Firii Ergamtootatti Amanuu

Offline dubbisuf

Yaadachisaaf, Ergamtootatti amanuu jechuun haqaan Rabbiin isaan akka erge amanuu, odeefanno isaan irraa mirkanaa’e dhugoomsu fi isaan hordofuudha. Ilmi namaa jireenya tana keessatti gaafi akkana jedhu osoo of hin gaafatin hin hafu. Innis, “Eenyun yoo hordofe gammachuu fi milkaa’innatti bahaa?” Gaafi kana deebisuuf namoonni halkanii guyyaa nama hordofuu qaban barbaadu. Carraaqqi guyyoota baay’ee booda nama tokko hordofuuf ni murteessu. Ergasii daandii inni irra deemerra isaaniis deemuf tattaafatu. Tarii namni isaan hordofan kuni kufaatitti kan isaan geessu ta’uu danda’a. Fakkeenyaf, warroota filmii ilaalan yoo fudhanne, aktarii tokko hordofuuf ni murteessu. Ergasi akka inni ta’e/ ishiin taate ta’uuf ni carraaqu. Namoota meeqatu akka aktariin filmii keessaa ta’u ta’uuf carraaqanii ergasii lubbuu ofi ykn lubbuu namoota biroo galaafatan.

Wanti asirraa hubannu, namni tokko jireenya keessatti nama milkaa’innaa fi gammachutti isa geessu hordofuu qabaa malee nama dararaa fi dhiphinnatti isa geessu hordofu hin qabu. “Nama akkanaa eessaa argadhaa? Ykn akkamitti beekaa?” Jechuun namni tokko gaafachu danda’a. Deebiin isaa; amala nama hordofuu qabanii qorachuu, hojii fi xumura isaa ilaaludha. Namni nuti hordofuuf filanne hojiin isaa badaa fi xumurri isaa adabbii yoo ta’e, nullee akkuma isaa dararamuu fi dhiphachuu ni barbaannaa? Warroonni aktaroota fi weellistota akkeessu fi hordofuuf dharra’an, osoo jireenya aktaroonni fi weellistoonni keessa jiraatan beekanii maal qabaa? Faallaa kanaa, namni nuti hordofuuf filanne, hojii gaggaarii kan hojjatu, amalli isaa fiixe kan tuqee fi xumurri isaa milkaa’innaa fi gammachuutti kan nama geessu yoo ta’e, isa hordofuu irraa maaltu duubatti nu harkiisaa?

Kanaafu, namni tokko jireenya keessatti milkaa’innaa fi gammachuu yoo barbaade, wantoota sadan armaan gaditiin nama hordofu san madaalu danda’a: Amala, Bu’aa Hojii fi Xumura isaa

Amalli isaa gaarii, hojiin isaa bu’aa guddaa kan buusu fi xumurri (khaatimaan) nama kanaa gaarii yoo ta’e, dhugumatti nama kana hordofuun akka isaatti akka milkaa’an nama taasisa. Kanaafi, Ergamtootatti amanuu fi isaan hordofuun bu’aa hangana hin jedhamne qaba. Mee safartuu armaan olii sadaniin firii ergamtootatti amanuu fi hordofuu irraa argamuu haa qorannu.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti ergamtoota Isaa amala gaariin ni faarsa, hojii isaanii ni dubbata, xumura isaaniis ni kaasa. Isaan keessaa mee muraasa haa ilaallu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, Nabii Ibraahimiin (aleyh salaam) akkana jechuun faarsa:

Dhugumatti, Ibraahiim hogganaa,Rabbiif ajajamaa, qajeelaa ture. Warroota Rabbitti qindeessan irraas hin turre.Qananiiwwan Isaatiif (Rabbiitiif) galatoomfataa ture. [Rabbiin] isa filatee gara karaa sirrii isa qajeelche. Addunyaa keessattis toltuu isaaf kenninee jirra. Dhugumatti, inni Aakhiraa keessatti warra gaggaarii irraayyi.” SuuratuAn-Nahl 16:120-122

Nabii Ibraahim (AS) imaama ykn hogganaa amala gaarii hunda of keessaa qabuudha; ofillee qajeele, namootas kan qajeelchudha. Rabbiif yeroo hundaa kan ajajamuu fi hojii isaa keessatti iklaasa kan qabuudha. Ammas, wantoota biraa jaallachu fi gabbaruu irraa garagaluun Rabbiin jaallachuu, gara Isaatti deebi’uu fi Isa gabbarutti kan qajeeledha. Ibraahim hojii, dubbii fi haalota isaa hundaa keessatti warroota Rabbitti waa qindeessan irraa hin turre. Kana jechuun hojii yommuu hojjatu, dubbii yommuu dubbatu Rabbiif qofa jedhee hojjata ykn dubbata.

Amalli Nabii Ibraahim kan biraa qananii Rabbiin isa qananiseef galatoomfataa ture. Rabbiin keessaa ala isa qananiise. Innis wanta Rabbiin isaa itti ajaje hojjachuu, wanta Inni irraa dhoowwe dhiisu fi Isa faarsun Rabbiin galateefate. Bu’aan kanaa maal ta’e ree?

Bu’aan kanaa Rabbiin isa filate. Namoota hundaa caalaa isa jaallachuun, umamtoota hunda caalaa filatamoo gochuun isa filate.  Ammas, karaa qajeelatti isa qajeelche. Kanatti hin dhaabbanne, addunyaa tana keessatti rizqii (soorata) bal’oo, niiti gaarii, sanyii gaarii fi amala jaallatamaa kenneef. Aakharattis warroota sadarkaa guddaa qaban, Rabbitti dhiyoo ta’an keessaa taasise

Mee Nabii Ibraahimiin safartuu sadaniin haa madaallu. Amalli nabii Ibraahim: Rabbiif ajajamaa, qajeelaa, hogganaa wantoota gaaritti nama qajeelchu, Rabbitti homaa kan hin qindeessine, galatoomfataa, aaya (keeyyata) biraa keessatti “dhugumatti Ibraahim garaa laafaa fi obsaadha” jedha. Amaloota gaggaarii baay’een kan guuttameedha. Bu’aan hojii Nabii Ibraahim: Rabbiin isa filachuu, isa jaallachuu, karaa sirriitti isa qajeelchu, addunyaa keessatti toltuu isaaf kennu. Xumurri Nabii Ibraahim: Aakhiratti warroota gaggaarii fi Jannata seenan keessaa ta’uu.

Kanaafu, hogganaa amalli isaa bareede, hojiin isaa bu’aa guddaa kan buusu, xumurri isaa gaarii kan ta’e eenyutu hordofuu didaa? Kanaafi, Suuratu Al-Baqarah keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

Sila nama lubbuu ofii gowwoomse malee namni amanti Ibraahim irraa garagaluu ni jiraa? Addunyaa keessattis isa filannee jirra; dhugumatti, inni Aakhiraa keessattis warra gaggaarii irraayyi. Yeroo Gooftaan isaa, “[Rabbiif] harka kenni.” isaan jennaan, innis “Gooftaa aalamatiif harka kennee jira.” jedhe [yaadadhu].” Suuratu Al-Baqarah 2:130-131

Amantiin Ibraahim karaa qajeelaa Rabbiitti nama geessudha. Innis Islaama. Islaama jechuun Rabbiif harka kennu fi ibaadan gadi of qabuudha. Ibraahim Musliima ture. Musliima jechuun nama Rabbiif harka kennee fi itti buleedha. Ragaan kanaa keeyyata armaan oliiti fi keeyyata tana:

Ibraahim yahuudas kiristaanas hin turre. Garuu inni Musliima qajeelaa ture. Inni Mushrikoota irraas hin turre.” Suratu Aali-Imraan 3:67
Mushrikoota jechuun warroota Rabbiin waliin wanta biraa gabbaran (waaqefataniidha).

Kanaafu, namni Nabii Ibraahimin hordofu amaloota gaggaarin addunyaa tana keessatti faayama, jaallatamaa fi sadarkaa guddaa kan qabu ta’a. Rabbiin tolaa fi qananii adda addaan isa qananiisa. Aakharitti immoo warroota gaggaarii keessaa ta’a. Amaloota, hojii fi xumura nabiyyota biroo kaasuuf bakki waan nutti gabaabbatuuf Nabiyyi xumuraa qofa haa ilaallu.

Nabii Muhammad (Sallallahu aleyh wa sallam)

Amala Isaa
Rabbiin Qur’aana keessatti amala Nabii Muhammad (SAW) bakka adda addaatti ni kaasa. Isaan keessaa:

Dhugumatti, Ergamaan isin irraa ta’e, rakkinni keessan isa irratti kan jabaatu, kan isiniif bololu, mu’mintootaaf mararfataa, rahmata godhaa ta’e isinitti dhufee jira.” Suuratu At-Tawbaa 9:128

rakkinni keessan isa irratti kan jabaatu” Yommuu rakkattan kan dhiphatu fi cinqamu. “Kan isiniif bololu” jechuun keeyri (wanta gaarii) isiniif kan jaallatu, isin akka gahuuf kan carraaqu, iimaanatti akka qajeeltaniif garmalee kan fedhu, sharrii kan isiniif jibbuudha. Akka irraa fagaattanis ni carraaqa. Mu’mintootaaf (warroota amananiif) mararfataa(garaa laafaa) fi rahmata godhaa kan ta’eedha. Kuni hundi amala gaggaarii Nabiyyiiti. Nabiyyii caalaa eenyutu amala kana namatti agarsiisaa?

68:4

Dhugumatti, Ati amala guddaa irra jirta.” Suuratu al-Qalam 68:4

Amalli gaggaariin nabiyyi osoo lakkawaame kan hin dhumneedha. Namni Nabiyyi akka fakkeenyatti fudhatee hordofuu, dhugumatti, amalli isaa kan tolee fi ummata biratti jaallatamaa ta’a.

Bu’aa hojii isaa
Wanti Nabiyyiin itti ajaju hundi ilma namaatiif bu’aa kan buusudha. Bu’aa kana dhaloonni jalqabaa dhandhamanii jiru. Nabii Muhammad (SAW) dhufuun dura Araboonni dukkana badaa keessa turan. Intala ofii jirtu awwaalu, Gooftaa isaan uumee dhiisanii dhagaa gabbaruu,… Dukkana kana hunda keessaa kan bahan sababa Nabiyyitiini. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

14:1

“Alif,Laam, Raa. [Kuni] Kitaaba akka ati ilma namaa dukkana keessaa gara ifaatti hayyama Gooftaa isaanitiin gara karaa [Rabbii] injifataa, faarfamaa ta’e baaftuuf gara keetti buufnedha.” (Suura Ibraahim14:1)

Kana jechuun Yaa Muhammad (SAW) Qur’aana kana ilmaan namaa dukkana kufrii fi wallaalummaa keessaa gara ifa iimaanaa fi beekumsaa hayyama Gooftaa isaanitiin akka baastuf gara keetti buufne. Ifni kuni karaa Rabbii Inifataa, Faarfamaa ta’eedha. Namni karaa Rabbii hordofe, jireenya keessatti ifa argata, hin dhama’u.  

Xumura Isaa
Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Muhammadin (SAW) sadarkaa isaa olkaase. Guyyaa Qiyaamaa yommuu namoonni walitti qabamanii cinqii guddaa keessa ta’an, nama isaanii shafa’aa ta’u barbaadu. Shafa’a jechuun akka irra namaaf darbamu ykn adabbiin namarraa hir’atu ykn waan gaarii akka argatan Abbaa Murtii kadhachuudha. Namoonni Nabiyyoota akka Nabii Aadam, Nuuh, Ibraahim, Muusa fi Iisaa bira yommuu dhaqan, lakki nuti shafa’aa ta’uu hin dandeenyu jechuun ofirraa deebisu. Ergasii, Nabii Muhammad (SAW) bira dhaqu. San booda innis isaaniif shafa’aa ta’a. Qur’aanni sadarkaa kanatti akeekun akkana jedha:

17:79

Halkan irraas akka siif dabalataatti isaan (Qur’aanan) salaati, Gooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabun mirkanaa’adha.” Suuratu Al-Israa 17:79

Kana jechuun salaanni halkanii sadarkaa fi kabajni kee akka olka’uuf dabalata waan siif taatuuf halkan Qur’aana qara’uun salaati.  Gooftaan kee iddoo Faarfamaa ta’e si dhaabati. Iddoon Faarfamaan kuni shafa’aa Nabii Muhammad (SAW) ilma namaatiif ta’aniidha. Kanaafi, “Iddoo Faarfamaa” jedhe. Kan namoonni isa itti faarsaniidha. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa ooydi maashar irratti yommuu namoonni cinqiin gubatan, Rabbiin sababa shafa’aa Nabiyyiitiin cinqii kanarraa isaan baasa. Ammas, Guyyaa Qiyaamaa jalqaba Jannata kan seenuu fi namoonni Jannata akka seenan shafa’a kan ta’uu Nabiyyanaa Muhammad(SAW) dha.

Kanaafu, Nabiyyi amalli isaa tolee, hojii faarfamaa fi gaaritti nama ajajuu, hojii fokkuu irraa nama dhoowwu fi xumurri isaa sadarkaan ilmaan namaa hunda kan caale hordofuun, dhugumatti milkaa’innatti nama baasa. Kanaafi, Qur’aana keessatti Rabbiin akkana jedha:

3:31

Jedhi, “[Dhuguma] Rabbiin kan jaallattan yoo taatan, ana hordofaa. Rabbiin isin jaallataa, badii keessanis isiniif araaramaati. Rabbiinis Araaramaa, Rahmata godhaadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:31

Kanaafu, jaalalli Rabbii fi araarama Isarraa argachuun Nabiyyii hordofuu irratti kan hundaa’edha. Namni nabiyyi hordofuu dide, inni Rabbiin hin jaallatu, Rabbis isa hin jaallatu jechuudha. “Dhimmichi, ati Rabbiin jaallachuu miti, Rabbiin si jaallachuudha.” Nuti dadhaboo fi hiyeeyyi waan taanef dadhabinnii fi hiyyummaan keenya Rabbiin jaallachutti nu dhiiba. Rabbiin immoo dureessa fi Mootii waa namarraa hin barbaannedha. Kanaafu, Dureessi fi Mootiin addunyaa hundaa si jaallachuun maal sitti fakkaata? Mootiin aalamaa yoo si jaallate sadarka kee olkaasa, badii kee siif haguuga. Yaa Allah!

Kanaafu, firiin Ergamtootatti amanuu fi isaan hordofuu keessaa tokko Maalikul Muluuk (Mootiin moottotaa) nama jaallachuu fi namaaf araaramuudha.

Ammas, xumurri (kaatimaan) namaa akka tolu fi bareedu ta’a. Qur’aana keessatti “Namni Rabbii fi Ergamaadhaaf ajajame isaan suni nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidota fi warreen gaggaarii irraa warra Rabbiin qananiise waliin ta’u. Warra kanaan hiriyoomun waa tole!” suuratu An-Nisaa 4:69

Guduunfaa
✈Namni tokko jireenya keessatti nama tokko hordofee gammachuu fi milkaa’innatti bahuu yoo barbaade, amala, bu’aa hojii isaa fi xumura isaa haa qoratu.
✈Kunnin sadan jaallatamaa fi faarfamoo yoo ta’an dhugumatti nama kana hordofuun milkaa’innatti nama baasa.
✈Namoonni aktaroota, wellistoota, taphattota fi kkf hordofuu fi akka fakkeenyatti fudhachuuf carraaqan, “warroonni kunniin wantoota sadan armaan olii of keessaa qabuu?” jechuun of haa gaafatan.
✈Amalli aktarii akkamii? Yeroo baay’ee faahishaa (wanta fokkuu) hojjachuun kan beekkamaniidha. Kanaafu, isaan hordofuun jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna ni fidaa?
✈Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmaan namaa dukkana keessaa ifatti akka bahaniif ergamtoota amala isaanii faayun, hojii isaanii bareechisuu fi xumura isaanii tolchuun gara namootatti erge.
✈Kanaafu, namni nabiyyootatti amanee fi hordofe hin salphatu, jireenya kabajaa fi gammachuu jiraata. Xumurri isaas ni tola.

24:52

Namni Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajame, Rabbiin sodaate fi Isa eeggate, isaan sun warra milkaa’aniidha.” Suuratu An-Nuur 24:52
Wa aakhiru daaw’aanaa anilhamdulillah Rabbiil Aalamiin

Tafsiira wabii
Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii

Hundee Iimaanaa-5ffaa
Ergamaan Ilma namaa irraa ta'uu
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.