Ibsaa Jireenyaa-Lakk.6

Offline dubbisuf

Keessa Dargaggootaa fi shamarranii wanta hurgufu
Jireenya dargaggummaa fi shamarrummaa keessatti wanti tokko keessaa namaa hurgufa. Wanti suni maal akka ta’e beektu? Nama jaallatan fuudhu ykn itti heerumuuf yaadda’uudha. Tarii nama tokko jaallachuun namni biroo yommuu kaadhimummaaf (nikahaaf) sitti dhufu didu dandeessa. Ergasi, namni ati jaallatte suni takkaa du’aan addunyaa irraa boqachuu danda’a takkaa immoo si diduun nama biraa fuudhu danda’a/ itti heerumu dandeessi. Yeroo kanatti falli kee maali ree? Halkanii guyyaa dhiphachuu fi gaabbun furmaata ta’uu danda’aa? Kuni gonkumaa furmaata hin ta’u. Mee akka furmaatatti qabxiilee muraasaa haa eerru:


1. Qadaa wal qadaritti amanu- kana jechuun wanta Rabbiin dursee murteessetti amanuu fi fudhachuudha. Tarii namni suni gubbaa yommuu ilaaltu naaf gaarii jettee yaadu dandeessa. Garuu gara fuunduraatti jireenya kee balleessu danda’a, qalbiin ilma namaa garmalee waan jijjiramtuuf. Kanaafu, wanta Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) dursee namaaf murteesse fudhachuu fi irratti obsuun furmaata jalqabaa ta’a. Dhuma wanta tokko ilmi namaa beeku waan hin dandeenyef. Akkasumas, ani dhiirsa gaarii /niiti gaarii hin argadhu jechuun abdii kutuu dhiisudha. Tarii yoo obsite Rabbiin nama ati jaallatte caalaa nama gaarii siif fidu danda’a.
2. Addunyaa tana keessatti wanta jaallattu yommuu dhabdu qormaata akka ta’e beekun obsi. Namni qormaata irratti obsu, milkaa’inna sadii fi ajrii (mindaa) lakkoofsa hin qabne argata. Milkaa’inni sadan: (a) Jallinna irraa baraaramuun qajeelinna argachuu, (b) Gaddaa fi dararaa irraa baraaramuun rahmata Rabbiitin gammachu argachu. Tarii namni ati jaallatte kuni gaddaa fi dararaaf sababa siif ta’uu danda’a. Kanaafu, tarii isa/ishii dhabuun dararaa irraa baraaramu dandeessa. (c) Addunyaa fi Aakhiratti bakka ol’aanaa gahu. Yommuu hadhaa obsa liqimsitu dhumarratti jireenya mi’aawa dhandhamta.

Qaamni akkuma meeshaa qara qabuun yommuu waraanamu madaayu, qalbiiniis yommuu cubbuun (dilliin) waraanamtu madaa hamaa madoofti.
Mallattoon madaa qalbii karaa adda addaatin beekun ni danda’ama. Isaan keessaa; ibaadaa irraa mi’aa barbaadame argachuu dhiisu, hojii gaarii hojjachuu irraa duubatti harkifachuu, keessi namaa jeeqamu, gaddi fi dhiphinni namatti baay’achuu, halkan hirriba dhabuu, namoota ykn maatii waliin yommuu jiraatan hariiroon isaan waliin qaban laafu, of jibbuu fi kkf. Madaan qalbii madaa qaamaa caala. Kanaafu, qorichi qalbii madoofte maali ree? Qorichi ishii: badii irraa dheessu, hojii gaggaarii hojjachuu, istighfaara baay’isu (araarama Rabbiin kadhachuu) fi beekumsa barbaadudha.

MILKAA’INNA IRRAA KUFUU
Jireenya gabaabdu tana keessatti namni hunduu wanta tokko hojjachuun milkaa’inna guddaa addunyatti agarsiisu barbaada. Wanta gaarii xiqqoo yoo hojjate namni akka isaaf beeku barbaada. Wanta milkaa’inna irraa duubatti nama harkisanii fi kuffisan keessaa tokko “Osoo Bu’uura sirritti gadi hin dhaabin gara fuunduratti fiigudha.” Namoonni gariin beekkamtii argachuuf wanta xiqqoo hojjachuun addunyaan hundi akka isaan beekan fedhu. Kuni immoo isaan miidha. Akkuma Arabni jettu, “Man tasaddara qabla awaanihi tasaddara li hawaanihi (namni yeroo isaatin dura [jarjaree] fuundaratti bahe, salphinna isaatiif [jarjare] fuundarratti bahe.)” Kana jechuun namni osoo beekumsa ykn dandeetti isaa sirritti hin cimsin namoota hogganuuf ykn namoonni akka isa beekaniif isaan fuunduratti bahe, dhumarratti ni salphata.Naannoo keenya irra dhugaa kana hubachuun nama hin dhibu. Ammas akkana jedhamee jira: Hubbu zuhuuri yaqsimu zuhuura (Beekkamaa ta’uu jaallachuun dugda kuta). Kanaafu,namni tokko beekkamtiif ykn hoggantummaaf gara fuunduraatti fiigun dura sirritti of ciimsu fi bu’uura isaa sirritti ijaaru qaba. Beekkamti fi qabeenyi tuni akka fixeensa ganamaa akka ta’an haa beeku.

Rabbiin (tabaaraka wa ta’aalaa) Qur’aana keessatti ni jedha, hiikni isaa: “Galaa guduunfadhaa; dhugumatti caalaan galaa (siinqi) taqwaadha. Yaa warra sammuu qabdan Anuma sodaadhaa.“Suuratual-Baqarah 2:197 Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota hajjii deeman imala isaanitiif galaa akka guduunfatanii fi galaa malee akka hin imalle ajaje. Ergasii,galaa (siinqi) Aakhiraa isaanitti beeksise. Galaan sunis Taqwaadha. (Taqwaa jechuun wanta Rabbiin itti nama ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa nama dhoowwe dhiisun adabbii irraa of eegudha.) Akkuma namni karaa deemu tokko galaa yoo hin guduunfatin gahuumsa isaa gahuu hin dandeenye akkasuma namni gara Rabbii fi ganda Aakhiraa imalu (deemu) taqwaa irraa galaa yoo hin guduunfatin gahuumsa isaa gahuu hin danda’u. (Dhugumatti siinqin (galaan) hunda caalu galaa taqwaati. Siinqin addunyaa tanaa karatti dhumachuu dandeessi. Siinqin taqwaa immoo Jannata zalaalamitti nama geessa.) Rabbiin aayaa tana keessatti galaa zaahiraa (ifaa) fi galaa dhoksaa dubbate. Galaan zaahiraa- nyaata ykn maallaqa yoo ta’u, galaan dhoksaa (keessaa) immoo taqwaadha. Kuni miidhaginna Qur’aanati. Wanta mul’atu fi hin mul’anne wal qabsisuun ergaa guddaa dabarsa.Rabbiin warra taqwaa irraa galaa guduunfatan nu haa taasisu. (madda: Bidaa’u Tafsiir-1/170, Imaamu Ibn Al-Qayyim)

Barbadaa Dallansuu Qabbaneessuf
Yeroo tokko tokko nama waliin wal loluun garmalee aarta ykn dallanta. Halkan hirriba dhabuu dandeessa. Barataa yoo taate barnoota kee dhiistee yaada nama saniitiin sammuu kee ko’oomsita. Keessa keetti gubaan ni dhagahama. Falli kanaa maal ta’inna laata? Muxannoo namoota birooti fi miira dallansu too’achuuf tooftaa ani itti fayyadamu mee isiniif haa qoodu. Yommuu dallanu ykn nama tokkotti aaru,sheyxaanni yaada nama saniitiin akka of ko’oomsu na taasisa. Fakkeenyaf, salaata irratti sirnaan akka hin xiyyeefanne yaada nama sanitiin nama xamada. Yeroo kanatti falli kiyya takkaa, “A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim (Sheyxaana abaarramaa irraa Rabbiin tiikfama)” irra deddeebi’e jechuu takkaa immoo suurat an-naas (qul a’uuzu birabbi naas) irra deddeebi’e qara’uudha. Tooftaan kuni naaf yoo ta’u dide, nama saniif du’aayi gochuudha. “Yaa Rabbii! anaa fi nama san qajeelchi, nuuf araarami.”jechuudha. Yeroo kanatti dallansu fi aarin ni qabbanaa’a. Yoo kunillee dide wudu’a sirnaan godhatanii, kushu’aan salaata salaatuf tattaafachudha. Yoo kunille dide hirriba rafuudha. Hirribni yoo nama qabuu baate qaama dhiqachuunis hanga tokko barbadaa dallansuu ni qabbaneessa.

Wanti garmalee sammuu namaa dhukkubsu maal akka ta’e beektu? Sammuun namaa kan bowwaafattu fi nageenya kan dhabdu karaa lamaani.Isaaniis: (1) Hojii badaa fi faaydi hin qabne hojjachuu fi (2)hojii gaarii hojjachuu dhiisudha. Namni yommuu hojii badaa hojjatu qalbiin isaa tasgabbii dhabdi, mataan isa/ishii ni bowwaafata. Akkasumas, zikrii Rabbii irraa garagaluun yommuu hojii faaydi hin qabne waliin of ko’oomsu, sammuun ni dhukkuba. Kanaafu, hojii gaarii addunyaa fi aakhiratti bu’aa namaaf buusu waliin of ko’oomsun nageenya sammuu akka argatan nama taasisa.

Al-Fudayl ibn Iyaad akkana jedha: “Amaloonni lama qalbii gogsuu. Isaanis; baay’isanii dubbachuu fi baay’isanii nyaachudha.” Arraba ofii qabuu fi too’achuun hundee wantoota gaggaarii hundaati. Namni arraba ofii irratti too’anna argate, dhugumatti dhimma ofii sirnaan too’ate.

Hariiroo Gaa’ila Duraa????
Rakkoolee gurguddaa yeroo ammaa dargaggootaa fi shamarran gubaa jiru keessaa tokko fuudhaa heerumaan dura hariiroo haraamaa uumudha. Dargaggeessi tokko shamara takka ni jaallata. Ergasii hariiroo uumuf tattaafata.Waa’ee ishii ni yaada. Ergasii telefoonan ykn interneetin qunnamuuf ni carraaqa. Ergasii hanga zinaa gahuu danda’u. Dhugumatti kuni waxmadii sheyxaanni ittiin nama adamsuudha. Bilbilaan waliin haasawu, ergasii qaaman wal arganii badii adda addaatti seenu. Hariiroo yommuu uuman, uzriin (sababni) isaan fayyadaman keessaa tokko “Gara fuuduraatti wal fuuna.” jedhu. Dhugumatti, namoonni fuudhaa heeruma dura hariiroo haraamaa uumanii ergasii wal-fuudhan harki caalan isaanii wal hiiku. Kanaafu, furmaanni kanaa maali ree?
1.Hariiroo haraamaa uumu irraa of qabu- hanga fuudhaa heerumaa obsuu.
2. Yommuu sheyxaanni telefoonan ykn interneetin ishii/isa dubbisi jedhe namatti hasaasu, hasaasa isaa dhagahu dhiisu. Dargaggeessi fi shamarreen takka telefoonan walqunnamanii haasawu yoo itti fufan, dhumarratti rakkoo fi hadhaa cimaa dhandhamu. Sababa hariiroo haraamaa uumutiin jireenyi isatti/ishitti dhiphatti.Namoota meeqatu salaata dhiise. Yommuu kana ilaalan akka hariiroo haraamatti hin dhiyaanne nama taasisa.
3. Gara fuunduraatti wal fuuna jechuun hariiroo haraamaa uumun of gowwoomsu fi ofitti taphachu akka ta’e beeku. Namoonni wanta akkanaa yaadan baay’een isaanii wal fuudhun dura addaan bahan ykn erga wal fuudhanii booda wal hiikanii jiru.
4. Wanti Rabbiin bira jiru Isaaf ajajamuun malee akka hin argamne beeku. Gara fuunduraatti niiti gaarii fuudhun ykn dhiirsa gaaritti heerumun maatii gaarii ijaarun qananii Rabbiin irraa ta’eedha. Qananiin kuni kan argamuu wanta Inni dhoowwe irraa yoo fagaatanii fi wanta Inni itti ajaje yoo hojjataniidha. “Zinatti hin dhiyaatinaa” jechuun nu akeekachiisa. Zinaadhaan maatii gaarii ijaarun ni danda’amaa? Gonkumaa hin danda’amu. Kanaafu, namni tokko jireenya gaarii kan jiraatu zinaa fi wanta zinatti nama geessu irraa yoo dheessedha.

Ibsaa Jireenyaa-Lakk.7
Ibsaa Jireenyaa-Lakk.4
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.