Ibsaa Jireenyaa-Lakk.7

Offline dubbisuf

DHIIRSA DHABUU
Rakkoolee gurguddaa dubartoota muudatu keessaa tokko “Dhiirsa dhabuudha.” Dubartiin yommuu dhiirsa dhabdu hamileen ishii garmalee caba. Gaddaa fi dhiphinna guddatti kufuu dandeessi. Kanaafu, rakkoo kana furuuf furmaanni maalidhaa? Furmaata haala kanaan tarreessun ni danda’ama.


1. Gaa’ilaan dura hariiroo haraamaa uumuu irraa fagaachu- fuudhaa heeruma dura hariiroo haraamaa uumun sababa jalqaba dhiirsa akka dhaban nama taasisudha.
2. Qulqullummaa (iffaa) ofii eegu– dhugumatti dubartiin durbummaa ofii eegdu, garmalee barbaadamti, dhiirsa hin dhabdu. Yoo durbummaa ishii dogongoraa fi wallaalummaan dhabde, tawbaa dhugaa tawbachuun, istighfaara fi hojii gaggaarii baay’isuun hojii fokkuu irraa of qulqulleessu dandeessi. Jaalala Rabbii barbaadun yoo akkana goote, kabajaa fi sadarkaa horatti.
3. Bakka shakkisiisaa irraa fagaachu- Fakkeenyaf, dhiira alagaa waliin walitti makamuu irraa dheessu, suuraa ofii fesbuuki fi sab-qunnamtii (social media) biroo irratti maxxansu dhiisu. Dubartiin bakka shakkisisaatti tan argamtu yoo taate, ija dhiiraa keessatti kabaja dhabdi. Kuni gara dhiirsa dhabuutti ishii geessa.
4. Saalfannaa (hayaa) qabaachu– akkuma hijaabni qaama haguugu, saalfannanis qalbii waan badaa irraa haguuga. Dubartiin yommuu saalfannaa qabaattu qalbii dhiiraa keessatti jaalalaa fi kabaja horatti.
5. Hijaaba sirnaan uffachuu fi salaata sirnaan salaatu– dubartiin Islaama qabattu garmalee barbaadamti. Garuu hijaaba tan ofirraa baastu yoo taate dhumti ishii nama sodaachisa. Dubartoota dhiirsa hin argannef dhiirsa gaarii iimaana qabu Rabbiin isaaniif haa hiru.

Jireenya keessatti rakkooleen yommuu nama muudatan, iimaanni namaa ni hurgufama. Tarii nama jaallattu du’aan dhabuun qalbiin tee cabuu dandeessi. Namni si kaadun (ganuun) keessi kee gubachuu danda’a. Akka yeroo durii salaata salaatuf si’aa’inna (nashaaxaa) dhabuu dandeessa. Namoota irraa fagaatte qophaa ta’uu barbaadda. Dukkana rakkoo kana keessa taate furmaanni kee maali? Salaata dhiisun furmaata ta’uu danda’a? Dallanuu fi murtii Rabbitti gammaduu dhiisun gadda kee hir’isuu danda’aa? Kuni hundi gonkumaa hin hir’isu. Furmaanni kanaa tuqaalee lamaan armaan gadi hubachuun hojii irra oolchudha. 1. Qormaanni nama qulqulleessuf ykn sadarkaa namaa dabaluuf akka ta’e hubachuu– tarii namni badii adda addaatti lixuun Rabbiin faallessu danda’a. Namtichi kuni badii keessaa bahuun gara Rabbii akka deebi’u fi of qulqulleessu, Rabbiin (subhaanahu) qormaata itti erga. Namtichi hikmaa (ogummaa) qormaata keessa jiru hubachuun yoo gara Rabbii deebi’e, namoota gaggaarii irraa ta’a.Ammas hojii gaarii osoo hojjatu qormaanni kan itti baay’atu yoo ta’e, sadarkaa isaa dabaluf akka ta’e haa beeku. Kana hubachuuf seenaa Nabiyyoota ilaalu danda’a. Nabiyyoonni namoota hunda caalaa namoota qormaanni ykn rakkoon itti baay’atudha. Kanaafi, sadarkaan isaanii ol’aanaa ta’e. 2. Hojii gaggaarii hojjachuu itti fufuu- yeroo qormaata ykn rakkoo wantoota gadda namaa hir’isan keessaa tokko hojii gaggaarii hojjachuudha. Hojii gaggaariin hunda caalu salaata. Yeroo rakkoo yommuu salaata salaatu itti fuftu fi istighfaara fi du’aayi baay’istu, gaddii fi hammeenyi rakkoo keeti ni hir’ata. Garuu salaatu yoo dhiiste, gaddi rakkoo ni dabalamaa malee hin hir’atu.

ICCITII BALAA (MUSIIBAA)
Balaa namatti bu’u bifa sadiin ilaalun ni danda’ama. 1ffaa- Adabbiif, 2ffaa- qormaataf, 3ffaa- barsiisuf
Tarii jireenya keenya keessatti balaan (musiiban) adda addaa nu qunnamu danda’u. Musiiban nu qunnaman gosoota armaan olii sadan keessaa hin bahan. 1-Adabbiif yommuu jennu namni badii osoo hojjatu daangaa Gooftaa isaa darbuun of miidha. Yeroo kana Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) akka gara Isaatti deebi’uuf namticha kanatti balaa (musiibaa) erga.
2ffaa- qormaata yommuu jennu immoo namtichi hojii gaggaarii oso hojjatu fi hojii badaa irraa dheessu, balaan yoo isatti bu’e kuni isaaf qormaata. Isa jabeessuf, sadarkaa isaa olkaasu fi isa qulqulleessufi. Akka fakkeenyatti, Nabiyyoota fudhachuun ni danda’ama.
3ffaa- barsiisuuf- namni osoo hojii gaarii hojjatu dogongoruu danda’a ykn of tuulu danda’a. Balaan yommuu itti bu’u, of beeke of sirreessa. Kuni isaaf barnoota. Kanaafu, musiiban (balaan) yommu sitti bu’u, Ar-Rahmaanin hin komatin. Ar-Rahmaan musiibaa kan sitti erguuf siif rahmata gochuufi malee si miidhufi miti.

ICCITII QANANII
Qananii akka qabeenyaa, beekumsaa, fayyaa, aangoo fi kkf namni tokko argatus bifa sadiin ilaalun ni danda’ama. Isaaniis: 1) Mindaa 2) Qormaata 3) Istidraaj (suuta suuta qabuuf) Qananiin namni tokko argatu kanniin sadiin keessaa hin bahu.
1) Namtichi mu’mina (nama dhugaan amane) ta’ee fi qananii dabalataa yoo argate, kuni mindaa wanta hojii gaarii hojjatee isaaf ta’uu danda’a. Fakkeenyaf, namni dhugaan Rabbitti amanee yommuu sadaqaa kennu qabeenyi isaaf ni dabalama. Kuni isaaf mindaadha. Aakhiratti immoo mindaa kana caalu argata.
2. Qormaataf yommuu jennu “namni kuni Na galateefata moo hin galateefatu?” jedhe qoruuf Rabbiin qananii kennaaf. Namtichi mu’mina ta’ee qabeenyi, beekumsi fi sadarkaan kan isaaf dabalamu yoo ta’e, kuni qormaata akka ta’e dagachuu hin qabu. Kanaafu, Rabbiin galateefachu qaba. Fakkeenyaaf Nabii Suleymaaniif Rabbiin beekumsa,qabeenya, aangoo fi mootummaa guddaa kenneef. Garuu Suleymaan maal akka jedhe beektu? Akkana jedhe, “Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhuu moo hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf kenne].Namni Isa (Rabbiin) galateefate, kan inni galateefatu lubbuma ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha]. Dhugumatti Gooftaan kiyya Dureessa Arjaadha.” (Suuratu Al-Naml 27:40) Kanaafu, namni tokko qananii kamiyyuu yoo argatu, Rabbiin galateefachu qabaa malee kafaruun of miidhu hin qabu.Galateefachu yommuu jennu qananiin kuni humna keenyan osoo hin ta’in Rabbiin irraa akka dhufe beeku, Rabbiin jaallachu, oftuulu dhiisu, qananii kanaan waan gaarii hojjachuu fi waan badaa ittiin hojjachuu dhiisudha.
3) Istidraaj (suutansuutan qabuu)- namni tokko osoo badii hojjatuu qananiin isaaf yoo dabalamee,kuni istidraaj jedhama. Kana jechuun nama badaa kana Rabbiin dhumarratti adabbi hamaan isa qabuuf qananii dabalaaf. Fakkeenyaf kaafirota yeroo darbanii fi kan ammaa haa ilaallu. Rabbiin kaafirotaf qananiin kan dabaluuf isaan jaallate osoo hin ta’in, suutan suutan adabbii hamaan isaan qabuufi. Rabbiin namoota Isatti kafaranii fi dachii keessa badii babal’isan akkamitti jaallataa? Kanaafu, namni tokko qananii kaafirootaa ilaalun of gowwoomsu hin qabu. Yoo hin tawbatin dhumti nama kafaree ibidda waan ta’eef.

Ibsaa Jireenyaa-lakk.8
Ibsaa Jireenyaa-Lakk.6
Offline dubbisuf

2 comments

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.