Ragaalee Dhugummaa Ergamaa-kutaa 2

Offline dubbisuf

2ffaa- Dhugummaa Ergamaa Rabbii (SAW) Eenyummaa, amalaa fi adeemsa isaatiin agarsiisu
Kutaa darbe keessatti ragaalee Ergamaan Rabbii dhugaa ta’uu itti agarsiisan ilaaluuf yaalle turre. Tuqaalee afur keessaa kan jalqaba ilaalleerra. Innis haqiiqa ergaa inni fide itti xinxallu fi hubachuudha. Har’a immoo eenyummaa, amalaa fi adeemsa isaa qorachuun inni dhugaan Ergamaa Rabbii akka ta’e dhugoomsun ni danda’ama. Eenyummaa Ergamtoota Rabbii osoo qoranne, amala fi adeemsa isaanitiin eenyullee isaaniin wal dorgomuu hin danda’u. Amalli isaanii guutuu fi adeemsi isaanii karaa sirrii irra kan ta’eedha. Sababni isaas, Rabbiin dogongoraa fi badii hojjachuu irraa isaan eegee jira. Ergamtootan ala haala nama kamiyyu yoo qoranne hanqinni wayi isa biratti ni mul’ata. Hanga fedhe nama amala gaarii qabu, gamnaa fi sadarka ol’aanaa irra jiru haa ta’u, cinaa tokkoon dogongorri wayii irraa hin dhabamu.

Kanaafu, amala namumaa guutuu kan qaban ergamtoota Rabbii akka ta’an erga hubanne booda ergaan isaan fidan dhugaa akka ta’e ifa nuuf ta’a. Amalli isaanii fiixe amaloota gaarii kan tuqee fi fiixe kana irra ergamtoota malee eenyullee kan hin baanedha. Seenaa irraa amala Nabii Muhammad (SAW) namoonni ragaa bahan baay’eedha. Inumaa diinonni isaa “Muhammadul amiin (Muhammadi amanamaa)” jechuun waamaa turan. Amaanaa namaa irratti amanamaa kan ta’e, amaanaa Rabbii isaa irratti akkamitti amanamaa hin taanee ree? Nabii Muhammad (SAW) ergamaa dhugaa ta’uu isaa mee seenaa irraa muraasa haa ilaallu:

1-Ibn Abbas Abu Sufyaan irraa akka gabaasetti: Abu Sufyaan yeroo Shaam keessa ture Mootin Roomaa Hiraql jedhamu waa’ee Nabii Muhammad (SAW) ilaalchise isa gaafate. Yeroo san Abu Sufyaan Mushrikoota Qureeshotaa irraayyi. Daldalaaf gara Shaam deeme.  Gabaabsuuf jecha gaafif deebii isaanii haala kanaan haa dhiyeessinu. (Yeroo sanitti biyyoonni akka Libaanon, Sooriya fi Filisxeem “Shaam” jedhamu)

Hiraql (Heraclues)Abu Sufiyaan
Isiin keessatti sanyiin isaa akkami?
Inni nu keessaa sanyii kabajamtu irraayyi
Isin keessaa isa dura jecha kana namni jedhe jiraa? (Isa dura “Ani Nabiyyiidha” namni jedhe jiraa?)Lakki
Abbooti isaa irraa namni mootii ta’e jiraa?  Lakki
Warroota sadarka guddaa qaban moo dadhaboo (hiyyeessota) ta’antu isa hordofaa?  Warroota dadhaboo (hiyyeessa) ta’aniidha.
[Guyyaa guyyaan lakkofsan] ni dabaluu moo ni hir’atu? Ni dabalu
Isaan keessaa erga amanti isaatti seenee booda amanti kanatti gammachuu dhabuun kan duubatti deebi’e jiraa?  Lakki
Wanta jedhu jechuun dura sobaan ni yakkitu? (kana jechuun ani nabiyyidha jechuun dura isaa sobu argitanii beektu?) Lakki
Waadaa diigee beekaa? Lakki
Isa waliin wal waraantanii beektu? Eeyyen
Isaan yommuu wal loltan dhumti waraanaa akkam turee?Yeroo garii nuti moo’ata yeroo garii immoo isatu moo’ata

Hiraql:Maal akka hojjattan isin ajaja?
Abu Sufiyaan: “Rabbiin qofa gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa; wanta abbootin keessan jedhan dhiisaa.” Jedha. Salaatatti, dhugaa dubbachuutti, iffah (qulqullummaa ofii eegu) fi hariiroo firummaa sufuutti nu ajaja.

Hiraql: Waa’ee sanyii isaa ilaalchise si gaafadhe, atis sanyii kabajamtu irraa akka ta’e dubbatte. Haaluma kanaan Ergamtoonni ummata isaanii keessaa sanyii kabajamtu irraa ergamu. Isa dura namni jecha kana dubbate ni jira jedhee si gaafadhe. Ati lakki jette. Isin keessaa isa dura jecha inni jedhe namni biraa osoo jedhee, “Kuni namticha jecha isa dura jedhame kan hordofuudha.” Nan jedhaa ture. Abbooti isaa irraa mootin jiraa jechuun si gaafadhe. Atis lakki jette. “Abbooti isaa keessaa namni mootii ta’e osoo jiraate, sila kuni namticha mootummaa abbooti isaa barbaadudha.” nan jedhaa ture. Wanta jedhu jechuun dura (Kana jechuun ani nabiyyiidha jechuun dura) sobaan isa yakkitanii beektu jechuun si gaafadhe. Atis lakki jette. Dhugumatti inni namoota irratti sobuu dhiisee Rabbiin irratti kan sobu akka hin taane ani beekee jira. (Kana jechuun namoota irratti soba kan hin dubbanne, Rabbiin irrattis soba hin dubbatu). Namoota sadarka guddaa qaban moo namoota dadhabootu isa hordofa jechuun si gaafadhe. Atis namoota dadhabootu isa hordofa jette. Isaan (namoonni dadhaboon ykn hiyeessonni) warroota Ergamtoota hordofaniidha. Ni dabalan moo ni hir’atan jechuun si gaafadhe. Ati ni dabalan jette. Haaluma kanaan dhimmi iimaana hanga guuttamu [ni dabala]. Amanti isaa keessa namni erga seenee booda itti gammaduu dhiisun namni duubatti deebi’e ni jiraa jechuun si gaafadhe. Atis lakki jette. Haaluma kanaan, iimaanni yommuu mi’aan isaa qalbiin walitti makamu [namni duubatti deebi’u hin jiru]. Waadaa ni diigaa jechuun si gaafadhe. Atis lakki jette. Haaluma kanaan, Ergamtoonni waadaa hin diigan. Maalitti akka isin ajaju si gaafadhe. Rabbiin qofa akka gabbartan, homaa akka Isatti hin qindeessine. Taabota gabbaruu irraa akka isin dhoowwu, salaata, dhugaa dubbachuu fi qulqullummaa eegutti akka isin ajaju ni dubbatte. Wantoonni ati jette dhugaa yoo ta’e, bakka luka lamaan kiyyaa kana ni too’ata. Akka bahu duraan nan beekaa ture. Garuu isin keessaa ta’a jedhee hin yaanne. Osoo isa kan dhaqqabu ta’ee, silaa isa qunnamuuf nan ariifadhaa ture. Osoo isa waliin ta’ee silaa luka isaa nan dhiqaa ture…” Sahiih Al-Bukhaari 7 

2-Al-Alaa’a bin Hadaramiyyi Amiira Bahreyn kan ture Munzir bin Shaawaa yommuu Islaamatti waamu akkana jedheen: Yaa Munzir! Ati addunyaa keessatti abbaa sammuu guddaati. Namoota biros gadii miti. Majuusan tunniin amantiin isaanii badaadha. Arabni amantii kanaan kan itti kabajamtu miti. Beekumsa abbooti kitaabas hin qaban. Wal qunnamu irraa wanta nama qaanessun wal-qunnamu. Nyaachu irraa wanta fagaachu qaban isaan ni nyaatu. Guyyaa Qiyaamaa ibidda isaan nyaattu gabbaru (waaqefatu). Ati nama ilaalcha fi aqlii dhabee miti. Mee ilaali: Nama gonkumaa addunyaa keessatti hin sobne isa dhugoomsu diduun sirriidhaa? Nama gonkumaa hin ganne, isa amanuu dhiisun sirriidhaa? Nama gonkumaa waadaa hin diigne amanamummaa isarra gochuu dhiisun sirriidhaa? Kuni Nabiyyii hin dubbisnee fi hin barreessine kan namni sammuu qabu akkana jechuu hin dandeenyedha: wanta inni itti ajaju osoo irraa dhoowwe jiraate maal qaba! Yookiin wanta irraa dhoowwe osoo itti ajajee jiraate maal qaba! Yookiin irra namaaf darbuu osoo dabalee ykn adabbii isaa osoo hir’isee maal qaba! (Fakkenyaf, Ergamaan Rabbii (SAW) waan gaarii hundatti ni ajaju, waan badaa hunda irraa ni dhoowwu. Namni sammuu qabu “Waan gaarii itti ajaju kana osoo irraa dhoowwe ykn waan badaa irraa dhoowwu kana osoo itti ajajee.” hin jedhu.) Kanaafu, kuni hundi fedhii warra sammuu qabanii fi warroota xinxallaniin walitti kan galuudha.”

Al-Alaa’a bin Hadaramiyyi Ergamaan Rabbii dhugaa ta’uu karaa lamaan ragaa erga itti argisiise booda Munzir Islaamummaa ni fudhate:
1ffaa- Fakkeenyan Eenyummaa Ergamaa Rabbii (SAW) 
2ffaa- guutummaa ergaa inni namoota itti waamu.

3-Yeroo jalqabaatif Ergamaa Rabbii (SAW) irratti wahyiin (beeksisin) goda Hiraa osoo jiru ni bu’e. Wahyiin bu’uu waliin nafsee isaa irratti ulfaatinni itti dhagahame. Osoo qalbii isaa dhikkistuu fi hollattu gara Khadiijaa deebi’uun akkana jedhe, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa deemu ni haguugan. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe, “Yaa Khadiijaa! Rakkoon kiyya maalii?  Lubbuu tiyya irratti sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e ishitti hime. Khadijaanis ni jette, “Dhoorgami! Abshir (gammadi), Rabbiin kakadhe! Rabbiin gonkumaa si hin salphisu. Rabbiin kakadhe! Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), dhugaa dubbatta, hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta, keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu’e gargaarta.” Sahiih Al-Bukhaari:3

Khadijaan (Rabbiin ishii irraa haa jaallatu) amala guutuu isarraa beektun Rabbiin akka isa hin salphisne ni ibsite. Kanaafi, Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) yeroo nabiyyi ergaa namootatti akka geessu ajaju, namni jalqaba isatti amane Khadijaa turte. Guutummaan amala isaa dhugummaa (sidq) isaa ragaa agarsiisudha.

4-Yeroo Ergamaan Rabbii (SAW) Abu Bakr siddiiqin (Rabbiin isarraa haa jaallattu) gara Islaamatti waamu, Abu Bakr eenyummaa nabiyyi duraan kan beekun ala ragaa biraa dhugummaa ergamaa Rabbii agarsiisu hin barbaanne. Kana jechuun Abu Bakr Nabii Muhammad (SAW) eenyummaa isaa maal akka ta’e fi amala guutuu isaa duraan sirritti beeka. Yeroo Nabiyyin gara Islaamatti isa waamu, Islaama fuudhachu irraa duubatti hin harkifanne, amala nabiyyi duraan waan beekuf. Nabiyyiin ummata isaa keessatti nama dhugaa dubbatu, amanamaa, qulqullummaa ofii kan eegu fi amala guddaa kan qabu ture. Kanaafi, Abu Bakr dhiirota keessaa nama jalqabaa isatti amanee fi waamicha isaa fudhateedha.

Guduunfaa
➠Namni tokko seenaa irra eenyummaa, amala fi adeemsa Ergamaa Rabbii (SAW) qorachuun salphatti itti amanuu ni danda’a. Kana gochuuf tooftaa lama fayyadamuu danda’a.
➠Miidhaginna ergaa Nabiyyiin ilmaan nama itti waamu fi
➠Amala guutuu fi adeemsa Nabiyyi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun Nabiyyi faarsa:

68:4

Dhugumatti, Ati amala guddaa irra jirta.” Suuratu al-Qalam 68:4

Kitaabban wabii:
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 289-291

Ragaalee Dhugummaa Ergamaa-Kutaa 3
Ragaalee Dhugummaa Ergamaa Rabbii(SAW)-kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.