Hundee Iimaana 4ffaa:Ergamtootatti Amanuu-1

Offline dubbisuf

Dhalli namaa jireenya keessatti tooftaa fi haala jireenya walirraa baratuun tokko tokko hordofa. Kanaafu, namoonni tooftaa jireenya isaan hordofan irratti hundaa’e bakka lamatti qoodun ni danda’ama. Tokkoffaa hoggantoota, lammaffaa hordoftoota. Namni takkaa hordofaa ta’a, takkaa hogganaa ta’a, takka immoo lamaanu ta’u danda’a. Hogganaan tokko hogganaa biraa hordofuun nama saniif hordofaa ta’a. Namoonni kan wal hordofaniif faayda fi gammachuu barbaadan argachuufi. Hogganaan suni wanta tokko hojjachuun, hojiin isaa suni namoota yoo gammachise, namoonni isa hordofuuf figu. Tarii hojiin isaa suni badaa ta’uu danda’a.

Ilmi namaa hoggantoota dukkana keessaa gara ifaatti, dhiphinna keessaa gara bal’innaatti, addunyaa baddu tana keessaa gara daarul qaraar (ganda yeroo hunda keessa turanitti) isaan baasan isaan barbaachisa. Ta’uu baannan dukkana keessatti hafanii jireenya horii gaggeessu. Hoggantoonni kunniin Ergamtoota Rabbiiti (isaan hunda irrattu nageenyi Rabbii haa jiraatu). Kanaafu, Ergamtoonni Rabbii ilmaan namaa haala gaariin kan hoggananii fi fiixe milkaa’innaatti kan isaan ceesisaniidha. Sababni isaas, beekumsi fi tooftaan isaan ilma namaa ittiin hoogganan Rabbii waa hundaa beeku irraa kan dhufeedha. Rabbiin haala ilmaan namaa, wanta gammachuu fi gaddatti, badii fi milkaa’innatti isaan geessu hunda ni beeka. Kanaafi, ergaa wantoota kana hunda qabu gara Ergamtoota Isaatti buuse. Namni Ergamtoota hordofe nama qajeele fi milkaa’innatti bahu ta’a. Namni hordofu dide immoo jallinnaa fi salphinnatti tara. Sababni isaas, wanta isa miidhu fi fayyadu, xumura wanta hojjatuu sammuu isaa qofaan addaan baafachu waan hin dandeenyef fedhii qullaa hordofuun adabbii cimatti kufa. Kanaafi, Ergamtootatti amanuun hundee iimaanaa keessa isa tokko. Mee amma hiika Rasuul fi nabiyy jedhu maal akka ta’an haa ilaallu.

Jechi Nabiyy jedhu jecha Arabiffaa Naba’a jedhu irraa kan dhufeedha. Naba’a jechuun ‘oduu (ዜና)’ jechuudha. Jechi Rasuul jedhu immoo irsaal jedhu irraa kan horsifameedha. “Irsaal” jechuun “erguu” jechuudha. Kanaafu, Rasuul jechuun Afaan Oromootin “Ergamaa” jechuudha. Danuun (baay’inni) isaa immoo “Rusul- Ergamtoota” ta’a.

Akka shari’aatti rasuul fi nabiyy jechuun nama Rabbiin ergaa itti buusee akka namootatti geessu ajajeedha. Garuu garaagarummaan isaan jiddu jiru, nabiyyiin seeruma (shari’aa) duraan jirutu irratti buufama, akka shari’aa yeroo sanii mirkaneessu fi haaromsuf. Faallaa kanaa, rasuulli ummata kafaranitti akka geessuf shari’aa haarawatu irratti buufama. Fakkeenyaf, kan akka Nuuh, Ibraahim, Muusaa, Iisaa fi Muhammad (isaan hunda irrattu nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu). Rasuulli hundii nabiyyiidha, garuu nabiyyiin hundi rasuula miti. Sababni isaas, rasuulli shari’aa haarawa fi shari’aa duraanii keessaa muraasa isaas fiduun ummatatti geessa. Garuu nabiyyiin shari’ama duraanitiin ummata hooggana. Fakkeenya armaan olii keessatti Ergamtoonni maqaan isaanii eerame hundii isaanii Nabiyyis, rasuulas. Rasuulli jalqaba nabiyyi ta’a. Ergasii Rasuula ta’a.

Ergamaan (rasuulli) jalqabaa Nuuh. Kan dhumaa immoo Nabi Muhammad (SAW). Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) akkana jedha:

Dhugumatti, Nuti akkuma Nuuhi fi Nabiyyoota isa booda dhufanitti beeksisa goone gara keetti beeksiisa goone.” Suuratu An-Nisaa 4:163

Nabii Muhammadin (SAW) ilaalchise Rabbiin akkana jedha:

33:40

Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkootu hin taane. Garuu inni Ergamaa Rabbitii fi xumura Nabiyyoota kan ta’eedha. Rabbiinis waan hundaa beekaa ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:40

Ergamtoonni Amala Gooftaa ykn Gabbaramaa hin Qaban
Ergamtoonni ilma namaati. Amala gooftummaa fi gabbaramaa hin qaban. Rabbiin biratti ergamtoota hunda caalaa Nabiyyi sadarkaa qabu kan ta’e Nabii Muhammadin (SAW) Rabbiin akkana jedhi jechuun ajaja:

Jedhi ‘Ani waan Rabbiin fedhe malee lubbuu tiyyaaf faaydas ta’ee miidhaa fiduu hin danda’u. Osoo ani wanta dhokataa kan beeku ta’ee, silaa toltuu irraa nan baay’ifadha, hamtuunis na hin tuqxu turte. Ani namoota amananiif akeekachisaa fi gammachiisaa malee homaa miti.’” (Suuratu Al-A’araaf 7:188)

Wanti nama kamu tuqu ergamtootas ni tuqa. Kan akka du’aa, dhuguu, nyaachu fi kan biroo. Garuu wanti Ergamtoota ilma nama biroo irraa adda godhu wahyi (ergaa ykn beeksisa) Rabbiin irraa isaanitti dhufuudha. Kanaan ala, gooftaa fi gabbaramaa ta’uu hin danda’an. Sababni isaas, amala Gooftaa kan akka uumuu, jiraachisuu, miidhu, fayyadu fi kan biroo harka isaanii hin jiru. Kanaafu, namoonni nabiyyoota kadhatanii fi gabbaran jallinna guddaa keessa jiru. Sababni isaas, Nabiyoonni wanta namoonni kunniin kadhatan hin dhagahan. Namni akkamitti wanta isa hin dhageenya kadhataa? Namoonni Iyyasuusin (Iisaa) waaqefatan dogongoraa fi jallinna keessa jiran kanarraa hubachuu danda’u. Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) gabricha Rabbiiti. Rabbiin akkana jedha:

43:59

Dhugumatti, Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oolle fi ilmaan Israa’iliif fakkeenya taasifne malee waan biraati miti.” (Suuratu Az-Zukhruf 43:59)

Kana jechuun Iisaan gabricha Rabbiin Ergamaa isa taasisuun isa irratti tola oole malee Gooftaa ykn gabbaramaa miti. “Ilmaan Israa’iliif fakkeenya taasifne”- kana jechuun Rabbiin mallattoo dandeetti Isaa agarsiisu taasise. Sababni isaas, Rabbiin akkuma Aadamiin haadha fi abbaa malee uume Iisas abbaa malee uume. Kanaafu, kuni Rabbiin wanta hundaa irratti danda’aa akka ta’e agarsiisa.

Nabiyoonni gabroottan Rabbii filatamoo ta’aniidha. Namoota hunda caalaa namoota Rabbiin beekan, jaallatanii fi gabbaraniidha.

Ilma namaa maaliif Ergamtoota barbaachise?
Kana jechuun ilmaan namaa maaliif ergamtootatti hajamanii? Jecha biraatiin maaliif Ergamtoonni gara ilma namaa ergamuu?

Ilmi namaa marsaalee (maraahila) sadan armaan gadi keessa yoo darbe jireenya gammachuu fi milkaa’innaa gaggeessa.
Marsaan 1ffaan– Khaaliqa (Uumaa) beeku- Khaaliqa beeku yommuu jennu sifaata (amaloota) gaggaarii Isaa beekun itti amanuu fi Jaalala Isaatin guuttamuudha. Namni akkuma Rabbiin beekuuf tattaafatuun, nafsee ofiis beekaa adeema. Maaliif addunyaa keessa akka jiraatu ifa isaaf ta’a.

Marsaa 2ffaan– Rabbitti amanuu, Isa faarsu, wantoota Rabbiin itti nama ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa nama dhoowwe dhiisudha. Namni akkuma Rabbiin beeku fi jaallatuun wanta itti ajajame hojjata, wanta irraa dhoowwame immoo dhiisa.

Marsaa 3ffaan- Kaayyoo ol’aanaa kan ta’ee gammachuu itti fufaa addunyaa fi Aakhiratti argachuuf carraaqu. Gammachuu addaan hin cinnee kana kan itti argatan wanta yaadan, dubbatanii fi hojjatan hunda keessatti Jaalala Rabbii yoo barbaadan qofaadha. Jecha biraatiin, Rabbiif qofa jedhanii yaadu, hojjachuu fi dubbachuudha. Namni yoo akkana godhe dhugumatti milkaa’inna fi gammachuu ol’aanaa irra gaha.

Ilmi namaa marsaalee sadan kana galmaan gahuuf Ergamtoota Rabbiin irraa ergaa isaaf fidan garmalee isa barbaachisa. Namni Uumaa (Kaaliqa) beekuf karaa sirrii fi gabaaban yoo itti hin agarsiifamanii, jireenya keessatti dhama’ee hafa. Hurriin itti buuti. Kanaafu, Ergamtoonni karaa gabaaba fi ifa ta’een Uumaa ilma namaatti beeksisu. Kunis kan ta’eef, ergaa isaan Uumaa irraa isaaniif dhufuudha. Rabbiin waa’ee amaloota fi hojii ofii ilaalchise karaa Ergamtootatiin ilma namaatti beeksisee jira. Kanaafu, namni akkuma ergaa Ergamtoonni fidan ilaalu fi qoratuun Rabbii isaa sirritti beekaa adeema.

Marsaan lamaffaan, haala ibaadaa itti gaggeessan, wanta Rabbiin itti ajajee fi irraa dhoowwe yoo beekan malee galma hin gahu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta itti ajajee fi irraa dhoowwe akka beeknuf karaa gabaaba nuuf filate. Innis ergamtoota erguudha. Ergamtoota erguun wantoota ilma namaa fayyaduu fi miidhu ifa akka galchan taasise.

Marsaan saddaffaan immoo kan guuttamu hojii hojjatan Rabbiin biratti fudhatama kan argatu, Jaalala Isaa yoo ittiin barbaadan qofa akka ta’e beekudha. Kan kana beekan odeefannoo Rabbiin irraa nama gaheen malee karaa biraatin beekun hin danda’amu. Akka kana nu beeksisan Rabbiin Ergamtoota filate nuuf erge. Kanaafu, Ergamtoonni, “Hojiin gaariin tokko Rabbiin biratti fudhatama kan argatu fi namni hojii kanaan mindaa (ajrii) kan itti argatu, hojii san Rabbiif jedhee yoo hojjate qofaadha.” Jechuun ilma namaatti beeksisan. Kanaafi, namni ergamtoota hin hordofne adabbiin Rabbii isarratti bu’a.

Rabbiin jiruu fi du’a kan uumeef ilma namaa keessaa kamtu hojii irra gaarii akka hojjatu qoruufi.
“[Rabbiin] eenyuu keessantu irra toltu akka hojjatu isin qoruuf jecha du’aa fi jireenya Kan uumee dha.” Suuratu al-Mulk 67:2

Qormaanni kuni addunyaa tana keessatti kan guuttamu ilma namaatif wanti ittiin qoramu ifa yoo ta’eedha. Kunis, karaalee keeyrii fi sharrii itti himuu fi barsiisudha. Ergasii karaa keyrii (wanta gaarii) itti agarsiisu, wanta gaarii akka hojjatu itti kakaasu fi yoo karaa kana filatee hordofe mindaan isa abdachisuu fi gammachisuudha. Akkasumas, karaa sharrii isaaf ifa gochuu, sharrii isa akeekachisuu fi yoo karaa sharrii kana hordofe adabbiin isa sodaachisudha. Kuni galma akka gahuuf Rabbiin karaa gabaaba filate. Innis, Ergamtoota erguudha. Ergamtoota erguun halaalaa fi haraama, badhaasa fi adabbii ilma namaatiif ifa godhe. Osoo Rabbiin ergamtoota ergu baatee ergasii wanta badaa namoonni hojjataniif osoo isaan adabe, silaa namoonni “Ergamaan waan gaarii fi badaa nuuf ibsu nutti hin dhufne” jechuun Rabbiin irratti mormii dhiyeessu turan. Rabbiin ni jedha:

Ergamtoota booda Rabbiin irratti namaaf ragaan akka hin argamneef gammachiistotaa fi akeekachistoota taasifne Ergamtoota [ergine]. Rabbiinis Injifataa, Ogeessa.” Suuratu An-Nisaa 165
Ammas Rabbiin ni jedha:

Osoo Nuti isa (Ergamaa) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan, “Gooftaa keenya! osoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa osoo salphinnaa fi xiqqeenyi nu hin muudatin dura keeyyattoota kee hordofnaa turre.” Suuratu Xaahaa 20:134 Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa namoonni Rabbiin irratti mormii akka hin dhiyeessineef isaaniif Ergamtoota erge.

Maal Asirraa Hubatte?

♦Ilmi namaa takkaa hogganaa takkaa hordofaa takkaa immoo lamaanu ta’uun milkaa’innatti yookiin kufaatitti baha. 
♣Ilmaan namaa dukkana keessaa gara ifaatti, dhiphinna keessaa gara bal’innaatti, kufaati keessaa gara milkaa’innaatti baasu fi hoogganu kan danda’an Ergamtoota Rabbiiti. Sababni isaas, Ergamtoonni qajeelcha guutuu Rabbii waa hundaa uumee fi beeku irraa waan argataniif. 
♥Namni milkaa’inna fi gammachuu itti fufaa (zalaalamii) kan argatu marsaa sadii keessa yoo darbeedha.Isaanis: (1)Rabbii ofii beeku, (2) Isatti amanuu fi gabbaruu, (3) hojii hojjatan keessatti Jaalalaa fi mindaa Isaa kajeeludha.  
♦Marsaalee sadan kanniin karaa Ergamtootatiin malee karaa biraatin beekun hin danda’amu.    
♠ Kaayyoon guddaan Ergamtoonni itti ergamaniif ilmi namaa dhagaa, urjiilee, aduu, namoota, sheyxaana, fedhii ofii fi kkf gabbaruu (waaqefachuu) dhiisanii Rabbii isaan uume qofa akka gabbaran gorsuu fi barsiisufi. (ilaali suuratu An-Nahl 16:36) Akkuma duratti jenne Rabbiin gabbaruun hundee gammachuu fi milkaa’innaatti.
♦Rabbiin Ergamtoota ergaa Isarraa fudhatanii namootaf halaala fi haraama, gaarii fi badaa akka ibsan erge. Ergamtoonni nama isaan hordofeef mindaa fi qananiin gaariin akka jiru ni gammachisu, nama isaan didee fi faallesse adabbiin cimaan akka isaaf jiru ni akeekachisu. 
♦Kanaafu, namoonni Ergamtoota booda ragaa adabbii ofirraa ittiin deebisan Rabbitti dhiyeessu hin danda’an.

Kitaabban wabii:
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 271-273
Sharih Usuuli salaasa Fuula 95-96 Ibn Useymiin  
Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 269 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii

Ergamtootatti Amanuu-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.