Ragaalee Dhugummaa Ergamaa-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti karaalee dhugummaa Ergamaa Rabbii itti mirkaneessan ilaalle turre. Har’as itti fufuun kutaa dhumaa ilaalla. Akkuma seenaa irraa beeknu Nabiyyoonni baay’een ummata garagaraatti ergamanii jiru. Ummanni kuni dhugaan ergamaa Rabbii ta’uu isaa mirkaneessuuf ragaa ifaa Nabiyyii kana irraa barbaadan. Ragaa kanaa isarraa barbaadun haqa isaaniti, yoo itti of-tuuluu fi itti baacuuf hin ta’in. Kanaafu, ragaan ifaa kuni haala mu’jizaatin isaaniif dhufa. Tarii mu’jizaan kuni akkuma isaan barbaadanitti yookiin immoo haala biraatin dhufuu danda’a. Tolee mu’jizaa jechuun maal jechuudhaa? Ulaagaaleen isaa hoo maalii? Eenyuuf kennamaa?

Hiika Mu’jizaa (Raajii)
Jechi mu’jizaa jedhu jecha “i’ijaaz” yookiin “ajz” jedhu irraa kan horsifameedha. Ajz jechuun dadhabinna. (Mu’jizaan ilma namaa kan dadhabsisuudha). Kanaafu, Mu’jizaa jechuun aadaa irraa adda kan ta’ee, ilmi namaa hojjachuu kan hin dandeenye fi Rabbiin dhugummaa ergamaa Isaa agarsiisuuf harka Ergamaa Isaa irratti kan mul’isuudha.[2] Kanaafu, mu’jizaan wantoota gurguddoo sadii of keessaa qabaa jechuudha. Wantoota sadan kanniin ulaagaalee (sharxiwwan) mu’jizaa jechuunii dandeenya. Isaaniis:

1-Mu’jizaan aadaa irraa adda ta’uu- kana jechuun haala namoonni beekanii fi bartee godhatan irraa adda ta’uu.

2- Ergamaan namoota ergaan isaa isaan gahe mu’jizaa akka isaa kana akka fidan isaan affeeru. “Osoo homaa hin jijjiriin mu’jizaa akka kiyyaa kana isinis fidaa” jechuun isaan waama. Yoo fidu dadhaban, inni ergamaa Rabbii ta’uu ni beeku. Sababni isaas, mu’jizaa kana Rabbiin malee ilmi namaa hojjachuu hin danda’u. Kanaafu, mu’jizaan dhugummaa ergamaa Isaa agarsiisuuf wanta Rabbiin harka Ergamaa Isaa irratti mul’isuudha jechuudha.

3- Ummanni fi ilmaan namaa guutuun fakkaataa mu’jizaa san faalleessu fiduu dadhabuu- asitti waa lamatu jira: 1ffaa- fakkaataa mu’jizaa sanii fiduu, 2ffaa- haala fi bifa wal fakkaatun fakkaataa mu’jizaa sanii fiduu danda’udha. Namoonni mu’jizaa san faalleessuf fakkaataa mu’jizaa sanii yoo hojjatan garuu haalli fi bifti isaan itti hojjatan, haala fi bifa mu’jizaa Nabiyyii irraa garagara yoo ta’e, faallessuun isaanii kuni sirrii hin ta’u. Fakkeenyaf, Mu’jizaa Nabii Iisaa (aleyh salaam) keessaa tokko nama dhukkubsata harkaan haxaawuun hayyama Rabbiitiin fayyisuudha. Doktorrii dhufee qoricha fayyadamuun nama dhukkubsataa san yoo fayyisee, kuni mu’jizaa hin jedhamu. Sababni isaas, bifni dhukkubsataa itti fayyisee kan Nabii Iisaa irraa garagara. Qorichaan nama fayyisuun aadaadhaan baramaa kan ta’eedha. Garuu harkaan haxaawanii fayyisuun aadaadhaan kan baramee miti. Kanaafu, mu’jizaan ilmi namaa kamiyyuu hojjachuu kan hin dandeenyedha. Inuma Ergamtoonni mataan isaanitu hojjachuu hin danda’an. Rabbiin qofatu harka isaanii irratti mu’jizaa kana mul’isa.

Asirraa ka’uun dogongora Kiristaanota baruun ni danda’ama. Mu’jizaa (raajii) Rabbiin nabii Iisaaf kenne fayyadamuun “Iyyasuus nama fayyisa, Iyyasuus nama fayyisa.” Jechuun ilma namaa dogongorsu. Eeti, nama dhukkubsate fayyisuun mu’jizaa (raajii) Rabbiin isaaf kenneedha. Garuu kuni Gooftaa isa hin taasisu. Sababni isaas, dhukkubsataa kan fayyise dandeetti isaatiin osoo hin ta’in hayyamaa fi dandeetti Rabbiitiin.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota Isaatiif mu’jizaa adda addaa kenneefi jira. Fakkeenyaf, Nabii Muusaaf (aleyh salaam) gara mu’jizaa sagalii kenneefi jira. Isaan keessaa uleen Nabii Muusaa gara bofaatti jijjiramuu, galaanni guddaan Bani Israa’iliif banamuun lafa gogaa irra deeman ta’uu fi kan biroo eeruun ni danda’ama.  Akkuma duratti eerre Nabii Iisaafis mu’jizaan baay’een kennameefi jira.

Mu’jizaan Ergamtoota duraanitiif kenname mu’jizaa yeroo gabaabaf turuu fi namoonni achi jiran qofti arguu kan danda’aniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyi xumuraa erguu yommuu barbaadu, mu’jizaa yeroo hundaa turuu fi namoonni hunduu ragaa bahuu kan danda’an Nabii Muhammadiif (SAW) kenne. Mu’jizaan (raajin) guddaan Nabii Muhammadiif (SAW) kenname maal akka ta’e beektu?  Dhagayaa! Mu’jizaan guddaan kuni Qur’aana.

Mee amma Qur’aanni mu’jizaa (raajii) ta’uu hiika ykn ulaagaalee mu’jizaa jalqaba irratti eerren haa qorannu.

1ffaa- mu’jizaan aadaa ykn bartee namootaa irraa adda ta’u. Qur’aana yommuu ilaallu haalli ijaarsa jechootaa, himoota fi keeyyattoota isaa haala namoonni beekanii fi baran irraa adda kan ta’eedha. Kana hubachuuf mee barreefama Arabiffaa tokkoo fi keeyyatoota Qur’aanaa muraasa wal bira qabuun sagalee olkaasaa dubbisaa. Barreefamni Arabiffaa akka Qur’aanatti sagaleen isaa hin mi’aawu.

2ffaa- Mu’jizaa san wanta fakkaatu namoonni akka fidan affeeru (challenging)- Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Araboota wanta akka Qur’aanaa akka fidan isaan affeeraa ture. Garuu wanta Qur’aana fakkaatu fiduu hin dandeenye. Rabbiin ni jedha:

2:23

“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan, suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:23

Kanaafu, keeyyata tana irraa waa lama ni hubannaa jechuudha: 1ffaa- Qur’aanni Rabbiin irraa bu’uu fi kalaama (dubbii) Isaa ta’uu. 2ffaa- Nabii Muhammad (SAW) ergamaa dhugaa ta’uu. Sababni isaas, Qur’aana kana gara keenyatti Rabbiin irraa kan geesse isa. Karaa isaatiin ala karaa biraa hin beeknu.

3ffaa- ilmaan namaa guutuun mu’jizaa san fakkaatu fiduun faallessu dadhabuu- seenaa keessatti wanta Qur’aana fakkaatu fiduun namni Qur’aana faallesse hanga ammaatu hin argamne. Ilmaan namaa fi jinniin wanta Qur’aana fakkaatu fiduu akka hin dandeenye jala muree dubbata.

17:88

Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Isra 17:88
Kanaafu, Qur’aanni mu’jiza mu’jizaa hunda caaludha jechuudha.

Qur’aana booda mu’jizaan guddaan Ergamaa Rabbiitif (SAW) kenname mu’jizaa Israa wal mi’raaj. Ergamaan Rabbii (SAW) ruuhi fi qaaman halkan tokkoon gara samii ol fuudhamee jira. Kuni akkamitti ta’ee jechuun gaafachuu dandeessu. Akkuma duratti jennee mu’jizaan wanta raajii fi dinqisiisaa ta’e fi aadaa (bartee) namootaa irraa adda kan ta’eedha. Rabbiin waan hundaa irratti danda’aa waan ta’eef, Ergamaa Isaa sa’aati muraasa keessatti samitti ol fuudhu ni danda’a. Qur’aanni waa’ee Israa (Adeemsa halkanii) kana yommuu dubbatu akkana jedha:

Inni gabricha Isaa halkan Masjiidal Haraam irraa Masjiid Al-Aqsaa kan naannoo isaa barakaa goonee ,mallattoowwan keenya akka isatti agarsifnuuf deemsisee qulqullaa’e. Dhugumatti, Inni Dhaga’aa, Argaadha.” Suuratu Al-Israa17:1

Kana jechuun Rabbiin kan gabricha Isaa Muhammadin (SAW) Masjiida Haraam Makkatti argamu irraa gara Masjiida Al-Aqsaa Filisxeemi keessatti argamutti halkan tokkoon fuudhe, hanqinnaa fi dadhabinna hunda irra qulqullaa’e. Halkan tokkoon Makkaan irraa gara Al-Quds (Jerusaalam) geessun wanta Isa dhibuu fi Isarratti ulfaatu miti. Yeroo ammaa namni halkan tokkoon biyya tokko irraa biyya biraatti xiyaaran balali’a hin jiruu? Garuu haalli Ergamaan Rabbii (SAW) Makkaan irraa Al-Qudsitti geefaman haala namoonni xiyaaran itti balali’an irra adda. Kanaafi, adeemsi halkanii Makkaan irraa gara Al-Qudsitti ergasii gara samitti Ergamaan Rabbii (SAW) taasisan mu’jizaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) gara samii ol’aantu bahuu Qur’aanni suuratu an-Najm keessatti ni dubbata.

Mu’jizaan biraa Ergamaa Rabbiitif (SAW) kenname keessaa jiiyni bakka lamatti dhooyudha. Anas akka jedhetti, “Warri Makkaa Ergamaa Rabbii (SAW) mallatoo akka isaanitti agarsiisu gaafatan. Innis dhoohinsa Ji’aa itti agarsiise.”  Sahiih Bukhaari 3637 fi Muslim 2802

Jiyni bakka lamatti baqaquun Qur’aanni haala kanaan dubbata:

54:1

“Qiyaaman kaloofte (dhiyaatte); Jiinnis lamatti dhoohe.” Suuratu Al-Qamar 54:1

Al-Haafiz ibn Kasiir (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) akkana jedha: “Akkuma hadiisa sahiih mutawaatira ta’e keessatti dhufetti [dhooyun ji’a] gadaa Rasuulaa (SAW) keessa ta’ee jira. Dhooyun ji’aa gadaa Rasuulaa (SAW) keessa kan adeemsifame ta’uu isaa hayyoota Islaamaa jiddutti kan irratti wali galameedha.. Mu’ijizaa beekkamaa keessaa isa tokko ture.” (Tafsiir ibn Kasiir 7/472)

Mee gabaabbinaan Mu’jizaa Ergamaa Rabbii(SAW) biroo muraasa isaanii haa eerru:
➹Nyaanni hangaan xiqqaa ta’e baay’achuu.
➹Bishaan baay’achuu fi qubbiin isaa jidduu burquu
➹Nama dhukkubsate wayyeessu, harka isaa irratti sahaabonni isaa gariin osoo dawaa hin fayyadamiin fayyuu. Yeroo tokko Museylimatal Kazzaab (Museylimaa Kijibaa) akkana jechuun gaafatamee, “Muhammad nama ijji isaa dhukkubsatte itti tufuun fayyisa. Mee atille akka isaa hojjachuun nutti agarsiisi.” Museylimanis ija dhukkubsatetti tufe. Ergasi ijji ni jaamte.

Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) du’aniin Museylimaan “Ani Nabiyyiidha” jechuun ummata gowwoomsaa ture. Kanaafi, Museeylimal kazzaab jedhame. Kanaafu, Nabiyyiin dhugaati fi namni kijibaan salphatti addaan bahu.

➹Mu’jizaa Nabiyyii keessaa kan biraa wanta gara fuunduraatti dhufuu beeksisu. Isaan keessaa wanta ajaa’iba hundi keenya ragaa baanu haa eerru. Hadiisa Abu Hureyran gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

Namoota gosa lamaa warra ibiddaa irraa ta’an kanneen ani hin agarretu [dhufa]. [1ffaa]: namoota alangee akka eegee horii fakkaatu qabanii fi alangee kanaan namoota ittiin reebaniidha. [2ffaa]: dubartoota uffatanii garuu qullaa mul’atan. Ofiillee dabanii namootas baditti kan dabsaniidha. Mataan isaanii akka dalluu gaala bukhti gara tokkotti dabuuti. Isaan Jannata hin seenan, fooli ishiis hin argatan. Fooliin ishii fageenya hanganaa hanganaa irratti osoo argameyyu.” Sahih Muslim 2128

“Dubartoota uffatanii garuu qullaa mul’atan” himni jedhu nama ajaa’ibsisa. Akkuma Nabiyyiin jedhan dubartoota akkanaa gadaa kana ragaa bahaa jirra. Uffata xiqqoo ofitti maxxansanii qaamni isaanii irra caalaan qullaadha. Kuni sidq (dhugummaa) Ergamaa Rabbii (SAW) wanta agarsiisuu keessaa tokko. 

Guduunfaa

➽Mu’jizaa jechuun wanta namoonni baran irraa adda kan ta’e, namoonni hojjachuu kan hin dandeenye fi dhugummaa Ergamaa agarsiisuuf kan Rabbiin harka Ergamaa Isaa irratti mul’isuudha.
 ➽Mu’jizaan Ergamtoota Rabbii qofaaf kennama.
➽Wanti awliyaa Rabbitiif kennamu immoo karaamaa jedhama.
➽Mu’jizaan ragaa ifaa Ergamaan suni dhugaadhaan Rabbiin isa ergu kan agarsiisudha. Sababni isaas, mu’jiza isaaf kenname Rabbiin malee eenyullee hojjachuu hin danda’u.
 ➽Ergamtoota hundaafu mu’jizaan garagaraa kennameefi jira. Mu’jizaan Ergamtoota duraanii kan yeroo gabaabaf turuu fi namoonni achi jiran qofti kan arganiidha. 
➽Rabbiin Nabiyyi xumuraa erguu yommuu barbaadu, mu’jizaa yeroo hundaa turuu fi namoonni hunduu ragaa bahu danda’an Nabiyyi xumuraa kanaaf kenne.
 ➽ Mu’jizaan guddaa fi yeroo hundaa turu kunis Qur’aana Nabii Muhammadiif (SAW) kennameedha. 

Kitaabban wabii: 
[1] al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 300-301
[2] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 272 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asari

Ergamaan Ilma namaa irraa ta'uu
Ragaalee Dhugummaa Ergamaa-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.