Firii Malaaykotatti Amanuu

Offline dubbisuf

Wanti itti amananii fi hojjatan tokko gaarii yoo ta’e, firiin (bu’aan) isaas akkasuma guddaadha. Kutaa darbe keessatti waa’ee malaaykotati amanuu kaasne turre. Tarii namni tokko, “Bu’aan ani malaaykotatti amanuun argadhu maali?” jechuun of gaafachu danda’a. Nuti iimaana Ergamaan Rabbii (SAW) namoota itti waamaa turanitti mataa keenya fi namoota kan itti waamnuuf bu’aa namoonni darban irraa argatan argachuufi. Bu’aan sunis sa’aadatu duniya wal aakhirah (gammachuu addunyaa fi Aakhirah) argachuudha.  Kanaafu, malaaykotatti amanuun wanta gammachuu addunyaa fi Aakhiraa isaaf fidu keessa tokko. Akkuma yeroo darbe jenne malaaykotatti amanuu jechuun isaan jiraachutti, hojii isaanitti, amaloota isaanitti fi gabroottan Rabbii ta’uutti amanuudha. Malaaykotatti amanuu irraa firii argannu keessaa:

1-Guddinna, dandeetti fi angoo Rabbii beeku. Sababni isaas, guddinna uumamtoota guddinna Uumaa agarsiisa.

2-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu malaaykota kanniin ilma namaa akka eegan, hojii isaanii galmeessanii fi hojii biroo akka hojjatan bakka buusu, ilma namaatif xiyyeefannoo fi kunuunsa akka kenne agarsiisa. Kanaafu, Rabbii kana godheef galata galchuun ni barbaachisa.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa malaaykota ilma namaa karaa adda addaatin akka eegan bakka buuse. Isaan keessaa inni guddaan kitaabban sababa malaykaatan ilma namaatti buusun qalbiin isaanii akka toltu taasisudha. Ilmi namaa akkuma kitaaba Rabbiin irraa bu’e baratanii fi hojii irra oolchan qalbii fi jireenyi isaanii guutuun tolti. Rabbiin ni jedha:

10:57

Yaa ilmaan namaa,dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee,waan qoma keessa jiruf qoricha,mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif) qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte.”Suuraa Yuunus 10:57

“Asitti ‘gorsi’ Qur’aana- kan waan gaariitti nama ajaju waan badaa irraa nama dhorgu. Wanti qoma keessa jiru immoo wallaalummaa, shirkii, shakkii, munaafiqummaa,fi kkf. Qajeelfama yoo jedhu immoo wanta haraama fi halaala addaan baase kan ibsu.” Muhsin Khan  English translation of Noble Qur’an irraa fudhatame.

Eeggumsi lammataa Rabbiin ilma namaatiif taasise, eeggumsa qaamati. Duraa duuban waan badaa irraa isa akka eegan malaaykota taasise. Wanta Rabbiin dursee murteesse ykn katabe malee wanti badaan ilma namaa tuqu hin jiru. “Jedhi, ‘Waan Rabbiin nuuf barreesse malee homtu nu hin muudatu.’” (suuratu Tawbah 51).  Rabbiin ni jedha:

Tokkoon tokkoon [namaatiif] malaaykota wal duraa duuban ta’anii fuuldura isaatii fi duuba isaa irraan ajaja Rabbiitiin eegantu jiru.” Suuratu Ar-Ra’d 13:11

Kana jechuun malaaykota halkanii guyyaa wal duraa duuban dhufun tokkoon tokkoon namaa ajaja Rabbiitiin wanta badaa dhokataa fi ifa ta’e irraa eegantu jira. Kunis kan ta’uu dallaa murtii Rabbii keessatti. Rabbiin wanti badaan nama san akka tuqu yoo murteesse, eenyullee waan badaa sanirraa isa hin eegu. Malaaykonni nama tokko duraa duuban kan eegan ajaja Rabbiitini.

Eeggumsi sadaffaan Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaatiif taasise, eeggumsa hojii isaaniiti. Ilmi namaa halkanii guyyaa hojii tokko hojjachuuf ni carraaqa. Keessattu, namni hojii gaarii Fuula Rabbii fi ganda Aakhirah barbaaduf hojjatu, hojii isaa kana kan isaaf galmeessu yoo hin jiraatin abdii kutuun hojjicha dhiisa. Rabbiin rahmataa fi adlii (haqa) Isaatiin hojiin namni kamiyyuu hojjatu akka hin banne malaykoota hojii namni hojjatu hunda galmeessan kaa’e. Qur’aana keessatti suurah lama keessatti kaafame jira. Rabbiin ni jedha:

50:17

“Mirgaa fi bitaa irra taa’un yeroo jecha fuutonni lamaan jecha fuudhan [yaadadhu]

50:18

Namni jecha homaatu hin dubbatu isa waliin eegaa [jecha isaa galmeessuf] qophaa’e yoo jiraate malee.” Suuratu Qaaf 50:17-18

“Mirgaa fi bitaa irra taa’un yeroo jecha fuutonni lamaan jecha fuudhan” kana jechuun malaykoonni lama nama kamiyyuu waliin ni ta’u. Tokko gara mirgaatin hojii gaarii namni hojjatu galmeessa, kan biraa immoo gara bitaatin hojii badaa namni hojjatu galmeessaf. Yeroo hundaa itti gaafatamummaa isaanii kana bahuuf taa’anii eegu. Nama kana yeroo hundaa waliin ta’u, isarraa adda hin bahan. Jecha dubbatuu fi hojii namni hojjatu hunda galmeessuf yeroo hundaa kan qophaa’aniidha. Akkuma Rabbiin jedhe:

“Dhoorgamaa! Guyyaa Murtii ni kijibsiiftu. Dhugumatti, isin irra eegdotatu jira. Kabajamoo barreessitoota ta’an. Wanta isin hojjattan hunda ni beeku.” Suuratu Al-Infixaar 82:9-12

Kana jechuun Guyyaan Murtii (Qiyaamaan) hin jirru jechuun mormitu ykn itti hin amantan. Isin wanta hojjataa turtaniif osoo hin qoratamin gonkumaa hin haftan. Kanaaf, Rabbiin malaykoota kabajamoo dubbii fi hojii keessan galmeessan, hojii keessan hunda beekan kaa’ee jira. Hojii kana keessaa hojiin qalbii fi hojiin qaamaa ni seena. Hojii gaarii fi badaa, niyyaan kan tole fi hin tollee sirritti addaan baasanii beeku. Wanti isiniif ta’uu malaykoota kanniin kabajuutu isin irra jira. Kana jechuun wanta fokkuu hojjachuun isaan waliin hin oolinaa ykn hin bulinaaa. Isaan wanta isin hojjatan hunda waan galmeessaniifi.

Gabaabumatti, nama hundaafu malaaykonni lama hojii isaa eegan, ilaalanii fi galmeessan bakka buufamanii jiru. Malaaykonni kunnin yeroo hundaa nu waliin kan deemanii fi addaan hin baanedha. Garuu miira keenya irraa dhokatoodha. Ijaan isaan arguu hin dandeenyu. Akkuma shari’aan Islaama mirkaneesse malaaykonni lamaan nu waliin jiraachu ni amanna. Akkamitti akka barreesan, maal fayyadamanii hojii fi dubbii keenya akka galmeessanii fi galmeen isaan fayyadaman maal akka ta’e beekuuf hin qorannu. Sababni isaas, kuni dhimma geeybi (miiran bira hin gahamne) waan ta’eef akkaataa malaykoonni kana hojjatan nuti beeku hin dandeenyu. Kanaafu, malli nama baasu waa’ee malaykootaa fi hojii isaanii ilaalchise odeefannoo Rabbiin irraa dhufetti akkuma jiruun itti amanuudha.

Firiiwwan namni kanatti amanuun argatuu:

1-Hojii gaggaarii hojjachuutti fiigu– hojii gaggaarii hunda malaaykan isaaf galmeessu akka jiru namni beeku, hojii gaggaarii hojjachutti fiiga. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa hojii gaggaarii hojjate galmee isaa keessatti yommuu arguu garmalee gammaduun akkana jedha: “Kunoo kitaaba kiyya dubbisaa. Ani qorannaa (mirmaraa) kiyya qunnamuu dhugoomsen ture.” (suuratu Al-Haaqqah 68:19-20) Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa hojii hojjadhuuf nan qoratama jedhee dhugaan itti amanaa ture. Kanaafu, Guyyaa kanaaf hojii gaarii hojjachuun of qopheessaa turee jira.

2- Hojii badaa irraa dheessu– hojiin badaan inni hojjatu hundi galmee isaa keessatti osoo inni quba hin qabaatin galmaa’a akka jiru namni beeku, hojii badaa irraa dheessa. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa hojii badaan inni hojjate hundi galmee isaa keessatti ni argata. Kanaafi, warri badii raawwatan galmee malaaykonni isaaniif barreessaa turan yommuu argan akkana jedhu, “Yaa badii keenya! Sila kuni kitaaba akkamii! Xiqqaas ta’i guddaas hin dhiisne, hundaa walitti kan qabu yoo ta’e malee” (Suuratu Al-Kahf 18:49)

3- Yeroo gara ganda Aakhiratti godaanan malaaykonni nama gammachiisu- Namni hojii gaggaarii yoo hojjatee fi hojii badaa irraa yoo dheesse, malaaykota kabajaa fi isaaniin walitti hiriyyoomaa jiraa jechuudha. Sababa kanaan, yeroo du’u malaaykonni haala kanaan isa gammachiisu: 
“Dhugumatti, isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, [yeroo isaan du’an] Malaaykonni isaan irratti bubbu’uun “Hin sodaatinaa, hin gaddinaas; Jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. Nuti jiruu duniyaa keessatti hiriyyoota fi gargaartoota keessan turre; Aakhirattis akkasuma. Isiniif ishee (Jannata) keessa waan lubbuun teessan feetutu jira. Isiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira. Affeerraa Rabbii Araaramaa, Rahmata godhaa ta’ee irraayyi.” [isaaniin jedhu]” Suuratu Fussilat 41:30-32

Kitaabban wabii:
 Sharih Usuuli salaasa Fuula 92 Ibn Useymiin
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 244-245
Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii

Hundee Iimaanaa 2ffaa-Malaaykotatti Amanuu
Offline dubbisuf

2 comments

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.