Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Galannii fi Faaruun hundi Rabbii kitaaba gabricha Isaa irratti buusee fi kitaabicha keessatti jallinna wayitu kan hin godhiniiti. Galanni fi faaruun hundi Qur’aana ibsaa jireenyaa namoonni itti qajeelanii fi dukkana keessaa itti bahan Rabbii taasiseef haa ta’uu. Ibsaa kana keessaa tokko namoonni Gooftaa ofii beekuudha. Osoo Qur’aanni bu’uu baate silaa namoonni akkamitti Gooftaa isaan uumee fi kunuunsu beekanii? Kanaafi, namoonni Qur’aana irraa garagalan dukkana kufrii keessa jiraatu. Namni dukkana fi rakkoo jireenyaa keessaa bahuu fedhe, Rabbiin sirritti beekuuf haa carraaqu. Namni Rabbii ofii beeku barbaade, Qur’aana haa ilaalu. Qur’aanni haala gaarii fi ifa ta’een waa’ee Rabbii ilaalchise ibsa. Wal-diiggaa fi wanti nama dhamaasu isa keessatti hin argamu. Har’as itti fufuun mee maqaalee Rabbii muraasa haa ilaallu.

Al-Malik (Mootii)
Imaam ibn Al-Qayyiim (rahimahullahu) akkana jedha: “Al-Malik (mootii)- jechuun Kan ajaju, Kan dhoowwu, kan jabeessu, kan salphisudha. Akkasumas, Kan dhimmoota gabroota Isaa akka fedhetti jijjiruu fi gaggaragalchuudha. Rabbiin Al-Malik (Mootiidha)- jechuun Kan ajajuu fi dhoowwu, kan mindaa kennuu fi adabu, kan salphisuu fi kabaju, kan jabeessu fi xiqqeessu Isa jechuudha.” [1] (ilaali suuratu Ali imraan 3:26)
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni uuma, ni ajaja, ni dhoowwas. Rabbiin ni jedha:
أَلَا لَهُ ٱلۡخَلۡقُ وَٱلۡأَمۡرُۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِين
Dhagayaa! Uumuunii fi ajajuun kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun Isaa baay’atte.” Suuratu Al-A’araaf 7:54
Uumamtoota erga uumee akkanumatti hin dhiisne.

75:36
 Sila namni akkanumatti dhiifamu yaadaa?” suuratu Al-Qiyaamaa 75:36

Imaamu Shaafi’iin aayaa tana ilaalchisee ni jedha: Kan hin ajajamnee fi kan hin dhoowwamne ta’ee akkanumatti kan hafuu [ta’uu isaa yaadaa?], Aalimni biraas akkana jedhe, “Wanta gaarii fi badaa hojjateef jazaa hin argatu, hin mindeefamu, hin adabamu ta’uu isaa yaadaa?”
Himoonni lamaan kan wal qabataniidha. Imaamu Shaafi’iin mindaa fi adabbiif wanta sababa ta’e dubbate. Sababni kunis, ajajuu fi dhoowwudha. Aalimni lammataa immoo kaayyoo ajajuu fi dhoowwu dubbate. Innis, mindeessuu fi adabuudha.
Kanaafu, Rabbiin ilmaan namaa wanta tokko akka hojjatan ni ajaja, wanta tokko irraa ni dhoowwa. Dhumarratti, nama ajaja Isaa fudhatee hordofe ni badhaasa ykn mindaa kennaaf, nama dide immoo ni adaba. Kana irraa kan ka’e, Ergamtoota erge, kitaabban buuse, daa’iwwan uummata keessa facaase. Wanta ilmaan namaa hojjachuu fi dhiisu qaban kitaabban buusun ifa taasise. Akkasumas, badhaasa nama ajaja Isaa fudhatee fi adabbii nama Isa dide kitaabban keessatti ni tarreesse. Kuni sifaata (amaloota) mootiiti.

23:115
“Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu ni yaaddu?
23:116
Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e. Isa malee Kan haqaan gabbaramu hin jiru. Inni Gooftaa Arshii kabajamaati.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:115-116

Yaa namoota “Nuti taphumaaf waan isin uumne…yaaddu?” kana jechuun akkanumatti fi sobaan waan isin uumne seetu (yaaddu)? Ni nyaattu, ni dhugdu, ni bashannantu, faaydaa addunyaatti ni fayyadamtu, ergasii osoo isin hin ajajinii fi hin dhoowwin, hin mindeessinii fi hin adabin akkanumatti isin ni dhiisnaa? Kanaaf akkana jedhe, “gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu yaaddu? (Kana jechuun “Ganda Aakhiraa keessatti gara Keenyatti hin deebifamnu.” jettanii ni yaaddu?) “Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e” kana jechuun yaada sobaa kanarraa Rabbiin guddate, olta’e, qulqullaa’e. Yaanni sobaa kuni hikmaa (ogummaa) Rabbitiin kan wal faallessudha. Akkamitti Rabbiin wanta tokko uumee ergasii akkanumatti dhiisaa? Namoota badii garmalee hojjatan osoo hin adabin, namoota hojii gaggaarii halkanii guyyaa hojjatan osoo hin badhaasin akkanumatti ni dhiisaa? Lamuu kaafamuu amanuuf haala umama ofii ilaalun ni danda’ama. Bishaan cobaa san irraa nama lafee fi fooniin guuttame Kan uumee akkamitti lamuu deebisee uumuun isa dhibaa?

Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’ee. Isa malee kan haqaan gabbaramu hin jiru.” Uumamtoota hundaaf Mootii haqaa ta’uun Isaa dubbii Isaa keessatti, waadaa fi akeekachisaa Isaa keessatti Inni haqa ta’uu Isaa agarsiisa. (Kana jechuun dubbiin Inni dubbatu dhugaa sobaan walitti hin makamneedha. Waadaan Inni warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif seene haqa. Akeekachisni (adabbiin) Inni warroota kafaranii fi hojii badaa hojjataniif seene haqa.) Gama hundaan Guutuu waan ta’eef haqaan gabbaramuu kan qabu Isa. “Inni Gooftaa Arshii kabajamaati.” [4]

Hubannoo– Mootiin Haqaa Rabbiin malee hin jiru. Ilmi namaa mootii ta’uu danda’a. Garuu mootummaan isaa hanquu, biyyaa fi yeroo murtaa’atti kan daangefameedha. Garuu Mootummaan Rabbii samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan haguugudha. Inni yeroo hundaa Mootiidha. Ni ajaja, ni dhoowwa, nama gaarii hojjate ni badhaasa, nama badaa hojjate karaa adda addaatiin ni adaba. Nama fedhe ni kabaja, nama fedhe ni salphisa. Nama fedhe ni jabeessa nama fedhe ni xiqqeessa. Wanti guddaan Rabbiin Mootii ta’uu irraa barannu, Rabbiin akkuma jalqaba nu uume, Kan nu ajaju fi dhoowwu, kan nu mindeessu fi adabu, kan dhimmoota keenya akka fedhetti jijjiruu Isa. Kana yoo beekne addunyaa tana keessatti akka horii akka hin jiraanne nu taasisa. Kana jechuun adabbii Rabbii jalaa bahuu fi badhaasa Isaa argachuuf hojii gaarii ni hojjanna, hojii badaa irraa immoo ni dheessina. Rabbiin dhumarratti hojii keenyaf nu badhaasa ykn nu adaba jennee waan amannuuf.

Ash-Shahiid (Ragaa Bahaa)
Maqaalee gaggaarii Rabbii keessaa tokko Ash-Shahiid. Ash-Shahiid jechuun wantoota hundaa irratti ragaa kan bahu, kan arguu, kan beeku fi homtuu Isarraa kan hin dhokanneedha. Maqaan kuni kan nutti agarsiisu, wanti ija namaatti hin mul’anne, Rabbitti ni mul’ata. Dachii fi samii keessatti wanti Isa jalaa dhokatuu fi miliquu waan hin jirreef.[1][2]

Shahaadan (ragaa bahuun) sadarkaalee afur qaba. Isaanis:
1. Beekumsa fi baruu- wanta ragaa irratti bahan beeku fi dhugaa ta’uu isaa mirkaneessu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundaa waan beekuf wanta hundaa irratti ragaa baha.
2. Sadarkaan 2ffaa shahaada- wanta beeke san dubbachuu. Namoota birootti osoo beeksisu baateyyu nafsee ofii keessatti wanta argee fi beeke ni dubbata.
3.Wanta ragaa bahee ykn argee namoota birootti beeksisuu, ifa baasu fi ibsuudha. Kuni gosa lama qaba. Gochaan beeksisuu fi dubbiin beeksisu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jiraachu fi Tokkicha ta’uu Isaa gochaa fi dubbiin beeksisee jira. Gochaan yommuu jennu hojii hojjatuun. Samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran uumun, qindeessu fi too’achuun gochaan agarsiise fi beeksise jira. Kuni jiraachu fi Tokkicha ta’uu Isaa wanta ragaa bahuudha. 2ffaa Kitaabban buusun dubbiidhaan ilma namaatti beeksise jira.
4. Itti ajajuu fi hojii irra akka oolchu qabsiisu- Rabbiin Tokkicha ta’uu fi Isa malee gabbaramaan dhugaa akka hin jirree ragaa bahee jira. Akkasumas, ilma namaatti beeksisee jira. Wanta beeksisee kana hojii irra akka oolchan itti ajaja. Kana jechuun Isa qofa akka gabbaran ni ajaja, wanta biraa gabbaruu irraa ni dhoowwa.[3]
Rabbiin subhaanahu wantoota hundaa irratti ragaa baha. Rabbiin ni jedha:

58:6
Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu]. Isaan kan dagatan ta’anii Rabbiin beekee galmeesseera. Rabbiin waan hundaa irratti ragaa bahaadha.” Suuratu Al-Mujaadilah:6

Rabbiin Ash-Shahiid (wantoota hunda irratti ragaa kan bahu) ta’uu yoo amanne, hojii gaarii akka hojjannuu fi hojii badaa irraa akka of qusannu nu taasisa. Hojiin gaariin keenya Rabbiin biratti kan hin banne ta’uu abdachuun hojii gaarii dabalataa hojjachuuf ni carraaqna.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

10:61
Haala kamillee keessatti hin taatu, Qur’aana irraas hin dubbiftu, dalagaa irraa waan tokkos hin hojjattan, yeroo isin isatti seentan, Nuti isin irratti ragaa taanu malee hin hafu. Wanti hanga atomii dachii keessattis ta’ee, samii keessatti Rabbii kee jalaa hin miliqu (hin dhokatu). Wanti san irra xiqqaas ta’ee guddaan kitaaba addeessaa ta’e keessatti jiraatu malee hin hafu.” Suuratu Yuunus 10:61

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sochii fi taa’umsaa gabroota keessatti haala isaanii hunda akka arguu, beeku fi ragaa irratti bahuu ni beeksisa. Dhimma addunyaas ta’ii Aakhiraa, “Haala kamillee keessatti hin taatu” Rabbiin kan ragaa irratti bahuu ykn arguu yoo ta’e malee. Haala kamiyyuu keessatti yoo taate, Inni si arga. Qur’aana irraas hanga ta’e hin qaraatu Rabbiin kan irratti ragaa bahu yoo ta’ee malee. Wanta Qur’aana irraa hamma ta’e qaraatu Rabbiin ni arga, ni beeka. Hojii irraa guddaas ta’i xiqqaas, gaariis ta’ii badaa yommuu hojjachuu jalqabdaani fi itti fuftan, Rabbiin hojii san irratti ragaa bahaadha. Kana jechuun ni ilaala, ni beeka. Kanaafu, hojiiwwaan keessan keessatti Rabbiin ofirratti eegaa. Wanta Rabbiin jibbuu isin irraa arguu irraa of eeggadhaa. Inni isin kan arguu fi keessaa fi ala keessan kan beeku waan ta’eef.[4]
Guduunfaa
♠Al-Malik (Mootiin) kan ajajuu, dhoowwu, gaarii kan hojjateef kan badhaasu, badaa kan hojjateef kan adabuudha.
♥Rabbiin Mootii haqaati. Akkuma ilmaan namaa uume, hojii gaaritti ni ajaja, hojii badaa irraa ni dhoowwa. Nama ajaja Isaa tolee jedheef mindaa gaarii qopheesse, nama ajaja isaa dide immoo adabbii cimaa qopheessee jira.
♥Rabbiin ilmaan namaa akkanumatti uumee kan dhiisu miti. Guyyaa Qiyaamaa ilmaan namaa hundii gara Isaatti deebifamuun wanta hojjataa turaniif ni qoratamu. Namni amanee fi gaarii hojjate gara Jannata, namni kafaree fi badaa hojjatee gara Jahannam deema.
♥Rabbiin wantoota hunda irratti ragaa bahaadha. Wanta tokko irratti ragaa bahuun wanta san sirritti beeku fi dhugaa ta’uu mirkaneessu, dubbachuu, beeksisuu fi itti ajajuu ykn hojii irra oolchu of keessatti qabata.
♥Rabbiin haala ilmaan namaatii fi wantoota isaan hojjatan hunda irratti ragaa bahaadha. Kana jechuun ni beeka, ni arga yoo barbaachisaa ta’e immoo ni beeksise. Fakkeenyaf, yeroo Qur’aanni bu’uu wanta munaafiqonni fi kaafiroonni dhoksaa fi halkaniin hojjataa turan ifaa baase jira. Wanta badaa isaan yaadan ifa godha. Guyyaa Qiyaamaas wanta namoonni hojjataa turan ifa baasa, isaanitti ni beeksiisa.
♣Namni kamiyyuu “kophaa jiraa wanta fedhee yoo hojjadhe kan na argu hin jiru” jechuun of gowwoomsu hin qabu. Isaa ol Rabbii isarratti ragaa bahutu jira.
Kitaabbilee Wabii
[1] Sharih Ibn Al-Qayyim li asmaa’il husnaa-fuula 46, 118
[2] In The Company of God – fuula 157
[3] Bidaa’u Tafsiir-1/217-220, Imaamu ibn Al-Qayyim
[4]Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii- Daarus salaam

Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.