee ofumaan tasa argamu hin danda’an.

Mataa ofiitiin of argamsiisu (uumu) hin danda’an. Sababni isaas, wanti tokko ofiin of uumu hin danda’u. Argamuu isaatin dura kan hin argamne (hin jirre) waan tureef. Wanti duraan hin jirre uumaa ta’uu danda’aa? (Fakkeenyaf, aduun guyya guyyaan ifa kennitu tuni ofiin of uumun guyyaa guyyaan ifa kennu dandeessi? Ampuulin elektriki manatti itti fayyadamnu ofiin of uumee ibsaa nuuf kennu danda’aa? Akkuma ampuulin ofiin of uumu hin dandeenye aduunis ofiin uumu hin dandeessu. Kanaafu, Uuman ishii uume jiraachu qaba. Ammas, akkuma ampuulin ofiin of ibsuu fi dhaamsu hin dandeenye, aduunis ofiin gara bahaatin baate gara dhiyaatin seenu hin dandeessu. Kanaafu, Kaaliqni wanta hundaa too’atu aduu gara bahaatin baase gara dhiyaatin seensisu jiraachu qaba.)

Akkasumas, uumamtoonni kunniin tasa argamuu hin danda’an.  Sababni isaas, wanti argamu hundi kan isa argamsiise jiraachu qaba. Dabalataan, qindaa’inni nama ajaa’ibsiisu kunniini fi wal-simannaan madaala ofii eeggate, walitti dhufeenyi sababa fi bu’aa jidduu jiru, akkasumas, walitti dhufeenyi uumamtoota jidduu jiru, tasa akka hin argamne taasisa. Wanti tasa argame hundema isaatiyyuu sirnaa fi tartiiba isaa kan hin eegganne ta’ee osoo jiruu, akkamitti haala turtii fi guddinnaa isaa keessatti qindaa’inna fi tartiiba isaa kan eeggate ta’uu danda’aa? Uumamtoonni kunniin hundii ofiin of uumu fi sababa tokko malee tasa argamu waan hin dandeenyef Argamsiisan isaan argamsiise jiraachu qaba. Innis Allah (Rabbii) Gooftaa addunyaa hundaati.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ragaa sammuu kana suuratu ax-Xuur keessatti akkana jechuun dubbata:
52:35
Sila isaan osoo wanti isaan uumu hin jirre uumaman moo isaanumatu uumtotaa?” Suuratu ax-xuur 52:35

Kana jechuun isaan Uumaa malee hin uumamne (Uuman (Kaaliqni) isaan uumu jiraachu qaba.) Akkasumas, isaan ofiin of hin uumne. Kanaafu, Uuman isaanii Rabbii olta’aa akka ta’e dhugaadhaan ni beekkama. Kanaafi, Jubeeyr ibn Mux’im (Rabbiin isarraa haa jaallatu) yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) suuratu ax-xuur qara’uun aayaata tanniin irra gahan dhagahe,“Sila isaan osoo wanti isaan uumu hin jirre uumaman moo isaanumatu uumtotaa? Yookiin samii fi dachii uumanii? Lakki, isaan yaqiina hin qaban. Kuusaa Gooftaa keetitu isaan bira jira moo isaantu injifattootaa?” Suuratu ax-xuur 52:35-37 (Yaqiina- jechuun shakkii tokko malee dhugaan amanuudha)

Yeroo san Jubeeyr mushriika (nama Rabbiin waliin waan biraa waaqefatu) ture. Aayata armaan olii erga dhageefate booda akkana jedhe, “Qalbiin tiyya balali’uutti dhiyaatte. Kuni yeroo jalqabaatif iimaanni qalbii kiyya keessa kan qubateedha.”  Sahiih Al-Bukhaari 4854

Fakkeenya kana ifa godhuu mee haa dhiyeessinu: osoo namni tokko waa’ee gamoo dheeraa garmalee bareedu, ashaakiltiin (kuduraa fi fuduraan) marfamee kan burqaan bishaanii keessa yaa’u, afaa babbareedaa fi boraatin guuttame, faaya adda addaatin faayame sitti hime. Ergasii akkana siin jedha: “Gamoon kuni fi wanti isa keessa jiru hundi ofiin of argamsiise. Yookiin osoo wanti isa argamsiisu hin jiraatin tasa argame.” Oduu isaa kana yommuu dhageettu yoosu isa kijibsiifta, hin fudhattu, dubbiin isaa kuni dubbii gowwaa akka ta’etti lakkoofta.

Kanaafu, kana booda uumamni bal’aan dachii fi samii, urjiilee fi wantoota baay’ee of keessaa kan qabu, qindaa’inni fi sirnii isaa kan nama ajaa’ibsiisu kuni ofiin of argamsiisu (uumu) ni danda’a yookiin wanti isa uumu osoo hin jiraatin tasa ni argama jechuun ni hayyamamaa?!

3.Ragaa shari’aa Rabbiin olta’aan jiraachu agarsiisu- Kitaabba samii bu’an hundi kana ni dubbatu. Fooyya’insa namootatiif murtiwwanii fi seeronni kitaabban bu’an kunniin of keessatti qabatan, Rabbii Ogeessa wanta uumamtoota Isaatiif tolu kan beeku irraa akka bu’an kan agarsiisudha. Dabalataan, kitaabban buufamanii waa’ee uumamtoota ilaalchise dubbatani fi kan argamuun isaanii ijaan mul’atu, Rabbii wanta beeksise argamsiisu irratti Danda’a ta’e irraa akka bu’an ragaa agarsiisudha. (Fakkeenyaf, Qur’aanni waa’ee uumama namaa, samii, dachii fi kkf ni dubbata. Akkamitti bubbeen dumeessa dhiibdu, ergasii dumeessa tuutta’e fi gurraachate irraa Rabbiin bishaan buusu ni hima. Kanaa fi kan biroo Qur’aanni ni dubbata. Waa’ee uumamtoota ilaalchise wanti inni dubbatu hundi wanta namni hunduu ijaan arguudha. Kanaafu, Qur’aanni Rabbii beekaa wanta hundaa uumu irraa kan bu’eedha.)

4.Ragaa hissiyy (miiraa) Rabbiin qulqullaa’an olta’e jiraachu agarsiisu immoo karaa lamaan ilaalun ni danda’ama.

Karaa 1ffaa– Yommuu warroonni du’aayi godhan (Rabbiin kadhatan) du’aayin (kadhaan) isaanii deebii argattu, namni garmalee rakkate yommuu Rabbitti iyyatu, Rabbiin rakkoo keessaa isa baasu ni argina, ni dhageenya. Kuni hundi jiraachu Rabbii shakkii tokko malee kan agarsiisudha.  Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:
21:76
Nuuhinis yeroo inni san dura [Nutti] lallabee ergasii isaaf awwaannee, isaa fi maatii isaa cinqaa guddaa keessaa baraarre [yaadadhu]” suuratu Anbiyaa 21:76

Nabii Nuuh Rabbiin ni kadhate. Rabbis kadhaa isaa dhagahun deebii kenneef. Isaa fi maatii isaa dhiphinna guddaa irraa ni baraare.

Sahiih al-Bukhaari keessatti Anas ibn Maalik (radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase; “Yeroo Ergamaa Rabbii (SAW) namoota hoongen ni tuqxe. Guyyaa Jimaataa Ergamaan Rabbii (SAW) osoo khuxbaa godhaa jiranu namni baadiyarraa dhufe tokko masjiida seene. Namni kunis akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! qabeenyi badee, ijoollen beelofte, Rabbiin nuuf kadhu.” Ergamaan Rabbiis harka olkaasun Rabbiin kadhatan. Yeroo sanitti dumeessi wanta jedhamu samii irra hin jiru. [Akkuma Ergamaan Rabbii(SAW)  du’aayi godhaniin] yoosu dumeessi gaara fakkaatu mul’ate. Osoo Ergamaan Rabbii (SAW) minbarii (barcumaa khuxbaa irratti godhan) irraa hin bu’in rooba areeda isaa irra gadi yaa’u arge. Roobni guyyaa san, guyyaa lammataa, sadaffa, afraffaa fi hanga guyyaa Jimaata itti aanuu ni roobe. [Guyyaa Jimaata lammataa kana] Namni baadiyaa kuni yookiin namni biraa dhaabbatee akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Manneen jigan, qabeenyi bishaanin harame, Rabbiin nuuf kadhu. Ergamaan Rabbiis harka olkaasun akkana jedhan, “Yaa Rabbii! nurratti mitii naannawa keenyarra godhi.” Harka isaatin gara itti akeeku sanitti dumeessi ni bittinaa’e…” Sahih al-Bukhari 1033

Hanga ammattu namoonni dhugaa fi uulaagaalee du’aayi guutun Rabbiin kadhatan du’aayin (kadhaan) isaanii fudhatama argachuun wanta ragaa bahamuudha.

Karaan 2ffaan Mallatoolee Nabiyyoota “Mu’ijizaa (raajii)” jedhaman namoonni argan yookiin dhagahan ragaa jala muraa Kan nabiyyoota erge, kana jechuun Rabbiin jiraachu kan agarsiisaniidha. Sababni kanaa, mu’jizaan wanta namni hojjachuu hin dandeenye fi ergamtoota Isaa gargaaruf Rabbiin qofti kan hojjatuudha. Akka fakkeenyatti, mu’ijizaa (raajii) Nabi Muusaf kenname kaasun ni danda’ama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Muusaa ulee isaatin akka galaana rukutu ajaje. Erga rukute booda galaanni karaa goggaa kudha lamatti addaan qoqqoodame. Bishaan isaan jiddu jiru akka gaaraa ta’e. Rabbiin ni jedha:

“Gara Muusaatti, “Ulee keetiin galaana rukuti.” [jechuun] wahyii (beeksisa) goone. [Yerooma inni dhayu] ni qoqqoodame; kutaan qoodame hundi isaa akka gaara guddaa ta’e.”  Suuratu Ash-Shu’araa 26:63

Fakkeenyi lammataa, Qureeshonni Makkaa Ergamaa Rabbii (SAW) irraa mallattoo barbaadan. Ergamaan Rabbis gara ji’aatti akeekan. Jiiynis bakka lamatti baqaqe. Namoonnis kana ni argan. Kana ilaalchise Rabbiin ni jedha:
54:1
“Qiyaaman kaloofte (dhiyaatte); Jiinnis lamatti dhoohe.” Suuratu Al-Qamar 54:1

Mallatooleen ijaan mul’atan kunniin kan Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota Isaa ittiin gargaaruf akka argaman taasisu, ragaa ifa bahaa fi jala muraa jiraachu Isaa agarsiisudha.

Guduunfaa

✒ Rabbitti amanuu jechuun shakkii tokko malee Jiraachu Isaatti, Gooftummaa Isaatti, Tokkichummaa fi haqaan kan gabbaramu Isa ta’uu Isaatti fi maqaalee gaggaarii fi amaloota gugguutun kan ibsamu (wassafamu) akka ta’e amanuudha.
✒ Ragaaleen Rabbiin jiraachu agarsiisan lakkoofsa hin qaban. Garuu ragaalee kanniin bakka afur gurguddaa jalatti ramaduun ni danda’ama.
✒ Daa’imni kamiyyuu yommuu dhalatu Rabbii tokkichatti amanu irratti dhalata. Ergasii sababa maatitiin ykn naannotiin Rabbii gaditti wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) karaa sirrii irraa jallata.
✒Gamoon (fooqin) dheeraa fi bareedan, afaa fi ashaakiltiin guuttame ofiin of ijaaru danda’aa? Yookiin tasa argamuu danda’a? Haaluma kanaan, dachii fi samiin, urjileen samii bareechisan ofiin of uumu danda’u? Yookiin tasa argamuu danda’u???!
✒Wanti tokko ofiin of uumu hin danda’u. Sababn isaas, argamuu isaatin dura kan hin argamne (kan hin jirre) waan tureef. Wanti duraan hin jirre uumaa ta’uu danda’aa?
✍ Namni tokko Rabbiin kadhatee yommuu wanta kadhate san Rabbiin kennuuf ykn rakkoo keessaa isa baasu, kuni ragaa Rabbiin olta’e jiraachu agarsiisan keessaa tokko.
✍ Mu’ijizaan (raajiin) ergamtootaf kenname ragaalee Rabbiin subhaanahu wa ta’aala jiraachu agarsiisan keessaa tokko. Sababni isaas, mu’ijizaa kanniin Rabbiin malee eenyullee hojjachu hin danda’u.

Kitaabban wabii:
Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 239 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
Arabic: Sharih Usuuli salaasa Fuula 80-84 Ibn Useymiin
English: Explanation of the Three Fundamental Principles of Islaam Page 66_68

 

 

 

Gooftaan Kee Eenyu-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.