Ragaalee Dhugummaa Ergamaa-Kutaa 3

Offline dubbisuf

3. Ergamtoonni darban amala Ergamaa kanaa dubbachuu fi wanta isaan jedhaniin walitti galuu
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa seenaa keessatti ilmaan namaa dukkana keessaa gara ifaatti akka bahaniif Ergamtoota baay’ee ergee jira. Akkuma qaroominni dhala namaa guddachaa fi bal’ataa adeemun, shari’aan (seerri) nabiyoonnii ittiin ergaman gargar ta’aa fi kan duraa caalaa bal’ataa dhufe. Garuu handhuurri ergaa isaanii tokkicha. Innis Rabbiin qofa gabbaruudha.

Sammuun ilma namaa bilchinnaa fi qaroominna ol’aanaa irra yommuu gahuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyi xumuraa ilmaan namaa guututti erge. Shari’aan nabiyyi kanaas bal’aa fi namoota hundaaf yeroo fi bakka osoo hin filatin kan ta’uudha. Kanaafi, Nabiyoonni Nabi Muhammad(SAW) dura dhufan ummata isaanii nabiyyi xumuraa kanatti akka amanan gorsaa fi dhaamafi turan. Mallatoolee ittiin beekanis itti himanii jiru. Keessumaayyu, kitaabban Yahuudaa fi Kiristaanotaa keessatti maqaan isaa, bakki irraa bahuu fi amaloonni isaa himamani jiru. Yahudoonni fi Kiristaanonni Nabiyyi xumuraa bahuun dura garmalee eegu.

Yahudoonni odola Arabaa irra jiraatan Rabbiin nabiyyi dhumaa kana isaaniif ergee Araboota taabota gabbaran akka injifatan kadhataa turan. Garuu yommuu nabiyyiin kuni ilmaan Israa’il irraa osoo hin ta’in Araba keessaa bahu isa waanyun itti kafaran. Dhugummaa nabiyyi kanaa amaloota kitaaba isaanii keessatti himameen osoo beekanuu itti amanuu didanii diina itti ta’an. Qur’aanni haala isaanii yommuu dubbatu:

Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’ee waan isaan wajjiin jiru dhugoomsu isaanitti dhufu, kan san dura akka warra kafaran irratti injifannoo argatan [dhufaati Nabi Muhammad (SAW)] kadhachaa turanii yeroo wanti isaan beekan isaanitti dhufu isatti kafaran. Kanaafu, abaarsi Rabbii kaafirota irratti haa jiraatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:89

Yahudoonni Mushrikoota Arabootatiin akkana jechaa turan, “Yeroon dhumaa (Aakhiru zamaan) yommuu dhiyaatu irratti Nabiyyiin xumuraa ni ergama. Isa waliin isin waraanne isin balleessina.”[1] Garuu Nabii Muhammad (SAW) Qur’aana Tawraatii isaan bira jiru dhugoomsun yommuu isaanitti dhufu, ni kafaran. Waa’ee Nabi Muhammad (SAW) sirritti beeku. Akkuma Qur’aana keessatti dubbatame:

Warroonni kitaaba kennineef akkuma ilmaan ofii beekanitti isa beeku. Dhugumatti, gareen isaan irraa ta’e osoo beekanuu haqa dhoksu. Haqni Gooftaa kee irraayyi, kanaafu warroota shakkan keessaa hin ta’in.” Suuratu Al-Baqarah 2:146-147

Abbootin kitaabaa (Yahudoota fi Kiristaanonni) Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’e beekanii fi isaan biratti mirkanaa’e jira. Wanti inni fide haqaa fi dhugaadha. Kana mirkaneefatanii jiru akkuma ilmaan isaanii mirkaneefatan. (Kana jechuun ilmaan isaanii ilmaan nama biraatin walitti hin fakkeessan. İlmaan isaanii ta’uu sirritti beeku. Haaluma kanaan Muhammad (SAW) ergamaa Rabbii ta’uu sirritti beeku.) Nabii Muhammadin beekuun isaanii daangaa gonkumaa hin shakkinee irra gahee jira.

Garuu isaan keessaa gareen irra caalu kan Nabiyyitti kafaran, osoo beekanu ragaa kana dhoksanii [fi kitaaba isaanii irraa haaqanii] jiru. “Nama Rabbiin irraa of biratti ragaa dhoksee caalaa eenyutu miidhaa raawwataadha?” Kana keessatti Rabbiin Rasuula fi mu’mintoota jajjabeessa, sharrii fi fafakeessaa Yahudoota fi Kiristaanota irraa isaan akeekachiisa. Haa ta’uu malee, haqa kan dhoksu hundaa miti. Isaan keessaa gareen ta’e osoo beekanu haqa hin dhoksan. Kan Nabiyyitti amanetu jira, akkasumas, wallaalummaan kan itti kafaretu jira. (Kanaafu, wallaalummaan kiristaanota Nabii Muhammaditti amanu didan, kootta itti amanaa daandii ifaa hordofaa jennaan. Wallaalummaa fi amantii abbooti keessanii hordofuun gufuu isinitti hin ta’in.)

Haqni Gooftaa kee irraayyi”- haqni kuni wanta hunda caalaa haqa jedhame moggaafamu kan qabuudha. Sababni isaas, wanta ol’aanaa barbaadamu, ajajamoota gaggaarii, lubbuu qulqulleessu, wanta ishii fayyadutti kakaasu fi wanta ishii miidhu irraa ittisuu of keessaa kan qabuu fi Gooftaa kee irraa kan dhufeedha. Si kunuunsu fi barsiisu keessaa tokko Qur’aana kana sirratti buusudha. Qur’aana kana keessa kunuunsa sammuu fi nafsee, fi wanta nama fayyadu hundatu keessa jira.

kanaafu warroota shakkan keessaa hin ta’in.” Kana jechuun shakkiin ykn mamiin xiqqoon isa ilaalchise si hin gahin. Kana irra, isatti yaadi, hanga mirkaneefannaa irra geettu itti xinxalli. Sababni isaas, itti yaadu fi xinxalluun shakkii ittisuun mirkaneefannaa irra akka gahan nama taasisa.[2]

Kiristaanonni fi yahudoonni kitaabban isaanii miccirraa fi jijjiraa baay’ee keessatti haa uumaniyyuu malee hanga ammaa waa’ee Nabi Muhammad (SAW) ilaalchisee Tawraati fi Injiil keessatti hafteen ni jira. Garuu abbootin kitaabaa amala achi keessatti dubbatame Nabi Muhammadi miti jechuun didu. Injiil (Wangeel) itti dabaluun maqaan Muhammad jedhu hiika Ahmad irraa akka horsifame ni dubbata. Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) Nabiyyi isa booda dhufuun akka isaan gammachise Qur’aanni ifa godha:

 “Yeroo Iisaan ilmi Mariyam, “Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatin keessatti na dura bu’e dhugoomsuu fi Ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta’een [isin] gammachisu ta’ee gara keessanitti ergame.” jedhee [yaadadhaa]. Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufe, “Kuni falfala (sihrii) ifa galaadha.” Jedhan.”  Suuratu As-Saff 61:6

Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti ani Ergamaa Rabbii…gara keessanitti ergame.” Kana jechuun gara wanta gaarii akka isin waamu fi wanta badaa irraa akka isin dhoowwu Rabbiin gara keessan na erge. Ragaawwan ifa galaan na gargaare. Dhugaa ta’uu kiyya wanta agarsiisu keessaa tokko “Tawraatin keessatti waan na dura bu’e kan dhugoomsu” ta’uudha. Kana jechuun wanta Muusaan Tawraati fi Seerota irraa ittiin dhufeen, anis ittiin dhufe. Akkasumas, tawraat waa’ee kiyya beeksisee ture. Kanaafu,wanta Tawraat jedhe kunoo dhufuun dhugoomsee jira. “Ana booda Ergamaa dhufu maqaan isaa Ahmad kan ta’een [isin] gammachiisa.” Inni Muhammad bin Abdullah bin Abdul Muxxalibi dha.

Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) akkuma nabiyyoota biroo nabiyyi isa dura dhufe ni dhugoomsa, nabiyyi isa booda dhufu immoo ni gammachisa. Fuggisoo kanaa, kijibdoonni nabiyyoota faallessu. Amaloota, naamusa, ajajuu fi dhoowwu keessatti isaan faallessu. (Kijibdoonni “Nuti nabiyyidha” jedhanii bahan namoota gowwoomsu fi faayda addunyaatif fiigu.)

“Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufe” Kana jechuun Yeroma Nabi Muhammad (SAW) akkuma Iyyasuus jedhe ragaawwan ifaan isaanitti dhufu, haqa irraa garagaluu fi itti boonun, “Kuni falfala (sihrii) ifa galaadha.” Jedhan. [3]

Tawraati fi injiil keessaa waa’ee Nabi Muhammad (SAW)ilaalchisee baay’een haa haaqamuyyuu malee ammas hafteen akka keessa jirtu hayyoonni Kiristaanaa gara Islaamatti deebi’anii fi hayyoonni Musliimaa ni akeeku. Kana bal’innaan ilaaluf linkii kana tuquun ni danda’ama: Prophet Muhammad In The Bible  

Kanarraa ka’uun, namni amanti Yahuudaa ykn Kiristaanatti amanuu fi gammachisa macaafa isaanii keessatti dhufee yoo qorate, gammachisni kuni Nabii Muhammadin walitti kan galee ta’uu ni arga. Ergasii inni Nabiyyi xumuraa akka ta’e beekun ni amana. Rabbiin ni jedha:

Yaa warra kitaabaa (Yahudoota fi Kiristaanota)! Kitaaba irraa waan baay’ee isin dhoksaa turtan kan isiniif ibsuu fi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif darbu Ergamaan keenya isinitti dhufee jira. Dhugumatti, iftii fi kitaabni ifa ta’e Rabbiin irraa isinitti dhufeera.” Suuratu Al-Maa’ida 5:15

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun beeksisa: Ergamaa Isaa Muhammadin (SAW) qajeelchaa fi amantii haqaatin namoota dachii irra jiraatan hundatti ergee jira. “Yaa warra kitaabaa! Kitaaba irraa waan baay’ee isin dhoksaa turtan kan isiniif ibsuu fi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif darbu Ergamaan keenya isinitti dhufee jira.” Kana jechuun wanta Yahudoonni fi kiristaanonni micciran, jijjiran, haaqanii fi dhoksan ni ibsa. Wanta isaan hiika jallisanii fi Rabbiin irratti kijiba dubbatan ifa godha. (fakkeenyaf, ‘Iyyasuus Gooftaadha ykn ilma Rabbiiti’ jedhu. Nabii Muhammad (SAW) “kuni Rabbiin irratti sobuudha” jechuun haqa ifa godha; Iyyasuus ilma namaatii fi Nabiyyi kabajamaa ta’u ni ibsa.) Wanta isaan jijjiran irraa ibsuun faaydaa kan hin qabne yoo ta’e immoo dhiifamaan irra darba.[4]

Guduunfaa 
➥Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa erga uumee booda akkanumatti qajeelcha malee hin dhiisne. Akka qajeelanii fi jireenya gammachuu gaggeessaniif Ergamtoota isaaniif erge. 
➥Dhumarratti ilmaan namaa guutuuf Nabiyyi xumuraa erguun qananii Isaa isaaniif guute. Nabiyyiin xumuraa kunis Nabii Muhammad (SAW) dha. Isa booda Nabiyyiin biraa hin dhufu.
➥Yahudoonni fi Kiristaanonni Nabii Muhammadin akkuma ilmaan isaanii beekanitti beeku. Garuu waa lamaaf jedhanii itti amanu didan. 1ffaa-jibbaa fi waanyu (hinaafu), 2ffaa-faaydaa addunyaa ni dhabna jedhanii waan yaadaniif. 
➥Isaan keessaa gareen harka caalu osoo beekanu haqa dhoksu. Ummanni yahuuda fi Kiristaanaa waa’ee kitaaba hin beekne garee kana hordofuun jallinnatti kufu, Nabiyyitti amanu didan.
➥Nabii Muhammad (SAW) haqa Yahudoonni fi Kiristaanonni dhoksanii fi micciran ifa godhu. Kanaafu, namni haqa barbaadu iddoo haqni jiru deemee barbaada. Ergasii, Rabbiin isa qajeelcha. 


Kitaabbilee wabii
[1] Tafsiir ibn kasiir 3/325
[2] Tafsiir ibn Sa’diyy 68
[3] Tafsiir ibn Sa’diyyi 1013
[4] Tafsiir ibn Kasiir 3/67-68
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 293-295

Ragaalee Dhugummaa Ergamaa-Kutaa 4
Ragaalee Dhugummaa Ergamaa-kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.